en
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

Open in Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

Show more
2 421
Subscribers
-124 hours
-217 days
-9230 days
Posts Archive
Namni walii lamaa Ati kam fakkaattaa Namummaa tantee mee Himtee naaf akeektaa? Nama tahuun keetiif Addummaan kee maali Uumama biroorraa Gargar tahuu of laali Boca qaamaatiin moo Sammuun irraa oli? Miila lamaan deemu moo Bilisoomtee sakaallii Nagayaan baatee galuudhaa Sirraa hafee shaakalli Moo sammuu qabaachuudha Isii xiinxaltee yaaddu Yaada barbaadde hundaahu Tan murtee itti laattu?

🎋Warri qalbiin keenya jaalatte osoo du'aan nu biraa boqotanillee keeysa keenya jiru, warri ijji keenya jaalatte osoo lubbuun jiraniituu yoo ija duraa nu miliqan ni dagatamu. Nama qalbiin kee jaalatteef dursa kanni🌹 :¨·.·¨: `·. Have a nice day🌹 @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo

🎋Warri qalbiin keenya jaalatte osoo du'aan nu biraa boqotanillee keeysa keenya jiru, warri ijji keenya jaalatte osoo lubbuun jiraniituu yoo ija duraa nu miliqan ni dagatamu. Nama qalbiin kee jaalatteef dursa kanni🌹 :¨·.·¨: `·. Have a nice night🌹 @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo

An-Nisa' 4:157 وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا ٱلْمَسِيحَ عِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخْتَلَفُوا۟ فِيهِ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًۢا Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne. ☆☆☆☆☆ An-Nisa' 4:158 بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيْهِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.

Hoggaan yaadaan achi laalu Akka ji'aattti na mul'attaa Guyyumarraa guyyaadhatti Yaadni kee kun na jabaataa Waa hundaafuu #jaalallee koo Hedduu takkaan si jaaladha...... . . Sallallaahu Aleeyhi Wasallam (ﷺ) ❤❤

Hoggaan yaadaan achi laalu Akka ji'aattti na mul'attaa Guyyumarraa guyyaadhatti Yaadni kee kun na jabaataa Waa hundaafuu #jaalallee koo Hedduu takkaan si jaaladha...... . . . . Nama biraa hin baanu boo Rasuula Rabbiitiin (ﷺ) baanaa, koottaatuma salawaata irratti buusaa!! #Fidaaka_Abii_Wa_Ummii_Yaa_Rasuul_Allaah

Wanti fedhes waan fedhe haa tahu, fedhii Rabbiitiin gaaf tokko bakkan yaade inumaan gaha. Akkan yaadees inumaan taha. Gargaarsa Rabbii kiyyaa qabaannaan homtuu akka of duubatti na deebisuu hin dandeenye sirrittiin beeka. Jechootaa fi gochoota namaatiifis gonkumaa bakka hin laadhu. Mul'ata koo isa fuulduraa sana qofan ilaala malee wantoota darban of duubatti ilaaluu fi rakkinoota har'aa of cinaatti ilaaluun na hin ilaallatu. Rabbiin nama bakkuma jiru hundattii fi yeroo keeysa jiru hundattuu sodaa Rabbii qabuu fi abdii guutuu Rabbii isaarraa qabaatu nu haa taasisu. وَالْعَاقِبَةُ لِلْمُتَّقِينَ © Mul'atan Qaba

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Akkam jirtan maatiwwan chaanaalii keenyaa?

Dhaamsa gaggaarii👇

Ergaaleen chaanaala kanarratti dabran isinitti tolaa jiruu? Yoo isinitti tole like tuquun nu beeysisaa👇👇

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Dubartoota barnootaan addunyaa jirjiiran """"""""""""""""""""""""""""""" FAAXIMAA AL FIHRII ☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆ Maqaan isii guutuun Faaximaa bint Muhammad Al Fihriyyaa Al Qureeyshiyyaa ja'amti. Biyya kaaba Afrikaa ta yeroo ammaa Tuniishiyaa ja'amtee yaamamtu tanatti bara 800tii kheessa dhalatte. Faaximaaan maatii naggaadee qabeenya qabdu irraa dhalatte Yeroo araboonni ispeen kordobaa irraa baqataa turan kheessa maatin faaximaatis Tuniishiyaa irraa gara Morokoo magaalaa feezitti godaanan. Faaximaa isii fi obboleettin isii mariyamis nama haalan baruumsa guddaa qabuudha. Yaqiinatti guyyaa khana ja'amee beekkamuu baatus akka barreessitoonni seenaa hedduun amananitti faaximaan bara 880 kheessa duute Garuu faaximaan maalin beekkamti? Maaltu masjida yeroo ammaa yuunivarsitii addunyaa ta jalqabaa ja'amuun beekkamu jaarurratti isii khakhaase? Faaximaan maatii islaamummaa jabeessituu fi baruumsa fardeessitu irraa dhalatte. Gaafa abbaan isii du'u qabeenya abbaa isii hedduu dhaalte. Yeroo sanitti namni bakka heddurraa magaalaa feezitti waan godaanaa tureef magaalan fez magaalaa aadaa wal makhamteen bareedde taatee mul'atte. Aadaa qofa osoo hin taane magaalaa barnootaa taatee beekkamte Saayinsii fi barnoonni amantiitis baay'inaan achirraa madduu jalqaban. Yeroo gabaabduu kheessatti masjidni magaalaa san kheessa jiru waan nama itti salaatu fuudhuu dadhabeef faaximaan qabeenya abbaa isirraa dhaalten masjida jaaruuf murteessite. Faaximaan erga masjida jaartee xumurte booda Al Qarawiyyiin jettee maqaa bakka dhaloota isii ta Qaayrawaan ja'amtee beekkamtuun moggaaste Erga Masjidni Al Qarawiyyiin bara 859tti jaraamee xumurame booda barnoonni amantii achi kheessatti barsiifamuu jalqabe, sanitti aansuudhaan barnoonni akka astronomy, Medicine, language fi mathematicsii faanis achi kheessatti barsiifamuu jalqaban. Yeroo gabaabduu kheessatti Al Qarawiyyiin yuunivarsitii madda beekkumsaa guddotti jirjiiramte. Jaarraa hedduuf bakka barsiisonni gurguddaan biyya adda addarraa itti wal gahan taatee argamte. Bariisotaa fi barattootas osoo amantii, bifaa fi biyyaan adda hin baasne ofitti fudhattee barsiisaa turte, barsiisaa jirtisi yuunivarsitiin Al Qarawiyyiin Barattoota yuunivarsitii Al Qarawiyyiin irraa eebbifaman kheessaa gariin warra addunyaa tana jirjiiraniidha. Warra sababa isaanii addunyaan qaroomina amma ofiin yaamtu khana argatte... Barreessaa seenaa Ibn Khaalduun, Filoosoofara beekkamaa Ibn Arabii, Polymath Ibn Rushd, Doktara Jewish Maimonides fi Gerbert of Aurillac/Pope Sylvester ll dabalatee beeytota addunyaa jirjiiran meeqaan tamiitu achitti baratee irraa eebbifame Laaybirariin yuunivarsitii Al Qarawiyyiin akkuma addunyattuu laaybirarii umrii dheertuu qaban kheessaa isa tokko Al Qarawiyyiin yuunivarsitiin yuunivarsitii umrii dheertuu qabdu ta ammallee hojirra jirtuu fi yuunivarsitii addunyaa ta jalqabaa tahuun beekkamti. United nations, Guinness World Record fi Manchester University Pressilleen akka himanitti yuunivarsitiin addunyaa ta jalqabaa Al Qarawiyyiin yuunivarsitiidha Yuunivarsitiin waggaa 1200tti waan dhihaatuf barnoonni irraa maddaa jiru tun dubartii islaamaa Faaximaa Al Fihriidhaan jaaramte. Faaximaan isii umriin waggaa 59 barnoota duraan qabdurratti ida'achuf yuunivarsitii ofiif jaartetti baruumsa eegaltee achirraa eebbifamte. Dippiloomaan isii xaawlaa/loohii mukhaatirratti barreeffameeti haga ammaa yuunivarsitii san kheessa jira. Baruumsa barachuuf inuma yeroon hin dabartu, barnoonni umriin hin daangeffamu. Tanaaf gaafa mijjaa argattetti yoo carraa baratuu argatte umriin tiyya deemte jettee hamilee dhabuu hin qabdu Yeroo ammaa tana dubartoonni islaamaa nama fakkeenya gaarii isaanif tahuu dandahutti haalaan haajaman. Tanaaf seenaa akkanaa tana akka barbaaddanii qorattanii barattanii nama akka Faaximaa Al Fihrii khana akka fakkeenya godhattanin isiniif dhaama. Ibsaa Habroo ✍

𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!! 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐤𝐤
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!! 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚  𝐑𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐍𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐭𝐚𝐚⁉️ 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑭𝒖𝒓𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑻𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒐𝒐𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂 ✅ 𝐎𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!! Ads: 👇👇 https://t.me/+6yGiMXEw3Nk1OWJk https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8

Bifaa fi umriin akkasuma bareedinni qaamaa dhimma yerooti malee dabruun isaa hin oolu. Obboleeyyan koo jireenya jiraattan keeysatti namummaan isin har'a qabaattan bara baraan jiraatti. Gaarummaan isin har'a hojjattan onnee ilma namaa keeysatti siidaa hin diigamnee fi hin dagatamne taatee dhaabamti. Kanaaf ilma namaa hunda bifa, saba, amantii fi ilaalcha isaatiin osoo gargar hin baasin nama tahuu isaa qofaaf tola oolaaf, waan dandeessaniin wal cinaa dhaabbadhaa, haala gaariin wajjiin jiraadhaa!! ╭──────•◈•──────╮ 🅹🅾🅸🅽:☞ @dhaamsa_koo ™ ╰──────•◈•──────╯ @dhaamsa_koo ════❁✿❁═════

#Dhaamsa ✍️ @dhaamsa_koo Barataan jaalalaan qabame 80% kan gahu barnoota isaa irratti zeeroo taha. Jaalalti hundi dawaa miti, jaalalli gariin diina galma keetiiti. Jaalalaan sakaalamtee fuul-duree tee dukkaneeysaa jirta yoo tahe osoo yeroon sitti hin kunne "kuni fala gooytaatii miti, falfala sheeyxaanaati" ja'ii of yaadadhuu dammaqinaan abjuu kee isa ganama manaa baateef irratti xiyyeeyfadhu. Dammaqi mee, sababa ati jaalalan if sakaaluutiin namni si hin geenye hedduun tokko si dabru jiraa🙂‍↕️ Qeerroon sababa qarreetiin qaroo dhabuun qaroomaa miti ! 🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀 @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo

Namni abshaalli kasaaraa gara bu'aatti yoo jijjiiru, gowwaan ammoo rakkoo tokkicha dachaa godhuudhaan gadadoo gubbaan gadadoo ofirratti tuula. Nabiyyiin Sallallaahu Aleeyhi Wassallam Makka keeysaa dirqamaan akka bahan gaafa taasifaman hojii isaanii hin dhiifne. Inumaa Madiinaatti galuudhaan islaamummaa babal'isuu itti fufan. Madiinaanis saffisa ifaatiin bakka Makkaa buute. Imaamu Ahmad Ibnu Hambal haala suukanneeysaa taheen tumamanii turan. Garuu sana hunda keeysa dabruudhaan imaama sunnaa tahuudhaaf gahanii jiru. Sheekhul Islaam Ibnu Teeymiyaan hidhamanii turan. Garuu mana hidhaa keeysa taa'anii beekkumsa duuran qaban irratti beekkumsa biroo dabalachuudhaan beekaa guddaa tahanii bahanii jiru. Kanaafuu yeroo rakkoon si mudattu roga gaarii rakkoo sanii ilaali. Rakkoo silaa sirra dhufu gara bu'aatti jijjiiruuf yaali. Jum'aa milkii isiniif haa tahu. Lafa nagayaa oolaa!! ✍️ Peace Mohammed @dhaamsa_koo

🔔🔔 በቴሌግራም ገብተህ ከታች ያለውን ፅሁፍ ጠቅ አድርግ። ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 የስኬት መንገድ ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 የህይወት ስኬት ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 ጥያቄዎች እና መልሶች ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 ቆንጆ ታሪክ ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 ወቅታዊ ዜና ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 ኢስላማዊ ሀይማኖት ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 የሙስሊሞች ታሪክ ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 የሰሃቦች ታሪክ ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 የነብዩ (ሶ.ዐ.ወ) ታሪክ ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━━━━━┓ 🔔 ሀዲስ እና ቁርኣን ┗━━━━━━━━━━━━━━┛ ███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███ ███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███ ███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███ ███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███ ███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███

Dhaloota Of Tahe Koonfiransii barnootaa fi egeree islaamummaa Tokko lama jechaa guyyaa hawwiin eegaa turre gahaa jira. Inshaa
+1
Dhaloota Of Tahe
Koonfiransii barnootaa fi egeree islaamummaa
Tokko lama jechaa guyyaa hawwiin eegaa turre gahaa jira. Inshaa Allaah torbaan tokko qofaatu hafe, hin hafnuu hin hafinaa!! Wal argaan magaalaa Ciroo Mana Barumsa Sad. 2ffaa Carcar haa tahu!! Ebla 13, 2016

Amala dhaloota ammaa keessaa kan nama dinqisiisu namoota account social media banatan kanneen ofii lubbuun du'anii fi namoota lubbuun jiran kanneen osoo jiranii du'aa hanqatan hunda hordoftoota (followers) kiyya je'ee walitti qabatee keessa taa'a!! #Magan @dhaamsa_koo

photo content