cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Oromia Urban Planning Inistitute

To see cities, towns and rural growth center of oromia region to be guided by modern plan in thier respective, livable and engine center for science, technology, industry and market.

Show more
Ethiopia7 102The language is not specifiedEducation52 621
Advertising posts
2 014
Subscribers
+124 hours
+437 days
+22930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Waxabajjii 30,2016. OUPI.COM. Magaalaan Asallaa Pilaanii qophaa’aafii ture qixa barbaadamuun hojii irra oolchaa turuu dhabuun Sadarkaa guddina magaalittiiti Daanqaa ta’aa tureera’ Obbo Shallamaa Abbabaa itti aanaa Daayirikteera olaanaa fi Hoogganaa Damee qophii pilaanii Inistiitiyuutii pilaanii Magaalota Oromiyaa’. Magaalaan Asallaa Magaalota Oromiyaa keessaa magaalaa guddina ariifachiisaa irra jirtu haa taatuyyuu malee waggoottan darban keessa pilaanii magaalittiif qophaa’aa ture qixa barbaadamuun hojii irra oolchuu dhabuun sadarkaa guddina magaalittiif danqaa ta’aa tureerera; Xiyyeffannoo Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota Oromiyaa magaalonni fi gidduu galeesonni guddina baadiyyaa Oromiyaa Bu’uura irraa pilaaniin hoogganamanii jiruu fi jireenya hawaasaaf mijaawoo fi madda diingdeef Carraa hojii akka ta’aniif hojjechaa jiruun, Rakkoo armaan dura Magaalaan Asallaa hojii irraa Oolmaa pilaaniin qabdu furuuf bara kana Pilaanii Caasawaan kan qophaa’aa jiru ta’uu obbo shillimaan dubbataniiru. Dabalataanis pilaaniin Caasawaa qophaa’aa jiru kun waggottaan kurnan itti aananiif Egeree Magaalaan Asallaa magaalaa guddoo godina Arsii, Madda burqaa Atileetotaa fi Diinagdee, akkasumas Madda turizimii jabaa fi Carraan hojii hedduun itti uumamu akka taatuuf kan gargaaru waan ta’eef hooggansi, jiraatotnnii fi dhimmamtootnni magaalaa Asallaa hundi gahee irraa eeggamu adda durummaan bahachuu qabu jedhaniiru. Qorannoon Pilaanii Caasawaa Magaalaa Asallaa Waggoottan kurnan itti Aanaaniif tajaajilu Ogeessota Inistiitiyuutii pilaanii Magaalota Oromiyaan qoratamaa ture bakka Itti Aanaan Daayirikteera Olaanaa fi hogganaa damee qophii pilaanii Inistiitiyuutii Pilaanii magaalota Oromiyaa Obbo Shallamaa Abbabaa, Kantiibaa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagaayee, hoogantootnnii fi Qaamoleen Hawaaasaa garaagaraa argamanitti dhiyaatee irratti mari’atamaa jira Kaayyoon Marichaas hoogantoonnii,jiraatotnnii fi dhimmamtootnni Magaalaa Asallaa pilaanii Caasawaa qophaa’aa jiru irratti hubannoo qabatanii rakkoon armaan dura magaalitti hojii irraa oolmaa pilaaniin wal-qabatee mudachaa ture irra deebiin akka hin mul’anneef qooda isaan irraa eeggamu akka bahataniifidha. Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagaayee gama isaanitiin rakkoo gama pilaanii wal qabatee magaalitti mudachaa ture hundee irraa maqsuuf hojiin Hoogantootnnii fi Ogeesonnii Inistiitiyuutii pilaanii Magaalota oromiyaan hojjetamaa jiru kan galateeffatamuu qabudha jedhanii; hawaasnni magaalichaa pilaanii qophaa’aa jiru irratti karaa guutuu ta’een hirmaachuun qophii fi hojii irraa oolmaa isaaf tumsa barbaachisu hunda ni goonaa jedhan. Pilaaniin Caasawaa qophaa ‘aa jiru kun galtee yaada dhimmatootan erga gabateen booda xumuramee hojii irraa kan Ooolu ta’a.
Show all...
Waxabajjii 29,2016. OUPI.COM. Caamsaa 29, 2016 OUPI.COM Juuriin pilaanii misooma qe’ee magaala Mojoo ogeessota Inistiitiyuutii pilaanii magaalota oromiyaan qoratamaa jiru mariif dhiyaate irratti mar'atamaa jira. Pilaaniin misooma qe’ee magaalaa Moojoo kun Magaalli Mojoo jireenyaaf mijooftuu waan taatef hawwatummaa magaalichaa dabaluun bu’uuraalee misoomaatin walitti hidhuuf akkasumaas carraa misoomuu magaalitti qabdu dabaluuf kaayyefate kan hojjetamaa jiru dha Qorannowwaan qoratamaa jiran irra caalaan tarsimoo mootummaa dhimmaa pilaanii magaalaa walin wal simuu akka danda’uuf bulchiinsa magaalichaa walin qindoominaan hojjetamaa jira . Marichi Kan barbaachiseef jiraattottnni fi ogeessonnii mgaalaa mojo pilaanii misooma qe’ee qophaa’aa jiru irratti hubannoo gahaa qabaatanii galtee yaadaan akka gabbisanii fi pilaanii qulqulluu egeereaa magaalittii dhugoomsuu keessatti gahee qabaatuu akka qophaa’uuf qooda idsaanii akka bahataniif ta’uu Itti Aanaan Daayirikteera Olaanaa fi Hoogganaan Damee qophii pilaanii Magaalotaa Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Obbo Shillimaa Abbabaa Dubbataniiru. Qorannoowwaan qoratamanii mariif dhiyaatan kunneen:-  Qorrannoo fiizikaalaa  Qorannoo Haala naannoo  Qorannoo Ji’oloojii  Qrannoo hawaasummaa  Qorannoo haala diinagdee  Qorannoo Ispaashaalaa  Qorannoo yaa’insa bishaanii  Dizaayinii magaalaati
Show all...
Wxabajjii 29,2016. OUPI.COM. Inistiitiyuutiin pilaanii Magaalota Hojii Tajaajila Lamummaa Ganna Magaalaa Moojotti Eegalchiise. Inistiitiyuutichi hojii Tajaajila Lamummaa ganna kana hojjetuun Bakka Daayirikteera olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Margaa Oliiqaa, Itti Aanaa Daayirikteera olaana inistiitiyuutichaa obbo Shillimaa Abbabaa, fi Gaggeessitootnni magaala a Mojoo Argamanittii Mana harka qalleeyyii suphuu Ijaaruu fi Suphuu eegalchiisee jira. Sirnicha irrattti argamuun Haasa’aa kan taasisan Daayirikteerri olaanaan Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Obbo Margaa Oliiqaa Inistiitiyuutichi Waggoottan darban keessa hojii Tajaajila lamummaan Mana harka qaleeyyii ijaaruu,, Biqiloota gosa garaagaraa dhaabuu,fi Dhiiga arjoomuun hojjechaa tureera jedhanii, Bara kanas hojii Tajaajila Lamummaa hojii Idilee isaa cinatti cimsee kan hojjetu ta’uu dubbataniiru. Inistitiyuuticha bara kana hojii Tajaajila Lammummaan Mana harka qaleeyyii Lama ijaaruu fi suphuu, Biqiloota gosa garaagaraa 3000 ( Kuma sadii ) dhaabuu fi Hojiilee tajaajila lammummaa kan biroo Irratti Kan hirmaatu ta’a.
Show all...
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa Leenjii hojii irraa qaama cee’umsa teekinoloojii ta’eerratti Ogeessotaaf kennuu eegale OUPI.COM. Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa, Inistiitiyuutii Ispees saayinsii fi Ji’oo Ispaashaalaa Itoophiyaa waliin ta’uun ogeessota kallattiin hojii qophii pilaanii irratti hojjetaniif leenjii guyyoota shaniif turu kennuu eegale. Leenjichi kan kennumu matadureewwan :- • Phootogrammatory Lab Installation • Arieal Triangulation • DTM generation editing • Orthophoto and Mosaic irratti dha. leenjichi dandeettii fi ogummaa ogeessotaa inistiitiyutichaa kan dabaluu fi walitti dhufeenya inistiitiyuutilee lameenii cimsuuf qooda olaana qaba.
Show all...
Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa'e irratti bakka Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan argamanitti qooda fudhattoota waliin mari'achaa jira. Bulchiinsiifi itti fayyadamni lafaa bu'a qabeessa ta'e akka jiraatuuf guddina diinagdeefi hawaasummaa magaalota keessatti fiduuf Pilaaniin hoogganamuun barbaachisaa akka ta'e Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatti Abbaan Alangaa Obbo Ibsaa Camadaa wixinicha wayita dhiheessan ibsanii jiru. Caffeen Oromiyaas, magaalota naannichaa Pilaaniin hoogganuuf wixinee qophaa'e kana irratti galteewwan dabalataa walitti qabuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu ogeeyyii seeraa dhaabbilee adda addaa irraa hirmaataniifi qaamolee hawaasaa waliin Adaamaatti mari'achaa jira.
Show all...
Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa'e irratti bakka Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan argamanitti qooda fudhattoota waliin mari'achaa jira. Bulchiinsiifi itti fayyadamni lafaa bu'a qabeessa ta'e akka jiraatuuf guddina diinagdeefi hawaasummaa magaalota keessatti fiduuf Pilaaniin hoogganamuun barbaachisaa akka ta'e Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatti Abbaan Alangaa Obbo Ibsaa Camadaa wixinicha wayita dhiheessan ibsanii jiru. Caffeen Oromiyaas, magaalota naannichaa Pilaaniin hoogganuuf wixinee qophaa'e kana irratti galteewwan dabalataa walitti qabuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu ogeeyyii seeraa dhaabbilee adda addaa irraa hirmaataniifi qaamolee hawaasaa waliin Adaamaatti mari'achaa jira.
Show all...
Waxabajjii 14,2016. OUPI.COM. Hojjetootnnii Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Haala yeroo Biyyaa fi Naannoo irratti Mar’achaa jiru. Hojjetootnnii inistiitiyuutichaa haala yeroo biyyaa fi Naannoo irrattii hubannoo wal-fakkaataa qabaatanii humnaa oomishtummaa isaanii dabaluun jiruu fi jireenya isaanii akka fooyyeffataniif mariachi kan barbaachisee ta’uu ibsameera. Maricha irratti Barreeffamnni ka’umsaa ‘ Garaagartummaa irraa gara Oomishaatti jedhu Karaa Itti aanaa Daayirikteera olaanaa fi Hoogganaa Damee qophiin pilaanii Magaalota Oromiyaa obbo Shallamaa Abbabaa Dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.