en
Feedback
TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

Open in Telegram

“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” — Far. 133:1

Show more
373
Subscribers
-124 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
↪️Tajaajilaan kamuu tajaajilaa ta'ee akka argamu ni kadhanna. *7.Kadhannaa Guyyaa 36ffaa irraa kaasee amma gaafa guyyaa 37ffaa* guyyoota lamaaf Waa'ee Tajaajila Tokkummaa keenyaaf Waaqayyo ni kadhanna:- ↪️ Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT waaqayyo tajaajila isaatti akka milkeessu, ↪️ Tajaajilli dhugaa tokkummaa kanarraa darbaa jiru ardiiwwan torbanitti akka ballatu, ↪️ Dhaloota kumaatamaan lakkaa'amn mootummaa Waaqayyoof akka booji'uufi qopheesu, ↪️ Deeggartoota tajaajila kanaa galmaan ga'uuf bira dhaabbatan Waaqayyo keessaf alaa akka kaasu, ↪️ Ergamoota Wangeelaa edduu keessa fi alatti erguu akka dandeessuf Hojii kana isin faana hojjanna warra jedhan Waaqayyo akka kaasu, ↪️ Warra kufan lafaa kaasu, Warra bade barbaadu, Tokkummaa dhalootaa ijaaru, tajaajila Kristoos kabaju kennuu, hojattoota edduu horachuu fi foolin tajalila kanaa adunyaa maratti akka urgaa'u, Moototaa fi gurguddoota akka booji'u ni kadhanna. ↪️ Weneris Vision theolojicala College mana barumsa macaafa qulqulluu JHT tiif kadhachuu:- ↪️ Dhaloota beekumsa sagalee Waaqayyootin akka ijaaru, ↪️Tajaajiltoota beekumsa sagalee Waaqayyo gadi fagoo irratti ijaaramanii tajaajila isaaniitti amanamoo ta'an akka hoaratu, ↪️Geggeessitoota bekkumsa dubbii Waaqayyootin guutamanii fi hubannoon hoolota Waaqayyo tiksan horachuu, akka danda'uuf kadhachuu, ↪️Koollejjiin kuni kaayyoo isaatti akka milkaa'uf karaa hundumatti Waaqayo akka gargaaru kadhachu ↪️Waan barbaachisuun namoota tumsan Waaqayyo akka kennuuf kadhachuu. *8.Kadhannaa Guyyaa 38ffaa amma gaafa Guyyaa /40ffaa* ↪️Hojii Yesuus fannoorratti nuuf hojjate yeroo itti yaadannu, ↪️Yeroo gooftan jaalala isaa isa guddaa biyya lafaa kanatti argisiise, dhala namaa fayyisuuf gatii guddaa inni kaffale yaadachaa, Warra badaa jiran itti yaadannu ta'a ↪️ Yeroo dhiifamaa fi yeroo jaalalaa namoonni Walgadisiisan waliif dhiisan, amantoonni tokkummaa isaanii itti cimsatan ni ta'a. ↪️Yeroo galateeffannaa fi Kadhata kana keessatti Waan Waaqayyo nuuf godhe yeroo itti yaadannu walumaa galatti gaarummaa Waaqayyo nuuf godhe hundumaaf yeroo itti galateefafnnu ta'a. ↪️Walumaa glattai kadhanni keenya gaafa guyyaa 40ffaa Ebla19/2016 Akka kan aranjiitti Apr 27/2024 Kan xumuramu ni ta'aa eebbifama.* ↪️Ebla 20 hanga 22/2016 Ykn Apr 28 hanag 30 /2024 Sagantaa waliinii kabajaa Ayaana yaadannoo Du'aa ka'uu Gooftaa Keenya Yesuus Kritoso kan bara 2016 ni ta'a. Eebbifama. JHT irraa P/r Teshome Gutema!!! Guyyaa 13/07/2016; Mar 22/2024 https://www.facebook.com/100083308090711/posts/pfbid02XMuJ8jFtVXu6XZ7wAZvPRTLwwNRHi85wTaVHUf87MBdVmADfDFJouEgJBUHZxmTFl/?app=fbl

↪️Safuufi Duudhaana mana Waaqayyo iddoo isaatti akka deebi'u ↪️ Kana kanjibbu inni hamaan hojiin isaa akka diigamu ni kadhanna. *5. Kadhanaa Guyyaa 22ffaa irraa kaasee amma gaafa 26ffaatitti* Yeroo Qabeenyaa ykn badhaadhummaa guddaa biyya lafaa kanarraa hin argamne Waaqayyo karaa Tokkicha Mucaa isaa Yesuus Kristoosin Waldaa Kristaanaaf kennee Waldaan irraa kufte akka itti deebitee dhaala ishee gidhattuuf kan kadhannu ta'a:- ↪️ Jaalala dhugaa fakkeessummaa kan hin qabne, ↪️Garaa dhiifama ↪️Qulqullummaa dhugaa, ↪️Amanamummaa dhugaa, ↪️ Jireenya fakkeenyummaa dhugaa, ↪️ Garaa tajaajilaa isa dhugaa, ↪️ Eenynummaa nama kan biraaf yaadu qabaachuu, ↪️Warra kufan kaasuubarbaadu, kan badan barbaadu fi ↪️ Bartuu dhugaa warra baayyachaa deeman horachuu irratti kan kadhannu ta'a. ↪️Hojii diinaa aboo mucummaa isa nuuf kenname gargaaramaa hojii seexanaa diigaa kadhanna. *6.Kadhannaa Guyyaa 27ffaa irraa kaasee amma gaafa guyyaa 30ffaatti Lafti biyya keenyaa eebba Waaqayyo keessaa kaa'e akka baastu kadhanna.* ↪️ Abaarsi Iyyummaa lafa keenyarratti fide akka inni cabu, ↪️ Lammiin hundumtuu qixa jiruttu hojiidhaaf akka dammaqu, Oduurraa, karaa dalgaatin badhaadhurraa namni qixa jirutti gara hojiitti akka deebi'u, ↪️Balballi hojii edduun akka baamu, namni hojii malee taa'un biyya keenyarra akka hafu ni kadhanan. ↪️ Waaqayyo hojjataadha nus hojiitti nu waame malee dhibaa'ummaan karaa dalgaatin waa argachuutti nun waamne wana ta'eef Waldana Kristaanaa fakkeenyummaa ishee akka qabattuuf hojii hafuuratti akkasumas hojii foonitti fakkeenya sirrii akka taatuf, ni kadhanna, ↪️Tajajialtoonni keenya Shaakala dogoggoraa ittiin maallaqa argachuuf godhan irraa deebi'anii fakkeenyummaa Gooftaa duukaa bu'uun ergama Wangeelaa isa dhugaa fiixan akka baafaatn, Waldaan qeeqama tokko malee hojii Wangelea fayyisuu Waaqayyo akka hojjattu, Aadaa hojii dhalootatti akka argisiiftu jijjiiramni dhugaan biyya keenya keessatti akka ta'uuf qooda ishee akka baatu ni kadhanna. ↪️Qabeenya biyya keenyaa akka eegnu fi kunuunsinee itti fayyadamnu Waaqayyo nuuf kenne Kunuunsinee itti haa fayyadamnu, ↪️Namni hunduu qixa jirutti Barataan baratee akka milkaa'uu, Hojjataan amanamummaan hojjatee akka milkaa'u, Daldalaan bu'aa daangaa darbe argachuuf osoo hin taane seeran hojjatee akka milkaa'u, qaamni seeraa haqaan akka hojjatu, Sammuun nama hundumaa Waan isa adoochee keessaa damamqee akka ka'u, qixa sirii ta'een Waan isarraa eegamu itti gaafaatmaa fi dirqama isaa beekee akka raawwatuuf nikadhanna. ↪️ Dhalli namaa hundumtuu fuula Waaqayyootti tokko wana ta'eef Lammiin biyya keenyaa hundumtuu waldanda'uun duudhaa fi Aadaa qabuun Walkabajee waliin jiraachuun Wliin hijjatee milkaa'un kakuun biyyi keenya Waaqayyo biraa qabdu akka raawwatamu ni kadhanna. ↪️Kana kan jibbuu fi kan mormu humna abaarsaa hojii isaa fi dhoksaa isaa diigaa Waaqayyo kadhanan. *7. Kadhata Guyyaa 30ffaa kaasee amma guyyaa fi 35ffaatitti* Guyyaa shaniif itti fufnee:- Tajaajila toora online fi Waldoota Kristaanaa walii galaa ilaalchisee kan kadhannu ta'a ↪️ Waldooti toora irra jiran marti hojii Wangeelaa isa dhugaa makaa kan hin qabne kan kanaan duraa caalatti akka hojjatan, ↪️ Geggeessitoonni hubatoo fi Tajaajiltoonni sodaa Waaqayyo qaban hubannaan kan tajaajilan,lubbuudhaaf kan dhimman akka baayyatan, ↪️ Ammeenyaan, jallinaan ergama Waldaa kristaanaa isa dhugaatin ala warri dantaa mataa isaanitiif maqaa Wangeelaatin daldalan iddoo akka gadi dhiisan, Waaqayyo mana isaa akka qulleessu ni kadhanna, ↪️ Dhalootaaf iji hafuuraa dhugaa akka banamu, Raajota sobduu fi barsiisota sobduu biraa dhaloonni akka deebi'an, ni kadhanna, ↪️ Dhoksaa diinaa isa dhaloota karaarra kaachisaa jiru, xuraa'ummaan, jallinaan, hafuura dogoggoraatin, isa guutaa jiru diigaa Waaqayyo kadhanna. ↪️Ulfina namaa osoo hin taane ulfini Maqaa Yesuus Waldaa Kristaanaa keessatti akka deebi'u, Waaqayyo ulfina isaan akka muldhatu,

#TAJAAJILA_WANGEELAASARARA_QILLEENSA_IRRAA_JHT. ↪️SAGANTAA KADHATAA GUYYOOTTAN KADHANNAA KEENYAA HAFAN KEESSATTI TOORA KADHANNAA KEENYAA* *Guyyaa 14/07/2016 hanga 19/08/2016 Akka lakkoofsa Alaatti March 23/03/2024 hanga Apr 27/2024 ta'a. SAGALEEN GEGGEESSAA ↪️KADHANNAA KEENYAA *“inni, "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.” — Er. 33:3 Haala qabiyyee sagantaa keenyaa .... *1. Kadhannaa Guyyaa 6ffaa amma guyyaa 10ffaatti* ↪️Haalli toora kadhata keenyaa guyyaa Afuriif walitti fufinsaan yeroo yaada garaa geeddarachuudhan waa'e obboloota keenyaa Waa'e Waldoota Kristaanaa, tajaajiltoota, Geggeessitoota, Amantootaa, Waa'ee biyyaa fuula Waaqayyoo duratti haraara gaafachuun yeroo dhiyaannu ta'a. *2. Kadhnnaa Guyyaa 11ffaa irraa kaasee amma gaafa 13ffaatitti* guyyaa sadiif Waa'ee nagaa biyyakeenyaatiif Waaqayyo yeroo itti kadhannu ta'a. ↪️Yakka biyya keenyaa fuula Waaqayyoo duratti dalagameef yaada garaa keenyaa geeddarachuun fuula Waaqayyootti kufnee yeroo haraara kadhannu ta'a. ↪️Nagaa biyya keenyaaf lammiin biyya keenyaa kamiyyuu nama nagaa fi nagaa buusu akka ta'u, ↪️ Ajeechaa fi Duuti akka dhaabbatu, biyyi keenya biyya nagaa akka ta'u, ↪️Qaamni walitti mufate kamuu haraaraa fi dhiifamaan deebi'ee akka arka walfuudhu fi karaa nagaa jijjiirama biyya keenyaaf qabsoon nagaa akka ta'u. ↪️ Qaama biyya bulchuufi qaama siyaasaa biyya kanaaf quuqaman qaba osoo akkana ta'ee gaaridha jedhee qabsaa'uu kamuu kaayyon isaanii kan biyya keenya ijaaru fi lammiileef sababa nagaa akka ta'an Waaqayyo hubannaa akka isaaniif kennu ni kadhanna. ↪️Namni nagaan ba'ee galuu akka danda'u, ↪️ Beelaafi Rakkoo adda addaa keessatti kufanii kanjiran yaadachaa haa kadhannu, ↪️ Qaama Mootummaas ta'ee Qaamni siyaasaa kamuu Dantaa mataa isaaf osoo hin taane dantaa lammii isaaf kan dhaabatu akka ta'u, Sammuun isaanii hammeenyarraa kan qulqullaa'e akka ta'u dhala namaatif kabaji namummaa isaaf malu akka kennamu, namni sadarkaa jiru maraan akka walkabaju; midiyaan biyya keenyaa xiqqaa amma guddaatti safuu fi duudhaa biyya keenyaa kan eege akka ta'uuf itti fayyadamtoota midiyaa hawwaasaa biyya keenyaaf Waaqayyo hubannaaa fi miira itti gaafatamummaa fi waliif yaaduu akka kennuuf ni kadhanna. ↪️Kan kana mormu hojii hafuura hamaa diigaa kadhanna. *3. Kadhannaa Guyyaa 14ffaa irraa kaasee amma gaafa Guyyaa 16ffaa* guyyoota Sadi'iif immoo :- ↪️ Ijoollee keenya biyyoota Arabaa fi iddoo adda addaa jiran; dhiibbaa hafuuraa fi foonii yeroo kana isaanirra jiru keessatti jabinaa fi Mo'icha akka argatan hafuurri dhiibbaa isaanirratti godhu akka diigamu ni kadhanna. ↪️Haxxummaan diinaa fayyaa isaanirratti, nagaa isaanirratti, tajaajila isaanirratti, jireenya Gooftaa Wajjin jiraachuu isaanii keessatti dhiibbaa qaban undumaa keessatti Waaqayyo akka isaan gargaaru, jireenya mo'ichaa akka qabaatan, ↪️Hojii kan hin qabne hojiif biyyaa ba'an Waan ta'eef hojii akka argatan, ↪️Kan hojjatan hojii isaanitti akka eebbifaman, ↪️Hafuuratti, Foonitti milkaa'oo akka ta'an, ↪️Eebba isaanii saamuf kan isaan ordofu kamiyyuu akka isaan hin kiyyeessinef hubannaa akka qabaatan, ↪️Gaa'ela qulqullaa'adhaan akka eebbifaman Karaa hundumatti lammii gaarii akka ta'aniif yeroo itti kadhannuuf ta'a. ↪️Dhoksaa seexanaa diigaa kadhanna. *4. Kadhannaa Guyyaa 17ffaa irraa kaasee amma gaafa guyyaa 21ffaatti:-* ↪️Waa'ee Ayyaanaa kadhanna. ↪️Namooti baayyen sababoota adda addaatin jireenya abdii kutannaa fi kufaafii keessa jiran Ayyaana Waaqayyootin akka jajjabaatan, ↪️ Tajaajila Waldaa Kristaanaa baayyee keessatti Ayyaani Waaqayyo akka deebi'u, ↪️Haaromsi hafuuraa guddaan akka ta'u, ↪️Kankufan baayyeen akka ka'an, ↪️Luboonni mana Waaqayyoo deebi'anii akka ofi ilaalan, ↪️Tajaajilli mana Waaqayyo sodaa Waaqayyootin akka ta'u,

WINNERS VISION THEOLOGICAL COLLEGE. Barnoota Ogu-Waaqummaa barachuu kan barbaaddan hundumaaf. 2. Diploma 650 Gatii Galmeef 300 3. Degree 750 Galmeef 300 Odeeffannoo dabalataa argachuuf:- +251912276747 +251927213291 Nuuf bilbiluu ni dandeessu Karaa toora Webs.. keenyaas galmaa'uu dandeessu. https://wvtheologicalcollege.com/apply_here.html

Audio from Pr Teshome Gutema

*WINNERS VISION THEOLOGICAL COLLEGE*      ➡️Akkuma barnoonni biyya tokkoof meeshaa guddinaa barbaachisaa ta’e, barnoonni Macaafa Qulqulluu tajaajila waldaa Kristaanatiif meeshaa guddaadha. Ergamaa fi kaayyoo Waldaa kiristaanaa raawwachuuf gumaacha guddaa qaba. ↪️Jaarraa 21ffaa kana keessatti, waldaan dhiibbaa falaasama ammayyaa fi barsiisa dogoggoraa hunda mo’achuuf tajaajiltootaa fi geggeessitoota gahumsa qaban kanneen Macaafa Qulqulluu karaa sirrii ta’een baratanii fi barsiisan qabaachuu qabdi. ↪️Yeroo tajaajiltoonni hedduun osoo hin baratin barsiisuuf yaalan, yeroo kabajni Waldaa  kiristaanaa bade, barsiisni sobaa namoota hedduu jallisee karaa irraa maqsaa jiru kana keessatti teenyee ilaalurra  kaayyoo fi ergama keenya keessaa tokko waan ta'eef Ministryiin Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa irraa JHT  Kolleejjii Ti'ooloojii Winners Vision jedhu  banuun dhaloota baraiisuu qabna jennee  achas baanee jirra.  Kana gochuufis imaammata barnootaa fi qajeelfama Ministeera Barnootaa baase irratti hundaa'uun kaarikulamii qopheessudhaan  ulaagaalee nurraa eegamu waan guunnef   Counciln Tokkummaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa mirga miseensa isaaf qaama seerummaa keennuu akka danda'uuf Mana Maree  Bakka Bu'oota Ummataa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa  tiin Waxabajjii 27 bara 2012 A.L.I   labsii  Lakk. 1208/2012 kennameef bu'uurefachuun eeyyama  qaama seerummaa waan nuuf kenneef  gammachuu nutti dhaga'amu ibsachaa isinis baga gammaddan jechaa misiraachoo isiniif qabannee dhufnee jirra. ↪️ Biyya bakkee fi biyya keessa kan jirtan maarree carraa argattan kanatti gargaaramtanii karaa toora onlines  kennuuf qophii barbaachisu waan xumurreef:- *↪️karaa toora  Websayt keenyaa   akkasuumas* *WhatsApp* ↪️+251912276747 ↪️+251927213291 Pr Tashooma Gutama Fayyisaa Alamuu *↪️Dabalataan Oboloota biyya bakkee;-* Xuree   +251972533260 Warqee   +966532462214 Haanna  +966590769581 Faantuu +251951105723 Kennaa   +97334150893 Shittoo   +971543102789 Dassee     +96170542343 Caaltuu    +96170637400 Saaraa    +251919266919 dubbisuudhaan galmaa'a. *↪️Barnoota   qulqulina  qabuu fi barsiisota ga'umsa qabaniin ni  kennama.* “Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa, yommus nagaan ilmaan keetii guddaa in ta'a;”   — Isa. 54:13 ዊነርስ ቪዥን ትዎሎጅካል ኮሌጅ       ትምህርት ለአገር ዕድገት ጠቃሚ መሣሪያ እንደሆነ ሁሉ የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርትም ለክርስትነ ሕይወት እና ለቤተ ክርስቲያን አገልግሎት ትልቅ የስኬት መሣሪያ ነው።  ለክርስቲያን ቤተክርስቲያን  ተልእኮ እና አላማ መሟላት ትልቅ አስተዋፅዖ ያደርጋል። ↪️በዚህ  በ21ኛው ክፍለ ዘመን ቤተ ክርስቲያን የዘመኑን የፍልስፍናና የሐሰት ትምህርቶች ተጽዕኖዎች ሁሉ ለማሸነፍ መጽሐፍ ቅዱስን በትክክል የሚያጠኑና የሚያስተምሩ ብቁ አገልጋዮችና መሪዎች ያስፈልጋታል። ↪️ብዙ አገልጋዮች ሳይማሩ ለማስተማር በሚጥሩበት፣ የቤተ ክርስቲያን ክብር በጠፋበት፣ የሐሰት ትምህርቶች ብዙ ሰዎችን እያሳሳቱ ባሉበት በዚህ ወቅት ቁጭ ብለን ከመመልከት የረሰችን አስተዋጽኦ  ማድረግ ስለሚያስፈልገን፤   ተጀጅለ ወንጌለ ሳራራ ቅሌንሳ እራ ጀሁቶ ሚንስትር  ከዓላማችንና  ተልእኮአችን አንዱ የሆነውን  የመጽሐፍ  ቅዱስ ኮሌጅ መክፈት ስሆን  የዊነርስ ቪዥን ትዎሎጅካል ኮሌጅ (Winners Vision Theologecal College) በመክፈት  ለማስተማር  ከኛ  የሚጠበቀውን  አስተዋፅኦ ለማድረግ  በትምህርት  ሚንስትር  የወጣ የትምህርት  ፖሊሲ እና መመሪያ  መሠረት  ሥርዓተ  ትምህርት  በመውጣት  አስፈላጊውን መመዘኛዎች  በማሟላት፣ የኢትዮጵያ ወንጌላውያን አማኞች ካውንስል  ሳኔ  27 ቀን 2012 ዓ.ም በኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ ተወካዮች ምክር ቤት ለአባላቱ  ሕጋዊ ሰውነት ለመስጠት  የዋጣ አወጅ ቁጥር 1208/2012   መሠረት   ሕጋዊ  ሰውነት  የተሰጠን መሆኑን ስንገልፅ በደስታ ነው። ↪️ እባክዎን አስፈላጊውን ዝግጅት ስለጨረስን በዚህ አጋጣሚ ኦንላይንም  ለመማር  መመዝገብ  ትችላላችሁ። ተጨመረ  መረጃ  ለማግኘት  የኛ  ድረገጽ  እና  ወትስኣፕ ለመግኘት ከለይ በሉ ቁጡሮች ይጠቀሙ። https://wvtheologicalcollege.com/apply_here.html

====WAAMICHI HUNDUMA KEESSANIIF GODHAMEE JIRA!!==== Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa irraa JHT hundeeffama Waggaa 6ffaa Sababeeffachuun sagantaa Konfiraansii hafuuraa qopheessee jira. Sagantichi qophii adda addaa ni qabaata. Obnoleewwan barnoota geggeessummaa barachaa turaniif sirni Eebbaa ni raawwatamaa, koottaa eebbaa Dubbii Waaqayyoo irraa Waliin haa irmaannu. “Ejjennaan faana kootii karaa kee irratti jabaateera, miilli koos hin bitintiru.” — Far. 17:5 Warra Dukkana keessa jiraniif Kristoos Ifa dhugaati, Jaalalli dhugaan isa bira jira, Lubbuu keessaniif haara galfattu koottaa..... “Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.” — Mat. 11:28 https://chat.whatsapp.com/DwUMB9tGDckG5kRuR42mhz

"Hiriyoonni ishee immoo, "Waangotaa fi ilmaan waangotaa warra waynii keenya isa daraaraa nu duraa balleessan qabi!" jedhan. (M/Weedduu Weedduu Caalu 2: 15) Wangoliin humna ittiin mancaasan eegee isaanitti ibidda baatu. Badii geggeessan keessatti akka ibiddaatti gubu. Oomisha maasii Waaqayyoo danuu kan gubaa jiruu Waangoodha. Ija dhalootaa fi dhaloota kan gubee barbadeessaa jiru ibidda eegee isaanii keessaa ba'uudha. Dhaloota baayyees ibiddi eegeen isaanii tufu hojii ala taasisee jira/taasisaas jira. (Abboota Firdii 15:3-5) 👉SAREE •••••• Sareen xurooftuudha! Balfa namni lagatu isheetu nyaata, bakka du'aa fi raqaatii hin dhibaman, nyaata qaama isaaniif mijachuu didee gara alaa ba'u (diddiga) isaanii deebisanii sooratu. Kun xuraa'ummaa lagachuu dadhabuutti hiikama. Cubbuu kaleessa irraa fayine sana deebifnee fudhachuudha. Dhaloota har'aa waliin baayyee walfakkaatu. "Sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi'u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi'a;" (M/Fakkeenyaa 26: 11) 👉REETTII •••••• Reettiin warra mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda hin qabneetti fakkeeffamanii jiru. Isaan akkasii warra bitaati. Warra Waaqayyon dhaga'uu irra Seexanaaf bitaman sanaadha. Dhaloota biyya lafaa irra yeroo jiru bitatti deemu, mootummaa Waaqayyottis bitatu isa eeggata! "Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re'ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba." (Maatewos 25: 33) Sababni Reettii fi Sareen aarsaa ta'anii dhiyaataniif, Waangoon Seexanichatti fakkeeffamee akkuma jiru; Reettii fi Sareen immoo dhaloota ergama Seexanichaa galmaan gaa'an fakkaatanii waan dhiyaataniif, qaamni ergama raawwatu kan abbaa isa ergatee waan ta'eef isumaaf aarsaa taa'a hiika jedhu qabatee jira! Kanaaf hafuurri warra achi asi dhufa Vaalantaayinii bineensotaa fi bineelda kanatti fayyadama. ••••• GOOLABA Dhaloonni kun waa raawwachuu fuula dura, waa adda baafachuu hin barbaadu. Gocha tokko raawwachuuf namni biraan godhee argamuun isaaf ulaagaa gaa'adha. Keessumaa Kristiyaanonni waa gochuu fuula dura qorree ilaaluutu nuuf taa'a. Vaalantaayinii kabajuun qaroomina ykn jaalallee isaa gammachisuu itti fakkachuu irra darbee ergaa dhokataa inni qabu qorachuuf, akka Sagalee Waaqayyotti deggersa qabaa jedhee eenyutu gaafatee beeka laata? Utuu hin beekin Saree fi Reettii ta'ee Waangoo sanaaf kan aarsaa of godhe lakkofnee ni fixnaa laata? Seexanni waan hojjetu hundumaa iccitii guddaan aguugee raawwata. Kanaaf dammaqoo akka nu taanu sagaleen Waaqayyoo nu akeekkachiisa. Huubachuu utuu dandeenyuu wallaalummaan hin duunu! Nama taanee utuu jirruu namummaa hin dhabnu! "Bara wallaalumma isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa'uu dhiiseera; amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera." (Hojii Ergamootaa 17: 30)

Guyyaa Valantaayinii hin kabajin!!! -- VALANTAAYINII ••• GUYYAA VAALANTAAYINII! ----{Valentines Day}---- ••• Guraandhalli 14 "Lupercalla" ykn "guyyaa Waangoo" jedhamuun beekama. Guyyaan kun guyyaa itti namoonni wal-qunnamtii saalaa akka horiitti raawwatanii fi keessumaa dubartoonni miira dhiiraa ejjummaatti kakaasuudhaaf baayyee itti of kuulaniidha. Guyyaan kun guyyaa itti kabaji waaqolii tolfamoo warra Roomaa "Lupercus fi Faunus" itti kennamuu dha. "Lupercous" jechuun "Adamoo Wangolii" jechuudha. Roomaanonni agarsiisa (festival) "Luupercalia" jedhamuun beekamu qabu. Barsiifannii wal-jijjiirraa Vaalantaayinii fi aadaan kabaja "Lupercus" shaakala dargaggoota hin amanneen (pagan) kan walqabatu ta'ee gocha gara eejjaa fi jireenya gadhisiitti nama oofaniidha. 📌Guyyaa Kabaja "Lupercalia" ••••••• Har'a "Lupercus" yeroo kabajamutti dursitoonni amantichaa (Luperci/Priests) gogaa Reettii uffattanii dhiigaan kabaju. Waaqa Tolfamaa Waangoo sanaaf Reettii fi Saree qaama isaanii hunda dhiigaan dibanii aarsaa dhiyeessuudhaan ofiis dibatanii naannoo boolla itti aarsaan waaqichaaf dhiyaatuu sanatti marsuudhaan yeroo hamma ta'eef gogaa Reettii "Februa" kan maqaan isaa "February" jedhamu irraa argame uffachuudhaan aarsaa dhiyeessu. Dubbartoonni naannoo boolla sanaa taa'u, abbaan amantii waaqa tolfamaa Waangoo sanaa gogaa Reettii sana isaan irra daddabarsuudhaan akka isaan ulfaa'aniif raaga. 📌Dhaamsa Jaalalaa (Love Notes) ••••••• Shamarran dargaggeeyyiin naannoo magalaa Roomaa keessa jiraatan hundi walitti qabamuudhaan maqaa isaanii barreessuudhaan sanduqa qophaa'e keessatti walitti qabu. Ergaan jaalalaa kun "billets" jedhamuun beekama. Dhiironni naannoo Roomaa keessa jiran sassabamuun sanduqa sana bananii maqaa shamarran sanduqa sana keessatti walitti qabamee sana keessaa tokko akka carratti kaasuudhaan shamarree carraa isaanii sana waliin hanga waggaa agarsiisa "Lupercalia" ykn kabaja Vaalantaayinii Guraandhala,14 kabajamu ga'utti maamila ejjaa godhachuudhaan waliin turu. 📌Haalluu Diimaa (The Read Colour) •••••• Haalluu diimaan haalluu kabaja ayyaanichaa jedhamee beekama, sababni isaa dhiigni Reettii, Saree fi boca Onnee sun dhiiga Onnee namaa gadi miti; dhiiraa fi dubartii ejjaaf walitti dhufan sanaaf akka waan onnee jaalala isaanii banuttis itti amanama. 📌Guyyaa Valaantaayinii Qulqullaa'aa (St Valentine’s Day) ••••••• Valantaayinii qulqullaa'aa kan jennu iccitii dhokataa qaba, naannoo 269 AD, Guraandhala,14 tti abbaa amantii, amantii isaaf jecha aarsaa of taasise jedhamee waan itti amanamuuf Waldaa Kaatolikii biratti kabaja guddaa qaba. Kanaanis waldaan kun ayyaana lakkuu jechuun "Lupercalia" kana ejja dhoksaadhaan kabajji. Dursitoonni amantaa Kaatolikii Roomaas ejja raawwachuun kabaju. Kanas ejja qulqullaa'aa jedhanii waamu. °°°°°° Kanaafuu, guyyaan kabaja Vaalantaayinii argama biroo kan hin qabnee fi itti fufiinsa "Lupercalia" ta'uu beekuu qabna. Guyyaan kun guyyaa daldalaa guddaadha. Suuqiwwan baayyeen jala bultii ayyaana kanaa irraa eegaluun haalluu diimaa dhiiga aarsaa Waangichaaf dhiyaatuu kanaan faayamanii argamu. Guyyaa ayyaana kanaatti dargaggeettii miliyoonaan lakkaa'amtutu durbummaa (ulfina) ishee Waangoo kanaaf aarsaa godha. Vaalantaayinii kana sababeeffachuudhaan baayyoliidhaaf guyyaa kana walquunnamtiin saalaa eyyamamaadha. ♨VAALANTAAYINII Vs WAANGOO, SAREE, REETTII! •••••• 📌Ayyaana kana irratti waaqi tolfamaan itti sagadamu sun maalif Waangoo ta'e? 📌Aarsaadhaaf Reettii fi Sareen maalif dhiyaatan? 📌Waa'ee jara kanaa Macaafni Qulqulluun maal jedha? 👉WAANGOO •••••• Waangoo fi Ilmaan Waaangoo balleessituudha. Waangoon Seexana isa lubbuu dhaloota balleessutti hiikama, Ilmaan Waangoo immoo dhaloota warra ergama isaa isa hamaa fudhachuudhaan ajaja isaa hojii irra oolchanii ofii isaanii fi lubbuu kan biroo balleessaniidha. Dhaloonni akkasii argama bara dhumaa kanaa taa'anii kaa'aa jiru. Ilmaan Waangoo! Daaraaraa balleessu, dhaloonni akka ija isa dhugaa hin godhanneef daraaraa dhalootaa urguufanii abdii golgoleessu.

====+ODUU GAMMACHIISAA=====+ Opening Soon!!!! Koolleejjiin Winners Vision Theological College Yeroo Dhiyootti Barnoota Sadarkaa Sartifikeetaa Irraa Eegalee Hanga Digirii 2ffaatti Kennuu ni Eegala. Tokkummaa Ealdoota Kristaanaa wajjin kan hojjatu yoo ta'u; Galmee jalqabnee jirra. Afaanota Barnoonni ittiin kennamu:- 1. Afaan Oromoo 2. Afaan Amaariffaa 3. Afaan Ingiliffaa. ዊነርስ ቪዥን የስነመሎኮት ትምህርት ኮሌጅ በቅርብ ቀን ከሰርተፍኬት ጀምሮ እስከ 2ኛ ድግሪ ትምህርት መስጠት ይጀመራል። ምዝገባ ጀምረናል። ለበለጠ መረጃ 1. Finfinnee /0912276747; 0910254745; 0925256697 2. Galaan /0912276747/ 3. Alam Ganaa / 0912935345/ 4. Buraayyuu Kellaa / 0949426128/ 5. Hoolataa / 0921987008/0910254745/ 6. Amboo /0910826538/ 7. Waliso / 0947727074/ 8. Baakkoo /0910182687/ 9. Baatuu /0922971126/ 10. Asallaa /0913980017 ; 0922295362/ 11. Baalee Dallo Mannaa /0931589593/ 12. Fiichee /0920056423/ 13. Garba Gurraacha /0911964911; 0963231664/ Sagantaa /Programs ✅ Online/ ✅ Weekend/Sanbattan/ቅዳሜ እና ዕሁድ ✅ Month-end/Dhuma Ji'aa/የወር መጨረሻ ✅ Regular/Idileen/በመደበኛ Departments ☑️ Leadership ☑️ Mission ☑️ Theology “Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.” — Filp. 3:14 For more information Online applicant:-https://wvtheologicalcollege.com/apply_here.html

Seeqa isaa gonkumaa ibsuu hin danda'u! Jechoonni afaan isaa keessaa ba'an garaan koo inni yeroo dheeraaf gadde akka gadda isaa isaa irraanfatu na taassise, yeroo inni sagalee marartoon "harmee Waaqayyo dhuguma akka si jaallatu qofa sitti himuu barbaada." Jedhu, Ergamaan xiqqaan sun qorraa fi rooba keessa dhaabatee barruu baatu sana naaf kennu balbala koo cufee barruu sana hundan dubbise. Sana booda teessoo fi funyoo sana kaasuuf gara mana gubbaatti deeme. Akkuma argitan amma ani intala Mootichaa gammachuu qabdudha. Kallattiin mucaa sanaa, yeroo inni deem gara waldaa kanaa waan ta’eef, ergamaa Waaqayyoo xiqqaa yeroo isaa eegee jireenya koo bara baraan si’ool keessaa baraare Waaqayyoo isa jireenya barabaraa naaf kenne galateeffachuun dhufe" jettee dhugaa baate. Amantoonni Waldaa sana keessa jiran hunduu ni boo'an. Tajaajilaan sunis gara ilma isaa sana deemuun harka isaa qabachuun hirqinfatee boo'e. Ilma isaas dhiifama gaafate. Anis nan jedha, barreeffama kana barreessuuf yeroo baay'ee narraa fudhate. Sababii yeroo dhabdaniif ykn dubbisuu nuffitaniif ergaan kun nama biraa bira akka hin qaqqabne na jalaa hin godhiinaa. Ergaan Waaqayyoo kun jireenya nama tokkoo irratti jijjiirama guddaa fiduu akka dandaʼu yaadadhu. Jaalala Waaqayyoo babal'isuuf gonkumaa hin dhibahiin. Akka #Share gootan jaalala Waaqayyoon sinaan gaafadha. Fuula fb Tadele Fekadu TD irraa!! Eebbifamaa

Mucaa xiqqaa abbaan isaa tajaajilaa Wangeelaa ta'e tokkotu uffata qorraa uffatee abbaa isaan akkas jedha, "abbaa ani qophaa'eera" jedha. Abbaan isaa immo, "maalitti qophoofta?!" Jedhee gaafata. Mucaan isaas, "ala baanee barrullee hafuuraa (flayers) rabsinakaa" jedhanii. Abbaan isaa mucaa isaan miillaa hamma mataatti ilaalee, "ilmakoo alli baay'ee qorra roobaas jiraam" jedhaani. Ilmi isaa kun dubbii abbaa isaa ajaa'ibsiifatee, "Abbaa namoonni guyyaa roobaa fi qorraa illee jaalala Waaqayyoo dhagahuu qabu mitii?!" Jedha. Abbaan isaa yaada isaa hin jijjiirre, qorraa fi roobaa keessa akka ala hin baane itti irra deebiin itti hima. Dhumarratti mucaan isaa abdii kutannaadhaan, "toole haata'u! Maaloo abbaa ani kophaa koo deemuu nan danda'aa?" Jedhee gaaffii dhumaa isa gaafata. Abbaan isaas xiqqoo erga jalaa callisee booda, "deemuu ni dandeessa; kunooti barruuleem hafuuraa (flayers) of eeggadhummoo" jedhee eyyeefami. Ilmi isaa kunis abbaa isaa galateeffatee kophaa rooba keessa manaa bahe. Mucaan waggaa 11 kun daandii hunda irra naanna'uun, namoota arge hundaaf barruilee hafuuraa isaaniif hire. Roobaa fi qorra keessa sa'aatii 2 erga naanna'aa turee booda, barru dhumaa tokko harka isaatti hafte. Barruu tokkitti harka isaarratti hafte kana namaa kennuuf ija isaa facaasuus daandii gubbaa nama dhaba. Achii iji isaa balbala mana tokkoo irra bu'a. Achiis gara mana jalqaba arge sanaa deemuun balbala rurrukuta. Namni jalaa banu hin jiru. Ammas irra deebiin balbala rurrukuta namni isa dhagahu dhibe. Dhumarratti mucaan kun ofirra garagalee deemuuf yeroo jedhu garuu wanti tokko isa dhorke. Mucaan gara balbalaatti deebi'ee dhagaatiin balbala jabeessee rukutuu jalqabe. Dhumarratti balballi suuta baname. Dubartiin guddoo tokko fuula baayyee gaddeen as baatee suuta jettee akkas jettee gaafatti. "Maal siif godha ilmakoo" jetti. Fuula ifaa fi kolfa ta'een mucaan sun, "harmee yoon si mufachiise dhiifama, garuu Waaqayyo dhuguma akka si jaallatuu fi barruu koo isa dhumaa kan waa'ee isaa dubbatu siif kennuuf akkan dhufe qofan sitti himuu barbaada. Waaqayyoo jaalala guddaan si jaallata!" jedhee barruu sana kenneefi. Isheenis "Galatoomi ilma koo Waaqayyo si haa eebbisu!" Jette. Guyyaa gaafa dilbataa abbaan mucaa (tajaajilaan sun) Church tti ganama tajaajila jalqabani. Gaafa tajaajila isaa jalqabu akkas jedhe, " Tole namni dhuga-baatii qabu yoo jiraate nuuf haa qoodu" jedha. Suuta jettee, tarree duuba Waldaa sanaa keessa, dubartiin guddoo tokko kaatee dhabbatte. Yeroo haasa'uu jalqabdu fuula isheerraa gammachuu fi seeqa tu dubbifama. Akkas jechuun eegalti, "Waldaa kana keessaa namni na beeku hin jiru. Ani as dhufee hin beeku, dilbata darbellee ani Kiristaana hin turre. Abbaan manaa koo yeroo muraasa dura addunyaa kana du'aan na jalaa boqotee kophaatti na dhiisee deeme. Dilbanni darbe guyyaa addaati, roobaa fi qorraa hamaatu ture. Gaafa kana kophummaan natti dhagahame. Garaan koos baay'ee gaddee ture. Anis kophummaa koo irraan kan ka'e kana booda jiraachuu akkan hin barbaanne natti dhaga’ame. Teessoo fi funyoo fudhadhee gara mana gubbaa mana koottin olan ba'e. Funyoo gar-tokko baaxii mana kootti hidhee, gar-tokkoo isaammoo morma koottin kaa'e.. Sana booda teessoo irra dhaabadhee abdii kurannaan, teessoo irraa of darbachuuf osoon jiruu akka tasaa sagalee guddaa balballi rukutamuun dhaga’e. Daqiiqaa tokko nan eega. Deebi'anii deemu jedheen jalaa callise. Anis nan eegee nan eegee, itti iyyuu balballi sagalee guddaadhaan rukutamu itti fufe. Sagalee guddaa waan ta'eef kana booda bira darbuu hin dandeenye. Kanaaf eenyu ta'uu danda'a jedheen yaade? Namni na barbaaduu dhufu ykn na daawwachuuf dhufu hin jiru! Jedheen ofitti haasa'aan funyoo morma koo irraa baaseen gara balbalaa deeme. Balaballi ammayyuu rurrukitamaa jira. Yeroon balbala banu waan iji koo arge amanuu hin dandeenye, balbala koo fuuldura daa'imni ani arge hunda caalaa fuula ifaa ta'e tokkon arge.

➡️ Baga Ayyaana yaadannoo dhaloita Gooftaa keenya Yesuus Kristoosi geessan Guyyaan dhaloota Yesuus Eebbaa gurguddoo baayyee of keessatti qabatee jira. Fayyisaa biyya lafaa isa ta'e Kristoos nuuf gumaache. Kristoos dhalchuun isaa saba dukkana keessa tureef Ifni ba'e, Abdii warra dhabaniif abdiin mul'ate, warra kufaniif ka'uutu ta'e, sagaleen Waaqayyoo karaa raajotaa du batame ni raawwatame, Amanamummaan Waaqayyo ni mul'ate, warra Abdii dhabaniif haara galfannaan ni ta'e, Warra waldhabe gidduutti haraara buuse, Garaagarummaa anbisee tokkummaa cimse, Waaqayyo jaalalaan ofii isaa mul'ise. Galanni Waaqayyoof haa ta'u!!! Guutummaa addunyaarra kan jirtan dukkana ibsee isa gara ifaatti nu baase kabajaa hojii dukkanaa keessaa ba'uun akka ijoollee ifaafti haa deddeebinu. Abdii keenya waan haaresseef akka namoota abdii qabaniitti haajitaannu, Lafa kufnee waan nukaasef akka kaanetti ittii haa fufnu, ammamuu yoo ammeenyi keenya baayyee ta'eyyuu nu jijjiiruf Jaalala waan nutti agarsiisef jaalala isaa fudhannee jaalalatti haa jiraannu, Addunyaa amanamummaa hin qabne kanatti amanamummaa isaa argisiise borus amanamaa waan ta'eef karaa hundumatti amanamummaatti haa jiraannu, obnoloota keenyatti haa argisiifnu. Addunyaa nagaa dhabeef nagaa fidee dhufe nagaa karaa isaa argame fi arganne addunyaa kanaaf akka baayyatu qooda keenya haa baanu. Waaqayyo Ilma isaatin arjummaa guddaa nutti agarsiise, arjummaa isarraa qooddanne namoota hundumatti arjummaa haa argisiifnu. Haraara isarraa barre namoota hundaaf qoodun warra hararaa fi nagaa buusan haa taanu. Jireenya Waaqarraa nuuf qooduf waaqarraa dhufe, jireenya lafarraatti hidhamnee isa Waaqarraa akka hin dhabneef waa'ee Wanta Waaqarraa haa yaannu. ↪️Ayyaana yaadannoo dhaloota Gooftaa Keenya Yesuus Kristoos yeroo kabanyu kaayyoo Yesuu gara biyya lafaa foon huffatee dhufe yaada yaa kabanyu eebbifama. ↪️Waaqayyo biyya Keenya nagaa haa godhu. WAAJIRA TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT IRRAA.