TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.
Open in Telegram
“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” — Far. 133:1
Show more373
Subscribers
-124 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
➥Kadhata Guyyaa 9ffaa
📌Waaqayyo isa nu gargaaree guyyaa kana dabalee nuuf kenneef galanni haa ta'u.
➪Mata Duree Ergaa Sagalee Waaqayyoo har'aa. 📌Wangeela Uumama Undumaa Dhaqqabsiisu
📚Fak 24:11
➥Nuti kan fayye irratti sagantaa galataa hinceetaa fi akkastaataa gochaa oolla garuu kan hin fayyin bowwaa du'aa keessa kan jiran baayyedha.
➥Paarsentii olaanaan biyya keenya keessatti namoota hin fayyini dha.
➥Waaqolii garagaraa kan ordofan dhugaan kan isaanif hin galin dhugaa kan isaan ubachiisu hafuura qulqulluu hin qaban.
➥ Macaafni dhaqaa jedha; namoota Wangeela hin qaqqabne akka dhaqabnu nutti agarsiisa.
📚Mar.16:15-20
📚Luq 19:10
➥Waldaan Kristaanaa har'a xiyyeeffannoon ishee maalirra jira? Lubbuu haaraa moo namoota fayyan qofaratti?
➥Irra caalan baajanni Waldaa Konfiraansii qopheessu moo Miishinerii erguun Warra bade barbaadurratti dhangala'a. Ergamni inni guddaan garuu warra bade barbaaduu irratti xiyyeeffatamuu kan qabu
➥Waldaan Kristaanaa kaafa Tokkummaan kadhattu maaltu ta'a?⤵️
📚Erga 13:1-
➥ Hojii Waaqayyoo isa itti waamamaniif hafuurri qulqulluun Baarnaabaasi fi Phaawuloos addaan naaf baasaa gaafa jedhu argina. Kuni firii kadhannaati. Nuti har'a Waldoonni JHT jala jirru baayyeen keenya Miishinerii Lubbuu bade barbaachuf meeqaa keenyatu ergaa jira? Dhugaa kana hubatanii ergaa kan jirani jiru eebbifama.
Ergama guddicha kana kan kenne Yesuus Kristoosi
📚 Mat 28:18-20
➥Ergama kana kan nuti hin callifneef Gooftaa Yesuusrraa waan nutti kenname dha.
➥Dhugaan kuni nun teessisu. Addunyaan kuni har'a toora miidiyaa hawwaasaa kanaan waan baayyee lallaba. Nuti garuu Kristoos isa fannifame lallabna.
📚1Qor 1:23
➥Barri kuni keessaa osoo hin dhumin Lubbuu tokko barbaannee fiduu qabna.
📌Ergama kana galmaan ga'uuf Kadhachuu qabna*
Kadhata keenya keessattis Waaqayyo ergamoota akka duumessaa baayyatan akka ergu kadhachuu qabna.
➥Kanaaf manaa gadi ba'uu qabna.
➪Gaafa nuti kadhannu maaltu ta'a.
📚Mat 9:37-
Hojjattoota gara maasii isaatti akka yaafatu
Gadi ba'uuf humna hafuura qulqulluutu nu barbaachisa.
Kennuu
📌Addunyaan kuni barri haaran gaafa dhufu namni waan adda addaa waliif kenna.
Nuti kennaa guddaa isa nuuf kenname baannee taa'uu hin qabnu; kennuu qabna.
➥Nuti namootaaf maal kenninaa?
➥1. Yesuusin namaaf kennina.
➥2. Yeroo keenya kennina.
➥3. Qabeenya keenya kennina, Wangeelli Maallaqaan hojjatama.
➪ Bara haaraa kanaatti Warra rakkatan haadha Iyyeessa teessee boochu, Ijoolleedha warra hinqabne Dabtara bituun, akka Waldaatti gurmoofnee yoo goone Waaqayyo biratti gammachuutu ta'a.
➥4. Ergama guddaa raawwachuuf Waldaan Isa bade baatee barbaadu qabdi.
➪📚10:14-15
➪Namoonni Misiraachoo akka dhaga'aniif dhaqnee itti himuu qaban
Toora Kadhata keenayyaa⤵️⤵️
➤ Waaqayyo dhaloota baa'aa hojii ergama Wangeelaa qaban Waaqayyo akka kaasu.
➤Waldaan Kristaanaa Ergama Wangeelaarratti akka xiyyeeffattuuf kadhanna.
Namoota dhukkuba adda addaan rakkatan akka fayyan
➤Dhaloonni Milkaaina dhaban akka milkaa'aniif
➤Warra balballi hojii itti cufame akka jalaa banamu kadhanna.
➤Tokkummaan akka cimu haa kadhannuu
➤Sanyii baannee jirru osoo hin facaasin akka hin duune, barichi bara hojii akka nuuf ta'u kadhanna
📌Eebbi Waaqayyo hunduma keenya wajjin haa ta'u Shaalom
➾ Dhalootaaf sheer godha.
📚Obnoleessa keenya Pr Maammoo irraa.
🙇♂️Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.
Hagayya 09/2016. AUG 15:/2024.
*✍️ Kadhata Guyyaa 8ffaa.*
*➪Karaa hundumaan inni nu wajjin jiru Waaqayyo haa Eebbifamu.*
*➪ Mata Duree Ergaa har'aa.*⤵️⤵️
*✍️ Ni Hiikamta*
*📚Erga. 12:1-10-11*
*➥Xiyyeeffannoo Herodis bara sana akkuma kutaa sagalee Waaqayyo kana keessatti arginu namoota bu'aa Waldaa Kristaana turanirratti dha.*
*✍️Kaayyon isaas Isaanin kan jalqabame hojii Waaqayyoo karaatti hambisuu ture.*
*➤Haata'u malee hojiin Waaqayyo yaada namaati fi hammeenya diinaatin kan karaatti hafu miti.*
*➤ Wangeelli keenya gidiraa fi waldhaansoo edduu keessa darbuudhan nu bira ga'e; har'as itti fufa.*
*➤ Humni isa dhaabu danda'u Samii irra, Lafa irra, Lafa jalas hin jiru. Wangeelli keenya Mo'ataa dha!!!*
*➤ Diinni kee haala ta'een si qabee kana booda siif dhumatee jira; hin duuta siin jechuu danda'a.*
*➤Waaqayyo garuu mucaa koo hin duutu; ani arka diinaa irraa sin hoolcha ani sin gargaaraa siin jedha.*
*➤Firoota koo Waaqayyo Saba isaa gargaaruf amanamaa dha. Nuti iddoo dhaabbannee eeguu qabnurra dhaabbannee haa eegnu, karaa keenya haa qajeelfannu!!*
*✍️Toora Kadhata Keenyaa guyyaa har'aa.*
➥. Haalota hundumaa irratti Waaqayyo mo'icha akka nuuf kennu araara Waaqayyoo kadhanna,
➥. Diinni kan isaan hidhe namoonni bu'aa Waldaa Kristaanaa; Akkasuma bu'aa dhalootaa ta'an hidhaa diinaa irraa akka hiikaman,
➥ Diinni dirree Salphinaa fi Sanduuqa Awwaalchaa kan qopheessef Waaqayyo hulfinaa fi jireenyaan akka itti fufsiisu,
➥.Balbalooti dhalootarratti cufaman akka banaman,
➥. Haala ittiin hidhamanii jiran keessaa akka ba'an,
📌.Waldaa Kristaanatiif,
📌.Tajaajiltootaaf,
📌. Geggeessitootaaf,
📌. Miseensota Waldaaf,
📌. Namoota dhuunfaa Gooftaa hin qabneef gara Mootummaa Waaqayyootti akka dhufan,
📌. Waldaadhaa fi Namoota Waaqayyoo kan hari'atan akka fayyan jabeessinee Waaqayyo ni kadhanna.
*🔊Inni Pheexiroosin mana hidhaati baasee har'as hojjachaa jira. jireenya keenya keessatti Ulfina isaa nutti agarsiisa; Ulfinaa gara Ulfinaatti, guddinaa gara guddinaatti darbuun ni ta'a!!!!
➪ Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT irraa.
Hagayya 08/2016. AUG 14/2024.
https://t.me/Jht2g
📌Nagaan isiniif haa baayyatu Tajaajila kana nufaana akka hirmaataniif Linki kana hiriyoota keessaniif qoodaa. Waliin haa tajaajilluu eebbifama.
🙇♂️🙇♀️ Kadhat Guyyaa 7ffaa
➪Karaa hundumatti hinni nu gargaare Waaqayyo haa galatoomu.
📌Mata duree ergaa har'aa.⤵️⤵️
✍️ INNI DUBBATEE KARAA SIJALQABSIISE WAAQAYYO ACHIIN SI GA'A.
📚 Luq 8:22-
📌 Inni Sitti Dubbate Gooftaan Amanamaa Waan Ta'eef:-
➙Wanti siraasu yoo jiraateyyuu Amanamaa inni ta'e Yesuus waan sifaana jiruuf wanti tokkoo sidhaabuu hin danda'u.
➙Gooftaan inni sitti dubbate iddoo siinjedheen si ga'a.
✍️ Toorri kadhata keenyaa:-⤵️⤵️
➤ Haalota kamuu keessatti dhaloonni Amantiidhan jabaatanii akka dhaabatan ni kadhanna,
➤ Akka Labooba Ibiddaatti rakkina dhaloota gubu, Qormaata,Lola diinaa, Fayyaa dhabuu, Eebba dhabuu, Boqonnaa dhugaa dhabuu, Gaa'elatti Milkaa'uu dhabuu, Waangaari jalqabanii itti milkaa'u dadhabuu, kanarraa kan ka'e waan qabatan wallaalanii raafamaa fi Abdii kutannaa hamaa keessa kan jiran Waaqayyo gidduu akka galu, gab akka godhu kadhanna.
➪ Tjaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.
Hagayya 07/2016. AUG 13/2024.
*✔️Kadhata Guyyaa 6ffaa*
*➥ Toorri kadhata keenyaa*⤵️⤵️
➤Tajaajila Waldaa Kristaanaa Toora online ilaalchisee kadhanna.
*📚 1Tasaloonqee 1:1-10*
1. Fayyuu dhaloota baayyef, jireenya hafuuraatti guddachuufi tajaajilatti dhufuu namoota baayyeef Waaqayyo karaa godhatee itti fayyadamee jira.
2. Waldaa baayyen biyyarratti iddoo adda addaatti akka hundooftuf, Ergamoonni Wangeelaa akka ergamaniif lubbuu baayyen Mootummaa Waaqayyootti akka deebituuf, tajaajilli online Sababa ta'ee jira. Kallatti adda addaatin qooda fudhattoota hojii kanaaf sababa ta'an waa'ee isaanitiif Waaqayyo ni galateeffanna. Undaan olitti isa nu gargaare Waaqayyoon ni galateeffanna.
3. Faallaa isa kanaa immoo dhaloota abdii kan kutachiisu, Kan dadhabsiisu, dhaloonni hojii gaarii fi jireenya gaarii karaa Kristoos argame jabaatanii akka itti hin fufne godhan Waldhaanson adda addaa jiru keessatti Waaqayyo dhalootaa akka gargaaru, dhaloonni dhaabatee karaa isaa akka ilaalu, Araara Waaqayyo kadhanna.
*📚Gal 3:1*
4. Kophee Wangeela nagaa miilla keenyarraa baafanne deebifnee akka kaawwannu, Wangeela nagaa, Wangeela dhugaa, Wangeela jaalalaa, Wangeela fayyinaa, Wangeela tokkummaa, Wangeela qulqullummaa akka lallabnuuf jireenya namaa kan haaressu Ayyaanni Waaqayyoo akka dhufu, isa dadhabaan humna akka argatu, inni kufe isheen kufte akka ka'an Waaqayyo dhaloota deebisee akka dhaabuf, akka ijaaruf ni kadhanna.
5. Haxxummaa seexanaa morminee akka hinjifannuuf yeroo hundumaa meeshaa Lolaa isa kan Waaqayyoo huffannee keessa akka jiraannuf ni kadhan.
*📚Efe 6:11*
6. Goyyoomsaa diinaa hundumaa mormaa Waaqayyo kadhanna.
➣ Dhaloonni dhugaadhan dhugaaf akka hin dhaabanne kan godhu,
➣ Wangeelli inni dhugaan ireenya dhalootaa keessatti akka iddoo hingodhanne kan godhu,
➣Karaa baayyedhaan dhaloota Waaqarraa kan fageessu,
➣Aaloo kan ba'u, Mul'ataa fi Kaayyoo isaanii kan gatachiisu, Abdii kan kutachiisu hojii isaa diigaa kadhanna.
*➭ Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.*
*🕓 Kadhanni keenya guyyaa hundumaa akka Itoophiyyaatti ganama Sa'aa 12:00-9:00*
*➪Abbaan mijateef dabalee kadhachuu ni danda'a.*
*➪Hagayya 06/2016. AUG. 12/2024.*
*➾Nagaan Waaqayyo isiniif haa baayyatu* *➯Kadhata Guyyaa 5ffaa.* *➫ Kadhata Waa'ee Biyyaaf* *Uma 18: 20-)* *Obboleessa Keenya Pr Shimallis* *➯Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.* *➭Guyyaa Hagayya 05/2016. AUG 11/2024*
*✔️Kadhata Guyyaa 4ffaa.*
*➪ 1.Yaada Garaa Geeddarachuu*
➤Yaada garaa geeddarchuun karaa ofii irraa guutummaatti gara Waaqayyootti deebi'uu dha.
➤Soomaaf kadhanni jireenya Kristaanotaa keessatti baramaa fi yeroo guutummaatti yaada ofii gara Waaqayyootti deebifatanii miira fooni fi yaada foonii keessaa ba'anii Waaqayyo wajjin dudubbatani dha.
➡️Kanaaf Sagalee Abdii waa'ee biyya keenyaaf dubbatame bu'uura godhannee arka keenya gara Waaqayyootti ol kaafannee Kadhanna.
*📚“Sooressonni biyya Gibxiitii in dhufu, Itoophiyaan ariifattee harka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti!”— Far. 68:31*
*➪Arka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti jechuun;-*
*➣Waaqayyoo kabaja ni laatti,*
*➣ Waaqayyoof ni booji'amti,*
*➣Waaqayyoon ni amanatti,*
*➣Waaqayyoon qofa abdii ni godhatti,*
*➣Waaqayyotti of hin kenniti, jechuutti hiikamuu danda'a.*
*➭Kanaaf yaa firoota kiyya abdiin biyya keenyaa tokkoof tokko Waaqayyo qofa dha.*
*✔️Waaqayyo lafa keenya Araaran yeroo ilaalu haareffamaa, nagaa fi boqonnaadhan lafti keenya ni guutama, haalonni hunduu ni jijjiiramu. Amantiin keenya kana.*
*➥Toora Irratti Kadhatamu.*
➭Abaarsa Cubbuun dhufe isa dhaloota keessaf Alatti gatii kaffalchiisaa jiru!!!;
➭Isa biyya gatii kaffalchiisaa jiru,
➭Baayyen balaa namtolchee fi balaa Uumamaatin lubbuun isaanii karaatti hafee jir,
➭ Baayyen dafqanii dafqa isaanii dhabanii jiru,
➭ Baayyen biyyaa ba'anii nyaata Qulrxummii ta'anii jiru,
➭ Baayyen biyyaa ba'aniis biyya namaa keessatti akka namaatti ilaalamuu dadhabanii jiru,
➭ Baayyen nagaa fi boqonnaa dhabanii jiru,
➭Bultoon namoota baayyee jigee maatin faca'ee jira,
➭Baayyen abdiin isaanii dukkaneeffamee jira,
➭ Yeroodha gara yerootti bifa isaa geggeeddaratee Waanjon dhaloota dhiphisaa jiru jira,
*➡️Waaqayyo isa dhumaatif Waanjoo kana biyya keenyarraa akka cabsuuf biyya keenya bakka buunee yaada garaa keenyaa geeddarachaa Kadhataa fi himataan fuula Waaqayyootti dhiyaanna.*
*➪📚Nah 1:1-; 2:1-9*
*➭ Waaqayyo faara tolaadhan akka ilaalamnu ni taasisa. Dallaan diigames deebi'ee ni ijaarama.*
➤Yakka Abboota kaleessaa, Yakka Moototaa kaleessa biyya kana bulchaa turanii, Yakka dhaloota harra jirruuf fuula Waaqayyoo fuunduratti Araara kadhanna; Waaqayyo Arka isaa araaratiin akka nu fayyisu.🙇♂️🙇
*➥2. Hafuura Hamaadhan Mormina.*
➭Laficha dhiphinaan fi hammeenyan kan guutu, Abdiiwwan mumullatan akka lafa hin qabanne kan godhu hafuura hamaa dhaloota gargar qoodu, karaatti kan hambisu Maqaa Yesuusin ittiin mormina.
➭ Dhaloota biyyoota Arabaa; Ardii fi Isteeti adda addaa keessa jiraatan hordofee kan ari'atu, duwwaa kan isaan taasisu, dhaloota abdii hinqabne godhee karaatti kan baasu, jireenya kufaa kan jiraachisu, kan maraachu, kan ajjeesu ittiin mormaa arkaa bunnee baasaa Waaqayyo dhaloota akka oolchuf kadhanna.
*➡️Gooftaan inni dubartittii hafuura hamaan qabamtee Waggaa 18 rakkachaa turte birmaduu baase harras biyya keenya hidhaa hafuura hamaatin barootaaf qabamtee rakkachaa turetti Waaqayyo ni hiika.*
*✔️📚Luqa 13:10-13.*
*➡️Jireenya Iyoob karaa baayyen mormee kan rukutee ture hafuurri hamaan hinjifatamee; yaanni Waaqayyo jireenya Iyyoob keessatti deebi'ee raawwatame harra'as nuuf, Biyya keenyaaf Waaqayyo deebisee waa raawwata.*
“"Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru.”
— Iyo. 42:2
*➡️Waaqayyo bara jireenya Iyyoob isa duraa caalaa ni eebbise, bara isaas ni quufe Ameen. Har'as Waaqayyo sanuma.*
*📚Iyo 42:12-17.*
*➪Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT.*
*Hagayya 04/2016. AUG 10/2024.*
➡️ Sana booda Soomanii Arka irra kaa'atanii kadhatanii hojii isaaniif kennametti ergan.
➪Caalmaatti milkaa'uu barbaaddaa? Soomi Waaqayyoon kadhadhu dhimma kee hundumaa toora qabsiisa.
➪ Soomni gocha Namotati mul'achuf godhamu oso hintane; dhugumati Waaqayyoon fundurati mata kenya dhiyesine yeroo kadhannu Waaqayyo ifatti gatii keenya baasa.
“Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna" jedne.”
— Mat. 6:18
➭ Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.
➥Agayya 03/2016. AUG 09/2024.
✔️KADHATA GUYYAA 3ffaa.
📚Faayidaa Soomanii Kadhachuu.
➥ Kutaa sagalee guyyaa 2ffaa irraa itti fufe.⤵️⤵️
➡️4. Yeroo barbaachisaa fi Yeroo sirrii Yoo Soomne Waaqayyo nuuf dhaga'a.
➥Yeroo sirriin
➣ Firdii qajeelaa kennuu,
➣ Hudhaa waanjoo itti furuu,
➣Cunqurfamoota luba baasu,
➣Waanjoo irraa caccabsuu,
➣ Buddeena warra beela'eef laachuu,
➣Hiyyeessa iddoo hinqabneef iddoo kennuu,
➣Hiyyeessa qullaa ta'e daara baasuu,
➣Namatti dugda gatuu dhiisuu.
➥Yoo kana goonee argamne⤵️
“Yoo kana hundumaa gootaniif ifni keessan akka biiftuu ganamaa ol in ba'a, madaan keessanis dafee deebi'ee in fayya; qajeelummaan keessan isin dura in adeema, ulfinni koos isin booddeedhaan isin in eega.”
— Isa. 58:8
“"Yommus isin ana in waammattu, anis isiniif nan deebisa; gargaarsaaf gara kootti in iyyattu, anis isin jalaa nan oowwaadha; isin nama cunqursuu yoo dhiiftan, quba namatti qabdanii jal'ina nama irratti dubbachuus yoo dhiiftan,”
— Isa. 58:9
➡️Yeroo akka kanatti haarsaa isaaf dhiyyeessinu Waaqayyo Iyya keenyaaf deebii nuuf kenna,
➡️ Akka fedha isaatti deebii nuuf kenna,
➡️Ofiisaayyuu gara keenyatti dhiyaata.
➡️5. Soomni Waaqayyoon kan filatame dha. Mataan keenyi ykn warri kaan hidhamanii ykn dhiphina keessatti gaafa arginu Soomnee kadhachuufii qabna.
➡️Waaqayyo warra dhiphatan birmaduu baasaa,
➡️Warra hidhaman ni hiika.
“"Soomiin ani fo'adhe warra firdii jal'aadhaan hidhaman hiikuu, hudhaa waanjoo ittii furuu, warra cunqurfaman luba baasuu, waanjoo hundumaas isaan irraa caccabsuu mitii ree?”
— Isa. 58:6
➡️6. Soomni Waldhaansoo keessatti Mo'ichaaf akka qophoofnu nu gargaara.
➡️ Waraana tokko keessatti Isiraa'el si'a lama yeeoo Mo'ame,
Abo 20:26-30
➡️ Cuubbuu isaanitti yaada garaa geeddarachuu osoo qabanuu waraana biraaf of qopheessan. Kuni immoo hinjifatamuu namarratti fida.
➡️ Soomanii erga kadhatanii booddee Waaqayyo mo'icha isaanif kenne
1Samu 7:1-14
➡️ Waaqayyo harras nuti gara isaatti deebinee yeroo isa kadhannu moo'icha nuuf kenna.
➡️7. Dhugumaan Soomaaf Kadhataan Waaqayyo yeroo barbaanu,
➡️Lubbuu keenya Lafa onaa keessatti akka quubsu,
➡️Lafee keenyaa akka Cimsu ,
➡️Akka jennata bishaan dhuguu,
➡️ Akka burqaa bishaanis si taasisa.
“Ani Waaqayyo yeroo hundaa isin nan geggeessa, lafa gogaa keessatti iyyuu isin nan quufsa, namummaa keessanis nan jabeessa; yommus isin akka iddoo dhaabaa isa yeroo hundaa bishaan qabuu, akka burqaa bishaan isaa hin hir'annees in taatu;”
— Isa. 58:11
➪ Yeoo nuti jireenya keenya haarsaa goonee isaaf of dhiyeessinu
➡️ Inni nuuf kennaa,
➡️ Dheebuu nu baasaa
➡️ Nutti guuta
➡️8. Soomni Waaqayyo akka dhageenyu fi qajeelfama isa irraa akka argannuuf nu gargaara.
➡️“Ani Waaqayyo yeroo hundaa isin nan geggeessa, ... Isa 58:11
➡️ Soomee Warra kadhatuuf Waaqayyo ni kadhatama.
Izi 8:21-23
➡️ Irreen gargaarsa Waaqayyoos nufaana ta'a.
➡️Warra riphanii nu eeggatanis nu oolcha.
➡️Lafa ga'uu qabnu geenyee akka boqannuuf Waqayo nu gargaara.
'' Nuyi Yerusaalem dhaquudhaaf ji'a isa duraatti, ji'ichattiis guyyaa kudha lammaffaatti bishaan mandara Ahawaa biraa in kaane; irreen gargaarsa Waaqayyo keenyaa nuu wajjin waan jiruuf, inni diinota keenyaa fi warra riphanii karaa irratti nu eeggatan nu oolche.''
''Akkasitti nuyi Yerusaalemin geenyee guyyaa sadiif in boqonne.'' Iziraa 8:31-32
➡️9. Soomni Daabiloos Hinjifachuuf nama gargaara.
➡️Namni tokko micaa isaa isa hafuura hamaadhan dhiphate gara barattootaa fide, isaan garuu baasuu hin dandeenye,
➡️ Amantii dhabina isaanii laalee yesuusi inni akka kanaa soomaa fi kadhata malee hin ba'u jedhe barsiise yesuus.
Mat 17:14-21; Mar 9:17-29
➡️10. Soomaaf kadhati Waldaa Kristaana Tajaajilaa fi hojii Waaqayyo karoorsef akka hojjattuuf qaama qopheessu dha.
➡️ Waldaan Kristaanaa Gooftaa Tajaajilaa fi Soomaa otoo jirtuu hafuurri qulqulluun Baarnaabaasi fi Saaol hojiin itti foo'adheef addaan naaf baasaa ittiin jedhe. Erg 13:2-5
*✔️Kadhata guyyaa 2ffaa.*
*➪Faayidaa Soomanii Kadhachuu*
➡️1. Soomni Lubbuu teenya akka to'annuuf nu gargaara. Miirri kee, Yaadni kee fi Fedhiin kee fiiganii sirakkisuu?
Soomni Foon keenya caalaa Hafuuraan akka duursinuu fi hojjannu nu dandeessisa.
Far 35:13; Isa 58:3,5.
➡️2. Soomni gadi of deebisuu fi Gadduudhaan gara Waaqayyootti kan deebinu yoo ta'e ; Waaqayyoo wajjin akka walii galluuf nu gargaara.
Yo'el 2:12-13
➡️ Akahaab inni hamaaniyyuu soomee gadi of deebise kadhatee Waaqayyo haraara godheef.
1Mot 21:27-29
➡️Mandarri Nanawwee Soomtee hojii ishee hamaarra deebitee gara Waaqayyootti Yeroo deebite Waaqayyo ishee balleessuu hin dhiise.
Yon 3:4
➡️3. Waaqayyo Sooma keenyaan Warra kaan eebbisuuf itti gargaaramu ni barbaada.
➡️Kan fudhatu irra kan kennu caalaa eebbifamaa dha.
Erg 20:35-36
➡️Kanaaf waa'ee warra kaanii Soomnee kadhachuu qabna.
Far 35:11-13, Zak 7:1-14
➡️ Warra beela'eef kennuu keenya mirkaneeffachuu qabna.
*➪Firoota koo namni buddeena qofa miti kan inni beela'u;*
➤Nagaa,
➤Jaalala,
➤Gaarummaa,
➤Araara fi k.k.k.f dhala namaa hundumaaf kennuu qabna.
➡️ Iyyeessota Qullaa isaanii dhoksuu ykn daara baasuu
Isa 58:7-11
➭Yeroo kana hundumaa goonu Eebba irra hafaa arganna.
✔️Warri rakkatanis ni gargaaramuu,
✔️ Waaqayyos kadhata keenya Simata.
*➥Qabxiin hin xumuramini itti fufna...!!*
*➭Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.*
*➡️Agayya 02/2016. AUG 08/2024.*
➪Nagaan fi hararri Waaqayyoo isiniif haa bayyatu jaallatamtootaa fi kabajamtoota Miseensota JHT hundumaaf baga Waaqayyo Yeroo kana Waliin fuula isaa duratti akka dhiyaannuuf dabarsee nuuf kenne; baga gammanee baga gammaddan.
➤Akkuma kanaan dura beeksisaan isin beeksisnee turre sagantaa Soomaaf Sagadaa jalqabnee jirra.
➡️📚Far 116:1-
“Fuula saba isaa hundumaa duratti immoo, ani wareega koo Waaqayyoof nan baasa.”
— Far. 116:18
TOORRI KADHATA KEENYAA AKKA AARMAN GADII TA'A.
➡️📚Kadhata keenya Guyyaa 1ffaa keessatti;-
1. Yeroo itti Waaqayyoon galateeffannu ta'a.
Uma 8:20-
1sam 2:8-9
📚Humni Waaqayyoo Moo'icha nuuf ta'ee!!!
📚Namni humna isaatin Mo'icha hin argatu!!!
➡️ Waldhaansoo gurguddaa keessa darbinee guyyaa kana ga'uu keenyaaf.
➡️ Hin darbama jedhamee kan hin yaaddamne keessa Waaqayyo biyya keenya dabarsee jiraa,
➡️Waldhaansoo sukkaneessaa edduu keessa Waaqayyo Obboloota keenya biyyoota Arabaa garagaraa keessa jiran Arka isaatin baatee dabarsee jira.
➡️ Waldaa Kristaanaa haala tajaajila ishee toora Waaqayyo barbaadun akka isheen hin hojjanne danquuf ba'e baayyee Waaqayyo dabarsee jiraa,
➡️Tajaajiltootaa fi Geggeessitoota Baayyee hojiin Waaqayyoo arkatti akka kufuuf mormiin kallattii adda addaatin itti baayyate edduu Waaqayyo Ayyaana isaatin dabarsee jira.
2. Kadhata guyyaa 21ffi qabnu kana keessatti;-
➤ Araarri fi Ayyaanni Waaqayyoo akka nuuf baayyatuuf,
➤ Gargaarsi Aarka Waaqayyoo akka nu waliin ta'uuf,
➤ Ulfinni Waaqayyoo akkaataa adda ta'een gidduu keenyatti akka mul'atuuf,
➤Kadhanni kuni dhalootaaf eebbaa fi boojuun kan itti deebi'uuf akka ta'u
➤ Hafuurri Qulqulluun humnaa fi Abodhaan akka nu geggeessu,
➤ Kadhanni keenya akka daanga'uuf kallatti adda addaatin kan mormu humna hafuura hamaa Waaqayyo hojii isaa akka diigu kadhanna.
✔️💪📚Waaqayyo hinni Waaqarraa nufaana jira Moo'ichaa fi Boojudhaan kadhanni keenya ni goolabama.
“Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.”
— Ibr. 12:2
TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.
Adoolessa 01/2016. AUG 07/2024.
