428
Subscribers
No data24 hours
+57 days
+830 days
Posts Archive
Haasaa Ogummaa
Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.
Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.
Barsiisichis seeqaa akkasĀ jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.
Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.
Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.
Ā Ā Ā Ā Ā ā¤ā¤ā¤ā”ā”ā”āāā
šSeera Qabeessummaa Mana Lafa Baadiyaa Irratti Ijaarame Gurguruu irratti murtii Dhaddacha ijibbataa Feederalaa VS labsii bulchinsaa fi itti fayyadamaa lafa baadiyaa N oromiyaa lakk 248/2015?
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaa Lakk.Galmee 184647 ta'e irratti "namni kamiiyyuu Mana ykn qabeenya dhaabbataa qabiyyee lafa baadiyaa irratti dafqa isaatiin qabeenya horachuu akka danda'u,qabeenya dhaabbataa(Mana) Lafa baadiyaa irratti ijaarame akkuma Mana Magaalaa gurgurtaadhaan qaama sadaffaatti dabarsuu akka danda'u,waliigaltee bittaa fi gurgurtaaĀ irratti ibsame waa'een dhimma waliigaltee Lafa baadiyaas ta'e Lafa Magaalaa,lafa duwwaa gurgurtaan dabarsuuf yoo ta'e malee,namni kamiyyuu qabiyyee isaa irratti humna yookiin qarshii isaatiin Mana ijaare ykn qabeenya hin sochoone dhuunfaan horatee qabu gurgurtaan dabarsuuf mirga heeraan eegumsa argate waan ta'eef,Mana laficha irratti ijaarame gurguruuf waliigalteen taasifamu seeraan ala jechuun hin danda'amu " jechuun Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 40(1)(2)(7) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
Haa tahuu garuu bittaa fi gurgurtaa qabeenyaa dhaabbataa hayyamuu karaa alkallattiin bitta fi gurgurtaa lafa baadiyaa hayyamuu waan ta'eef, labsii lafa baadiyaa haarayaa baheen mana fi qabeenya dhaabbataa laficharratti argamuu waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwatamuu seera ifatti dhorkee jira.
Akkaataa Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kanaatiin,Mana lafa baadiyaa irratti ijaarame(qabeenya dhaabbataa achi irratti horatame) gurguruu jechuun mirga qabiyyee lafichaas dabarsuu ni dabalata jechuudha. Murtii kana akkamitti ilaaltu?
šØ Understanding Ethiopia's Civil Code Article 2479: Key Legal Insights! šØ
Ever wondered how Ethiopiaās courts interpret interest rates in loan agreements? š Article 2479 of the Civil Code sets a 12% annual cap on interest and enforces 9% when agreements go overboard. Here are 10 landmark Supreme Court rulings that unpack this critical law:
1ļøā£ Cassation Case No. 81857 (2005 E.C.): Article 2479 applies to loans, not sales contracts. A 14% interest rate in a sesame seed sale was upheld as fair under Article 1803(2). š 2ļøā£ Case No. 219090 (2015 E.C.): Interest can accrue post-property vacation in lease disputes, with Article 2479 setting a 9% rate for unpaid debts. š 3ļøā£ Case No. 37109 (2000 E.C.): Doubling loan repayment? Illegal! Only the principal plus 9% interest is enforceable. š° 4ļøā£ Case No. 178414 (2012 E.C.): High interest (10% monthly) isnāt usury without proof of exploitation. Checks are payment instruments, not loan proof. š¦ 5ļøā£ Case No. 190292 (2012 E.C.): Payments before checks donāt count toward them, and usury needs exploitation evidence, not just high rates. š 6ļøā£ Case No. 43372 (2001 E.C.): Doubling principal as penalty violates Article 2479āborrowers pay only 9% interest. āļø 7ļøā£ Case No. 102711 (2007 E.C.): 5% monthly interest? Nope! Plus, unregistered mortgage agreements are void under Article 3052. šļø 8ļøā£ Case No. 225924 (2015 E.C.): Courts must verify bank guarantee debts and interest ratesāremanded for clarity on 16.75% interest. šµļøāāļø 9ļøā£ Case No. 163510 (2012 E.C.): Usury claims need a fair hearing. Courts canāt dismiss them without proper review. š š Case No. 164683 (2011 E.C.): Article 2479 doesnāt apply to labor disputesāLabor Proclamation governs instead. š·āāļø
Abrham Yohanes Law Corner
t.me/lawye98
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Murtiilee Gaa'ilaan walqabatee kenname
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
š#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
š#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
š#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 208632 taāerratti gaafa 30/09/2014 dhimms murtiin xumura argatee wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee dubbisa!
Manni murtii, firiin dubbii himannaa barreeffamaa keessatti ibsame kan hin himachiisne ta'uu, akkasumas dhimmi himannicha keessatti ibsame aangoo mana murtichaatiin ala ta'uu isaa hubachuudhaan,himannaan dhiyaate fudhatama hin qabu jedhee murteessuun isaa himataan himannaa isaa fooyyeeffatee ykn himannaa isaa keessa hanqina jiru sirreeffachuun guutuu taasisee dhimmichumaa san irratti irra deebiidhaan himannaa dhiyeessuu kan hin dhorkinee tahuu fi Irra deebiin himannichi dhiyaachuu kan hin danda'amne falmii duraa irratti ijoo qabamee fi ijoon dubbii walfakkaataa ta'uu fi garee walfalmitootaan wajjin tokkummaa qabaachuu isaa qofaa osoo hin taane ijoo dubbii irratti murtii dhumaa kennamuus qulqullaa'uu kan qabu ta'uu isaa xiinxaluun SDFHH keewwata 5 wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 208632 taāerratti gaafa 30/09/2014 dhimma murtiin xumura argatee wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee dubbisa!
Manni murtii, firiin dubbii himannaa barreeffamaa keessatti ibsame kan hin himachiisne ta'uu, akkasumas dhimmi himannicha keessatti ibsame aangoo mana murtichaatiin ala ta'uu isaa hubachuudhaan,himannaan dhiyaate fudhatama hin qabu jedhee murteessuun isaa himataan himannaa isaa fooyyeeffatee ykn himannaa isaa keessa hanqina jiru sirreeffachuun guutuu taasisee dhimmichumaa san irratti irra deebiidhaan himannaa dhiyeessuu kan hin dhorkinee tahuu fi Irra deebiin himannichi dhiyaachuu kan hin danda'amne falmii duraa irratti ijoo qabamee fi ijoon dubbii walfakkaataa ta'uu fi garee walfalmitootaan wajjin tokkummaa qabaachuu isaa qofaa osoo hin taane ijoo dubbii irratti murtii dhumaa kennamuus qulqullaa'uu kan qabu ta'uu isaa xiinxaluun SDFHH keewwata 5 wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Beekumsaaf
#JECHA AMANTAAFI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI MURTIILEE DhIjMMWF KENNE.
1) #DhIjMMWF Jildii 14ffaa LGMM 77842 taāe irratti:
āāHimatamaan himannaa ittiin himatame sana beekee/hubatee akkaataa himannaa keessatti ibsameen firiiwwan dubbii tokko tokkoo isaanii amanee jecha kan kennu yoo taāe jecha isaa akka ragaatti fudhachuun buāuuruma amantaa isaatiin murtiin balleessummaa kennamuu akka qabu;Manni Murtii himatamaan himannaa isarratti dhiyaate guutumaan guutuutti amanuu isaa tokko tokkoon gaafatee qulqulleeffatee galmeessee murtii balleessummaa kennuu akka qabuāā
Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 23 fi sdfy keewwata 134 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
2) #DhIjMMWF Jildii 16ffaa LGMM 96954 taāe irratti:
āāHimatamaan tokko himannaa ittiin himatame tarree yakkichaa firii dubbii tokko tokkoon amanee jecha amantaa yoo kenne, himatamaan balleessaa taāuu amaneera jechuun Manni Murtii erga galmeesseen booda himatamaa irratti murtii balleessummaa kennuu akka qabu; Manni Murtichaa jecha amantaa himatamaan kenne keessaa himatamaa kan fayyadu keessaa dhiisuun jecha himatamaan hin ibsinee fi hin galmeessisne akka ibsetti fudhachuun adabbii cimsuun kaayyoo fi galma sdfy keewwata 134(1) fi Qajeelfama Murteessa Adabbii Federaalaa Lakk. 2/2006 mitiāā jechuun hiikoo kenneera.
3) #DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM11742 taāe irratti:
āāBuāuura jecha amantaa himatamaatiin murtiin kennamuu kan dandaāu jecha amantaa himatamaan galmeessise akkaataa tarree himannaa keessatti caqafameen yakkicha raawwachuu isaa guutummaan guutuutti mirkaneessuu yoo dandaāee fi himatamaan yakkicha raawwachuu amanuu isaa mirkaneessuuf jecha himatamaan kenne ilaalamuu kan qabu tarree yakkichaa fi ulaagaa keewwata himatamaan ittiin himatame waliin taāuu akka qabuufi jechi amantaa himatamaan galmeessise keewwata ittiin himatame waliin ilaallamee jecha amantaa himatamaa buāuura godhachuun isaa bakka hin mirkanoofnetti
himatamaan amaneera jechuun murtii balleessummaa kennuun hin barbaachisuāā jechuun sdfy keewwata 134(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
4) #DhIjMMWF Jildii 17ffaa LGMM 96310 taāeen:
āāNamoonni baayāeen iddoo tokkotti yeroo himataman,isaan keessaa himatamaan tokko gocha yakkaa sana gareedhaan raawwachuu isaa amanuun jechi inni kennu himatamtoota biroo isa faana himatamanii gochicha waakkachuun falmaa jiran irratti buāaa seera qabeessa taāe fidu hin jiruāā jechuun hiikoo kennee ture.
5) #DhIjMMWF Jildii 12ffaa LGMM 63741 taāe irratti:
"Himatamaan gocha himannaa keessatti caqafame tokko tokkoon isaa amanuun murtiin balleessummaa kan kenname yoo taāe, murtii balleessummaa kenname irratti olāiyyannoo gaafachuun hin dandaāamu" jechuun sdfy keewwata 134(1) fi 185(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture..
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
#LAFA_NAMAA_IRRATTII_MANA_IJAARUU
ā
Lafa namaa qabiyyee biroo irrattii namnii mirga hin qabnee tokko abbaan qabiyyee osoo mormuu yookiin iddoo inni hin jirreetti yookiin abbaan qabiyyeedha yoo osoo hin mormiin calliisuu fi hayyamuun mana ijaaramuun wal qabsiisee irrattii seerri maal jedhaā
āļø Seerrii biyya teenyaa nama qabiyyee nama irrattii mana ijaarratee ilaalchisee SHH kew.1170 fi 1179 irratti dubbatee jira.
Namni tokko lafa qabiyyee isaa hin ta'in yookiin kan nama biraa irratti mana ijaarachuu hin danda'u. Mirgii itti fayyadamuudha kan abba qabiyyeeti.
āļø Namnii osoo abbaan qabiyyeedhaa ykn lafaa laftii kan kootii irratti hin ijaarrattu jechuun mormuu lafa nama irrattii mana ijaarrate furmaata lamaatu jira.
1-Baasii inni mana ittii ijaaree osoo hin kaffaliin mana keessaa baasuu ni danda'a.
2-Namichii lafa nama irraatti mana ijaare baasii isaatiin mana irraa diiggatee akka deemuu hayyamuufi.
Abbaan lafichaa yeroo namni biraa lafa isaa irraatti mana ijaarutti iddoo san yoo hin jirree fi ijaaramuu isaa yoo quba hin qabannee, yeroo dhagayetti ykn beeketti manicha akka gad dhiisee deemuu godhuu ni danda'a.
āļø Namni lafa isaa irrattii nama biraatin manni ijaaramu osoo arguu ykn beekuu yoo kan hin mormiin ykn akka hin ijaarreef dhoorkuuf yaalii hin godhiin hayyamee ta'e
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_6ffaa_lakk_galmee_30101_fi_jildii_20ffaa_lakk_galmee_105125 irrattii manni kan abbaa ijaarrateeti abbaan qabiyyee namicha mana irrattii hojjatee gatii baasii mana itti ijaare kaffallee keessa baasuu fi irraa fudhachuu hin danda'u jechuun murtii kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Fuula Hubannoo Seeraa
š»ššššš š»ššššš¤š
š ššæšš¶š¶ ššµš®š±š±š®š°šµš¶ šš·š¶šÆš®š®šš®š® gaafa guyyaa 06/02/2017 š¹š®šøšø. Gš®š¹šŗš² 246989 š¶šæšæš®ššš¶ š ššæšš²š²ššš².
Dhaddachi ijibbaataa mana murtii Waliigalaa Federaalaa Murtii Manni murtii jalaa sirnaan osoo hin madaalin kenne fooyyeessuu fi Dogongora madaallii ragaa sirreessuuf Aangoo ni qaba jechuun hiikkoo Dirqisiisa kennee jira.
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Murtii MM Federeeshinii galmee lakk.121-2016
ļ Mana labsii 47/67 tiin ala seeraan ala Mootummaan qabaman Manneen Murtii sadarkaa duraatiin ilaalanii murteessuuf aangoo hin qaban.
ļ Manni Waggaa dheeraaf toāannaa Mootummaa jalatti bulaa ture kan mootummaa akka taāeetti lakkaawama.
ļ Manni Mootummaan dhaalamuu isaa /yookaan labsiin ala dhaalamee kan qabame taāu isaa /yookaan akka deebiāuuf qaama aangoo qabuun murtaaāuu isaa qaama aangoon kennameef duratti dhiyaatee dirqama mirkaneessuu kan qabu nama dhuunfaa manni kan kiyya jedhu malee qaama mootummaa manicha qabatee jiru kan hin taane taāuu isaa kanneen biro kan keessatti xiinxalamedha.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa =================Mana Maree Federeesjiinii Glm Lkk 78/12 ============
Waliigalteen eegumsaa fi himatamuu dhabuu dhaabbilee dippilomaasii idil-Adunyaa waliin mootummaan Itiyoophiyaa karaa Ministeera Haajaa Alaa raawwatu dhimmoota hariiroo dippilomaasii qaamolee mootummaa fi Dhaabatta Idil-Adunyaa Itiyoophiyaa keessatti sochoāu gidduu jiru kan ilaalu malee hariiroo hojjettaan dhaabbatichaa tokko dhimma hojii irratti dhaabbaticha waliin qabu kan ilaalaa miti.
Waldiddaan dhimma hojii ilaalchisee hojjetaa Dhaabbata akkasii fi Dhaabbaticha giddutti kaāu dhimma dippilomaasii waliigaltee addaa dhaabbatichaa fi Ministeera Haajaa Alaa giddutti raawwatameen bitamu otuu hintaane dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa labor proclamation bitamudha.
Ministeerri Haajaa Alaatis waliigalteen dippilomaasii Dhaabbilee Idil-Adunyaa waliin seenamu mirga namoomaa fi lammiilee heeraan tumaman kan kabaje taāuu mirkaneessuun eegumsa gochuuf dirqama heera mootummaa irraa madde qaba jechuun murtii hiikkoo heeraa glm Lkk 78/12 taāe irratti gaafa Waxabajjii 03/2012 kennee jira.
Kanaaf dhimmi falmii Waldiddaa hariiroo hojii ilaalchisee hojjettoota dhaabbilee Idil-Addunyaa kanneen akka Eejansiilee UN keessa hojjetaniin dhaabbilee kan irratti kaāu waliigaltee dippilomaasii. Addatti kan bulu waan taāeef MM aangoo hinqabu ykn seera hojjetaa fi hoojechiisaan kan murtaaāuu miti jechuun buāura heeraa akka hinqabne murtiin MMF olitti ilaalame nihubachiisa. Balāinaan garagalcha murtichaa ilaalaa.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa Qabaachuun Qofaan Mirga Daangaa hinqabne Hingonfachiisu jedheera į°į įį Federaalaa (glm Lkk 243973 taāerratti gaafa 06/02/2017 hiikkoo haaraa kenname)==========
Murtii haaraa abbootii seeraa N-7 gaafa 06/02/2017 kennameen namni otuu qabeenya harkaa hinqabaatiin ykn ittihinfayyamin waraqaa ragaa dhaaltummaa qofa baafate dhaaltu qabeenya harkaa qabu ykn ittifayyamaa jiru irratti himannaan dhaaltummaa dhiyeessuun akkaataa SHH kwt 1000(1)tin darbiinsa yeroo waggaa sadiin daangeffama jechuun hiikkoo kanaan dure glm Lkk 205248, 44237 fi 38533 (Jld 10ffaa) irratti kennee ture jijjiiree jira.
Kanaaf kanaan dura dhaaltuun waraqaa ragaa baafate yeroo kamiiyyuu himannaa isaa dhiyeessuu akka dandaāu fi himannaan isaatis falmii qooda qabeenyaati malee dhaaltummaa miti jedhamee hiikkoon kennamee ittiin hojjetamaa ture hafee jira.
Kana booda ragaa dhaaltummaa qabachuu qofa otuu hintaane yeroo waggaa sadiii keessatti mirga waraqichi ibsu gaafachuu dirqama yoo taāu kana irra darbuu kan dandaāu qabeenyicha harkaa qabaachuu ykn ittifayadamuun dirqama dha, kun immoo ijoo seeraa taāuun hafee firii ijoo dubbii ragaadhaan mirkanaaāu taāa.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
#Waraqaa Darbinsa Daandii
#Daldala seera qabeessa ta'e geggessuuf ulaagaan inni biraan yeroo seerri barbaadu yeroo hunda dhiyaachuu kan qabu waraqaa darbinsa daandiiti. Labsiiwwaan Sadarkaa fedaraalaa fi naannootti ba'an waraqaa darbiinsaa kanaaf hiikkoo kennuuf yaalanii jiru. Fakkeenyaaf waraqaa darbinsa daandii(pass perit) jechuun waraqaa darbinsa qaama aangoo qabuun gogaa fi kalloo qeeraa irraa yookiin, gabaa sadarkaa 1ffaa irraa gara qopheessaa fi man-kuusaatti yookiin gara warshaa goggaatti akka geejibamuuf hayyama barreeffamaan kennamu dha. Akkasumas labsiin lakk. 819/2006 keewwata 2(16), fi labsii 1051/2009 keewwata 11(5). Dabalataanis seerotni naannoo keenyatti ba'anis, Waraqaa darbinsa daandiidhaaf yeroo hiikkoo kennan, #Waraqaa_darbinsa_daandii jechuun waraqaa oomishaalee qonnaa iddoo seeraan hayyamame irraa qaama hayyama qabuun bitamee yookiin oomishamee gara iddoo hayyamameefitti geessuuf seera qabeessa ta'uu isaa mirkaneessu ta'ee, oomishtootaa fi daldaltootaaf qaama aangoo qabuun kan kennamu jechuudha. Akkasumas qajeelfamni waraqaa darbinsa daandii lakk.13/2015 keewwata 2(6) jalatti bifa wal fakkaatuun hikkoon isaa kennameefi jira.
#Kaayyoon_seerichaa_waraqaa_darbiinsa_daandii akka ulaagaa dabalataatti yeroo tokko tokko seeraan kan dirqisifamuuf, meeshaaleen daldalaa faayidaa uummataa guyyaa guyyaatiif oolan muraasa ta'an daldaluu keessatti ka'umsaa fi gahumsa meeshaa daldalaa ittiin to'achuun meeshaa gabaa irratti hanqinni uumame yookiin sababa biroo amansiisaatiin hordoffii gochuuf yaadamee ta'uu seeroota waa'ee hayama darbinsa daandii tuman waliigalaan tumaman irraa hubachuun ni danda'ama.
Waraqaan darbinsa daandii kunis wantoota hammachuu qabu:
a. gosaa fi hanga meeshaa daldalaa fe'ame,
b. bakka ka'umsaa fi ga'umsa meeshaa daldalaa,
c. Guyyaa ka'umsaa fi gahumsa meeshaan daldalaa itti dhaqqabuu fi xumura yeroo hayyama darbinsichaa,
d. Konkolaataa ittiin geejibame,
e. Konkolaachisaa konkolaaticha konkolaachisu,
f. maqaa fi mallattoo ogeessa hayyama kenneefi
g. marsaa meeqaaf akka waraqaan darbinsa daandii kun tajajjilu of irratti kan qabatu tahuu sanadaa darbinsaa daandii kana irra hubachuu ni danda'ama
#Seerootni biyya keenyaa waraqaa darbinsa daandii malee oomishaalee qonnaa daldalaa geejibuun dhorkaa itti tahee keessa muraasa:
a. labsiin to'annoo fi bittaa bunaa lakk.1051/09 keewwata 17(4), Dambii lakk.433/2011 keewwata 38(8)
b. Dambii saliixaa fi boloqqee adii lakk.178/2002 keewwata 13(6) Qajeelfama lakk.02/2012 lakk.14.1(18).
c. labsii Oomishaalee qonnaa Oromiyaa lakk.234/2013 keewwata 11(3)
d. Dambii Jimaa lakk.224/2013 keewwata 24(6) fi Qajeelfama jimaa lakk.10/2014 keewwata 13(1a),
e. Dambii midhaan dheedhii lakk.230/2014 keewwata 30(1f)
f. Qajeelfama sirna sassaabbii galii bu'aa bosonaa fi bineensota bosonaa oromiyaa lakk.09/2015 keewwata 5
g. labsiileen bittaa-gurgurtaa kallee fi gogaa lakk 814/2006 kwt 9(1)
h. Labsii horii dhaabbii lakk.819/2006 keewwata 10 hanga 14tti jiraniin fi
j. Qajeelfama sirna raabsaa meeshaalee bu'uuraa zayita nyaataa lakk.06/2012 keewwata 14 fi kkf fudhannee ilaaluu ni dandeenya.
Itti fufa...........
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa =================Mana Maree Federeesjiinii Glm Lkk 78/12 ============
Waliigalteen eegumsaa fi himatamuu dhabuu dhaabbilee dippilomaasii idil-Adunyaa waliin mootummaan Itiyoophiyaa karaa Ministeera Haajaa Alaa raawwatu dhimmoota hariiroo dippilomaasii qaamolee mootummaa fi Dhaabatta Idil-Adunyaa Itiyoophiyaa keessatti sochoāu gidduu jiru kan ilaalu malee hariiroo hojjettaan dhaabbatichaa tokko dhimma hojii irratti dhaabbaticha waliin qabu kan ilaalaa miti.
Waldiddaan dhimma hojii ilaalchisee hojjetaa Dhaabbata akkasii fi Dhaabbaticha giddutti kaāu dhimma dippilomaasii waliigaltee addaa dhaabbatichaa fi Ministeera Haajaa Alaa giddutti raawwatameen bitamu otuu hintaane dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa labor proclamation bitamudha.
Ministeerri Haajaa Alaatis waliigalteen dippilomaasii Dhaabbilee Idil-Adunyaa waliin seenamu mirga namoomaa fi lammiilee heeraan tumaman kan kabaje taāuu mirkaneessuun eegumsa gochuuf dirqama heera mootummaa irraa madde qaba jechuun murtii hiikkoo heeraa glm Lkk 78/12 taāe irratti gaafa Waxabajjii 03/2012 kennee jira.
Kanaaf dhimmi falmii Waldiddaa hariiroo hojii ilaalchisee hojjettoota dhaabbilee Idil-Addunyaa kanneen akka Eejansiilee UN keessa hojjetaniin dhaabbilee kan irratti kaāu waliigaltee dippilomaasii. Addatti kan bulu waan taāeef MM aangoo hinqabu ykn seera hojjetaa fi hoojechiisaan kan murtaaāuu miti jechuun buāura heeraa akka hinqabne murtiin MMF olitti ilaalame nihubachiisa. Balāinaan garagalcha murtichaa ilaalaa.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Murtii MMF Lakk.galmee 41/2010 taāe irratti kenname.
Haati Warraa fi Abbaan Warraa yeroo gaaāelaan waliin turan keessatti maqaa daaāima isaaniitiin qabeenyaan bitan , yeroo falmiin qoodiinsa qabeenyaa taasifamutti falmiin irratti yoo kaāe, Murtii Manneen Murtii ādaaāimni sun waliigaltee taasisuuf gahumsa hin qabu,qarshii qabaatee qabeenyaa horachuu hin mirkaneessine waan taāeef qabeenya waliinii haadha warraa fi abbaa warraatiā jechuun Murtiin kennan-
-dantaa fi mirga dursaa daaāimmanii Heera Mootummaan kabajame kan tuqudha.
-Walfuutonni gochaa gocha faallaa seeraa raawwatan irraa fayyadamoo taāuu hin qaban.
Diiguun murtii kan itti kennedha.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Dhimmi falmii hojii hojjetaa dhaabbilee idil-adunyaa keessa hojjetu dhaabbaticha waliin qabu dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa akkaataa seera hojjetaa fi hojjechiisaan ilaalamu malee dhimma uwwisa waliigaltee himatamuu dhabuu dhaabbilee mootummaalee giddutti raawwatamuun bitamuu miti. Akkasumas mirgi himatamuu dhabuu dhimma yakkaan qabamuu, qoratamuu, hidhamuu fi dhamaatii sanaan walqabatee dhaqqabu irraa bilisa taāuuti malee dhimma hariiroon (civil liability) himatamuu dhabuu kan ilaalu ykn hammatuu miti jedheera Manni Maree Federeeshiinii Itiyoophiyaa murtii glm lkk 720/15 taāerratti gaafa 29/01/2016 kennamee.
https://t.me/Ijooseera
Repost from Ā https://t.me/Ijooseera
Murtii darbiinsa Yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa
MMWFDHIJ darbiinsa yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa kan Naannoo Amaaraa ilaalchisee galmee lakk.17982 taāe irratti kennee jildii 24ffaa irratti maxxanfamee baheen haalli qabannaa qabiyyee lafa baadiyyaa seera qabeessa taāuu isaa hanga hin mirkanoofnetti qabannaa seeraan alaati jedhamee waan tilmaamamuuf darbiinsi yeroo hin jiru kan jedhe yoo taāu, murtii hin maxxanfamne galmee lakk.244435 taāe irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kenneen ammoo qabannaan seeraan ala taāuun hanga hin mirknoofnetti darbiinsi yeroo waggaa 10 raawwatiinsa ni qabaata jedheera.(Of course )murtii booda irra kenname kanaan namni qabatee waggaa dheeraa fayyadame haala qabannaa,kan hin hubachiisne taāus, ragaa abbaa qabiyyummaa irratti qabaachuun,seera qabeessaan akka qabatameetti fudhateera.#Garaagarummaa kan uume ragaa abbaa qabiyyummaati.
https://t.me/Ijooseera
