cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

QBO Zoonii Lixaa

Kaayyoo qulqulluu dandiin isaa dhugaa Kaayyoo heera fi seera ABO /WBO jala hiriiri!Yaadaaf➡️ @LalisaaoromtichaaBot Fuula Facebook kiyyaa ➡️https://www.facebook.com/profile.php?id=100081534395897

Show more
Finland2 842The language is not specifiedPolitics22 691
Advertising posts
998
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#inbox "☆《Kiiramuu,Giddaa Ayyaanaa》☆ •••Dhaamsa Of eegannoo••• uummanni,keessumaa Jaangir , Konnojjii,Haroo, Akka Jaallan achii deeman dhageessee ppn miloshoota bakka kana hunda beekan Qindeeffattee jirti.sabboontota keessa deemanii qabuuf Ajandaa kana Qindeessaa oolte guyyaa hardhaa. warra WBO nyaachisaa ture illee Tarkaanfii irratti fudhadhaa jettee har'a Giddaatti kana Qindeessaa oolte .. Akkasumaa sakkata'insa mana keessaas Akka ta'aama jiru irratti walii galteetti jirti..."
Show all...
👍 1
Xiyyeeffannoon Keenya Kaabinoota Maallaqaaf jecha Lammiilee keenya ajjeesisaa, qe'ee keenya balleessaa jirtu irra waan jiruuf malee, Hattoota maqaa qabsootiin WBO fakkaattee qotee bulaa darartee maallaqa gurrattu waliinis wal hin dhiifnu. Hattoonni kun gar-jabeenyi isaanii Nafxanyaarra caalu. WBO'n tarkaanfii isaan irratti fudhachuu eegallaan walakkaan Kaabineetti harka kennatte, kaan ammoo magaalaa galtee maallaqa saamte waan nyaattu itti fakkaattee wal guurtee Naqamterraan Finfinnee, Finfinnee keessa dabartees fagaattee of dhoksitee jiraachuuf deemaa jirti. Warri Buraayyus, Warri Naqamtee fi Buraayyuutti marmaartanis, warri Harargee fi Dirre Dawaa deemtanii jiraachuuf imalaa jirtanis isin hordofaa jirra. Guyyaa lamaa booda dhimma hattoota kanaa ilaalchisee barreeffama dheeraa sirriitti isaan saaxilu qabannee dhufna.nu eegaa. Qe'ee keenya Kaabinee garaa isheerra darbitee hin yaadnee fi hattoota shamtuu kanarraa qulqulleessinu malee nagaan hin jirtu.
Show all...
👍 3
Ormi Irreecha ayyana Afriikaa guddicha godhee simatee beekamtii kennaa jira . Keenya moo Irreecha tti Maqaa baasa. Alberta premier Danielle Smith and Edmonton city Mayor Amarjeet Sohi proclaimed Irreecha as African indigenous festival
Show all...
𝘼𝙗𝙪𝙪𝙣𝙖 𝙂𝙞𝙣𝙙𝙚𝙗𝙖𝙧𝙖𝙩 Ganama kana magaala 𝙌𝙖𝙡𝙖𝙖𝙭𝙚𝙚 irraa gara 𝙁𝙪𝙧𝙭𝙤𝙤𝙩𝙞  Oraalii tokkoon fiigaa kan turte haxxee hidhuun biyyooti ishee makeera. #𝙒𝘽𝙊_𝙒𝙖𝙡𝙞𝙞𝙣_𝙁𝙪𝙡𝙙𝙪𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 #𝙊𝙧𝙤𝙢𝙞𝙮𝙖𝙖𝙣_𝘽𝙞𝙮𝙮𝙖
Show all...
Dhaamsa kana Uummata Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa jiraatuuf qoodaa! Finxaaleyyiin Amaaraa(Faannoon) Qindoomina guddaan walitti qabamanii lolaaf of qopheessaa jiru. "Humni Addaa Oromiyaa nu loluuf Uummata Amaaraa gara Qe'ee isaaniitti galchina Ejjennoo jedhuun nu loluu dhufaa jiru, nutis ofirraa deebisuuf qophiidha yoo dadhabne Uummatuma nagaa akka barame duguuggaa Sanyii raawwanna" jechaa jiru. Uummanni naannoo sana jiraattan of eeggannoo guddaa godhaa.
Show all...
😢 2
Garee kana keessatti Sadarkaa sadarkaadhaan dheebuu angoo fi maallaqaaf qabaniin Oromoo ajjeesisaa, saamsisaa fi lafa abbaa isaa irraa buqqisaa kan jiran Godina Wallagga Bahaa irraa Gammadaa Tafarraa, Oljirraa Bayyanaa (I/G Paartii Bilxiginnaa GW Duraanii ammaa Ilu Abbaa Boor kan jiru) Darajjee Toleeraa, Zalaalem Hayiluu, Darajjee Abarraa (I/A Duraanii) Aaanaa Kiiramuu Irraa Ammoo Biraanuu Fiqaaduu Bulchaa Aanaa, Hunanyaa Darajjee, Tasfaayee Naggaa, Indaaloo Bal’is fkkf ti. Dhiiga Lammii keenyaatiin maallaqa saamaniin Bulchaan Aanaa Kiiramuu Biraanuu Fiqaaduu Buraayyuu fi Naqamtee mana jireenyaa bitatee jira. Hunanyaa darajjee Buraayyuu Maaramii Irraa Mana Bitatee jira. Saaxiluu qofaa miti eeggadhaa gatii hojii keessanii Siniif Kennina. #Share, #Like godhaa saaxilli kun Nama baayyee bira qaqqabee daba Kana oromoon hundi akka beekuuf
Show all...
👍 8 2
Hogganaan Paartii Bilxiginnaa Aanaa Kiiramuu Hunanyaa Darajjee Tafarii Kaasaa Hayiluu Eenyu? Nafxanyaan tokko hidhattee ummata keenya Ajjeefti, qabeenya qotee bulaa keenyaa saamti. tokkommoo Oromoo of fakkeessitee Angoo maqaa Oromootiin qabatteen dirqama Faannoon itti kenne bahataa jirti. Hunanyaa Darajjee Tafarii Kaasaa Nafxanyaa Abbay Gamaa dhufee Oromoo fakkaattee dhiiga Uummata keenyaa dhangalaasisaa jirtudha. Gurbaan Hunanyaa jedhamu kun yuunversiitii Amboo yemmuu barataa ture basaasaa beekamaa barattoota Oromoo sabboontota sadii bakka tokkotti nama rashansiisedha. Akkuma Yuunversiitiidhaa eebbifameen Xalayaa waajjirri nageenyaa Federaalaa barreesseefiin Godina wallagga bahaatti ramadamee godina wallagga bahaarraa Aanaa Kiiramuu filate gale. Basaasummaa bara wayyaanee jalqabe keessatti chain Naafxanyoota jibba uummata keenyaa qaban waliin hariiroo cimaa uummateen waggaa toorbaa oliif hojii iddilee isaa caalaatti dirqama nafxanyoota ijaaruu fi Odeeffannoo gama Mootummaa fi Uummata Oromoo jiru basaasuudhaan Fiinxaleeyyota akka isaa waliin irratti hojjechaa ture. Fiinxaleeyyiin kunniin Angawoota Ol'aanoo Amaaraa Basaasaa biyyoolessaa irraa hanga hoggantoota Federaalaa waliin hariiroo cimaa fi wal hubannaa akka qaban adda baafanneera. Hunanyaan Caasaa jara kanaa ta’ee sadarkaa gadiitti nafxanyoota akkuma isaa Oromoo fakkaatanii Oromoo keessatti guddatanii maqaan Oromoodhaan angootti dhufan kanneen akka Bulchiinsa Godina Wallagga Bahaa Duraanii Alamayyoo Tasfaa, Mulugeetaa Abbay, fi Finfinneetti Bulchaa kutaa Lammii Kuraa kan turee fi dhiyeenya achirraa kaafame Balaay Taaddalee fi kanneen biroo waliin hojjeta. Nafxanyoonni kunniin akkuma Oromootti Afaan Oromoo Dubbatu, Afaan Oromoo Barreessu garuu dinni isaanii guddaan uummata Oromoo dha. Naannoo Wallagga Bahaa fi Horroo guduruutti walitti bu’insi amma jiru kun utuu hin eegaliin uummata nagan jiraataa jiruun Amaarri wallagga keessatti Oromootiin baay’ee miidhamaa jira. Amaara ijaarree meeshaa ammayyaa hidhachiisuu qabna. Oromoo amaara tuffatu cabsinee Ol’aantummaa amaaraa mirkaneessisuu qabna. Uummata amaaraa Faannoodhaan leenjifnee hidhachiisuu qabna. Ijaarsa uummata amaaraa kanatti hoggansa sadarkaadhaan qabaachuu qaba. Hoggansi garee kanaa Faannoodhaan durfamuu akka qabu. Faannoo keessaa namootni Raayyaa ittisa biyyaa keessa wagga dheeraaf hojjetaa turanii fi leenjisummaa irratti muuxannoo guddaa qaban akka gaggeessatti filamii wallagga dhufanii ummata amaaraa leenjisanii hidhachiisuu qabu jedhanii kallattii kaawwatanii kana raawwachiisuuf maqaa amaarri hidhatee diina isaa loluu qaba jedhuun Biyya keessaa hanga biyya Ameerikaa, Awuroophaa fi biyyoota arabaatti mallaqa guddaa sassaabaa turan ammas itti jiru. Ijaarsi isaanii kun icciitii guddaadha. Ega Hunayyaa Darajjee akkuma ‘’Oromoon sanyiin luugamaan gottotamti ‘’ jedhu sanyii abbaa isaa waliin hiriiree dirqama isaa bahachaa akka jiru ragaadhaan qulqulleeffanneerra. Gareen Hunayyaafaa kun Oromoo fakkaatee namoota Oromoo tahanii maallaqa yoo itti kennite akka barbaaddetti muudamuu dandeessu waliin hidhata cimaa qaba. Jarri Ol’aanoon Godinarraa fi isaa ol jiran Hunanyaanfaa Oromoo akka isaan hin taane hin beekan, beekuufis fedha hin qaban. Yoo beekanis maallaqa isaanii argatanii siyaasaan isaan fakkaatee jennaan dhimma isaanii miti. Warri kun Fira Diinaa ti. Gareen Maallaqaa fi Angoon Bilxiginnaa waan hunda isaaf caalu sadarkaa Oromiyaa, Godinaaf aanaarra jira. Angawaa Isaa Oliif Maallaqa guddaa kennee Muudama. Kan isaa gadii irraa ammo maallaqa fudhatee muuda. Waanti baayyee nama gaddisiisu Nafxanyoonni garee kana waliin hojjetu gama tokkoon Angawoota albaadheyyii Oromoo tahan waliin Oromoo fakkaattee Hattee Hachisiifti, Muudamtee, Muuddi gama biraan ammo dirqama ishee isa guddaa Oromoo ajjeesisuu buqqasisuu, saamsisuu fi Amaara qindeessuu, fi humneessuu raawwachaa jirti.
Show all...
2
Photo unavailableShow in Telegram
1
Eenyutti himannaa? Humnoonni Amaaraa aanaa Kiiraamuu, Giddaa ayyaanaa fi Amuruu keessatti nama ajjeessaa turanii fi qabeenya uummataa saamaa turan qofaatti walitti qabamanii aanaa Kiiramuu jalatti kan argamtu bakka #Haaroo jedhamutti walitti qabamanii jiraachaa jiru. Oromoo bakka sanaa kaan ajjeesanii kaan ammoo qe'eef qabeenya isaa barbadeessanii achii ari'anii humnaan lafa isaa qabatanii jiraachaa jiru. Jarri kun hundi meeshaa gurguddaa hidhatu. Kana irratti mootummaatu eegumsa godhaaf. Dhiyeenya immoo guyyaa gabaan Kiiramuu jiru humnoota mootummaan ajjabamanii gabaa geeffamaa jiru. Yeroo isaan gabaa keessa deemanii bitatan waraana mootummaatu faana deema. Haga isaan waan hunda bitataniitti jechuudha. Booda ajjabaama sanaan gara bakka irraa dhufanii magaalaa #Haarootti deebifamu. Hooggantoonni mootummaa aanaa Kiiramuu immoo uummata Oromoo baadiyyaa aanaa Kiiramuu irraa ajjeechaa baqatee magaalaa kiiramuutti ol baqate sagalee guddiftuudhaan irra deemanii "Hatattamaan gara ganda ganda keessanitti deebi'aa. Yookaan lafa keessan irra Amaara Haaroo fidnee qubachiifna" jechuun hawaasa doorsisaa jiru. Waan nama gaddisiisu baadiyyaa aanichaa keessatti haga ammaa namni ajjeefamaa jira. Namni kana morme "Shanee" jedhamee ajjeefama. Kan uummata keenya fixaa jiru sirna kanadha. Ta'e jedhanii itti yaadanii nu ajjeesaa jiru. Kana eenyutti himanna?
Show all...
👍 3🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram