en
Feedback
TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

Open in Telegram

“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” — Far. 133:1

Show more
373
Subscribers
-124 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
Nagaan waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayatuu Waan na mudatee tokkoon isinitti hima guyyaa tokko Waldaa qaala Hiwoot Baakkoottii Guyyaa dilbataaarra lallaabaa osoon jiruu Lallaban ani qopheesse lallabaa jiru keessatti qabxii baaseen osoon lallabaa jiruu qabxii koo jalatti Iyyoob 35:37 yommuun kennuu Amantootnii Taa'anii barataa jiran Keessaa tajaajilaan tokkoo akka naaf dubbisuuf nan gaafadhe innis lakki wangeelaawwii lakkoofsa kana hin qabuu nan jedhe jennaan macaafni kee hin qabu yoo ta'eyyuu kan koo immoo qaba jedheen fubbisee lallabichas kanan qopheesse macaafa qulqulluu bilbila irraa qabuunidha sababni isaas ijji kiyyaa dubbisuuf Glass waan na barbaachisuuf glass waan hin qabneef jedheebilbilli ifa waan qabuuf bilbila irraan fayyadame. Lallaba koo xumureen deebi'ee taa'ee Waa'een mucaa kanaa sammuu koo keessa na deddeebi'ee jennaan maliif lakkofsa kana hin qabu naan jedhee?jedhee yommuun dhaqee gaafadhuu mucaan kunis macaafa banee yommuu na argisiisu lakkoofsichii hin jiruu kana irraa kan ka'ee isa bilbila irraas isa sanas wal cina qabee ilallaan baayyee wal irraa fagoodha Amanuu dadhabeen NIV (New International version Bible) Manaa waanan qabuuf galeen yommuun ilaaluu inni Hard Copy irraa sirriidha Guyyaa sanaa kaasee App isa bilbila irraa kana baayyee qorannoo gaggeessuun eegalee waan dogoggora ta'eerraan isiniif qoodee of eeggannoo isiiniif kenna jedheen dhufee. Kanaan hin dhaabadhuu Waan dogoggora qabuu isin hubachiisuudhaaf borus hin boqodhu Share gochuu hin dadhabiin waan share gooteef gooftaan si haa eebbisuu obboloota koo kanneen Macaafa Qulqulluu soft copy bilbila irraas, Computera irraa, Tablet irraas kan qabdan keessuma app kana kan fayyadamtan Of eeggannoo godhaa Sababni isaas anii Macaafa qulqulluu fi kitaabota hafuuraa dubbisuu baayyee nan jaalladha. Baayyee waanan dubbisuuf dogoggora app kanarratti argeen isiniif share gochuu barbaade Maalidha dogoggorri isaa yoo jettan ❶ 2Seenaa baraa 6:1-11 fi lakk 18-42tti jira Kutaan kun lakkoofsa 12-17 of keessaa hin qabu ❷ Abboota Firdii 16:1-17 fi lakk 23-31tti qofaa qaba Kutaan kun lakkoofsa 18-22tti hin qabu ❞ Iyoob 35:1-16 qofaa qaba garuu app kana irraa lakkofsi dabalataa itti dabalameera Lakkofsii kutaa kana keessatti dabalamee lakk 17-36 kan jiruu lakkoofsa dabalataati Egaa anii kanan jechuu barbaadee Tajaajiltootniifi Amantootni Hadaraa keessan Macaafa qulqulluu Hard copy of harkaa hin dhabiinaa Macaafa bilbila keessan irraa qabdanitti of hin gatiinaa, Bilbila koorraas macaafa qaba hin jedhiina sababni isaas Yerichii Yeroo fhumaati, Bara technology akka ta'ee hundi keenyayyuu beekna kun dhokataa miti. Haata'uu malee Teknooloojiittii hirkannee Sagalee waaqayyoo Wareegama guddaan dhufee nu bira ga'ee kanaa akka hin malleetti qabuu fi itti fayyadamuun nurraa hin jiraatu hadaraa kanan isiniin jedhu Keessumaa tajaajiltootni macaafa qulqulluu Hard copy isaa bitaa kaawwadhaa sababni isaas ergamni amma deemamaa jiruuf tecnolgy da'oo godhatanii macaafa Qulqulluu dhaloota harkaa harcaasanii boodarra immoo kan bilbila irraa qabnu iyyuu dismissed gochuudhaaf kaayyoon kun kanaafuu hadaraa of eeggadhaa of eeggannoodhaan deddeebi'aa #Yoo_Dandeesse_share_godhii_dhaloota_qaqqabsii Hw Camadaa Garbaaba

👉 Haala mootummaa bara baraa yoo ilaale:- a, Samii Haaraa fi lafa Haaraa Isa 65:17, Mul 21:1 b, Ifni aduu fi jinnii hin jiraatu,dukkaanni hin jiru,hoolichi ibsa waan ta'eef. Mul 21:23,22:4-5 c, Sirni due turan ,du'i iyyu,gaddi, deebi'e hin jiraatu Mul 21:4, Mul 21:22 d, Qulqullootni Waaqayyoo Ni sagaduu,Ni galatteeffatuu,,Ni farffatuu mul 4:9-11, 5:8-14, 7:9-1 e, Qulqulloonni Kaakuu Moofaa fi Kaakuu haaraa hundumaatuu tokkummaadhaan Isa bara bara mootummaa Waaqayyoo keessaa wqy wajjiin gammachuudhaan bara hamma bara baraaatti jiraatuu Eeebbiffammaa eebbiffammaa. 🙏🏻🙏🏻🙏🏻🙏🏻🙏🏻🙏🏻🙏🏻

✔maqaan dhiphinaa waggaa torba kun; 👉 Guyyaa guddaa sodaachisuu Erm 30:7, Dan 12:1 👉 Guyyaa gooftaa Zak 14:1 Mul 4:1-5 👉 Dheekamsa dhufuu Isa 26:20. 1Tas 1:10 👉 Bara dhumaa Dan 11:40 2Xim 3:1 👉Dhumaa biyyaa lafa mat 13:39 ✔ Dhiphinni guddaan waggaa 7fidha. Dan 12:1,9:26-27 ✔ Ka'umsaa dhugaa baatotaa lamanii Mul 11:3-12 ✔ Jalqaba dhiphina isa guddaatti Waaqayyoo dhugaa baatotaa lama akka ergu ilaala. ✔ Mul'achuu masii sobaa 1Tas 2:3-4,6-8 Mul 13:1-10 ✔Dhiphinni guddichi masii sobaaf haala gaariidha. Inni nama badiisatti. Gara waltajjii siyaasa Kan dhufu yommuu ta'uu, Israa'el wajjiin kakuu waliin gala.waggaa sadii fi walakkaa booda kakuu diigee Dan 9:27 israa'eliin arii'ata. Mul 12:1_17 iddoo qulqullaa'a xuraa'aan dhaabbata. Dan 9:27 mat 24:15 2Tas 2:3-4 of tulluummaan mataa Isa ol qabata. 2Tas 2:4 Ani waaqa jedhe mana Qulqulluummaa keessaatti labsa. 2Tas 2:4 ✔ Israa'eel qalbii geeddarachun gara waaqatti deebi'uu ishee ,fayyuu ishee Zak.12:10,Rom 11:26 ✔ Dhiphina isa guddicha keessaatti Kan fayyan Ni jiraatu. Kunis dhugaa baatotaa lamaniin ta'a.isaaniis namoota danuudha.israa'eel ykn hambaa yihudoota 144000 Zak.12:8-10 Rom 11:26, Qomoo, Saba fi afaan hundumaa keessaa mul7:9-17, Mul 14:5 mat 24:14 ✍ 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐮𝐊𝐊𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐮𝐊𝐊𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐮𝐊𝐚 (1000) 👉 Yesus kristos Qulqullootaa isaa wajjiin biyyaa lafa kana gubbaatti waggaa 1000 mo'uudhaa Ni dhufa. Dan 7:13-14 mat 19:28 Mul 20:4-6 ✍ Amala mootummaa waggaa Kuma 1000 1, mootummaa qajeelummaa fi nagaati.. Isa 11:3-5 2, Beelladaa fi Bineensa daggalaa giddúu Wal lolun hin jiraatu. Isa 11:6-9. 65:25 3, umriin namoota dheeraadha. Isa 65:20-22 4, lafti Waaqayyoon beekuun guutamti. Isa 11:9- erm 31:34 5, uumamni garbummaa badiisa jala bilisa ba'a Rom 8: 19-22 ✍ Mootummaa waggaa kumaatti Diyaabiloos maal ta'a. ✔Gooftaa Yesus qulqulloota isaa wajjiin Yeroo dhufu Diyaabiloos qabamee waggaa kumaaf lafa jalatii hiidhama. Mul 20:1-3 👉Diyaabiloos yoom Firdii fudhataa? ✔Xumuraa mootummaa waggaa kumaatti Diyaabiloos hiidhadha hiikama. ✔ Namoota mootummaa waggaa Kuma keessaa jiraatanii fi dhalatan, dhuunfaatti gooftaa warra hin amanne gowwomsaa Mul 20:7-9 ✔ Yeroo kana Diyaabiloos ykn Seexanni inni isaan gowwomsee kuufama ibiddaatti darbatamee bara hamma bara baraatti dhiphata. Kunis seexannaaf Firdii dhumaati. Mul 20:10 ✍ Cubbamoonni Gatii hojii isaanii Yoom fudhatuu?? ✔ Cubbamoonni Kan isaan firdii argatan Firdii isa dhumaa irraatti. ✔ Firdiin dhumaa immoo Kan inni xumuramuu dhumaa mootummaa kuma fi Seexanni fi Ergamoonni isaa gara kuufama ibiddaatti erga darbatamani boodadha. ✔ Yeroo kanatti du'a ka'uutu ta'a. ✔ Firdiin inni dhuma Kun Firdii teessoo adii jedhama. ✔ Yeroo kanatti Kan raawwatamuu Yeroo warri du'an kaa'an ta'a. ✔Inni Kun du'a kaa'uu isa dhumaati. Du'a ka'uu isa duraa( warra kristositti amanan,warra ol buutaman ,mootummaa waggaa Kuma booda ta'a ta'a. Mul 20:5 ✔warri du'a ka'uu lammataa kanatti kaa'an du'a baraa baraatti kaa'u. ✔isaan Kun Jireenya bara baraa hin qaban . ✔maqaan isaanii kitaabaa Jireenya bara baraa irraatti barreeffama hin argamuu. ✔isaan Kun gara ganahaam ykn gara kuufama(galaana) ibiddaatti gatamuu, ✔Bara hamma bara baraatti dhiphatuu Mul 20:6-14,15 ✔dhumni du'a ka'uu 2ffaa Kun Yeroo jibbiisisa bara barati. ✔Firdii du'a ka'uu ykn du'a ka'uu bara baraati. ✔Du'a ka'uu booddee jedhama. Dan 12:2 mat 24:41 ✔Yeroo firdii teessoo adii jedhama. ✔si'a kana lafti fi samiin ni darbuu. ✔ Du'aa fi si'ool of keessaatti Kan qabatan warra du'an erga kennanii booda Jiraachuu hin danda'an ✔Yeroo Sana gooftummaan hundinuu,aboon ,humni hundinuu Ni golgola'u ✔Hundumtuu gooftaa yesusif bitamuu ✍ Firdiin inni dhumaa erga kennamee booda maaltu ta'aa? ✔Firdii dhumaa ykn Firdii teessoo adii booda bara baraatu jalqabama.

↪ Mallattoollee waldaa Kristiyaanaa alatti mul'atan a, Lola fi oduu lola dhaga'uu mat 24:6 b, sabni Saba irraatti, mootummaan mootummaa irraatti,mat 24:7 c, mallattoon bara Nohii fi Loox mul'achuu Luq 17:26-30 d, Beekumsi baay'achuu Dan 12:4 ↪ Mallattoo uumamaa irraatti mul'atuu A, Beelli, golfaan, sochiin lafa iddoo adda addaatti baay'acha adeemuu mat 24:7 b, Samii irraa mallattoon nama sodaachisuu mul'achuu Luq 21:11 ↪ Mallattoon dhufaatti gooftaa Kun maal argisiisa? ✔ Saba Israa'el Kan ta'anii fi Kan hin ta'in Waaqayyoon akka beekaniif His 36:11, 23,36,38,37:1314,28 ✔Amantootni Lammaffaa deebi'ee dhufaatti gooftaa Yesus akka ga'e akka beekaniif mat 24:32-33 ✔ Amantootni hojii gooftaatti qabamanii akka jiraatan isaan taasisa. Luq 21:36. ✔ Amantootni Kan mul'atu wanta hamaa ta'an irraa of eeggachuun akka jiraatan taasisa 2xim 3:10 -11,14 ✍ Olbutamuun Amantoota maalii? ✔Amantootni gooftaa Yesus kristosin qilleensaa irraatti simachuuf Yeroo isaan olbutamaniidha. 1Tas 4:15-17gooftaan Dummeessaan yommuu mul'atuu,warra Amanan malee homtuu arguu hin danda'u ✔warri fooniin jiraatan gooftaa simachuuf Yeroo butaman du'a ka'uu isa duraa jedhama. ✔Isaan Kun hammaa liphsuu ijaatti geddaramuu,foon hin torttoree uffatuu 1Qor 15-51-52 ✔ Warri du'an hundinuu si'a tokkicha Kan ka'an miti. ✔ Jalqabatti Angafa du'a ka'uu Kan ta'e gooftaatu du'a ka'e. 1qor 15:23 Qol 1:18, isaatti ananii warra kaan isaa ta'eetu du'a ka'a. Kun Abeelii jalqabee namoota/ qulqulloota/ obbaafatantu du'a ka'a. Ibr 11:4 mar 12:26-27 ✔Du'a ka'uun warra obbaafatanii Kun Yeroo gooftaan dhoksaatti dhufuu ta'a. 1Qor 15:23 , Du'a ka'uun Kun maqaa gara garaan waamamera. _du'a ka'uu Jireenya bara baraa Dan 12:2 yoh 5:28-29 _Du'a ka'uu toloota Luq 14:14 _Du'a ka'uu duraa mul 20:5-6 👉 Amantootni hamma biyya lafa irraa jiraniitti humni hammeenya ifaatti hin mul'atuu,dhoksaatti hojjeta 2Tas 2:6-7 👉Guyyaa Qulqullootni biyyaa lafa irraa ok buutaman lafa irraatti dhiphinaa guddaatu ta'a. ✍ Ol buutamuu Amantoota booda maaltu ta'? ✔barcuma Firdii kristositti dhi'atu. ✔Amantootni erga ol buutamanii booda kristos wajjiin gara lafatti utuu hin deebi'in fuula duraa barcuma Firdii kristositti dhi'atu ✔ Amantootni Yeroo biyyaa lafa irraa turan Kan hojjetan gatii hojii isaanii Kan itti argatan ta'a. ✔Hojiin isaanii ibiddaan qoramee darba.hojiin yoo dura guubatee gatii malee hafa. Rom 8:1, 1Qor 3:12-15 4:5 Mul 22:12 ✔Cidhaa hoolichaa gaa'elaatu ta'a. Amantootni gooftaa wajjiin waaqa irraatti Cidhaa godhatuu fkn mat 25:1-10 Luq 12:35-40 ✍ Waldaan Kristiyaanaa yommuu ol buutamuu Cidhaa guddaatu ta'a. 1, mormiitu kristostuu ka'a.innis Akkataa hojii Seexanaa walwallalchisuuf du'e du'a. Mul 13:3,14,17 ✔humna seexanaatti hojii aja'iibsisa fi hojii aangoo hojjeta 2Tas 2:9 ✔mormiitu kristos kanaaf kanaaf Diyaabiloos humna isaa fi teessoo isaa kennaaf Mul 13:2 ✔waaqolii hundumaa irraa mataa isaa ol ol qabuudhaan isa Qulqulluu Mana Waaqayyoo keessaa ka'a.Dan 11:36 mat 24:15, 2Tas 2:4. ✔mormiitu kristos Kun dhufaatti gooftaa yesusin rukutame bada. 2Tas 2:8 Mul 19:21 2, Rajii Sobduutu ka'a.inni Kun aboo mormiitu kristosiin hojjeta ✔namoonni mormiitu kristosiin akka sagadan godha. ✔Samii irraa hamma ibiddaa buusutti dinqii hojjeta. ✔mormiitu kristosiif bifa fakkeenyaa akka tolchaan godhee hafuuraa itti godha. ✔maqaan mormiitu kristos ykn lakk. Maqaa Isa ta'ee 666 addaa isaaniitti ykn harkaa isaaniitti akka fudhatan godha. Mul 13:11-17 ✍ 𝗗𝗵𝗶𝗜𝗵𝗶𝗻𝗻𝗶 𝗎𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝘆𝗌𝗌𝗺 𝘁𝗮'𝗮𝗮 ?? ✔ Dhiphinaa isaa guddaa jedhamuun isaa rakkinni fi dhiphinni akkasii waan takka taa'e hin beeknefi. ✔Yeroon dhiphinaa Kun utuu gabaabbachuudha baatee,namni tokko illee hin oolu ture. Mat 24:21-22 Dan 12:1 ✔ Dhiphinni Kun Kan inni raawwatamuu raawwatama mootummaa waggaa kumaa(1000)tti ta'a.

((((Bᎀʀᎀ ᎅʜ᎜ᎍᎀᎀ ғɪ ᎅᎇᎇʙɪ'ᮇᮇ ᎅʜ᎜ғ᎜᎜ ɢᎏᎏғ᎛ᎀᎀ ʏᎇsᮜs ᎋʀɪsᮛᮏᮏs)))) ℚ𝕠𝕡𝕙𝕖𝕖𝕀𝕀𝕒𝕒𝕟𝕚 𝔹𝕒𝕣𝕀𝕚𝕀𝕒𝕒 ℂ𝕒𝕒𝕝𝕒𝕒𝕕𝕙𝕒📖🥰 #Kutaa macaafa Qulqulluu 1Tas 4:15-17 ✍ Ijoon bara dhumaa maalii? ✔ Macaafni qulqulluun jalqaba Uumama, attamitti akka uumame,maaliif akka uumame,yoom akka uumame qofa Kan dubbatuu utuu hin taane, waa'ee bara dhumaas ni dubbata 1Qor 15:24 👉 Gooftaa Yesus kristos du'ee erga du'a ka'ee, gara waaqayyoo abbaatti otuu ol hin ba'in duraa,deebi'ee akka dhufu abdachiise ture.yommuu dhufus gooftaa gooftotaa fi mootii moototaa ta'ee ulfinaan deebi'e dhufa. Yoh 14:2-3. Mul 19:16 👉 Waa'ee deebi'ee dhufu yesus kristos Barumsaa ijoo bara dhumaati. 1, Ok buutamuu amantootaa fi dhiphina isa guddaa 2,Du'a ka'uu warra du'anii 3,mootummaa waggaa kumaa(1000) 4,Firdii isa dhumaa fi haala bara baraa ✍ 𝙈𝙖𝙖𝙡𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 ,𝙝𝙖𝙖𝙡𝙖 𝙛𝙞 𝙖𝙠𝙠𝙖𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙙𝙚𝙚𝙗𝙞'𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙪𝙛𝙖𝙖 𝙔𝙚𝙚𝙪𝙚 𝙆𝙞𝙧𝙞𝙚𝙩𝙀𝙀𝙚 ✔ Gooftaa Yesus kristos erga du'a ka'ee,booda gara mirgaa Waaqayyoo abbaa Kan taa'e *dhagna du'aa ka'uuttin deebi'ee dhufa. Mar. 14:62 HoE 1:11 ✔ Deebi'ee dhufun gooftaa abdii keenyaa Isa eebbiffammadha. Tit 2:13 ✔ Deebi'ee dhufuun gooftaa dubbii dhugaadha. ✔ Waa'een jalqaba dhufaatti gooftaa Yesus kristos kakuu Moofaa keessaatti akkuma raajamee raawwatamera. Sanyii Daawwit keessaa Betliheemmitti maariyaam durba irraa dhalachuun isaa,hojii dinqiisisaa hojjechuu isaa,ilmoo harree irraa ta'ee yerusaalem dhaquun isaa,qarshii soddommaatti gurguramuun isaa,dhiphachuun,du',uun, awwaalamuun,du'a ka'uun isaa raawwatamera.kun hundumtuu raawwatamuun isaa deebi'ee dhufuun isaa nuf mirkanneessaa. 👉𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐢𝐧𝐢 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐊𝐚𝐧 (2)𝐢𝐛𝐬𝐚 1ffaa Doksaatti dhufuu isaa:- amantootni Yesusiin qilleensaa irraatti simaachuuf gara isaatti ol buutamuudhaan Kan isa wajjiin Wal arganiidha. 1Tas 4:15-16 👉 Haalli dhoksaatti dhu 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐝𝐚𝐟𝐞𝐞 𝐲𝐀𝐧 𝐝𝐡𝐢'𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 Mul 22:7,22 akka hattuuti dhufa. 1Tas 5:2 Mul 16:15, Yeroo itti hin yaadamnetti/akka tasa/. Mat 24:44 2, Sababa dhoksaatti dhufuu isaa: a, Amantoota isaa fudhachuudhaaf yoh 14:2-3 b, warri obbaafatan amantootni du'a akka ka'aniif 1Qor 15:23, 1Tas 4:15-16 c, Qulqullootni isaa buraatti ulfinaa akka argataniif, akka dinqiitti isa biraatti ilaalamuuf 2Tas 1:10 Amantootni dhiphinaa isaa guddaa jala olchuuf 1Tas 1:10 , Mul 3:10 Amantootaf akka hojii hojii isaaniitti gatii isaanii kennuufiif 1Qor 4:5 2Qor 5:10 2Tas 1:7 2ffaa mul'inaatti dhufuu isaa:haalli dhufaatti isaa:- a, utuu ijaan ilaalamuu Zak 12:10 Hoe 1:11 Mul 1:7 b, Dummeessaan mat 24:30 c,ulfinaa baay'ee fi humnaa isaatiin mat 25:30-31 d, Ergamoota isaa wajjiin Mar 8:38 e, Qulqullootaa isaa wajjiin 1Tas 3:13 ✍ 𝕊𝕒𝕓𝕒𝕓𝕒𝕒 𝕞𝕊𝕝'𝕚𝕟𝕒𝕒𝕥𝕚 𝕕𝕖𝕖𝕓𝕚'𝕖𝕖 𝕕𝕙𝕊𝕗𝕊𝕊 𝕚𝕀𝕒𝕒 1, aangoo mormiitu isaa irraa molquuf 2Tas 2:8 2,Lola Armaageedoon moo'ichaan xumuruuf Zak 14:1-4 Mul 16:12-16 3,Israa'eelotaa oolchuuf Erm 30:4-9 mat 24 :21-22 4, Hamoota irraatti ijaa ba'uuf mat 24:31, 25:32-46 2Tas 1:8 5, waggaa Kuma biyyaa lafa irraatti mo',uudhaaf Dan 7:13-14 Mul 11:15, 20:4_6 ✍ 𝑎𝒂𝒍𝒍𝒂𝒕𝒕𝒐𝒐 𝒅𝒆𝒆𝒃𝒊'𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒖𝒖 𝒈𝒐𝒐𝒇𝒕𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒔𝒖𝒔 𝑲𝒊𝒓𝒊𝒔𝒕𝒐𝒐𝒔 👉 Dhufaatti isaa Waaqayyoo abbaa malee homtuu hin beekuu, gooftaa Yesus iyyuu hin beekuu, mat 24:36 ta'uus dhufaatii isaatiif mallattooleen tarreeffamaniru. ↪ Saba Israa'eel keessaatti:- a, sabni Israa'el bakka itti bittina'anii deebi'anni biyyaa isaaniitti galu His 36:24, 37:21 Erm 31:10 b, mootummaa Israa'el xumuramuu fi barri ormoota xumuraamuuf dhi'achuu isaa Luq 21:24 c, Ona inni ture biyyi Israa'eel lakkisuu isaa His 36:8-15 ↪ Waldaa Kristiyaanaa keessaatti a, Baay'inaa hammeenyaa irraa Kan ka'ee jaalalli namootaa gidduutti qabbana'uu isaa. Mat 24:12 b, Sobaan Ani kristos Kan jedhan ka'uu isaanii, rajoonni sobdoonni ka'uu fi hojii dinqii hojjechuu isaanii mat 24:24 1Xim 4:1-3 c, yeroon nama dhiphisuu fi rakkinni Adda addaa mul'achuu isaa fi mallattoollee bara Sana 2Xim 3:1-8

Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis.. 1. Qaama Lubbuu /Sprit 2. Qaamaa Foonii/Body 3. Qaamaa Sammuu/Mind Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama. 1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind 2. Sammuu hatattamaa/Critical mind 3. Sammuu dammaqaa/conscious mind  Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha. Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree? Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef. Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.