cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB► *Godoliyaas*

Show more
Finland1 113The language is not specifiedReligion & Spirituality16 291
Advertising posts
5 760
Subscribers
+1124 hours
+787 days
+64630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
#Olbahuu_Kiristoos [HDB 1:6-11) ➥Yeroo walitti qabamanitti duuka bu'oonni, "Yaa Gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafiiree?" jedhanii gaafatan. Inni immoo,"Yeroo yookiis bara Abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne. Isin garuu, Afuurri Qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu" isaaniin jedhe. ➥Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara samiitti ol bahe; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.  Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo, namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii, "Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Iyyesuus, inni isin biraa gara samiitti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara samii dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin. Eebbi Ayyanichaa nurra haa bulu! Ameen!     ⚜⚜@Kalabhiyahu ⚜⚜
Show all...
25🥰 4👏 1
Yeroo Kiristaanotaa Miidiya Sootiriyaa waliin Gaa'ela dhaabbattanii moo dhaabbachuuf karoora qabdu? Mee qophii kana hordofaa irraa baradhaa! Qophii keenya har'aatin! Gaa'ela irratti   #Kutaa 1ffaa #Gaa'elli maali? #Yoom hundeeffame #Fakkeenyi gaa'elaa fi mana kiristaanaa fi gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkamiin ilaalama? #Eefeson boqonnaa 5 lakkoofsa 22 hanga 32 dhimma #gaa'elaa icciitin ibsame akkamiin hubatama? #Sirnootni gaa'elaa mana kiristaanaa keenyaa akkamiin ilaalamu Miidiyicha jajjabeessun kiristaanota wal haa agarsiifnu #subscribe, #share fi #like akka gootan isin yaadachiifna https://youtu.be/rUcINM55bcM
Show all...
Af-gaaffii dhimma gaa'ela qulqulluu(kiristaanotaa) irratti M/TS/M/A Luba Dibakulluu wajjin taasifame

Yeroo Kiristaanotaa Sootiriyaan sagantaa haaraa fi bal'aa ta'e ummata kiristaanaaf qabattee dhuftee jirti. Sagantaa #Yeroo #Kiristaanotaa jedhama Yeroo dhimmi kiristaanotaa itti baratamu Yeroo kiristaanotni walirraa baratan Yeroo kiristaanotni wal mari'atan Yeroo sirna kiristaanotaa addunyaaf ibsinee barsiifnu Yeroo kiristaanotni itti wal gorsan Yeroo tajaajiltootni, maatiin, lubootni fi monoksoonni gamtaan waliin dabarsan Sootiriyaan qabattee dhuftee jirti Yeroo dhimmi diinagdee kiristaanotaa itti xinxaalamu Yeroo gaa'elli kiristaanotaa itti kunuunfamu Yeroo jiruu luboota baadiyyaa itti hubannu Yeroo jaarsummaa fi safuun hawaasa keenyaa ija amantaan itti hubatamuudha Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuf #subscribe ,#share fi like gochuun hawaasa kiristaanaa bal'aa biraan gahaa Yaadaa fi gaaffii sagnataalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsota bilbilaa +251982084408 / +251982085508 irratti nuuf bilbiluu dandeessu. Tajaajilicha bal'inaan argachuuf ykn immoo Kiristaanota biraan gahuuf karaa linkiiwwan armaan gadiitin #Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ➭YouTube ►

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel ►

https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page ►

https://www.facebook.com/soteriamedia21

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #amen

13👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
Kiristaanummaa dhugaan jireenya #ana jedhanii jiraatan osoo hin taane #nuyi jedhanii jiraatanidha. Kiristaanummaan jaalaladha. Akka abboota keenya Q.Yohaannis Afaan Warqee, Q. Baasliyoos fa'a madaan (dhukkubni) hiyyeessotaa yoo sitti dhagame, beelli isaanii yoo si beelesse ati kiristaanadha. Hamma of wareeguutti rakkattoota cinaa yoo dhaabbatte, kan siif barbaachisu hunduu isaaniifis kan barbaachisu ta'uu isaa yoo amante, ati duukaa bu'aa Kiristoos isa dhugaadha. #Abbaa_Shinoodaa_III Lafa nagaa oolaa🙏
Show all...
21🙏 4👍 2🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qaama Eebbifamtuu⚜ ►Ijji eebbifamtuun yeroo hundaa jecha waaqayyoo dubbisti! ►Gurri eebbifamtuun faaruu gaabbii dhaggeeffachuun of ijaarti! ►Qoonqoo eebbifame irratti bishaan qulqulluutu dhangala'a! ►Arrabni eebbifamtuun Qulqulluu Foon fi kabajamaa Dhiiga gooftaashii fudhatti! ►Afaan eebbifamtuu irraa dubbiin 'Galata Waaqayyoo' jedhu hin dhibamu! ►Mormi eebbifamtuun fannoo qulqulluu dhiigni gooftaa irratti dhangala'e baatti! ►Laphee eebbifamtuun jaalala Iyyesuus fi haadhasaan guutamti! ►Harki eebbifamtuun nyaata isheef dhiyaate maqaa Waaqayyoon eebbifatti! ►Miilli eebbifamtuun ganamaa fi galgala mana qulqullummaa dhaabatti! "Ani Waaqayyo waaqa keessanidhaa, qaama keessan qulqulleessaa, qulqulluus ta'aa , Ani qulqulluudhaatii!" S.Lew 11:44      ✍Abbaa Shinoodaa III
Show all...
27👍 5
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Show all...
👍 2👏 1
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
#Faarfannaa-Taklahaayimaanot Faaruun Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan qophaa'e kan abbaa keenya qulqulluu #Taklahaayimaanot akkuma beellama keenyatti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera. Liinkii armaan gadiin seenaa ittiin galateeffadhaa! Miidiyicha jajjabeessuuf #subscribe @share fi like godhuu hin dagatinaa Yaada fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsa bilbilaa 0982085508n nuuf bilbilaa Liinkin kunoo https://youtu.be/VgTi0Kn9wOo
Show all...
Ulfinni kee// Faarfannaa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin

Faaruu Afaan Oromoo Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin qophaa'e. Ulfinni kee kennaan kee jabaa... Tajaajilicha bal'inaan argachuuf yookin immoo Kiristaanota biraan gahuuf karaa linkiiwwan armaan gadiin seenuu dandeessu Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ➭YouTube ►

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel ►

https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page ►

https://www.facebook.com/soteriamedia21

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #amen

👍 14 5🥰 2👏 1
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Show all...
2
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
⚜️Debre Mixmaaq [Tulluu Mixmaaq]⚜️ ➭Ayyaanni kun #Caamsaa_21 kabajama.  Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin dubroo Maariyaam biyya Gibxi tulluu mixmaaq jedhamuu irratti gulilaata mana kiristaanaa maqaa isheen ijaaramte irratti markaba ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha. Namootni baay'een warreen Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis ergamootnii fi qulqullootnii ni jiru ture. Ergamootnis akkas jechaa galateeffatuun ture,  "Waaqayyoo Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, akka kee kan ta'u garuu hin arganne; ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa nama ta'e!" Qulqullootni, wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja isheef ni sagadu ture. Warreen achi turanis isheedhaan eebbifamaa turan, kan abbaa fi haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture. ➭Akkasiin guyyaa shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Muldhatni haadha keenya Tulluu Mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa araarsummaa haadha keenyaa fi namoota ilma ishee Kiristoosiin amananiif abdii kan itti agarsiistedha. Warreen ishee arganiis akkuma qulqulluun Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru, "Waaqayyo iddoo buufata Yaaqoob hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin in jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo, wanti ulfina-qabeessi waa'ee keef in dubbatama;"  Faarf. 87፥2-3. ➭Sababa kanaaf guyyaan kun ayyanota haadha keenya 33'n keessa tokko ta'ee ni kabajama. Waaqayyo Jaalala Tsiyoon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam laphee keenyarra, mi'awaa maqaa ishee immoo afaan keenyarra  nuuf haa bulchu! Ameen!         ⚜️Ayyaana Gaarii⚜️            
Show all...
18👍 9
Photo unavailableShow in Telegram
Debre Mixmaaq (Tulluu Mixmaaq)
Show all...
3
#Eeyyama_Waaqayyoo [ፈቃደ እግዚአብሔር] ➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista? ➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte, Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti hin kabajamne irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya! ✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti ❓Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte? Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada! Tajaajilicha hordofuuf👇 Facebook ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

22👍 10