cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Gaaddisa Dhugaa

Odeeffanoo haaraa Afoola Oromoo. Mammaaksa, Oduu durii, Asoosamaa, walaloofi K,K,f isiniif dhiheessin subscribe godhaa.

Show more
Finland2 067The language is not specifiedPsychology13 788
Advertising posts
196
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Amala namoota mi’lkaa’anii keessaa kan biraa of adabuudha. amalli kun amala baay’ee barbaachiisaa ta’eedha. Innis dandeettii kee ariifannaa guddistuuf wanta hojjattu hundatti daftee akka milkooftuuf si gargaara. akkasumas tarkaanfii akka fudhatuuf sodaa irrra anuu fi wanta hojjattutti kamittuu dammaqinaan akka hojjattu si taasisa. 8. obsa qabu. Milkaa’inni kan salphatti argamuu miti. Wanta tokkottu milkaa’uudhaaf yeroo baay’ee fudhata. wanta yeroo baay’ee fudhatu kana aragachuuf obsuu qabda. Fakkeenyaaf jabeenyaa qaamaatiif isportii yoo jaqabde jirjjiiramni dafee sirratti hin mul’attu. yeroo dheeraa booda qamnni kee ijaramuu eegala. Kanaaf obsuudhan irra deddeebi’anii yoo hin yaalin qaamnni kee ijaaramuu hin danda’u. waan hundumaa keesaatti namanni obsa hin qabnne itti milkaa’uu hin danda’u. 9. Ofitti amanan. Kaayoo isaanii galamaan ga’uuf offitti amanan. Hojii haojjachuu barbaadan kamuu, nan danda’a jedhanii of amnsiisanii hojjatan. namnni kamauu wanta tokko nan danda’a, jedhee qalbiin guutuun itti deeme itti milkaa’a. Namnni ofitti hin amanne wanta kamiyyuu hojjachuu hin danda’u. rabbii gaidtti ofitti yoo amante kaayyoo kee kamuu galmaan ga’uu dandeessa. 10. amanamummaa qabu. “amanamummaa qabaachuu jechuun namnni tokko dirqamoota fi waadaa isaatif sirritti itti gaafaitamummaa fudhataa jechuudha. Karaa biraatin amanamummaa jechuun jecha ofiitiif dhugaa ta’uu jechuudha.” Kaayoo jireenyaa keetii galmaan ga’uuf nama milkaa’ina ol qabu ta’uuf amanamummaa qabchuu qabda. Namoonni milkaa’inna ol qaban namoota amanamoodha. Amanamummaa qabachuu hiriyoota keenya fi maamiltoota keenyaa wajjiin haariiroo cimaa akka uumnu nu taasisa. kun immoo jireenya keenyaatti dafnee akka milkoofnnu nu gargaara. Amaloota namoota milkaa’inaa olaanaa qabnii kanniin keessaa kamattu isinitti tole? Kan isin tole jireenya keessa galchaa!
Show all...
AMALOOTA 10 NAMOOTA MILKAA’INNA OLAANAA QABNII.(10 habits of highly successful people.) Waan guyyaa guyyaan hojjattu hanga jijjiirtutti jireenya kee gonkumaa hin jijjiirtu. Icciitiin milkaaʼina keetii hojii guyyaa guyyaa kee keessatti argama.” Jireenya kee keessatti nama milkaa’aa ta’uuf maalttu na barbaachisa jettee yaadee beektaa? Haayyuun saaykoolojii beekamaan 𝙗𝙧𝙖𝙞𝙣 𝙩𝙧𝙖𝙘𝙮 akka jedhetti “amala namoota milkaa’inna olaanaa qabanii baruuf waggaa 30 qoradhe” jedha. Namoonni milkaa’inna olanaa qaban amala namoonni hin milkoofne irrra adda isaan godhu qabu. Wantoonni isaan guyyarraa guyyatti godhan garagarummaa qabu. Amala namoota milkaa’inna olaanaa qabanii beekuun amala san shaakallee jireenya keenya akkka jijjiiruuf nu garagaara. Jireenya kee keessatti milkaa’inna guddaa yoo barbbade, milkaa’inna barabaaddu argachuuf akkamitti akka aragattu beekuun barbaachiisaadha. Namoonni hedduun milkaai’inna barabaadan argachuuf maalttu isaan akka barbaachisu hin hubbtan. Barruu tana keessatti amaloota namoota milkaa’iana olaanaa qabanii 10 wajjiin ilaala. Namoonni milkaa’aan sababa amala isaanitiin bakka amma jiran kanatti argaman. Amala jechuun wantoota isaan guyyarraa guyyatti godhan kan isan amala godhataniidha. Nutis amala gaarii ijaaraan jireeenya keenya jijjiiruu fi nama milkaa’inna olaanaa qabu tahuu dandeenya! 1. Ittii gaafatamuummaa fudhatan. Amaloota waroota milkaa’anii keessaa tokko itti gaafatummaa fudhattu. Wanta fedhee jireenya isaanii keesaatti isaan mudattu, jireenya koof kan ittigaafatamummaa kan qabu ana jechuun fudhattu. Nama birattu jireeenya koo jijjiira jedhanii hin ta’an. Ati jireenya kee namattu naaf jijjjiira jettee eegdaa? Wanti akka namarra waa eeguu onnee nama cabssu, jireenya namaatirraan dhiibbaa ga’u hin jiru. Kanaaf jireenya keetiif ittigaafatamummaa kan qabu sihi. Namattu jireenya koo jijjira jettee gonkumaa hin yaadin. Jireenya keetiif ittigaafatamummaa kan qabu si maata keeti. 2. Waan afaan isaanitiin jedhan galmaan ga’u. Garagarummaan nama milkaa’aa fi hin milkoofnee, namoonni milkaa’oon waan tokko ni hojjanna yoo jedhan ni hojjattu. namnni milkaa’inna guddaa hin qabne immoo wanta hojjachuu barabaadu tokko hojjachuuf wanta isa hin barabaachine tokko dhiisee hin hojjattu. Fakkeenyaaf tapha kubbaa miilaa tokko ilaalaa yoo jiraate, tapha kana xumuree hojjadha jedha. yeroo xumures amma dadhabee nan rafa jedha. akkanuma utuu jedhuu dhiisa. namoonni mlikaa’an immoo bakkka kamittu wanta hojjachuu barbaadan hojjattu. 3. Yeroo hunda waan haarawa baratan. Amala namoota milkaa’anii keessa kan birraa yeroo huda waan haarawa barattu. Fuuldura isaanitiif of qopheessu. ni dubbisu, namoota isaanii olii waliin hariiroo uumu. Yeroo hunda guddinnaf of qopheessu. 4. Galma irratti xiyyeefatu. Amala namaoota milkaa’anii keessaa inni ijjoon galma isaanitti xiyyeefachuudha. Galmmi jireenya keessatti maalii akka dursa kennittu, essa akka ooltuuf hin olle siif murteessaa. namoonni milkaa’an galama isanitti xiyyeefachuun, karaa galmi isaanii ajaju deemuu. jireenya guyyaa guyyaa isaanitti keessatti galma isaaniitiif hojjatu. 5. Itti fufiinsa qabu. Itti funfiinsa jechuun kaayyoo galmaan ga’aa jettanii yaadan tokko itti xichanii itti fuufudha hanga galmaan gahutti . furtuu milkaa’innaa keessaa tokko wanta qaban itti fuufudha xiqqos haa taatuu wanti guyyaan itti fufnee goonu wali irratti tuulamuun milkaa’inna guddaa taati. ashawaan xixiqqoon bubbeen ooftu tabba guddaa namnni koruu hin dandeenye ta’a . wantoonni xixiqqoon itti fufiinsan godhamu milkaa’inna guddaa fidan. 6. XIyyeefannoo qabu. Xiyyeeffannoo jechuun qalbiidhan bakka hojii jirachuu jechuudha. Xiyyeeffannoo malee hojii keenya yoo hojjanne dadhabbiin keenya dachaa ta’a. yoo itti xiyyeffannee garuu aniisaa guddaa utuu hin baafne hojii keenyatti milkoofna. xiyyeeffannoon yoo hojjanne aanisaa fi yeroo keenyas utuu of jalaa hin finne xumruu dandeeenya. Kuni amala namoota milkaa’anii keesaa isa ijoodha. 7. Of adaboodha.
Show all...
=> Waan jaallattu argachuudhaaf      waan hin jaalanne keessa darbuu      qabda. => Bakka mukni goolii jiru hin beektutaanan callistee kubbaa dhiituun kee faayidaa hin qabu. => Namni nama jijiruu hin danda'u.    Garuu namni tokko akka namni    jijiiramuuf sababa ta'uu danda'a. => Dukkanni ati amma keessa jirtu     humna guddaa qabaatee miti.Situ     ifa guddaa sirka jiru dhaamsee     keessa dhaabbataa jiraaf malee. => Namni irra daddeebiin waan hin      qabne lakka'aa oolu,Waan qabu      dagata. => Nama hunda biratti fudhatama      dhabuu dandeessa, garuu kan      jijjiirama fidu ofuma kee biratti      fudhatama qabaachuufi dhiisuu      keeti. => Bololli Mootii gabra yoo taasisu.Obsi immoo gabra mootii taasisa.
Show all...
M‌U‌L‌'A‌T‌A‌ Q‌A‌B‌A‌A‌D‌H‌U‌!       M‌U‌L‌'A‌N‌N‌I‌...✍ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ⁃ Adeemsa sammuu ti. ⁃ Ta'uu dha malee taa'uu miti. ⁃ Boba'aa gaggeessaan tokko ittiin imaluu danda'uu dha. ⁃ Humna ittiin waan haaraa uumanii dha. ⁃ Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniif dha. ⁃ Har'a caalaa fira borii ti. ⁃ Ija foonii caalaa fageessee arga. ⁃ Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u. ⁃ Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima. ⁃ Hojii tokko-shanee (garee) miti. ⁃ Ni tarkaanfata malee hin tiratu. ⁃ Wanta ati of harkaa qabdu irratti hin hundaa'u. ⁃ Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u. 🔍🔍🔍🔍🔍🔍🔍🔍 "M‌U‌L‌'A‌T‌A‌ Q‌A‌B‌A‌A‌D‌H‌U‌!"
Show all...
[  ] Hin aarin obsi malee [  ] Hin abaarin gorsii malee [  ] Hin booyin kolfi malee [  ] Hin jajarin hubadhu malee [  ] Hin amanin jaaladhu malee [  ] Hin jaalatin qorattu malee [  ] Hin jibbin sababa malee [  ] Hin barreessiin beekkumsa malee [  ] Hin odeessin agartu malee [  ] Hin sodaatin dubbadhu malee [  ] Hin sobin dhugaa malee [  ] Hin taa'in hojii malee
Show all...
#Mee_dubbisaa ♦️Farda kophaa figuu fi nama kophaa himatu hin ammanin. ♦️Foon lafa jiruuf allaattiin muka irratti wal_loltii🐦🐦 ♦️wanta oddeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban😜 ♦️Gowwaan bakka rafe hunda mana se'a😜 ♦️jiidhaan hin boba'u. ♦️Ollaan akkam bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka. ♦️Ammas akkuma durittan loo'a jedhe bofti🐍🐍🐍 ♦️Dugda hin dhungatan hunda hin dubbatan😂 ♦️Gowwaan bishaan keessa taa'ee dheebota😭🙈 @Gaaddisa_Dhugaa @Gaaddisa_Dhugaa @Gaaddisa_Dhugaa
Show all...
Namni Hunduu seenaa mataa isaa qaba! Mucaa umriin isaa  dargagagummaaf deemu tokkottu  foodaa baaburaatiin ala laalee iyye. "Abbaa ilaa mukkeen nu  wajjiin  deemaa jiru jedhe." abbaanis kolfe etuma calise. yeroo kana  hiriyyoonni wal jaalatan lamaan cinaa mucaa taa'an mucaa ni maraatee jedhanii waliin haasawuu eegalan. "mucaan ammas deebisee abbaa ilaa duumessi nu waliin fiigaa jiraa "jedhe. yeroo kana hiryoon wal jaalatan lamaan jaarsaan "mucaa kee kana  maaliif mana yaalaa hin geesine"? jedhaniin.  Jaarsichis tasgabiindhaan ammaa manaa yaalatii fidaa jira. "mucaan kiyya erga dhalatee jaamaa  ture. har'a faayyee gara manaa galaa jira" jedheeni Namnni ardii kanarra jiru hundii seenaa mataa ofii qaba    Osoo dhugaan hin beekin namootatti hin murteessiin.  Dhugaan jiru yammuu hubbatte si gaabbisiisuu malaa! @Gaaddisa_Dhugaa @Gaaddisa_Dhugaa
Show all...
Jabeenya lafeefi ilkaan keenyaaf hedduu gargaarti. Kulkula ( inflammation) qaam keessaa nurraa xiqqeessiti. Bareedinaa fi lallaafina gogaa keenyaaf, akkasumas gurraachoommina ( waan akka heenaa) naannawa ijaa fi fuula irratti bahu dhabamsiisuuf ni gargaarti. Dabalataaniis, Rifeensi keenya akka miidhagee cululuquu fi akka hin buqqaane ykn hin caccabneef ni gargaarti. (Kuni keessattuu zeeytii isiirraa dalagamuuni) Qabiyyee Shooka/TiiniWantoota you summaawoo qaama keessatti uumaman nurraa ittisan baayyee of keessaa qabdi (Rich in antioxidants).      Join 💅➭ Join 💅➭   @Gaaddisa_Dhugaa @Gaaddisa_Dhugaa 🕊🦸‍♂️🦸‍♂️🦸‍♂️🦸‍♂️👷‍♀️👷‍♀️👷‍♀️👷‍♀️🕊 ➡🌻@Gaaddisa_Dhugaa📡 ➡🌻 @Gaaddisa_Dhugaa📡 ➡🌻 @Gaaddisa_Dhugaa📡 ➡🌹⁣🎇🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 💥💥💥💥💥💥💥💥
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Dhukkuba ujummoo dhiigaan wal qabatu kan ” Atherosclerosis” jadhamuu fi dhibeelee Onnee irraas nu ittisa. Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu ( immunity) keenya ni dabala. Vaayitaamin C baay’inaan of keessaa waan qabduuf, faayidaalee Vaayitaamin C’n qaama keenyaaf qabu haga tokko nuuf gumaachiti. Jabeenya lafee fi ilkaan keenyaaf hedduu hedduu gargaarti.        @Gaaddisa_Dhugaa             ✍ Yaadaa fi gaafii          ✍Aanaakoo
Show all...
Uummanni keenya yeroo kamiiyyuu shookaan firiin kuni qaama kiyyaaf faaydaa qaba jedhee fayyadamee hin beeku waan ajaa'ibaati ammatti garuu qorannoon hedduun irratti adeemsifamee akka ishiin faayidaa qabduufi dhibee hedduu irraa nama ittisuu fi faaydaa hedduu akka qabdu irra gahamee jira. @Gaaddisa_Dhugaa Kunis , Bokokuu fi Goginsa garaa dabalatee nurraa qolata. Ulfaatina qaama keenyaa ni too’ata. kaansarii garaa garaa irra nu ittisa. Dhibeelee ilkaaniin wal qabtan garii ittisuu keessattis shoora ol aanaa qaba. Shookaa/shoonkaan itti fufa......
Show all...