Yeroon Tolassa
Open in Telegram
2 399
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
2 399
Iccitiin osoon booāuu gammaduu
Diina lammii kootin arge yeroo inni gaddu!š¤š
2 399
INJIFANNOO:Isaan buqqaāaa jiru;nuti ijaaramaa jirra!š¦
Kan injifanne harāa osoo hintaane gaafa tulluu shiraa fi gidiraa barootaf tuulamee dhibee nyaqarsaa caalaa biyya tana rakkise, iija isaatti xiyya darbannee iyyisiisuu fi gadoochuu eegalle sani. Hattuu haqa keenyaa agarreerra, adii fi gurraacha adda baafanneerra. Eegalamuun waan kanaa qofti uummata Oromootif boqonnaa qabsoo haaraa fi injifannoo guddaadha.
Kan kanarraa hafe eenyu wajjin walāaansoo akka eegalle daqiiqaf dagachuu hinqabnu. Qabsoon eegalame qabsoo buāaa baāii hedduu, tooftaa fi tarsiimoo humna namaa, qabeenyaa, beekumsaa fi yeroo gaafatudha.
Sochiin gidduu kana godhamaa jiru olola jechaatin caalaa gochaan kan deeggaramedha. Lafarratti kan gad qabatedha. Isaan buqqāaa jiru, nuti dhaabbachaa, isaan coolagaa jiru, nuti biqilaa jirra. Isaan ololatti jiru, nuti hojiitti jirra. Jara kanatu maraachaa jira.
Shira guddaa fi xaxamaa umrii jaarraa meeqaa qabu kan namuu itti buāuuf sodaatu san daaraa botoroo goonee, torban takkatti qofa hanga kana deemnee, caasaa keenya diriirfachaa jirra. Dhaloota itti ijaaraa jirra. Hidda isaanii cirree buqqisaa jirra, kan keenya gad dhaabaa jirra. Sochiin eegalame ilaa fi ilaameedhan akka lamuu hinsochoonetti lafaa fi lafee dhalootarra dhalootan dhaabbachaa jira. Sochiin gidduu kana godhamaa jiru waan tokko ragaa nuuf baāa. Manneen murtiis taāee qaamoleen nageenyaa nurraa fagoo hinjiran.
Ammaan tana dhimma kanarratti hordoftoota amantichaa qofa osoo hintaane Uummanni Oromoo balāaa fi mootummaan waliin hojiitti jira. Kanarratti olola osoo hintane hojii eegalametu ragaadhan nu fuuldura jira. Jara santu maraachisa. Addatti wanti guyyaa harāaa taāe lamaanuu injifannoon keenyuma.
Jarri masaraa keessaa akeekkachiisan baāan. āDhimma keessan keessumatti fixadhaa, gara hiriira hokkoraa fi jeequmsaatti seennan obsi hinjiruā yaada jedhuun baāan. Kan mana murtiitis tarsiimoo salphaadha. Kan baramuu qabu nuti amma sadarkaa maglacaatirra osoo hintaane qeāee keenya qabannee kan buqqaāuu qabu buqqisaa, kan ijaaramuu qabu ijaaraa, sadarkaa hiddaa fi damee dagaagfachuutirra jirra. Saniif deeggarsa uummataa fi mootummaa qabna.
Jalqabbii gaariirra jirra. Kana booda isaanii miti nutuu of duuba deebina osoo jennee hindandeenyu! Amma kan nurraa eegamu sagantaa fi tarsiimoodhan sochoāuu qofa. Olola diinaa osoo hintaane dhaamsa firaa qalbifachuu qabna. Madda odeeffannoo fi ajajaa, Eenyu akka deeggaruu, dhagaāuu fi hordofuu qabnu beekuu qofa. Hojjannee agarsiisuu qofa. Isaan buqqaāaa jiru, nuti ijaaramaa jirra, Injifannootti jirra! Yaa Oromoo jabeeffadhu irree, duubatti deebin waanuma hinjirre!š¦
2 399
Dubbii guddoon tan masaraa sani. Jarri masaraa mootummaatti kan yaamamaniif dhimma marii amantiitif osoo hintaane, dhimma āHiriira maal maalā jedhanii ololaa jiranirrattiā¦āobsi takka akka hinjirre, akeekkachiisa dhumaa dhagaāuufiā¦
Dura āMmummichaa Ministeeraa waliin ye macarrashaa haasatti jirra nu eegaa, ibsa kenninaā jechuun dhaadachaa turan. Booda dhufanii kan ibsa kennan waayee oolmaa muummicha waliinii osoo hintaanee waayee oolmaa mana murtiiti;)
2 399
Wanni biyya tana keessatti adeemaa jiru gosa siyaasaa osoo hintaane adeemsa badanii balleessuti.
Dogoggora siyaasaa qofa osoo hintaane cubbuudha. Ergaan kun ergaa qaamota siyaasaa caalaa sagalee ijoollee fi haadholii lammiilee nagaa ibiddaa fi dukkana keessa jiraniiti.
Iji madaa dhalootaa argu;gurri booāicha qulqullootaa dhagaāu ilmi namaa sammuu fi miira qabu yoo biyya tana keessa jiraatef haa qalbifatu!
2 399
-Hundaafuu ifa taāuu kan qabu; dhimmi JaalMarroo faāaa ammaan tanatti dhimma dhalootati. Dhimma haadholii fi abboota Oromooti. Dhimma obboloota keenya kumaatamaan hacuuccaa fi gidiraa suukaneessaa qeāeetti itti dhufte ofirraa qolachuuf gatii gita hinqabne kaffalaa jiraniiti. Dhimma Miliyoonota qote bulaa fi ilmaan qote bulaa Oromooti. Dhimma dhiigaa fi lafeeti, dhimma lubbuuti.
-Yeroon kun yeroo itti kaleessa qofa ilaallee deemnuu fi dubbannu osoo hintaane yeroo itti waan harāa qabatamaatti jiru baayāee isaa dhaabannee itti ilaalludha. Jechi dubbannus taāe gochi goonu akka kana duraa olola nama dhuunfaarrattii osoo hintaanee lubbuu dhalootaarratti akka taāee hundi keenya beekuu qabna.
-Kana wallaalla taanan dogoggora qofa osoo hintaane seenaa keessattis, fuula rabbii durattis gatiin dhiiga qaroowwanii fi kichuuwwan gaaraa fi lagatti roorroo diddaaf kufaa jiran sanaa cubbuu fi abaarsa nutti taāuun waan hin oolle.
-FURMAATA:As biratti akkuma jedhame furmaanni qaama tokkoon kaaāamu hinjiru. Furmaanni marii Obbolummaa Oromummaa qofa. Furmaanni Marii Abboota qabsoo dhimmichi ilaallatuu qofa. Kunimmoo qeeqaa fi xiinxala deeggartootarraa walitti darbatamuun caalaa; hayyootaa fi hooggantoota qabsoo siyaasa Oromootirraa kallattii kaaāamuun dhufa.
-Walumaagalatti dhimmi Obboloota keenya gama qabsoo hidhannootin jiranii kun; qaamota mootummaa birattis taāee mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhimma akka salphaatti ilaalamuu hindandeenyedha. Dhimma hiree dhalootati, dhimma lubbuu dhaloota kanaa taāuun isaa beekamee of eeggannoo fi xiyyeeffannoon waliin waliif hojjachuu; tarkaanfachuun hundaafuu dirqama taāedha.
-Ergaan kun qaamota mootummaa dabalatee hooggantootaa fi hayyoota qabsoo Oromoo bitaa fi mirga, alaa fi keessa, magaalaa fi baadiyyaa jiran, akkasumas ilmaan Oromoo quuqama miidhama saba keenyaatif dhukkubsataa jiraatan maraaf haataāu! Galatoomaa!š
2 399
-Torban kana waa qalbifattanii? Humna uummata Oromoo kana argitanii garuu? Siyaasa jara Killilii sadii nama 3 hiinan raacha haroon irra gogdee taāee Maayikiroo sekandii keessatti bakka dhaqe dhabne. Mee kan Oromoo kana ilaalaa? Waggaa 150 oliif humni taankii fi baankii meeqa boca saba kanaa gama hundaan gara dabarsuuf yaalamee waa takka dadhabame.
-Humni saba kanaa humna paartirratti hirkatee deemullee miti. Fkn Jarri Tigraay osoo TPLF kufee hireen uummatichaas garri caalu wajjumaan kufa. Kan jara 3 silaa guyyaa takkatti agarre. Kan keenya garuu adda. Sabni Oromoo akkuma jedhame dhuguma Galaana! Coba takka takkaan hinfaalamu, gannaa bonatti roobee caamus hin booraāu, hin hirāatu, hin raafamu!
-Uummata kana hoogganuufis taāee xuquuf humna uummata kanaa beekuu barbachisa. Waan barbaade kamiyyuu gochuu akka dandaāu abdachuu fi Itti amanuun amanamuufii barbaachisa. Uummata Oromoo; uummata sibiilarra jabaa!šŖ
2 399
Namni kuni motora qabsoo dhaloota kanaati; kaardii injifannoo dhaloota kanatti nuuf kennamedha. Waayee sagalee fi dhiibbaa nama kanaa ilaalchisee sabni kun walii isaatifis; hooggansa isaatifis dhaamsa ifa taāe qaba.
Innis Hooggantoonni Paartilee Oromoos taāee hayyootni Oromoo alaa fi keessa jirtan adaraa yerootti beekumsaa fi hubannoo, jabinaa fi cimina nama kanaatitti fayyadamaa irreen tokkoon Oromoof hojjadhaanā hawwii dhalootaati!š
2 399
Hayyootaa fi gootota Afrikaa kana lameen tokko harka Oromootu leenjise, tokko gadaamessa Oromootu daāee guddise. B/J Taaddasaa Birruu Nelson Maandeellaa ni guddise, Jawaar Mohaammadiin ammoo dhiigaa fi lafee ofiitirraa dhale! Hidda keenya miti foolin hidda keenyatuu addunyaa cunqurfamteef qoricha!!
2 399
Hayyuun Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa hawaasa keenya biyyoota alaa keessa jiraatan qunnamuuf imala eegalanii jiru. Hawaasni keenya gara bakka isaan itti imalanii jirtan simannaa gootaa fi hayyuuf maluun akka simattan abdiidha. Qabsaaāan akkanatti wal jaalata, akkanatti wal kabaja. Hamzaa keenya atis galatoomi. Baāaa galatti, bakka deeman maratti rabbi isaan haa milkeessu. Imala milkii;Imala gaarii Abbaa!ā„ļø
2 399
Hiriyoonni, Obboloonni koo jaalatamoo fi kabajamoon, akkasumas hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi baga ayyaana IIDAL-FAXIR waggaa 1443ffaatin isin gaāe! Ayyaana Gaarii!šā„ļø
2 399
Oromoo asxaa nameenyaa;Oromoo asxaa nageenyaa!ā¦Only Oromo! Only in Oromia! Addunyaa tanarratti taāiin kun ilmaan Oromoo Oromiyaan oomishte biratti qofa! Kuni suuraa kaameran kaafame qofa osoo hintaanee seenaa dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootin kaafamedha.
Biyya tanatu ofii jallatee nu yakke malee, addunyaan nurraa barachaa jirti. Biyya tanattis yoo taāe iccitiin harāa gaāuu biyya tanaatuu nuyi. Siyaasni keenyayyuu qulqulluudha. Gatiin keenya kana;Nu akkana;mana keessaa warri humna keenya dagattanii raftanis taāee alaa dhufaan nu hinbeekne nu baraa!š
