cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Imaanaa

Kaayyoon channel kanaa dhalootaf waan barnoota ta'u bifa Walaloo, Asoosama gabaabaa fi Barruulee gaggaboon dhiyyeessudha barreessun naaf @Imana ta'us dubbisun kan keessanidha. (@Abbaa_abjuu!_Imalli gara_milkaa'inaatti 🚶🚶)

Show more
Finland3 549The language is not specifiedReligion & Spirituality128 458
Advertising posts
212
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
@Tunis_Raaga👇👇👇👇 SEENAA GARAA NAMA NYAATU Waggaa 68 Dogoggoraan Hidhame Joy Liigoon namichi jedhamu Gurraacha Lammii Amerikaa Kan ta'e "Naama ajjeeste jedhanii yeroo umuriinkoo waggaa 15 karaarraa qabanii na hidhan. Tarii gurraacha waanan taheef tahuu mala. Waggaa 68 hidhamee yeroo umuriin koo 83 tahu 'bilisadha, dogoggoraan hidhamte' jedhanii na gadhiisan. Adunyaan dhiisee hidhame gaafan achii bahu nan wallaale. Hunduu jijjiirameera. Dargaggummaa koo nyaatan" jedhe. Hojiin Addunyaa kanaa nama dhibdi🙄 Madda: Kan Dubbisnerraa🙏 https://t.me/Imanakh
Show all...
Dachiin kun waan hedduudhan gutuudha; kennuu fudhachuu, gaarummaa hammina, jaalala jibba, milkaa'u milkaa'u dhabuu, jireenya du'a, gammachuu gadda, argachuu... fi kkf. Isumaayyuu kennaa faallaa siif laatti gaafa gaarummaa hiixatteef hammina siif kenniti. Kan abjuu sirrii qabuu fi nama kaayyoo guddaa qabu jireenyasaa daangaa itti gootee guyyaa jalaa dukkaneessiti. Xoofoo jireenya sirraa fudhattee kan du'arraa si unachiifti. Guyyoota ishee hundaa waan gara garaa siif hixachaa oolti. Ol-ka'uu gadi bu'uu, boodatti hafuu dura bahuu, gammachuu daangaa hin qabne gadda daangaa hin qabne, qoraatti fi gufuu hadhaa'a, daandii wal-qixxaa'a, kolfa imimmaan hin qoorre, dukkana limixii ifa homtuu daangessuu hin dandeenye, abdii jireenya abdii kutannaa,.... Wanti itti hir'ate hin jiru dachiin kun waan hundaan guutte keessa jiraacha jirra. Namni lubbuun jiraatu kamuu hirmaata carraa kanaati carraa kana keessaa tokko sirratti ta'e jechuun ati nama dachii kanaaf hin barbaachifne jechuu miti lubbuudhan jiraacha jirta jechuu fi nama kaayyoo ta'uu kee siif mirkaneessa. Uumama harka waaqaa ta'ee jijjirama homaatu kan hin fidne dhagaa qofa inniyyuu lubbuu waan hin qabneefidha lubbuu qabaate wanti dhiibban irratti hin gaggeeffamne hin jiru hin jiraatus. Atis lubbuu waan qabduufi nama jijjirama waan taatef dhiibban sirratti gaggeeffamuu danda'a wanti ati gochuu qabdu mataa buustee jireenya keerratti gadda labsitee uffata gaddaa uffattee uumamuu keef gadduu osoo hin taane humna haaraa fi jabina guddaadhan gufuu daandii keerraa ciccirtee muudannoo kee isa si muudaterraa barumsa guddaa fudhachuudhan galma kee isa kaawwatteef tarkaanfii kee gara fuul-duraatti fudhachuudha malee teessee carraa kee abaaraa hin jiraatin. Namni akka kee dachii kanaaf kan laatame kan biraa hin jiru eenyumaraayyuu adda taate kaayyoo biyya lafaa kanaaf raawwachuu qabdu qabdu waliin guyyaa dhaloota kee sana gara dachii kanaatti dhufte. Jireenyi milkaa'ina qoraatti fi gufuudhan guutudha kanaaf ati nama milkaa'inaaf dhalateedha milkaa'ina kana dhugoomsuf obsa guddaa si barbaachisa nama obsaa ta'i malee gaddaan jiruu kee gooltee guyyaa dhaloota kee fi bara jireenya kee abaaraa hin jiraatin. Ija jabaadhu hin sodaatin har'a hin taane jechuun boriis hin ta'u jechuu miti isa darbe barumsa godhadhu isa dhufuuf humna haareffachuun cimii hojjedhu. Jiruu keerratti qorumsi si muudata jechuun ati jiraacha jirta jechuudha. Gaafa muudannoo dhabde gaddi malee muudannoon sirra jira jechuun ati gaara milkaa'inaatti baatee mul'achuuf jirta jechuudha Kanaaf jiruu kee gaddaan hin goolin. Abdii horadhu jiruu keerraa gadda cirii gati uffata gaddaa sana lafa kaa'i tarkaanfiin kee fuul-duratti haa ta'u. Bakka jirtuu ka'i imala kee itti fufi Gaddaan of daangessitee hin taa'in mo'ichaaf gara fuul-duraatti deemi maaliyyuu haa ta'uu deemsa hin dhaabin jabaadhu hamma qocaas tirattu deemsa dhaabuu baannan lafa yaadde ni geessa. @Via_KilashiHunde(Imana) https://t.me/Imanakh
Show all...
Imaanaa

Kaayyoon channel kanaa dhalootaf waan barnoota ta'u bifa Walaloo, Asoosama gabaabaa fi Barruulee gaggaboon dhiyyeessudha barreessun naaf @Imana ta'us dubbisun kan keessanidha. (@Abbaa_abjuu!_Imalli gara_milkaa'inaatti 🚶🚶)

1
#Dadhabina_Dhiiraa! Seenaa jaalalaa dhugaa kana yoo dubbifte, dadhabbiin dhiiraa inni guddaan maal akka taheefi amanamaa tahuun maal akka tahe in hubatta. Amanamaa tahuun amantiidhaan kan argamu osoo hin taane, kudhaama Uumaan uumama hundaatti rarraasee uumedha. Seenaa kana nama jaarraa jiraate keessa darbee addunyaa hardhaa irrattuu dhiibbaa geessisaa jiru William Shakespeare tu barreesseera; inni nama dhaloota Kiristoos booda jaarraa 16ffaa keessa jiraatedha. Seenaan kun immoo seenaa dhaloota Kiristoos duraati. Yeroon isaa dhaloota Kiristoos dura naannoo bara afurtamaati. Intala hedduu bareeddu, kan beekumsaan faayamteefi kan afaanota sagalii ol sirnaan dubbattu tokkotu maatii mootota Gibxii keessatti argame. Isheen beekumsa herregaan, naamusa isheedhaan, ijoollummaa irraa kaaftee immoo moloksee tahuuf barnoota amantaa isheen argatteen kan hedduu dinqifamtuufi gama qulqulluummaan jiraachuu isheetiin intala hunduu hawwu turte. Bareeddota lafa kana irra jiraatan keessaas miidhaginaan durbi akka intala kanaa akka hin mul'anne seenaan jala muree ol kaaheera! Maqaan ishee Cleopatra VII kan jedhamtuufi intala mootii fara'oon isa dhumaati. Yeroo du'uu Juuliyees Qeesaariin wal qabatee waamicha Mark Antony fahaa biraa isheef godhameen gara iddoo bulchiinsa isaanii deemtee turte. Isheen akkuma Marc Antony agarteen jaalala isaan qabamte; Innis jaalala ishee kanaan akka malee butame. Jaalalli isaanii guddachuudhaan DH.K.D bara 36 isaan lameenuu magaalaa Anxookiyaatti wal fuudhani. Isaan lamaanuu gooftaafi giiftii yeroo sanaa jedhanii ofii isaanii labsuudhaan bulchiinsa isaanii Giriikiifi Ijiipti irratti labsatani. Isaan itti dabalanii biyya Roomaafi bulchiinsa ishee olaanaa qabachuuf yeroo isaan lola irra jiranitti, abbaan manaa ishee Antooniin dursaa lola kanaa ture. Lola kana keessatti jabina namicha kanaa kan beekaniifi dadhabinni isaa immoo kan isaanitti argamee hin beekne akkamiin akka isa mohan barbaaddachuutti ka'an! Akkanni haadha manaa isaa kana akka malee jaalatu waan beekaniif oduu sobaa odeessisuu eegalan. Osoo isheen hin du'iin akka isheen waraana garee faallaatiin rukutamtee duuteetti odeessuudhaan Mark Antony abbaa duulaa jabaa sana bira geessisani. Inni immoo akkuma oduu kana dhagaheen waan akka malee ishee jaalatuuf, ishee malees duuniyaan kun isaaf akka hin malle waan beekuuf biillaa guddaa harka isaa irra jiruun of waraanee of ajjeese. Dhugumaan yeroo inni du'etti immoo oduu kana ariifatanii ishee bira geessisani, isheenis Antoonii malee jireenyi isheef ittoo soogidda hin qabnedha. Yeroosuma ol seentee uffata warqee ishee uffattee, gonfoo warqee ishees keewwattee teessoo mootummaa ishee irra teesse. Bofoota summaahoo biyya sanatti adabaaf horsiifaman fidattee akkuma teessoo mootummaa ishee irra teesseen harma ishee keessa ciniinsifte. Akkuma xiqqoo turteen du'aan ishee teessoo ishee irratti argame. Akka kanaan dhiira jabaas galaafatanii, biyyaafi bulchiinsa isaas lafatti dabalani. Achumaan guutummaa addunyaa kanaa irratti Awugoosxoos Qeesaar bulchiinsa bal'aafi aangoo guddaa argachuudhaan bulchaa Roomaafi addunyaa yeroo sanaa tahe. Seenaa kana irraa waan lama waanan hubadheefan isiniif katabe. Inni tokkoffaan, jaalalli dhugaan ammam akka inni humna qabu hubannaan argadhe yeroo tahu, inni lammaffaan immoo dadhabinni dhiiraa inni guddaan maal akka tahe hubadheera. Dhiira jabaa biyyaaf amansiisu, kan humni isaa hin laafne, kan diina biyyarraa tiksu, kan abdii dhalootaa tahee waldaa Kiristiyaanaa illee fuulduratti deemsisu, yoo qabachuun barbaadame karaa kam akka inni kufuu dandahun hubadhe! Dadhabinni dhiiraa inni guddaan durba inni jaalatudha! Fayyaa hin dhabinaa isinan jaalladha Maddi:- Kanan dubbiserraa https://t.me/Imanakh
Show all...
Imaanaa

Kaayyoon channel kanaa dhalootaf waan barnoota ta'u bifa Walaloo, Asoosama gabaabaa fi Barruulee gaggaboon dhiyyeessudha barreessun naaf @Imana ta'us dubbisun kan keessanidha. (@Abbaa_abjuu!_Imalli gara_milkaa'inaatti 🚶🚶)

👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
@Eessa_akka_ooltu_adda_baasi Guyyaa tokko kanniisa fi tisiisatu waliin haasa'a ture. Utuma haasawa hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na ajaa'ibee naaf galuu dide dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan?" jetteen.Sin akka biraatti si jaallatu, maaliif akka keetti nan kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani, inumaa ni gatu. Na ajjeesuf, na dhabamsiisuf qoricha baay'ee fayyadamu." jetteen ammas.Kan kee garuu faallaa kooti. Iccitiin isaa maali mee natti himi!" jetteen.Kanniisnis haasawa ishee hunda gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte. "Yaa Tisiisa! mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" jetteen jedhama. Ati hoo obboleessoo Amma iddoon ati jirtu kun si madaalaa? Si madaala taanan itti fufi oduu namaa dhiisi garuu faallaa kanaa jiraannan of barbaadi bakka siif malu oli tarree madaala keetti godaani. https://t.me/Imanakh
Show all...
4
Photo unavailableShow in Telegram
9 .IMPORTANT REASONS WHY NOTHING IS WORKING IN YOUR LIFE.🤗🤗🤗 1. You wasting your potential- We are born with potential but most people don’t use it at all. 2. You are aimless- Without goals, you will feel useless and unaccomplished. 3. You have no results and time is running out- Words are empty without deeds and results. 4. Your personality is not integrated and developed- Work on your personality is essential. 5. You are indecisive- You need to choose your life path and stick to it. 6. You start things but don’t finish them- The vast majority of people are good to start something but bad to finish it. 7. You don’t invest your time- Time is the most valuable resource, you can invest or waste it. 8. You don’t know who you are- Identity crises make you unaccomplished. 9. You don’t live your life, you barely exist- Don’t be afraid of life, live it. We are born with potential, it is our duty to fulfill them. No one can do it instead of us. Thank you for reading 📚 🙏 https://t.me/Imanakh
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Akka jedhanitti yoo ta'e biyya Ingiliz magaalaa Saawuzahambitanitti abbaan qabeenya mana gurgurtaa kitaabilee tokko sababa gatiin mana kiraa itti dabaleef jijjiirraa iddoo yeroo taasisutti maamiloonni isaa 250 ta'an fageenya meetira 150 ol ta'u gidduu hiriirun kitaabileesaa hunda walarkaa fuudhaa mana haaraa kireeffatetti sassaabaafii akka turan hiriira agarsiisu akka ta'e himama. Dhaloota dubbisatti hinlaafne! https://t.me/Imanakh
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.