cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Nuura Qalbii ๐Ÿšฅ

Show more
Finland1 352The language is not specifiedReligion & Spirituality21 685
Advertising posts
4 271
Subscribers
No data24 hours
+177 days
+7230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#Guyyaa_Qiyaamaa_4 Shafa'aa Gaafachuuf ANBIYoota Deeman Eega Nabii Kkheenyaa Hundinuu Ni Didan Irra Caalaan Khalqii Sayyidni Jannataa Uummata Jaalatuuf Shafa'aa Gaafataa Jechasaa Hin Didu Rabbal Aalamiinnii Hedduu Garaa Laafa Muhammad Amiinii Hedduudha Ulfaata Dararaan Qiyaamaa Rabbiikhoo Nu Baasi Najaa Wa Salaamaa Dildila Qopheeysaa Rabbi Siraax Tolchee Nama Garii Dabraa Warra Rabbi Oolchee Namuu Ni Argataa Jazaa Waan Dalagee Gariin Cicciramee Dabra Jilbi Isaan Dhiigee Miizaanaatu Jiraa Kan Hojii Madaalu Isaan Murteeyfama Nama Kheyrii Caalu @Nuura_qalbii @Nuura_qalbii @Nuura_qalbii
Show all...
๐Ÿ‘ 5๐Ÿ•Š 1
Caalaa ilma nama enyuu ?Anonymous voting
  • Muhammad (SAW)
  • Adam (AS)
0 votes
โšก 22๐Ÿ’” 7๐Ÿ‘ 5๐Ÿ•Š 3
*DAQIIQAA 1 QOFAAF Jedhii Alhamdulillah. โ™ก*
Show all...
๐Ÿ’” 22๐Ÿ‘ 3
Haqa Haadhaa - Xiyyeeffannoon Haa Dubbifnuu ! T.me/mekkaaTV 1. Sagalee kee sagalee ishee irra ol kaaftee hin haasawiniin 2. Mormii hin barbaachifne hin morminiin 3.Osoo isheen dubbattee hin xumurin hin dubbatin 4. Maqaa isheetiin ishee hin waaminiin 5. Hirriba ishee osoo hin xumuratin ishee hin dammaqsiniin 6. Salaata hunda booda du'aa'iidhaan ishee yaadadhu 7. Akkuma gabrichi Rabbii Rabbii isaatiif of gadi qabu sana atis golga of gadi qabiinsaa kee gadi qabiif 8. Osoo si waamtee hin xumurin dafii jalaa awwaadhu 9. Manaa baatee alatti jalaa hin turin qalbiin ishee ni rifattiiti 10. Yommuu ishee ilaaltu ija itti hin bobaasin 11. Haasawa kan keetiin itti hin jabaatin 12. Yommuu siin loltu ati garuu hin lolin 13. Haasawa ishee hin tuffatin 14. Yommuu dhiphatteenii agartuun mari'adhuun 15. Yoo isiin rakkatte itti dhihaadhuu gargaariin 16. Yoo isiin dhukkubsatte ishee yaalchisiin 17. Yoo daaromte daara ishee baasi 18. Dhimma ishee hunda dhimma kooti jedhi 19. Yaadaa fii karoora ishee galmaqn gahi 20. Abaarsa ishee irraa of eeggadhu 21. Ishee mufachiisuu irraa fagaadhu 22. Waan isiidhaaf hin galle Suuta jedhii ishee hubachiisi 23. Haasawaa haala isheen hubachuu dandeessuun isheen haasawi 24. Eebba ishee irratti wal dorgomi 25. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin 26. Osoo isheen hin teenye dursitee hin taa'in โค๏ธJaalalli dhugaan jaalala haadhaa ti T.me/mekkaaTV ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ join my channel๐Ÿ‘‡ @Nuura_qalbii @Nuura_qalbii
Show all...
๐Ÿ‘ 13๐Ÿ† 2
#Muhammed๐Ÿฅฐ Ergamaa Rabbiiti maqaan Muhammedii toltuutti ajajaa dhoorka karaa badii Wal gahe addunyaa ifaan Makkaa ifee Qur'aana kennamee Muhammed nuuf dhufe Jechoota hawwataa siif fileen tarreessa wahee kee yoomille Na tooleen barreessa guyyaa buruu isaa Fudhata magantaa Ummatii ummatii ja'ee nuuf watwaataa sallu al Nabii salawaata buusaa guyyaa bareeffadhaa Qalbii tasgabbeessaa S A W ๐Ÿฅฐ @Nuura_qalbiiโœ๏ธ @Nuura_qalbiiโœ๏ธ
Show all...
๐Ÿ‘ 21๐Ÿ† 3๐Ÿ•Š 1
GAAFII #KRISTAANOOTA FI DEEBII #ISLAAMAA โฌ‡โžก#Kutaa_78ffaaโฌ…โฌ‡ IiSAA FI IYESUS TOKKO MOO GARGARI โ“ Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. โ–ถDeebiin gababan Eeyyeen tokkodha. โ†ชQur'aana keessatti maqaa Iisaa jedhu dubbatame. Kitaaba Wangeela jedhamu keessatti immoo maqaa Yesus jedhun dubbatame. Asirratti Garagarummaan maqaa kitaaba laman keessatti jiru garagarummaa afaanoota argisisa malee Garagarummaa dhufa isa miti. โ†ชQur'aana fi kitaaba Wangeela jedhamu keessatti akkuma wal fakkeenyi jiru Garagarummaan waa'ee Yesus/Iisaa ni jira.Adda adduman tokko tokko kan jiru immoo Macaafa isa kamtu dhugaa akka tahe baruudhaf nu gargara. โฉAmma kallatiidhan gara deebii gaafii gaafatameti yoo deebine; ragaa qabatama dhufa Yesus/Iisaa tokko tahu adda baase argisiisu akka arman gaditti ilaala. โ—€1โ–ถ Wal qunnamti saalaa malee(abba malee ) Dubree Maryam(Maariyaam ) irra dhalachu.Kun yesus/Iisaan tokko tahu ragaa guddaadha. Qur'aana *[Maryamis] โ€œyaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?โ€ jette.[Rabbiinis] โ€œAkka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse โ€˜taโ€™i!โ€™ qofa isaan jedha; yeroma san taโ€™aโ€ jedhe.{Suuratu Aali Imraan 3:47} Wangeela luqaas 1:34 *Maariyaam yommus, โ€œAnoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?โ€ jettee ergamicha gaafatte.* โ—€2โ–ถ Yesus/Iisaan Qur'aana fi kitaaba Wangeela jedhamu keessatti of isaatiif "Ani Waaqayyoodha na waaqeeffadha " jedhe dubbate ykn abboome hin beeku.Kunis wanti isa adda taasisu dha.Fallaa kan Inni Ergamaa tahu isa dubbate ykn dubbatame . Fkn.Qur'aana 4:171, 3:49, Wangeela yoh 17:3 ,12:44, 49-50 fi kkf. โ—€3โ–ถ Dinqii/Raajii isa adda taasisu hojjachu.Fkn.Waaqayyo tokkicha Allah kadhachun nama Alaazaar jedhamu du'a kaasu. Qur'aana 3:49 fi Wangeela Yohannis 11:41. โ—€4โ–ถ Yesus/Iisaan Qaama guutudhan gara samiitti/waaqatti ol fuudhamu.Qur'aana 3:55, 4:158 fi Wangeela Maarqos 16:19, luqaas 24:36-42. โ—€5โ–ถ Yesus bara dhuma immo gara biyyaa lafatti deebi'uf jirachu.Qur'aana 43:61.fi Wangeela Maatewos 24:30, Maarqos 13:26, luqaas 21:27 HUB.Qabxiilleen shan (5n) arman ol kun wal fakkeenya Iyesus fi Iisaa osoo hin tahin Qabxiillee Yesus Iisaa ykn Iisaan yesusin tahu addatti ragaa nuf bahudha. โ™ปโ™ปโ™ป @DrZakirNaikAfaanOromoo
Show all...
๐Ÿ‘ 7๐Ÿ•Š 1๐Ÿ’ฏ 1
Rabbiin tokko, sadii miti. Warri Rabbiin tokko jettan of eeggadhaaโ˜๏ธ
Show all...
Ani eenyuu na baytuu Kan nan jettu hadhoytuu Tan mi'dhaas murtuu Yeruma feete tan dhuftuu... 2x Ni dagatte na yadachuu Kanaaf dadhabdee jabachuu Kheyrii irrattis hirmachuu Ibadaadhaaf marxifachuu..... 2x Hin jiru kan na kijibsiisuu Ani dhufnaan na dhugomsuu Yeroon genyaan lipi sin tursisuu Abban fadhes sirra nan deebisuu.... 2x Ani niin beeka kan na sodatuu Kan duranuu addunyaaf tattafatuu Kheyrii dhisee sharrii filatuu Ajaja rahmaan kan dagatuu.... 2x Way hamilee tee dhertuu Tan waa hunda Akheektuu Tan na si irranfachiftuu Isiin yommiyyuu hin dhumtuu Hamman addan isin kutuu.... 2x An yeroof bakka hin lalladhuu Haala feedherratis si argadhuu Kuni xiqqa kuni gudda hin jadhuu Tujjaraaf miskiina addan hin filadhuu.. 2x โ– ANI EENYUU NA BAYTUU? โ–ก_ ??? Way bareedina addunyaa Nutti fakkate qabeenyaa Nu dhalchiftee hammenyaa Yoom laalle gad-fagenyaan.... 2x Arra baru jecha karoora kayyachaa Bara fi bara walitti dabalachaa Akkanaa akkasiin taha jechaa Haala kanaan jirata of abdachaa.... 2x Yaa Allah attumman nu qajelchii Kaatima teenyalle nuuf barechii Jannatul ferdaws Ollaa rasuulaa Yaa rahman,rahmata ketin nu galchii.... 2x share ....waliif godha. ๐Ÿ‘‰ JOIN US ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐ŸŒท https://t.me/Nuura_qalbii
Show all...

๐Ÿ‘ 4
Nama 1 afeeruun qarshii 3, nama 100 yoo afeertan birr 300 jechuudha ๐Ÿ•ฐ Guyyaa 3 qofaaf tura, dafaa itti fayyadamaa! โœ… Bot telegramaa hedduun soba ta'anillee inni kun dhugaa ta'uusaa mirkaneessinee jirra Qarshii kana hojjechuufis step 4'n kanneen hordofaa: 1. Link kana tuquun start godhaa: ๐Ÿ‘‰ https://t.me/hulepay_official_bot?start=r09317865611 2. Channel isaanii lamaan @hulepay_payment fi @hulepay_official join godhaa 3. Itti aansuun 'Check' kan jettu tuqaa 4. Referral link isiniif kennamu namootaaf share godhaa! Nama 1 irratti qarshii 3 kan kaffalu yoo ta'u, qarshii keessanis karaa telebirr isiniif kaffalama! Qarshii 10 fi isaa ol yeroo geessan baafachuu ni dandeessu! Itti fayyadamaa!
Show all...
๐Ÿ‘ 3๐Ÿ† 2๐Ÿ™ 1
Guuyyaa 3f qofa kan turudha https://t.me/hulepay_official_bot?start=r09317865611 Dafaa galmaa'aa nama 1 affeeruun birrii 3 argattu Osoo isin jalaa hin dhaabbatiin dafaa fayyadamaa https://t.me/hulepay_official_bot?start=r09317865611 https://t.me/hulepay_official_bot?start=r09317865611
Show all...
๐Ÿ‘ 4