en
Feedback
TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT.

Open in Telegram

“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” — Far. 133:1

Show more
373
Subscribers
-124 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
↪️BAGA GEESSAN!!!! 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 *💒 TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHT. 🎁🎁🎁🎁🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 ✝️Jaallatamtootaa fi kabajamtoota namoota Waaqayyoo biyya keessaa fi biyya bakkee jirtan Baga Gooftadhaan gargaaramtanii bara 2016 irraa gara bara haaraa 2017 nagaana ceetan. ↪️Barri isaa kan lakkoofsan hin beekamnee fi kan hin tilmaamane jireenya bara baraa Waaqayyo karaa Ilma isaa isa tokkichaan nu jaallatee nuuf kennee jira. Kennaan kuni kennaa waan hundumaarra caalu kan baraan hin moofofne kan hinjijjiiramne argannee jirra. Fuulli isaa namatti hinjijjiiramu, Gaarummaan isaa barabaraan jiraata, barri isaa lakkooofsa hinqabu, jaalala isaa isa amma kana jedhamee hin beekamneen nujjaallate; Ijoollee koo jedhee nu waame, Aduu hamaa nama gubu keessatti Gaaddisa nuuf ta'e, Xiyyi baayyen osoo darbatamuu jalaa nu miliksee, Boolli baayyen osoo nuuf qotamuu nu oolchee, Mul'ataaf Karoora qabnu baayyetti nu milkeessee, Bu'aa ba'ii bara 2016 keessa mo'ichaan nu dabarsee; Waaqayyo maqaan isaa haa hulfaatu. 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 ↪️ ERGAA SAGALEE KEE DHAGEESSISAA NI FAARFATTA . 👏👏👏👏👏 ➥📚Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen in gonfita, gara ati adeemtuttis faanni kee cooma in rooba; lafti qoddiin coomee margi isaa in labbeessa'a, gaaronnis akka waan mudhii isaaniitti hidhataniitti, sagaleen gammachuu naannoo isaaniitti in dhaga'ama. Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera, hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu. 🌻Far 65:11-13 🌻Bara kanatti Yeroo hundumaa gara isa nu waamee jireenya barabaraa nuuf kenne gara Gooftaa Yesuus haa ilaallu, 🌻 Jaalalaa fi Amanamummaan adaraa nutti kenname tattaaffidhaan haa ba'annu, 🌻 Saba tajaajilluu fi gidduu jiraannutti gaarummaa haa argisiifnu, 🌻 Garaa cabaa Waliif dhiisu, Waliif danda'u fi obsu haa qabaannu, 🌻Waldaa keenyaa fi Tokkummaa keenya bifa haaraadhaan haa cimsinu! 🌻 Waaqayyo isin yaa eebbisu 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 ↪️ JHT. Irraa. Pr Tashoome Gutema.

*➪Kadhannaa Guyyaa 21ffaa.* *📌 ISA CAALUF OF QOPHEESSI.* *📚Erg Yoh 1:43-* *➫ Waaqayyo jalqabaa kaasee hanga ammaatti isa nu gargaare galanni isaaf haa baayyatu.* ➪Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT irraa. Pr Tashoomaa irraa. ➥Hagayya 21 /2016/AUG 27/2024

➫Kadhata Guyyaa 18ffaa. 🔐Siifi Isa sitti Falmu gidduutti Waaqayyo hin farada ⭕️ Luq 18:1-18 Luqaas kun:- ➺ Luqaas Yesus Kiristoosiin dhuunfaan waan hin beekneef barreessaa hawwataadha. ➺ Du'a Gooftaa booda, yeroo Phaawuloos wangeela isa barsiisu hordofaa ta'e. ⭕️ Maaltu sitti Falmaa jiraa? ➺ Isa Kan isaa ajjesee Kan kees Itti dabaluuf Miixatu ta'uu danda'a 1Mot 3:16-28 ⭕️ Akkamitti isa sitti Falmu si gidduutti Waaqayyoo:- ➊ ➤ Yeroo Hundumaa kadhachuudhaan Rom 12:12 ❷ ➤ Yeroo Hundumaa Abdachuudhaan Rom 12:12 ❸ ➤ Obsuudhaan Rom 5:4 ❹ ➤ Abdachuudhaan 2Mot 4:1 ❺ ➤ Qulqulluummaatti jiraachuydhaan Galaatiyaa 5:1 ▬ Luqaas 18:1-8 irratti Yesus waa’ee barbaachisummaa kadhannaa cimaa ilaalchisee fakkeenya nuuf dhiheessa. "Dubartiin Haadha Hiyyeessaa kun yeroo hundumaa dhufuun akka na hin dadhabsiifneef haqa isheef nan kenna." ▬ Kutaa Kana keessaattii kan nuyi arginuu Kadhachuuu jecha jedhudha ➺ Kadhata akkamiin Yoo kadhannee Deebii argannaa? ➤1. Osoo Addaan hin kutiin kadhachuudhaan ➛1Tas. 5¹⁷ ➤2. Gooftaa keessatti Of sassaabuudhaa ➛ Mat. 6:6 ➤3....Maqaa isaatiin (Inni Eenyudha?) ➛ Yoh. 14:13-14 ➤4. Amantiidhaan, mamii malee ➛Mat. 21:21 ➤5. Namaaf dhiisuudhaan(Garaa dhiifamaa qabaachuudhaan) ➛Mar. 11:25 ➤6. Soomuudhaan ➛HoE. 13:2-3 ➤7. Dubbii isaatti jiraachuudhaan ➛Yoh. 15:7 ➫H.W Abdii Garbaabaa irraa. ➪Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa! ➾Hagayya 18/2016 AUG 24/2024

Audio from Pr Teshome Gutema

*➪Kadhannaa Guyyaa 17ffaa.* 📌Mata Duree Qabeenyi Waldaa Kristaanaa maali? 📚Erg 3:1-10 ➥Qabeenyi Waldaa Kristaanna Sagalee Waaqayyooti. 📚Erg.2:42-47 *➫Mata Duree Kadhannaa Humni Kadhannaa Dhalootaf akka deebi'u kadhachu.* Obboleessa keenya Guutaa irraa. ➪Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT irraa. ➥Hagayya 17/2016/AUG 23/2024

KADHATATTI HIN DHIBA 'IN Far. 31 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ² Gurra kee gara kootti qabi, ariifadhuu kana jalaa na baasi, ati kattaa ani itti baqadhee oolu anaaf ta'i, ana oolchuufis mana masaraa jabaa anaaf ta'i! ³ Ati kattaa, masaraas anaaf taateetta; maqaa keetiif jedhii karaa irra ana buusi, ana geggeessis! ⁴ Ati hoofkalchaa koo waan taateef, kiyyoo anaaf dhoksan keessaa na baasi! ⁵ Yaa gooftaa, ati Waaqayyo amanamaa dha, ati ana furteetta; ani immoo hafuura koo harka keetti nan kennadha. መዝሙር 31 በጸሎት አትሰንፍ ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ² ጆሮህን ወደ እኔ መልሰህ ስማኝ፤ ፈጥነህ አድነኝ፤ መጠጊያ ዐለት ሁነኝ፤ ታድነኝም ዘንድ ምሽግ ሁነኝ። ³ አንተ ዐለቴና መጠጊያዬ ነህና፣ ስለ ስምህ ስትል ምራኝ፤ መንገዱንም ጠቍመኝ። ⁴ አንተ መጠጊያዬ ነህና፣ በስውር ከተዘረጋብኝ ወጥመድ አውጣኝ። ⁵ መንፈሴን በእጅህ ዐደራ እሰጣለሁ፤ እግዚአብሔር የእውነት አምላክ ሆይ፤ አንተ ተቤዠኝ።

𝑛𝑎𝑔𝑎𝑎𝑛 𝑤𝑎𝑞𝑎𝑦𝑦𝑜𝑜 𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑓 ℎ𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑦𝑎𝑡𝑢𝑢 𝑠𝑜𝑚𝑎𝑓 𝑘𝑎𝑑ℎ𝑎𝑡𝑎 𝑘𝑒𝑛𝑦𝑎𝑎 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑎𝑎 16𝑓𝑓𝑎𝑎 Obboleettii teenya Haanna irraa 𝐻𝑎𝑔𝑔𝑎𝑦𝑦𝑎 16 /12/2016 𝐴𝑢𝑔 22/8/2022

𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐚𝐥𝐚𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐬𝐢𝐧𝐢𝐟 𝐲𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐨𝐨𝐟𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐦𝐨𝐨 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐚𝐛𝐚 𝐉𝐇𝐓 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢⛪🤝 𝑁𝑎𝑔𝑎𝑎 𝑘𝑜𝑜𝑡𝑖 𝑎𝑛𝑠𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑛𝑖 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑎𝑦𝑦𝑜𝑜 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑢𝑚𝑛𝑖 𝑛𝑢 𝑔𝑎𝑟𝑔𝑎𝑟𝑒𝑒 𝑘𝑎𝑑ℎ𝑎𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑎 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑎𝑎 1️⃣5️⃣ 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑔𝑒𝑒𝑛𝑦𝑒 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎 . 𝘚𝘢𝘣𝘯𝘪 𝘧𝘶𝘭𝘢 𝘸𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘣𝘢𝘳𝘣𝘢𝘥𝘶𝘶𝘥𝘩𝘢𝘯𝘪 𝘩𝘢𝘯𝘨𝘢𝘢 𝘨𝘶𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘬𝘢𝘯𝘢𝘵𝘪 𝘯𝘶 𝘵𝘢𝘫𝘢𝘫𝘪𝘭𝘢𝘢 𝘵𝘶𝘳𝘵𝘢𝘢𝘯𝘪 𝘸𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘣𝘢𝘳𝘪 𝘫𝘪𝘳𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘴𝘴𝘢𝘯𝘪 𝘺𝘢𝘢 𝘦𝘣𝘣𝘪𝘴𝘶𝘶✝️ 🙏❤️ 𝑻𝒐𝒍𝒆𝒆 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒉𝒂𝒓'𝒂𝒂𝒔𝒊 𝒎𝒂𝒕𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒆𝒆 \\𝙒𝘼𝘼𝙌𝘼𝙔𝙔𝙊𝙊 𝙈𝘼𝘼𝙇𝙄𝙁 𝙉𝙐 𝙒𝘼𝘼𝙈𝙀 ? ///// 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒕𝒊 𝒔𝒂𝒈𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝒘𝒂𝒍𝒊𝒏𝒊 𝒒𝒐𝒅𝒂𝒄𝒉𝒂 𝒇𝒖𝒍𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝒘𝒂𝒋𝒋𝒊𝒏𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒅𝒂𝒏𝒂𝒂 📖❤️ ➡️𝘞𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘮𝘢𝘢𝘭𝘪𝘧 𝘯𝘶 𝘸𝘢𝘢𝘮𝘦 ? 📶𝗪𝗔𝗔𝗤𝗔𝗬𝗬𝗢𝗢 𝗞𝗔𝗡 𝗜𝗡𝗡𝗜 𝗡𝗨 𝗪𝗔𝗔𝗠𝗘𝗙𝗜 𝗔𝗥𝗔𝗔𝗥𝗔 𝗡𝗨𝗙 𝗚𝗢𝗖𝗛𝗨𝗨𝗙 𝗡𝗨 𝗪𝗔𝗔𝗠𝗘 .✍️ ~𝘞𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘸𝘢𝘢𝘮𝘪𝘤𝘩𝘢 𝘴𝘢𝘣𝘯𝘪 𝘪𝘴𝘢𝘢 𝘢𝘬𝘬𝘢 𝘪𝘴𝘢 𝘣𝘢𝘳𝘣𝘢𝘢𝘥𝘥𝘢𝘵𝘢𝘯𝘯𝘪𝘪𝘧 𝘨𝘰𝘥𝘩𝘶 𝘬𝘦𝘦𝘴𝘴𝘢𝘵𝘪 𝘺𝘦𝘦𝘰𝘰 𝘩𝘶𝘯𝘥𝘶𝘮𝘢𝘢 𝘬𝘢𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘲𝘢𝘣𝘢 . 𝙆𝙖𝙖𝙮𝙮𝙤𝙤𝙣 𝙞𝙨𝙖𝙖 𝙞𝙣𝙣𝙞 𝙜𝙪𝙙𝙙𝙖𝙖𝙣 𝙞𝙢𝙢𝙤𝙤 𝙖𝙧𝙖𝙖𝙧𝙖 𝙜𝙤𝙘𝙝𝙪𝙪𝙙𝙝𝙖 ✍️ 𝘞𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘴𝘢𝘣𝘢 𝘪𝘴𝘢𝘢𝘵𝘪𝘧 𝘥𝘩𝘪𝘧𝘢𝘮𝘢 𝘨𝘰𝘤𝘩𝘶𝘶 𝘯𝘪 𝘣𝘢𝘳𝘣𝘢𝘥𝘢𝘢. \\\𝙕𝙖𝙠 8:2-4/// 📶Wᴀᴀǫᴀʏʏᴏᴏ ᴊᴀᴀʟᴀʟᴀᴀ ᴀᴋᴋᴀ ǫᴀʙᴀɴᴜᴜғɪ ɴᴜ ᴡᴀᴀᴍᴇ ✍️ 👉𝐌𝐚𝐭 5:43-45 📶𝙌𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙖𝙠𝙠𝙖 𝙩𝙖𝙣𝙪𝙛𝙞 𝙣𝙪 𝙬𝙖𝙖𝙢𝙚 ✍️ 𝘈𝘯𝘪 𝘸𝘢𝘢𝘲𝘢𝘺𝘺𝘰𝘰 𝘨𝘰𝘰𝘧𝘵𝘢𝘢𝘯𝘪 𝘬𝘦𝘦𝘴𝘴𝘢𝘯𝘪 𝘲𝘶𝘭𝘲𝘶𝘭𝘭𝘶𝘶 𝘢𝘬𝘬𝘶𝘮𝘢𝘯 𝘵𝘢'𝘦 𝘪𝘴𝘪𝘯𝘪𝘴 𝘪𝘮𝘮𝘰𝘰 𝘲𝘶𝘭𝘲𝘶𝘭𝘭𝘰𝘰𝘵𝘢 𝘵𝘢'𝘢𝘢 👉𝘓𝘦𝘸 19:2 📶𝙆𝘼𝙍𝘼𝘼 𝙄𝙎𝘼𝘼𝙍𝘼 𝘼𝙈𝘼𝙉𝘼𝙈𝙊𝙊 𝙏𝘼𝙉𝙀𝙀 𝘼𝙆𝙆𝘼 𝘿𝙀𝘿𝘿𝙀𝙀𝘽𝙄𝙉𝙐𝙐𝙁 ✍️ 𝘎𝘶𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘬𝘶𝘥𝘩𝘢𝘯𝘪𝘪𝘧 𝘳𝘢𝘬𝘬𝘪𝘯𝘢 𝘢𝘳𝘨𝘢𝘤𝘩𝘶𝘶𝘧 𝘫𝘪𝘳𝘵𝘶 .𝘥𝘶'𝘢 𝘺𝘰𝘰 𝘴𝘪𝘵𝘵𝘪 𝘧𝘪𝘥𝘦 𝘪𝘺𝘺𝘶𝘶 𝘢𝘵𝘪 𝘩𝘢𝘮𝘮𝘢𝘢 𝘥𝘶'𝘢𝘢𝘵𝘵𝘪 𝘢𝘮𝘢𝘯𝘢𝘮𝘢 𝘵𝘢'𝘪! 👉Mᴜʟ 2:10 👉Mᴀᴛ 10:22 📶𝗗𝗨𝗕𝗕𝗜𝗜 𝗜𝗦𝗔𝗔𝗧𝗜 𝗡𝗨 𝗚𝗨𝗗𝗗𝗜𝗦𝗨𝗨𝗙𝗜 𝗡𝗨 𝗘𝗘𝗚𝗨𝗨𝗙 ✍️ 𝐷𝑢𝑏𝑏𝑖𝑖𝑛 𝑎𝑛𝑖 ℎ𝑎𝑟'𝑎 𝑠𝑖 𝑎𝑏𝑏𝑜𝑜𝑚𝑢 𝑘𝑢𝑛𝑖𝑠 𝑔𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎 ℎ𝑎𝑎 𝑡𝑎'𝑢𝑢 👉𝗞𝗲𝘀 6-6-7 👉𝗨𝗺𝗮 28:27-18 👉𝗘𝗳𝗲 6:4 📶Wᴀᴀɴ ɢᴀʀɪɪғɪ ǫᴀᴊᴇᴇʟᴀᴀ ɢᴏᴄʜᴜᴜ ᴀᴋᴋᴀᴀ ᴅᴀɴᴅᴇᴇɴʏᴜᴜғɪ ✍️ Gaarii akka siif ta'utti, biyya Waaqayyo abboota keetiif kennuudhaaf kakate sanattis galtee qabeenya kee akka isa godhattuuf, ati wanta qajeelaadhaa fi Waaqayyo duratti gaarii ta'e godhi! 👉𝙆𝙚𝙨 6:18-19 👉𝙌𝙤𝙡 1:28-29 👉1𝙥𝙝𝙚 2:12 📶HAFURAA QULQULLUUNI AKKAA MO'AMNUUFI ✍️ Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa! 👉𝗘𝗳𝗲 5:18 👉𝗚𝗮𝗹 5:25-26 📶𝗙𝗔𝗞𝗞𝗔𝗔𝗧𝗜 𝗜𝗦𝗔𝗔𝗧𝗜 𝗚𝗨𝗗𝗗𝗔𝗔𝗖𝗛𝗔𝗔 𝗔𝗞𝗞𝗔𝗔 𝗗𝗘𝗠𝗡𝗨𝗨𝗙 ✍️ 𝑊𝑎𝑟𝑟𝑎 𝑑𝑢𝑟𝑎𝑎𝑛 𝑑𝑢𝑟𝑠𝑒𝑒 𝑏𝑒𝑒𝑘𝑢𝑚𝑠𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑡𝑖𝑖𝑛 𝑓𝑜'𝑎𝑡𝑒 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑎𝑎𝑡𝑡𝑖𝑖 𝑖𝑙𝑚𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑖𝑠𝑎 𝑜𝑏𝑏𝑜𝑙𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑦'𝑒𝑒𝑑ℎ𝑎𝑎𝑓𝑖 𝑎𝑛𝑔𝑎𝑓𝑎 𝑡𝑎'𝑢𝑢𝑓 𝑗𝑖𝑟𝑢 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑡𝑎'𝑎𝑛𝑖𝑖𝑓 𝑦𝑎𝑎𝑑𝑎𝑎𝑛 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛 𝑞𝑎𝑏𝑒 👉𝗥𝗼𝗺 8:29- 30 👉2𝗤𝗼𝗿 3:18 Obboleettii teenya Xuree 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒇𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊 𝒚𝒂𝒂 𝒆𝒃𝒃𝒊𝒔𝒖𝒖 𝒆𝒃𝒃𝒊𝒇𝒂𝒎𝒂 𝙃𝘼𝙂𝘼𝙔𝙔𝘼 1️⃣5️⃣///1️⃣2️⃣///2️⃣0️⃣1️⃣6️⃣ 𝘼𝙐𝙂 2️⃣1️⃣///8️⃣////2️⃣0️⃣2️⃣4️⃣ 𝑇𝑎𝑗𝑎𝑎𝑗𝑖𝑙𝑎 𝑤𝑎𝑛𝑔𝑒𝑒𝑙𝑎𝑎 𝑆𝑎𝑟𝑎𝑟𝑎 𝑄𝑖𝑙𝑙𝑒𝑒𝑛𝑠𝑎 𝐼𝑟𝑟𝑎𝑎 𝐽𝐻𝑇 . 𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝙄 𝙃𝙐𝙉𝘿𝙀𝙀 𝙏𝙊𝙆𝙆𝙐𝙈𝙈𝘼𝘼𝙏𝙄 ✍️

Audio from Pr Teshome Gutema

*➯Kadhata Guyyaa 13ffaa.* *➫Mata Duree Hafuuraan Geggeeffamanii kadhachuu jedhu* *📚 Efe 6:18* *➯ Obboleessa keenya H/W Taaddee irraa.* *➮Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.* ➾ Hagayya 13/2016. AUG 19/2024. Waldoota keessaniif Sheer godha.

*➯Kadhata Guyyaa 11ffaa.* l͟u͟q͟a͟s͟ 1:5------ 𝐰𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐧𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐚,𝐚 ➯Obbole𝐞𝐭𝐭𝐢 Keenya 𝐖𝐚𝐫𝐪𝐢𝐧𝐞𝐬𝐡𝐢 irraa. *➮Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.* ➾ Hagayya 11/2016. AUG 17/2024. Waldoota keessaniif Sheer godha.

*➯Kadhata Guyyaa 11ffaa.* *➪Mata duree Ergaa Sagalee Waaqayyo⤵️⤵️*. *📚 Dan 6:10-* ➫Kutaa kanarraa kan nuti Ilaallu Waa'ee Kadhannaa Daani'eeli. ➯Kadhanni biyya oolchaa dhaloota oolcha. ➯Obbolerssa Keenya Pr Abdiisaa irraa. *➮Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa.* ➾ Hagayya 11/2016. AUG 17/2024. Waldoota keessaniif Sheer godha.

↪️Namni nama waanta'e qofaaf gargaarun namummaa dha!!! Waajirri Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT  Namoota harka qalleeyyii 47 deeggarsa taasisee jira. Hagayya 14/2016 Waajirri Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT namoota  47f   deeggarsa Daakuu fi Zayitaa baasii maallaqaa Qar. 83,500 tiin Waldoota Tokkummaa Amantoota Warra Wangeelaa  Itophiyaatti Tokkummaa Naannoo  Alam Ganaa  fi Magaalaa Shaggaritti  Bulchiisa Magaalaa Furii Aanaa Caffee Karaabuu wajjin ta'uun Waldaa Ifa Furmaataa Addunyaa Caffee Karaabutti  kan raawatame yoo ta'u;  Waajira Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT  irraa P/r Tashoomaa Guutamaa Hoji geggeessaa,  H/W Taaddasaa Jaallataa M/Qabaa,  Tokkummaa Amantoota Warra Wangeelaa  Alam Ganaa Irraa P/r Dhaabaa Dheeressaa  Qindeessaa Tokkummaa Naannoo Alam Ganaa,  Waldaa Ifa Furmaataa Addunyaa irraa Hw Taaddasaa Jaallataa fi Pr Maammoo Abdiisaa  fi Bulchiinsa Magaalaa Furii Aanaa Caffee Karaabuu irraa Obbo Iddoo Dabalee  Itti gaafatamaa Waajiraa bakka argamanitti Namoota harka qalleeyyii Amantaa addaa addaa irraa walitti dhufaniif deeggarsi godhamee jira. Akkasumas obboleewwan biyyoota adda addaa keessa taa'anii karaa waldoota toorarraa gartuu Tokkummaa obbolootaa jedhu keessatti walitti qabamanii  deeggarsa maallaqaa kana taasisan  Waaqayyo guddaa isin haa eebbisu isiniin jennaa  eebbifama. Waajira Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT irraa.

📌Ba'aan keessa namaatti uumame akkamitti galma gaa? 1. Garee dhimma lubbuuf kadhatu qabaachu. ➤ Lafeen dugdaa Waldaa kadhannaa dha. ➤Waaqayyo garaagarumaa akka fidu hojiin Wangeelaa humna guddaan akka hojjatamu, Shaakalli gadheen har'a Waldaa Kristaanaa bifa ishee balleessaa jiru akka dhaabatu humni kadhatu jiraachuu qaba. ➤Miishineroonni Wangeelaa Hojiii itti ergamanitti akka milkaa'aniif kadhatamuu qaba. Fi k.k.k.f irratti gurmuun kan kadhatu cimee jiraachu qaba. 📌Waaqayyo dhaloota akkasii nuuf haa kaasu, Dhaloota dhimmanii kadhatan baayyenis jiru Waaqayyo isaan haa eebbisu. 2. Garee Maallaqaan deeggaru qabaachuu dha ➤Har'a gaafa ilaallu maalaqaan kan deeggaramu raajota sobduu dha. ➤ Waldaa keessatti Zayitaa fi Bishaan Warra daldalan baayyee duuba namni deema. Kuni immoo hojii Wangeelaa miti! 📌Raajonni ergaan kuni isin bira ga'us gadi ba'aa Wangeela dhaqqabsiisa; Wangeela dhaqqabsiisun ga'ee hunda keenyaati. ➤ Raajonni sobduu baayyen paartinerii qabu, 📌Wangeela kan qaqqabsiisan baayyen garuu yeroo isaan omaa ofibiraa dhaban argina. Kun matumaa ta'uu hin qabu. deeggaramuu kan qaban garuu warra hojii Wangeela dhaqqabsiisu, miishineroota erguu irratti warra hojjatanii ta'uu qaba. Kanarratti dhaloonni dammaquutu irra jira. 3. Garee qaaman dhaqee lubbuu barbaadu, Isa diigame dhaqee ijaaru qabaachuu dha.. 📚Luqa 10:3 📌Ba'aan jiraannan Yeeyyi hin sodaannu. 📌Toora kadhata keenya har'aa ➥📚Ba'an Wangeelaa dhaloota keessatti akka uumamu, ➥Abiddi Wangeelaa namoota keessatti akka qabatu, ➥Dammaqinsi hafuuraa namoota baa'yee keessatti akka ta'u ➥Xiyyeeffannoon namootaa lubbuu badaa jiru irratti akka ta'u, ➥ Namoota rakkoo adda addaa qaban balballi akka isaanis banamu, ➥Dhaloonni akka Misoomu, balballi cufame akka banamuuf, fayyaan isaanii, nagaan isaan akka deebi'u, ➥Biyya keenya Waaqayyo nagaa akka godhu, rakkoon akka abiddaa laboobu akka dhaamu, ➥Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT akka cimu, akka misoomu, Mul'ataa fi Kaayyoo Wangeela dhaqqabsiisu qaburratti akka Milkaa'u ni kadhanna. ➤Tokkummaan, jaalalli akka cimuuf ni kadhanna. 📌Waaqayyo isa karaa hundumatti nu gargaaref galanni dachaa haa ta'u. 📚Obnoleessa keenya P/r Maammoo irraa. 📌Tajaajila Wangeelaa Sarara Qilleensa Irraa JHT Irraa. Kadhati keenya Yeoo hundumaa ganama 12:00 Kaasee hanga Guyyaa Sa'aa 9:00 akkuma itti fufetti jira. Waldootaaf, obboloota keessaniif sheer godhaa ➥Eebbifama. Hagayya 10/2016. AUG 16/2024.

➥Kadhata Guyyaa 10ffaa. 📌Waaqayyo isa karaa hundumaan nu garagaaraa jiruuf galanni dachaa haa ta'u. ➪Mata Duree Ergaa Sagalee Waaqayyoo⤵️⤵️ 📌 BA'AA WANGEELAA QABAACHUU* 📚Isa 6:8 📌 Kutaa kana gaafa dubbifannu Isaayyasi nan dhaqaa na ergadhu kan jeshu argina. ➙ Waldaa keessaa Waaqayyo namoota nan dhaqaa na ergadhu jedhan nuuf haa kaasu! ✍️ Ba'aa jechuun maal jechuu dha? ➤Ba'aa jechuun waa'ee waan tokkootif irriiba dhabuu jechuu dha., ➪Namni tokko waa'ee lubbuutif ba'aa qaba taanan achi garagala asgaragala hin yaadaa baasee buusa irribatu irraa fuudhama. ➤ Waan nama uuqqisuu fi keessa namaatii bakkeetti ba'ee mul'atu dha. ➪Namni tokko ba'aa waan tokkoo qaba taanan otuma nyaatu hin uuqqata, fuula isaatarratti mul'ata. ➤Waa'ee nama biraatif boqonnaa dhabuu jechuu dha. ➤ Waanta namni keessa nama kaa'u osoo hin taane isa Waaqayyo keessa namaa kaa'u jechuu dha. 📌Har'a kan wajjiniin gadi fageenyan ilaallu isa kana:- ➥Ba'aa Wangeelaa Waaqayyotu nama keessa kaa'a. ➤Ba'aan akka dubartii ulfaati. ➤Ba'aan Wangeelaa tumsa barbaada. ➥Inni tokko ba'aa deemee Wangeela gurra namaa biraan ga'uu misiraachoo imuu qaba. ➥Inni tokko immoo ba'aa ijoollee abbaaf haadha hin qabne karaarra kaasu ➥ Kan biraan immoo dubartoota mana bunaa keesaa baasani hojii huumufi ➥ Inni tokko immoo ba'aa addunyaa kanarratti duroomuu, nyaatee dhuguu qaba. ➥ Inni tokko immo ba'aa siyaasaa qaba. 📌Nuti immoo ba'aan keessa keenya jiru isa Gooftan keenya Yesuua Kristoos dubbatee deeme dha. ➥ Innis eenyun ergadha eenyutu naaf dhaqa isa jedhu; warra dukkana keessa jiran dhaqanii achii warra baasan barbaada. ➤Ba'aan kuni immoo tumsa barbaada. Namni karaa danda'uun tumsuu yoo godhe ba'aan keessa namaa jiru sun yeroo isaa eegee dhalatee bakkeetti ba'ee mul'ata. 📌Kaayyon guddichi Waldaan Kristaanaa qabdu yoo jiraate; Addunyaa kana Wangeelan Misoomsu dha. Kuni immoo Ajandaa Waaqayyoo isa barbaraati. ➥Osoo nuti jirruu, Uummanni amma kana baayyannu, dhuga baatota akka duumessa lafa uffisan, beekumsa garagaraa kan qabnu, humna maallaqaa kan qabnu, waan guddaa eenyu iyyuu hojjachuu kan hin dandeenye kan hojjannu osoo nuti jirruu bineessi hoolota Waaqayyoo warra dallaadhan ala jiran nyaachuu hin qabu! ➥Kanaaf namooti ba'aa qaban jiraachuu qabu. ➥ Inni tokko ba'aa yoo qabaate, Warri kaan ba'aa tumsa gochuu yoo qabaatan gaaf tokko dhalatee bakkeetti ba'a. ➥Ba'an jiraannan milkaainni jira. 📌Ba'aan Wangeelaa akkamitti keessa namaatti uumamuu danda'a? 📚 Mat 9:35-38 1. Arguu dha ➤Yesuus mandaroota keessa yeroo naana'aa turetti hoolota akka tiksee hinqabneetti namoota gatamanii bututan arge. 📚Yoh 4:35-36 2. Dhaga'uu dha. 📚Nah 1:4- ➥Nahamiyaan mana mootii keessa jira anqina dhuunfa isaa hin qabu garuu miidhamuu warra kaani, diigamuu fi gubachuu karra Yerusaalem gaafa dhaga'e ni gadde ofirra gadi taa'e, hin boo'ee hin soome. ➪Mee ilaala isin har'a waa'ee maatii keessanii rakkoo isaani gaafa dhageessan ammam akka isin dhiphattan kuni kan maatii fooniti; ➤Gara maati hafuuratti gaafa dhufnu nuti har'aa namoota miidhama hamaa keessa jiran waa'ee isaani yeroo dhageenyu akkasumas arginu ammam nutti haa dhaga'amu. 📚 25:33-40. 📌Yesuus kutaa kana keessatti Waa'ee namoota rakkoo namootaa qooddatanii dubbate. ➤Namni madaa namaa ni fayyisas qorichasii summiidhasi. ➤Nahamiyaan hin boo'ee, hin gaddee, hin soome, bifti isaa Mootii fuunduratti ni jijjiirame. Mootin maaltaate gaddi kuni kan garaa keessati ittiin jedhe. ➤Innis rakkoon garaa isaa miidhama diigamuu Yerusaalem biyya isaa itti ime. Mooti fuunduratti faara tolaa argate, mootin Xalayaa kenneefii ijaarsaf kan barbaachisu kenneefi erge. 📌Ergamaa Phaawuloos yoon Wangeela lallabuu baadhe anaaf Wayyoo jedhe. Wangeela lallabuun isaaf ba'aa waan ta'eef. 📚1Qor 9:16 ➥ Obboleessa koo obboleettii koo Wangeela lallabuu yoon baadhe Wayyoo kan si jechisiisu ba'an Wangeelaa si keessatti haa uumamu. ➤Hojii gaari hojjannee Seenaa katabnee haa darbinu. ➤Ba'an Wangeelaa nama uuqqisa, nama joorsa. Harra garuu baayyota biratti faallaa kanaa argina.