Sonwalaloo Hamzaa Amaddiin
Open in Telegram
354
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
NUUR BUS
~
Imala gaarii deemuu
Abjuu yeroo dheeraa
Ajaja amantii eegee
Kan guuttate seeraa
Waan gaarii qabatee
Nuur busiin dhufeera
~
Gaaffii hundagaleessa
Hawwii nama kumaa
Sababa geejjibaatiif
Namni maaliif dhumaa?
Naamusaan konkolaatee
Nagaan maaf hin galuu?
Hawaasa keenya kanaa
Geejjibni maan-maluu?
~
Yoomuma boqonnaan
Bakka hawwii geenyaa?
Akka jaarmiyaa amantiin
Ija-nabiin yoom teenyaa?
Salaata salaatuudhaaf
Hanga yoom cinqamnaa?
Rabbiinoo wol dhabnee
Jiruu maalii qabnaa?
~
Jennee abjuu keenyaan
Rabbitti wot-waannaa
Kootaan keenya ga'ee
Yoomuma howwaannaa?
Utuu jennuu dhufee
Kootaan sun nu ga'ee
Imala milkaa'inaa
Nuur baasiin as ba'ee
~
Deebii gaaffii keessanii
Eeyyeen kan deebisuu
Akka fedhii hundaatti
Milkiin kan deemsisuu
Xiyyaara balali'udha
Dacheerra qoochoonii
Uffee jedhaa imaluun
Hafeera cookkoonii
~
Lafa hawwii qubattee
Qilleensa fudhachaa
Uumama gaarreenii
Bosonas daawwachaa
Sagalee simbirroolee
Wocanu dhaga'aa
Nuur bus erga dhufee
Cinqamuun nu ga'aa
~
Nuur bus filannoo hunda keenyaati maatii haa taanu
Galatoomaa
https://docs.google.com/forms/d/1tdcabWKjC2zdZaWd_Ar28AsBIfzMIZGStVFYYyUgKlo/edit
Warri Makkaa carraa warqee kanatti fayyadama.
#Beeksisa
Lammilee Makkaa fi Naannawa isheetti argamtan hundaaf.
===================================
Qoonsilaa Jiddaa lammiilee keenya naannoo Makkaa jiraataniif tajaajila haaromsa paaspoortii fi Liisipaase /Lisse-Passe kennuuf Makkatti October 17 fi 18 ni argaman waan ta'eef, sanadoota barbaachisoo ta'e qabattanii argamuun lammilee beeksifna isiin ilaalatu tajaajilumuu dandeessa.
Guyyaa Tajaajila: Jimaata October 17 fi Dilbata 18, 2025).
Bakka Tajaajila: Community Makka Hay Al-Shuqiyah
Tajaajila guyyoota kana keessatti kennamu fi Sanadoota guutachuu qabaman.
1. Haaromsa paaspoortii
- Paaspoortii yeroon isaa darbef
Paaspoortii yeroon isaa darbee fi footokoppii 2
Suuraa gurddii 3 (4x5) kan duubbee adii fi gurra lamaan mul'atu.
Kaffaltii: Riyaala Sa'udii 750
- Paaspoortii badeef
Suuraa 4 (4x5) kan duubbee adii fi gurra lamaan mul'atu.
kooppii yoo qabaattan kooppii ykn lakkoofsa paaspoortii.
Kaffaltiin Riyaala Sa'udii 1,688
-Ā paaspoortii Sirreessuuf
Kaffaltiin Riyaala Sa'udii 1,313
2.Liisipaase ( Lisse passe)
Gaāeessotaaf
. Paaspoortii yeroon isaa darbe ykn waraqaa eenyummaa Itoophiyummaa ibsuu (koppii)
.Kaffaltiin Riyaala Sa'udii 450 Sr
Ijoolleef
Suuraa gurddii 3 kan daa'imaa (4x5)
Paaspoortii warraa ykn hayyama jireenyaa ykn waraqaa eenyummaa seera qabeessa (Itophiyaa) .
Ijoolleen qaamaan argamuu qabu.
Kaffaltiin 450
Source: SAOC
Namootni Copy Paasportii barbaaddan nu qunnama.
Lakkoofsa WhatsApp fi Telgram 0936840928
Jireenyi maal akka ta'e hubachuuf bakka 3 daawwachuu qabda:
⢠Hospitaala
⢠Mana hidhaa
⢠Bakka awwaalchaa
Hospitaalatti wanti fayyaa caalaa bareedu akka hin jirre ni hubatta.
Mana hidhaa keessatti bilisummaan waan hunda caalaa gatii guddaa qabu ta'uu ni argita.
Bakka awwaalchaa sanatti jireenyi gatii akka hin qabne, lafti har'a irra deemnu, boru foddaa keenya akka ta'u ni hubatta."
š„Abjuu Keetti Amani!
Namuu abjuu qaba.
šTarii daldala jalqabuu barbaadda
ta'a. Tarii addunyaa kana irra naanna'uu barbaadda ta'a. Tarii waan haaraa barachuu barbaadda ta'a. Garuu yeroo tokko tokko namoonni "Abjuu galmaan gahuun Baay'ee ulfaataadha" jedhu.
šŖ¬Sagaleewwan sana hin
dhaggeeffatinaa.
šAbjuun kee barbaachisaadha.
šIsaanis ni dandaāamu.
Karaan isaan bira gahu ofitti amanuu fi tarkaanfii fudhachuu qofa.
šŗNamoonni milkaa'an Maallaqa,
gargaarsa, ogummaa addaa hin
qaban turan.
Garuu waan tokko qaban: abjuu isaaniitti amantaa cimaa.
ā«ļøCimanii hojjetan, dogoggora irraa
barataniiru, gonkumaa abdii hin
kutanne.
Abjuun kee halkan tokkotti hin ta'u.
š¹Yeroo fudhata.
š¹Carraaqqii ni gaafata.
šGaruu guyyaa guyyaan tarkaanfii
tokko yoo fudhatte, itti dhihaatta.
š
Yeroo mudaa hin qabne hin
eeginaa.
ā¦ļøYeroon itti jalqabnu inni gaariin
amma.
ā¦ļøGochoonni xixiqqoo illee jijjiirama
fidu.
Mee hordoftoonni koo hunduu yeroo tokko tiktokii follow naaf godhaa.karaa sanaan wolaloo ani asirratti maxxansu suur sagaleen dhaggeeffadhaa.
Follow naaf godhaa na deeggaraa isin malee maalin qaba lammiiwwan koo?
tiktok.com/@hamzaamaddin
Mee maaliin of jabeessu
Garaa koo siif raafamu?
Mataa siif na dhukkubee
Kaayyoon koo siif cufamu.
~
Maalree suma turee
Onneen koo kan fedhu
Abdiikoo fuula duraaf
Wobii koo siin jedhu
~
Anoo sirraan fagaadhuu
Daandii sagal cufanullee
Jalala kee hin lagadhuu
Numan dhufa gufadhullee
~
Imaanaan kee kaleessaa
Harkaan qaba jabeessee
Si na jibbisiisuudhaaf....!
Hormi meeqa odeessee?
~
āļø Hamzaa Amaddiin
ABBAA OFII!
~~~~
Tolli abbaan namaaf tolu
Ga'uu baatus kan haadhaa
Firee inni nu facaasetu!
Nama taanee geenye har'a.
~
"Namuu harmeekoo jedha"
Kan abbaa maaf dagatee?
Abbaan ofii gaaddisadhaa!
Galata isaa maaf lagatee?
~
Dhiiga keetu nama ta'ee,
Dandeettii rabbiif moojii
Harmeen adda si baasee
Sin dagadhuu ani beekii...!
~
Namoota danuun dhaga'a
Kan jaalala haadhaa lallabu
Harmee koo naaf jiraadhuun
Kan maqaa ishee ol qabu..
~
Kan abbaa dhabe faaruu
Itti yaadeen of gaafadhe
Ta'uu hin oolu kun cubbuu
Jedheetuman of qaanfadhe
~
Abbaaf haatis wol-qixa
Ga'ee jaraatu adda malee
Ciniinfatee da'uu baatus,
Abbuma keetu si dhalee.!
~
Lookoo ciniinfuu qabatee
Miixatee hiyyuu baatullee,
Hirkisee harmee ciniinfattu
Boo'ee,gaddee qabatee illee.
~
Egaa........ā¦.........................!
Haadha ga'uu baatullee,.
Siif gumaache abbummaa
Maqaa isaan waamamuun
Si oolcheera gabrummaa..!
~
Abbaa gaarii qabaannaan
Hiree ganamaa milkaa'uu
Akka isa abbaan qabnee
Bishaan yoom akaa'uu?
~
Rakkoo yoo hudha si ga'u
"Ilma koo jedheetu furaa"
Si ceesifachuudhaaf.....!
Daandii imala siif uraa.
~
Jiraachuun isaa waa caalaa
Hammeenya isaa hin odeessin
Jibbaa isaatiin guutamtee.......
Maqaa isaa hin balleessini..!
~
By Hamzaa Amaddiin
Abbaa koo rabbiin jannata isaatiin sihaa qanansiisu.share naaf godhaa rabbiin naaf kadhaafii.isin keessa nama rabbiin jaallatu meeqatu jiraam
Harmee kooyyee?
Harmee harma lakkuu
Guddistuu deesseekoo
Dhiiga keetu ana ta'ee
Guutummaa qaamakoo
Sin jaalladha harmee
Anaan yaa haadha koo
~
Ji'a "kudhan" guutuu
Garaatti na baattee.!
Dhukkubni meeqaatam
Sirratti wol geessee
Rakkoo meeqa biraan
Miixattee na deessee
~
Guddisa koof cinqamtee
Fakkaattee maraatuu
Qaama kee naaf fixxee
Labdee akka raatuu
Miidhama kootiif boossa
nyaattee garaan qabduu
~
Dararaan rakkinaa
Sirratti wol geessee
Rakkoon guddisa koo
Annisaa si buusee
Daartee daaraa baatee
Rakkoon sitti yuusee
~
Laaffiftee naaf laattaa
Ofiif Gogaa nyaachaa
Dheedhii bilcheessitaa
Dugdatti na baachaa
Yaa harmee galata kee
Akkam godheen galchaa?
~
Buluun natti ulfaatee
Mukan qabus dhabee
Gidiraa guddoo labee
Situ na woliin cabee
Silaa amman jiruum
Turteen lubbuu dhabee
~
Hin boo'in harmee koo
Maal rakkattee boossaa
Imimmaan kee bu'ee
Anatu sirraa qoorsaa
Na giddisuuf dhamaatee
Sichi boqonnaan teessaa
~
Maaliin godhaa mitii
Barreessees hin fixuu
Kumaatamni dhufus
Harmee namaan qixuu
Naaf jiraadhu ummiikoo
Jaalalli kee hin cituu
~
Harmeekoo sin jaalladha
Kan harmee kee jaallattu
share share share share godhi
Abaaboon daraareeraa
Baala harcaafachuufii
Garaan koo si yaadeeraa
Amma obsa fixachuufii
~
Nan yaaddu naan jettaa
Sin yaada maafin dhiisa?
Bitaaf mirgan garagalaa
Yaada keef yoomin ciisa
~
Wol yaadanii wol yaadanii
Xumurasaa maaltu dhufaa?
Jaalalli keenya diigamee
Godoon jibbaa itti fufaa?
~
Jibbaan ofiisaa maseenaa
Dhalee firee hin lalisuu
Yoo obsine booda jaalalaan
Mana ofitti howwisuu
~
Barruu fuula kootii
dhiiga ijoollummaa
dadhabbi keessa kootii
miira gad-aantummaa
~
Utuu rakkoon jiruu
Daandii narkaa gatuu
utuu yaanni wol koree
Kanin godhu dhabuu
~
Yoo aaru keessikoo
gubatee yaaddooni
Sossobeetu obsaa
kadhadhee giddiini
~
Siif bari'a jechaan
jajjabeessa miira
imalaafan qajeelee
Yoomin yaada hira?
~
Hin goolabu yaada koo!
Hordofaa Hamzaa Amaddiin
Jaalalli qixxeedha!
~~~~~
Bakka ati na madeessite
Ichimadhee qaama tiyya
Jaalalan fedhu naafin-laanne
Sirraa adda ba'uu kiyya
~
Jaalalli qixxeedha turee
Kan woliin qooddatanu
Malee na jaallatte jettee
Miti kan woliin ooddatanu
~
Siif laadhee qaama kiyya
Jaalalaan na boojiinaan
Si amanee boruu kiyyaaf
Ati sin jaalladha jennaan
~
Dafee hin murteessine
Obsee kadhee garaakoo
Ati naaf hin bannekaa
Akkan siif bane onneekoo
~
Kan siif ta'u argatteetta
Anaafis waaqni naaf qabaa
Kan si fakkaatu dhabullee
Kan na fakkaatu nan dhabaa?
~
egaa...................................!
Egaa imala koo eegaleera....
Onnee kiyyas sossobadhee
Mada keessaa koo jiruu
Waaqa jaalalatti himadhee
~
Fuula feesbooka koo hordofaa
šššššššššššš https://www.facebook.com/profile.php?id=100074321895399
Follow Hamzaa Amaddiin
JAALALA DHUGAA
~~~~~
Irraan gadeen mudhiikee
Muraa akka jabanaa!
Dheerinni rifeensa kee
Naaf ta'eeraa qabbanaa
~
Koo ta'uu kee ergan baree
Rakkoon jiruu nan dhiphisu
Si argachuu koottin boonaa
Dhabiinsi koo nan yaachisu
~
Ija keessa yoon si laaluu
biyya hundan kessatti argaa
Si biraa deemuu hin fedhuu
Guyyaan oolee natti darbaa
~
Naaf taateetta utubaa koo
Bitaaf mirga koo gortee
Na baafteetta dheebuukoo
Bishaan taliila naaf taatee
~
Gagaa jaalalaa cuunfitee
Nadhii isa keessaa filtaa
Sagalee kiiloleen waamtee
Kan ofii qabdu naaf hirtaa
~
Furtuu onnee kiyyaa banuu
Arka kee gubbaa kaawwattee
Ergan gaafa si baruutii.......!
Keessaaf ala koo hawwattee
~
Fuula feesbooka koo Hamzaa Amaddiin hordofaa
