Creative Dev
Open in Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
Show more2 423
Subscribers
-724 hours
-217 days
-9230 days
Posts Archive
2 423
Dabareen keessan hoo yoomi laata?
ππππππππππππ
Waggoota dheeraaf beekkumsa shari'aa kennuun namoota hedduu ilmiidhaan ibsaa kan jiru Koolleejjin Islaamaa Iimaan bara kanas barattoota sagantaalee adda addaatiin barsiisaa ture 538 eebbisiisee jiraachuun yaadannoo yeroo dhihooti. Amma ammoo galmee barattoota haarayaa eegaluu isin beeksisa.
Maarree isinis koolleejjii beekkumsa shari'aa filannoowwan hedduun barsiisuuf carraaqaa jiru kanatti makamuun gammachuu ganda lamaa gonfadhaa. Beekkumsa shari'aatis horadhaa!!
Galmaa'udhaaf Liinkii kana tuqaaπ
https://forms.gle/37KiDoyvxVrah6Uc9
Barumsi Onkoloolessa 15 ni Eegalama.
Odeeffannoo Dabalataaf:-
π Fageenyaan fi online
+251930589675
+251930589674 Bilbilaa !
Facebook
[ https://www.facebook.com/imanislamicassociation/ ]
Telegram π
https://t.me/Iman_IslamicCollege
#Koolleejjii_Islaamaa_Iimaan #Beekkumsa_Islaamummaa_Hundumaaf
#Galmaahaa_Baradhaa_Eebbifamaa
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
2 423
Dabareen keessan hoo yoomi laata?
ππππππππππππ
Waggoota dheeraaf beekkumsa shari'aa kennuun namoota hedduu ilmiidhaan ibsaa kan jiru Koolleejjin Islaamaa Iimaan bara kanas barattoota sagantaalee adda addaatiin barsiisaa ture 538 eebbisiisee jiraachuun yaadannoo yeroo dhihooti. Amma ammoo galmee barattoota haarayaa eegaluu isin beeksisa.
Maarree isinis koolleejjii beekkumsa shari'aa filannoowwan hedduun barsiisuuf carraaqaa jiru kanatti makamuun gammachuu ganda lamaa gonfadhaa. Beekkumsa shari'aatis horadhaa!!
Galmaa'udhaaf Liinkii kana tuqaaπ
https://forms.gle/37KiDoyvxVrah6Uc9
Barumsi Onkoloolessa 15 ni Eegalama.
Odeeffannoo Dabalataaf:-
π Fageenyaan fi online
+251930589675
+251930589674 Bilbilaa !
Facebook
[ https://www.facebook.com/imanislamicassociation/ ]
Telegram π
https://t.me/Iman_IslamicCollege
#Koolleejjii_Islaamaa_Iimaan #Beekkumsa_Islaamummaa_Hundumaaf
#Galmaahaa_Baradhaa_Eebbifamaa
2 423
Dabareen keessan yoomi laata?
ππππππππππππ
Waggoota dheeradhaaf beekkumsa shari'aa akka horatan gochuun namoota hedduu ifnan ilmii biraan gahaa kan itti fufe Koolleejjin Islaamaa Iimaan bara kanas barattoota sagantaalee adda addaatiin barsiisaa ture 538 eebbisiisee jira. Isinis koolleejjii beekkumsa shari'aa filannoowwan hedduun barsiisuuf carraaqaa jiru kanatti makamuun gammachuu ganda lamaa gonfadhaa.
Galmaa'udhaaf Liinkii kana tuqaa
https://forms.gle/37KiDoyvxVrah6Uc9
Barumsi Onkoloolessa 15 ni Eegalama.
Odeeffannoo Dabalataaf:-
π Fageenyaan fi online
+251930589675
+251930589674 Bilbilaa !
Facebook
[ https://www.facebook.com/imanislamicassociation/ ]
Telegram π
https://t.me/Iman_IslamicCollege
#Koolleejjii_Islaamaa_Iimaan #Beekkumsa_Islaamummaa_Hundumaaf
#Galmaahaa_Baradhaa_Eebbifamaa
2 423
Dabareen keessan yoomi laata?
ππππππππππππ
Waggoota dheeradhaaf beekkumsa shari'aa akka horatan gochuun namoota hedduu ifnan ilmii biraan gahaa kan itti fufe Koolleejjin Islaamaa Iimaan bara kanas barattoota sagantaalee adda addaatiin barsiisaa ture 538 eebbisiisee jira. Isinis koolleejjii beekkumsa shari'aa filannoowwan hedduun barsiisuuf carraaqaa jiru kanatti makamuun gammachuu ganda lamaa gonfadhaa.
Galmaa'udhaaf Liinkii kana tuqaa
https://forms.gle/37KiDoyvxVrah6Uc9
Barumsi Onkoloolessa 15 ni Eegalama.
Odeeffannoo Dabalataaf:-
π Fageenyaan fi online
+251930589675
+251930589674 Bilbilaa !
Facebook
[ https://www.facebook.com/imanislamicassociation/ ]
Telegram π
https://t.me/Iman_IslamicCollege
#Koolleejjii_Islaamaa_Iimaan #Beekkumsa_Islaamummaa_Hundumaaf
#Galmaahaa_Baradhaa_Eebbifamaa
2 423
Dargaggummaan fuula dura akka yaaddu si taasisa, maanguddummaan immoo,waan darbe,akka yaadattu si godha,yeroo amma harkaa qabdu kana keessatti immoo,qalbii dargaggummaa baattee deemuufi,qalbii maanguddummaa baattee deemuu keessaa,situ ufii filatee jala deema.
ila
Obboleessi,ceekuu obboleettii qabatee,addunyaa tanarraa,namni jajjabni eenyu jedhee gaafate,isiinis ana jetteen,ceekuu isii irraa achi fagaatee,addunyaa tanarraa,namni jajjabni eenyu jennaan,ana jettee? jedhee gaafate,lakki amma narraa achi siqnaan sihi jetteen,jalqaba sihi,amma ana tahee?jedheen.
Eeee
Yeroo ati ceekuu kiyya bira dhaabbatte sana,situ na moggaa jiraa,kanaaf ani humna keetiifi humna kiyya qaba,kanaaf jabduu taha,yeroo ati narraa fagaatte immoo,ani kophaa kiyya taha,yeroo sana dubartiin kophaa jirtu jabduu hin taatu,situ narra jabaadha,ati ilma dhiiraati jetteen.
Hohohoo
Obboleessi ufii gaachana ufiitii,hobolaa osoo hin taane,obbolaa namaa tahuu filadhu,namni namaaf gaachana tahuu caalaa,gammachuun biraa hinjiruu hubadhu!
Yoooo
Qalbii dargaggummaatiifi qalbii maanguddummaa jiddutti,waan argattuufi waan dhabdutu jiraa,waan harcaβee si jalaa hafu hunda,ija aalbiitiin toohataa sochoβi.
βοΈ Kush Land Sufian Usman Page
2 423
β±β₯βββββββ£
ββ©βπΌοΈβ€ββ€β€β
ββββββ©βββ
2 423
Hogganaa Hamaas #Yahya_Sinwar Rabbiin qubsuma keessan Jannatul firdowsii isiniif haa taasisu!! Qabsaawaan yoo kufes, qabsoon itti fufa. Fedhii Rabbitiin diinonni ni kufan, injifannoonis ni dhufa!!
2 423
Gaafa dur namuma beekkumsa qabuutu beekkumsa isaa sanaan osoo hawaasa fayyaduu - osoo hawaasaaf bu'aa buusuu - hawaasa biratti beekamtii horata. Kabajaas argata. Hawaasaatu faayidaa inni isaaniif buuseef jecha beekamtii laataaf malee ofiin barbaaduun tun hin jirtuun baana. Eeyyen dubbiin akkas turte duraan.
Amma ammoo osoo beekkumsa homaatuu hin qabne wallaalaan meeqa afooshaalee miidiyaa hawaasaa (social media) tanarratti ol bahee waan afaan isaa beeku hunda of keeysaa alba'ee hayyuu if fafakkeeysuu eegale.
Nama hawaasa keessa jiraatu biratti nama lama kan wal dhabe waliif galchuun ba'aa itti tahuutu, bu'aaf je'ee afaan isaa mi'eeyfatee, qalbii namoota keessoo isaa hin beeknee dhuunfatee wallaaltota akka isaa kuma lamaa ol walitti qabatee jidduu taa'ee itti iyyaa oola. Akka hayyuu if goggodhee fakkeessee haasa'uu eegala.
Yeroo tokkoof xiqqo beekamtii argannaan inumaatuu beekaa of seeheeti barachuu lakkisee achumarraa iyyaa oola. Suuraa isaa yero yeroon ol baasee maxxansa. Hayyoota gurguddoo wajjiin faa suuraa ka'eeti warra keessoo isaa hin beekne kanatti ol darba. Wallaaltonni isa jala olii fi gad fiigan kunneen isaas hayyuma akka hayyoota inni wajjiin suuraa ka'e saniiti seehan. Leenca keenya, hayyuu keenya, goota keenya, qashtii keenya, maaloo keenya...., usataaza keenya ja'aniiti isaanis faaruudhaan ajab of jechisiisaa yaada (comment) barreessaniif. Amma inniniis gammadeeti gammachuun of wallaala. Hay, ani hayyuu tahe, namni hayyuu naan jechuu eegale je'eeti lubbuu isaa sobuu itti fufa.
Yeroo nama beekaa beekamtiis waliin qabu argees kan inni dura yaadu waan ofiif hin beeyne gaafatee beekumsa inni qabu san irraa qooddachuu osoo hin taane, suuraa isa wajjiin ka'ee beekamtii akka isaa san beekkumsaan alatti barbaaduudha. Osoo deemuu boodarra namootuma beekamtii qabanii wajji ooluu fi suuraa ka'uuf je'ee amantii isaallee dagatee, fedhu nama waan Rabbi faalleysu jedhuu fi dalaguus maaliif hin taane beekamtii qabaannaan bira dhaqeetuma wajji oolee, suuraas wajji ka'ee miidiyaalee hawaasaa (social media) irratti maxxansuu qofatti booda aana.
Nama silaa adawwii isaa hunda sababa beekamtii qabuu fi suuraa wajji ka'eef qofa faarsuu fi ittiin dhaadachuu eegala. Waan silaa mormuu qabu mormuu dhiisee faallaa kanaa akkuma tiitichaa (titiisaa) bakka hin taane hundaa mul'achuu fi waan hin taane hundarra qubachuudhaan dhibeef if saaxila. Dhibeen of tahuu dhabdee nama tahuu fi beekkumsaan ala beekamtii barbaaduudhaan dhufe kun wal'aansi isaalleen ni jabaata.
Ararso Mohammed 'n ture!!
@dhaamsa_koo
2 423
Barreeyfamni ati Internet gubbaatti dubbistu, sammuu sin gabbisu, akka nyaata ariifachiisaa (fast food) ti. Nyaanni ariifachiisaan beela sirraa dhaaba malee qaama siif hin tahu. Kunis akkasuma. Kanaafuu oolmaa kee keeysatti sa'aati kitaaba dubbistu qabaadhu. Bilbila baachu irra kitaaba baachuutu qaroomina.
Rabbìin warra dubbisee hubatu baratee barsiisu nu haa taasisu.
2 423
Yeroo namni hundi sirraa baqatee kophaa tee taate wanni ati qabdu takkittiin Rabbii kee qofa. Rabbiin yeroo hunda akka si wajji tahe hoggas hubatta. Kan yeroo hunda si hin gatnee fi si waliin dhaabbatu Rabbii kee tahuunis siif galti. Kanaafuu yeroo hundumaa Rabbii keetirraa amantii guutuu qabaadhu!! π€π₯
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
https://www.facebook.com/100030498720215/posts/1268216970871582/?app=fbl
2 423
Yeroo namni hundi sirraa baqatee kophaa tee taate wanni ati qabdu takkittiin Rabbii kee qofa. Rabbiin yeroo hunda akka si wajji tahe hoggas hubatta. Kan yeroo hunda si hin gatnee fi si waliin dhaabbatu Rabbii kee tahuunis siif galti. Kanaafuu yeroo hundumaa Rabbii keetirraa amantii guutuu qabaadhu!! π€π₯
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
https://www.facebook.com/100030498720215/posts/1268216970871582/?app=fbl
2 423
Dubbii Ajaa'ibaa !!
Namni kun Maqaan isaa Michael H. Hart ja'ama. Barreeysaa kitaabaa fi Hayyuu seenaa beekkamaa dha. Keeysattuu Kitaaba "the hundered most influential in history" ja'uun beekkama. Kitaabni kun akka addunyaa tti beekkamaa dha. Hiikkaan isaatiis "namoota 100 seenaa addunyaa keeysatti dhiibbaa uumuun beekkaman" jachuu dha. Kitaaba kana bara 1978 keeysatti addunyaaf dhiheeyse. Waan hedduu namoota kumaatama dinqisiise, namni kun Kitaaba isaa kana jalqabarratti, "Muhammad (570-632) Prophet of Islam" jachuun Nabi Muhammad S.A.W lakkoofsa 1ffaa irratti barreeyse. Hoggaa kana "akkamitti Nabi Muhammad jalqaba irratti barreeysita?!" gaaffiin jattu isaaf dhihaannaan, "waggaa 1400 Dura nisobda jachaanii turan. Arra hordoftoota biliyoona 2 ol qaba. Kijibni namni baay'een kun Amanu hin jiru" ja'ee deebiseef! Kana caalaa wanni Ajaa'iba addaa sitti tahu namni kun Muslima miti. Maasha Allah!
Dhugaadha Nabi Muhammad S.A.W nama dhuunfaa isaatti addunyaa tana roga hundaan jijjiiree dha.!
Dubbiin tun namoota biliyoona ol ajaa'ibsiifte.
2 423
Akka badii teenyaatiin silaa halaakamne. Garuu Alhamdulillaah akkuma Rahmata Rabbiitiin as eegne. Yaa Rabbi badii teenya nuuf araarami, akkuma Rahmata keetiitiin nagaya nu godhi. Osoo hulaan toowbaa hin cufamne toowbachuu nuuf laaffisi, cufa qaama keenyaa badii irraa nuuf tiksi yaa Rahmaan π€²
Alhamdulillaahπ
@dhaamsa_koo
2 423
Akka badii teenyaatiin silaa halaakamne. Garuu Alhamdulillaah akkuma Rahmata Rabbiitiin as eegne. Yaa Rabbi badii teenya nuuf araarami, akkuma Rahmata keetiitiin nagaya nu godhi. Osoo hulaan toowbaa hin cufamne toowbachuu nuuf laaffisi, cufa qaama keenyaa badii irraa nuuf tiksi.
Alhamdulillaah kirkirri lafaa mudatus nagaya baane.
2 423
Gareen 'Infinity βΎοΈ power" jedhamu akkuma jara 'Fias777' tti ammas uummata saamee bade ja'an. Waaβee garee kanaa hangaan odeeyfannoo qabutti ani durumaanuu shakkaatumaan ture.
Sahiboota koo dabalatee namootni natti dhihaatan hedduun waan kana akkaan seenuuf na yaamaa turanii jiru. Ani garuu amaluma kootirraahuu, hojii online tahus kaniin ogummaan qabuun jalqaba hojjadhee gatiin dadhabbii kootii naaf kafalamuun ala wantoota akkanaa kanatti hin amanu.
At least warroonnii akkanaa kun gaaf tokko nama kisaaranii deemuun isaanii waan na shakkisiisaa tureef irraa dhaabbachuu fi affeerraa naaf godhames diduun filadhe!!
Amma yaa jara keenya, mee hoggayyu waan akkanaa kanaan gowwoomfamaa hin oolinaatii dursaa sirritti gad fageenyaan qoradhaa. Waan akkanaa caalaa ogummaa mataa keessanii baradhaa ittiin hojjachuuf yaalaan dhaamsa kootiπ
Available now! Telegram Research 2025 β the year's key insights 
