Arsi University (Kalido Adem)
Open in Telegram
Qormaata Arsi University mid, final fi information gibbii freshman irraa hanga GC nubiraa argattu! Channel keenya kana join godhuun nu hordofaa!
Show more666
Subscribers
No data24 hours
+107 days
+2630 days
Posts Archive
WARRA BITAAFII WARRA MIRGAA
WARRI MIRGAA:
1. Yeroo hunda qajeela yaadu_ mirga namaatiif dubbatu; mirga ofiis eegsifatu. Dhugaa irra deemu.
2. Nama jajjabeessu.
3. Hojii namaa dinqisiifatu; hojii namaa kabaju.
4. Ofitti amanamummaa qabu. Namas ni'amanu.
5. Bu'aa namaa dursu.
6. Yaada sirrii barbaadu.
7. Dhugaa barbaadu.
8. Milkaa'inni namaa isaan gammachiisa.
9. Mul'achuu osoo hintaane mul'ata isaaniitiif jiraatu.
10. "Haa ta'u!" jechuun yaada waliigalaa filatu. Amananii nama amansiisu.
11. Mirga namaa kabaju. Nama jajus ta'ee busheessuu hinjaalatan. Maqaa namaa balleessuu irraa cimsanii of eegu. Dhugaa garuu nidubbatu. Waan garaa hanqate ifatti dubbatu. Gaafa seerri dabe seeratti himatu.
12. Hojiitti amanu.
13. Tokkummaa filatu.
14. Nagaafi waliigaltee namootaatu isaan gammachiisa.
15. Fuulduratti dubbatu.
16. Dogongora isaaniitiif dhiifama gaafatu.
17. Nama kabaju; yaada namaa kabaju.
18. Oduu adda baafatu. Ragaafi tasgabbiin deemu.
19. Walgargaaru; waliif tumsu!
20. Galmi isaanii injifanoodha. Kaayyoon isaanii ijaaruudha.
"WARRA BITAA:
1. Warri bitaa yeroo hunda bitaatti yaadu, dubbii jallisu.
2. Nama busheessu.
3. Hojii namaa tuffatu.
4. Of shakku; namas shakku.
5. Bu'aa ofii isaaniitiif jiraatu.
6.Dogongora barbaadu.
7. Sababa barbaadu.
8. Kufaatii namaatti gammadu.
9. Mul'achuu barbaadu.
10. "Tole" jechuu irra "Lakki" jechuun mormii baay'isu. Niwaakkatu.
11. Maqaa namaa balleessuuf jarjaru.
12. Hojiitti osoo hintaane oduutti amanu.
13. Kophaa kophaa isaanii fiiguu jaalatu. Kan akka isaanii barbaadacha baay'ee dhama'u.
14. Jeequmsaafi waldhabbiin namootaa isaan gammachiisa.
15. Nama duuba dubbachuu filatu.
16. Waan dogongoran itti hinfakkaatu. Dhiifama gaafachuu hinbarbaadan.
17. Nama tuffatu.
18. Oduu hoo'isu. Tasgabbii hinqaban.
19. Waldhabu; ofiin of dhabu. Wallolu; ofiin of lolu.
20. Galma hinqaban. Kaayyoon isaanii diiguudha.
Mirga irra nu haa oolchu!"
Kalido Adem join godhuu hin dagatin!
Dec 2023
Jaalleekoo..👇🏽
“
👉Yoo si qeeqan, namooma si barsiisuu isaanitiif isaan jaaladhu;
👉 Yoo balfa sirratti darban, eenyummaa kee akka cimsituuf si dandeessuu isaanitiif isaan jaaladhu;
👉 Yoo si shakkan, abjuu kan kee dhugoomsudhaaf daran onneefi kaka'umsa horuu isaaniitiif isaan jaaladhu;
👉 Yoo dogongora keetti quba qaban, haqaan eddoo fooyyeffachuu qabdu si eeruu isaanitiif jaaladhu;
👉 Yoo si miidhan, dandeetti dhiifama gochuukee si agarsiisuu isaanitiif isaan jaaladhu;
👉 Yoo waan kaatef irraa si dhaabuu barbaadan, kaka'umsaaf si jabeessuu isaanitiif isaan jaaladhu;
👉 Yoo dukkana keessatti si darbuu barbaadan, ifaa hin dhaamne akka ofkeessaa maddisiistu si dandeessisuu isaanitiif isaan jaaladhu;
👉 Rakkoof gidiraan sirraan ga'aa turan hundi dabree, humna jaalalaatiin yoo waan hunda injifatte, si cinaa dhaabbatanii humna jaalalli qabu akka arganiif affeeri; “
Kalido Adem join godhaa♥️
ICCIITII MILKAAYINA
*******
Iccitiin Milkaayina namootaa karaalee hedduun tahuu malti. Karaalee hedduu san keeysaa maloonni armaan gadii kun harka caalaa milkaayina namootaatiif gayee guddaa qabaachuun beekkamaadha.
Karaaleen 6'n kun karra milkaayinaatti nama geeysu.
1. Jabaatanii hojjechuu.
2. Obsa qabaachuu.
3. Cichoomina qabaachuu.
4. Naamusa qabaachuu.
5. Ofitti amanummaa qabaachuu.
6. Walitti fufinsaan shaakaluu.
Kan nama milkeeysu Rabbuma. Tattaaffiin ilmi namaa taasisu karaalee kanaan yoo tarkaanfatte galma gayinsa keeysatti sababa taati jechuudha.
Rabbiin haala hunda keeysatti nu haa milkeeysu.
Siqichi!
Hin geenye yeroon
An maa narakkifta
Namalee dhabdee
Narra daddeemtaa?
~
Deem barbaadadhu
Boo hiriyyaa tantee
An bakka siinlaadhu
Mudhii koo nakuttee
~
Yoo bakka dhabde
Iddoo biraa deemtee
Naa garaa silaafaaf
Arraas natti dhuftee?
~
Yeroo heddun gube
Osoo si-waliin ciisuu
Wallaahi billaahi
Ganaa ganamaa hinciisu
~
An waan akka keetii
Takkaa hin argine
Waanuma akkami ati
Kan qaanii hinbeeyne
~
Kabajaan kuntaalaa
Abbaatu of-khabajaa
Awoo taa'ii! Of-kabaji
An osoon if riguu
Nadhaamuufi bar ijji
~
Afaa kee tottolchitee
Takka sirraa hinhafne
Firaashaa fi tiraasiin
Osoon an hin feene
Arraas naraffisuufii?
~
Hinrafu Nankakadhee
Na,eegaa hin bulinii
Teeysee naan achi
Akka duriis nasehinii
Deem narraa siqichi!
~
Durirraa hanga arraa
Iriftiin maleen sijjiraa
Ammaa jalqabee
Argaa keen jibba
An waan biraa hinbaanu
Siin baana hirriiba🙄
Arsi University
Introduction to Economics 2022/2023 mid exam.
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
Join godhuun qormaata biroo argachuu ni dandeeysan.
Arsi University
English skill II 2022/2023 mid exam.
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
Join godhuun qormaata biroo argachuu ni dandeeysan.
Arsi University
General Biology 2022/2023 mid exam.
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
Join godhuun qormaata biroo argachuu ni dandeeysan.
Arsi University
Emerging Technology 2022/2023 mid exam. And answer.
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
@kalidoAdem join
Kutaa 2ffaa Aadam fi Halloo (Song Lyrics)
Title: Intala Sooreeysaa.
(Qabiyyeen isaa Aadam akka waan Intala sooreeysaa jaalatee akka malee rakkatuutti sirba,Halloon immoo akka intala sooreeysaa taatee akka malee jajjabeeysitee hamilee itti horuun jalaa qabdi.)
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Aadam.
..........
Kiishaan qabu akkaan Bash godheen afeerre.
Intala sooreeysaa mee maal naa wayyaree.
Wal jaalanne malee si arkachuun hiree.(2X)
Halloo.
........
Wal jaalachuun garuu baasa hin jirren taane.
Ifin dhaamotinii ka anuun sodaanne.
Kar caphxeen haa yaaftu eega waliigalle. (2X)
Aadam
...........
Zigaaltu karaarra dallaya na jaare.
Na ulfaatte gufuun qabbee waan hin jirre.
Tanaafiin dhibaawe beeki sirraa turee.
Halloo.
...............
Fagaattu haasawan torbaan tokkoo-lama.
Nu hamachaa oolan nurraan taran humaa.
Yoo wal jabeeyfanne ka moo'atu numa.
-//-
Aadam
...............
Yaa wa'ila jiruu hiriyaa too daaddaa.
Yaanni kee cimaadha kan namaatiin adda.
Galatoomi aaddee sirraa arkadhe qooda.
Halloo.
.............
Warri keenya hayyuu tana ni beekanii.
Dhabaa fi qabeenyaan waa si madaalanii.
Nama Ayaa ta'uu keeti gaafiin saanii.
-//-
Aadam.
.......
Irbuudhaan siif seena sodaas niin lakkisa.
Hamileen hojjadheen jireenya koos cimsa.
Nama Ayaa ta'uu kiyyaan siif mirkansa.
Halloo.
........
Anis gama kiyyaan sumaafiin tinnisaa.
Rakkoon takkan jirtu wanni si yaachisaa.
Wal jaalachuu keenyaas warra ambaa nuu ibsa.
--------------/////---------
Halloo Rabbiin Raahmata haa godhuuf,Aadam Umrii nuuf haa dheereeysu.
✍Fampersie
Aadam.H & Halloo.D. song Lyrics
Title! BAREEDA UUMAA!
Sirba kana waaniin akka malee jaaladhuuf isin afeereetiin jira.
👇👇👇👇👇👇
Aadam
......
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.
Halloo
......
Nan rarragin mee sobaan na hooysaa
Mee dhaabi narraa Qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!
Aadam
...
Durii eegalee hamma aduu arraa
Faarfamaan namaa hedduudhaa jira.
Hunda sirritti hubadhee laale,
Madaale maraa
An sumaan faarsaa, hin qabdu hanquu
Caaltuu hundarraa.
Halloo.
.....
Kun mala dhiiraa itti himan dubraa
Meeqaa na caala hin fudhu sirraa.
Gootaa fi gamna,bareeda qabii
Tuulaa addunyaarraa,
Ragaan dhugoomsii natti as laadhu
Deebisaa biraa.
Aadam
......
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.
Halloo
......
Nan rarragin mee sobaan na hooysa
Mee dhaabi narraa qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!
Aadam
.....
Ija tee ifaa ji'aa urjiirraa,
tolli kee yoomuun banne na duraa.
Jaaladhe sumaa takkalleen dubraa
Si nattin geeysu.
Hin sehin qoosaa fi Qishnaa je'ee
Kaniin si faarsu.
Halloo.
.....
Bifaaf haala koo kam jaalatte narraa.
Mee addaan naaf baasi na faarsuun dura?
As laadhu natti qabxii amansiiftuu,
mirkanii qabdu.
Garuu jaalalaaf dhugaa na bita
Fudhachuun didu.
Aadam
......
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.
Halloo
......
Nan rarragin mee sobaan na hooysa
Mee dhaabi narraa qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!
Aadam
......
Fiinxee miidhagaa azeebban dubraa
Niin beeka anis hadduutu jiraa.
Hunda dubraa keeysaa wantiin si filadheef.
Ayaa qabaachuu
Bultii jaarrannee sadoof gammachuun
wajjiin jiraachuu.
Halloo
......
Guyyaa wal barree kaasee hamma arraa
Laalcha naaf qabduun hordofaa jira.
Wallaalen sehiin kaniin siin mormu
Afaan Jabaadhee.
Ayaaf deemuu kee beekeetiin jiraa.
Humaa sii fudhe.
-----------///------------
Rabbiin Raahmata haa godhuuf Haadha teenya Halloo.
“Never regret a day in your life: good days give happiness, bad days give experience, worst days give lesson, and best day give memories.”
@kalidoadem
@kalidoadem
@kalidoadem
Repost from Arsi University (Kalido Adem)
# Kutaa_12ffaa
ANI HIN KUFNE NAN KA'E MALEE JEDHIIN.
Barattoota kutaa 12ffaa maraaf
Yoo qabxii gaarii hin galmeessines ati hin kufte osoo hin taanee kallattii jireenya keeti argatte jechuudha. Namni Kan kufu gaafa du'e waan ta'eef.
Kanaaf Abdii muruu hin qabdu, jireenya kanatti hidhadhuu qabsaa.
Ati kutaa 12ffaa kuftee yoo siin jedhan. Ani hin kufne kallattii jireenya kootiin bare jedhiin.😎
Encourage Abdii hin murtu dhalaan boaa hin bultu waan ta'eef, qabxiin kee waan fedhe yoo ta'eyyuu isa durii caalaa cima / tuu akka taate yaadachuun kallattii milkaa'inaa biraaf qophaa'uun Miira Kee haaromsi.
Ummata hin kufte jedhee quba sitti qabutti Amma reefuu akka kaate itti agarsiisi. I DON'T KNOW WHAT YOU THINK !!
#Kutaa_12ffaa
Ibsa guyya har'a minsteerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhanuu Naggaan kennaniin qormaata bara darbeefi bara kanaa ilaalchisee bara darbe haaraa eegalle sababa ta'eef rakkinni hedduun nu mudatus bara kana haala gaariifi sirna bulchiinsa qormaataa akkasumas hanna hambisuu irratti foyya'iinsa guddaan argameera jedhan. dabalataan qormaati bara kanaa ji'a caamsaa keessa kennuuf akka karoorfatames ibsaniiru.
Wagga dhufu qormaati kutaa 12ffaa bifa walmakaa jechuunis bakka netwoorkiin hin jirretti waraqataan bakka neetworrkiin jirutti "online" kennuuf qophofneerra jedha Ibsi guyyaa har'a Minesteera Barnootaan kenname.
Odeeffannoo dabalataaf
📡channel kiyya @kalidoAdem join godhaa!
#oduu_ammee
#kutaa_12ffaa
"Firiin qormaata kutaa 12ffaa bara 2015 boru ni ifooma" ministeera Barnootaa.
......................................................................................................
Boru qormaanni kutaa 12ffaa akka ifoomu ministeerri barnootaa karaa fuula Facebook isaatiin beeksisee jira. Guyyaa 28/2015 waa'ee qormaataa ilaalchisee ibsa bal'aa sa'aa 6:00 irratti ni Kenna.
Barattoonni odeeffannoo sirriif fuula ministeera Barnootaa hordofuu akka qabaniis ibsamee jira.
Facebook -https://www.facebook.com/fdremoe/
Telegram-
https://t.me/ethio_moe
Twitter http://twitter.com/fdremoe
Linkedln - https://www.linkedin.com/company/ministry-of-education-ethiopia
Website - www.moe.gov.et
Jara lamaan kana Rabbiin umrii isaanii fayyaa fii imaanaan nuuf haa dheereeysu!
*✏~EGA~✍🏼*
┗━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬⊱✿⊰━━━━┛
*📝 ● AMALOOTA; NAMOOTA, CICCIMOO ⏱‼*
┏▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━┓
✍ ➥ Namoonni ciccimoon; kaayoo sirrii ta'een, gaggeeffamu. Kaayoo; isaanii kanaafis, bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaa-tti hojjatan; dubbiin isaan dubbatanii fii barreessan hedduun isaa, qaama kaayoo isaanii kanaa dha. Sammuu isaanii fii hubannaa-dhaan; gaggeeffamu malee, oduu namaan hin hoogganaman. Namoota akkasii irrattis ta'ee biratti; yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanni ta'aa jiru hedduun isaa; wanta isaan duraan, yaadanii dha. Maal akka yaadan; maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e, buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataa-ti malee; rakkoo-uumtotaa, miti. ❏ Namoonni ciccimoon; wanti hojjatamuu fii odeeffamu kami-yyuu, fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane, irra-tti hin godhanneef uf eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan; maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis, bareechisanii beeku. ❏ Amaloota namoota ciccimoo keessaa; inni biraan tokko ammoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii, banaa dha. Beekkumsa dabalachuuf; ogummaa fii dandee-ttii dabalachuu fii gabbifachuuf, yeroo hundumaa banaa dha. Wanta gaarii irraas; wanta hamaa irraas, wanta baratan qabu. Maal akka godhanis; irraa hubatu malee, ittiin hin miidhamani. ❏ Cimina isaanii; namoota dura-tti mirkaneessuufis, hin dhiphatani. Namoonni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis; isaan irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee, haalaa fii oduu-dhaan hin jeeqamani. ❏ Uf; hin tuulani. Siluma-yyuu; cimoo waan ta'aniif, ufii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee, nama cimaa fakkaa-chuuf yaaluuf, uf hin tuulani. Amalli; hamma ufiin alatti uf tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e, bareechanii beeku. ❏ Uf; hin jajanis, ufis hin jaji'an. Hujiin isaanii; inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ufiin uf leellisuuf hagas mara, hin dadhabani.┗━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬⊱✿⊰━━━━┛ *🖋 ● ❏ Amaloonni; Namoota Ciccimoo Kana Malee-llee Hedduu Dha, Ammaaf Garuu Kanuma. Mee Ati Ammoo; Maal Jettaa❔ Yaada Kana Keessatti, Uf Ilaaltee Jirtaa❓Madaaltee Jirtaa⁉ 📙‼* ┏▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━━ ▬▬▬▬💞▬▬▬▬ ━━━━⊱✿⊰━━━━┓ ◈ ━━━━━━━━ ● ━━━━━━━━ ◈ ╰────╮╭────╯ ➦ Wɑɑn beeytɑnii fii dubbiftɑn; dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee; wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu‼ ➦ Gαℓαтσσмαα❕ KABAJOOMAA ❗ Υєʀσσ Gααʀιι ‼ *😍 Dhaamsi ~EGA~ jedhuun dabru; Itti Fufa.... (FEDHII RABBII-TIIN)❗* Kamsaa; 29/07/2021 ALA *✍️ Abuu Aliyyi-bnu Aliyyi 🙏.*
Onnee guutuun sijaalladhe
Buusee baasee madaalee
Dhugaa jaalala keetu
Laphee kiyya na dhaale
Oduuf ololli namaa
Guutus akka galaana burqaa burqee
Ani dhugaan si jaallannaan
Ormammoo maaltu dhibe?
Gargar nu baasuuf jecha
Yeroo hundumaa aaduu
Takka qilleensa miicu
Gaafa-kaan bishaan waadu
Gaafa kaan amantiidhaan
Sababa hin jirre tuuluu
Addaan nu fageessuudhaaf
Quba ciniinaa bulu
Qulqulluun onnee kiyyaa
Haqa kankee dubbataa
Barris naaf kottumee
Shaggee gaara mul'ataa
Guyyaa wal argaa keenyaa
Bilbilii natti dhaamii
Sagaleekee sanan yaade
Caaltuu gidaamii
Gaara komtoo qaxxaamurii
Naqamteetti na eegii
Dhufeen si argee galaa
Karaa mandiidhaaf Begii
Jaalala kee kan lallabu
Gola onneekoo keessaa
Sin yaade waan ofiikoo
Yaa ishee giddu galeessaa
Aannan Booranaaf Gujii
Teenyee waliin unannaa
Wal-argeen silaa hin hafuu
Mee dhiis gaafas dubbannaa!.
Amuu!
@kalidAdem
𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐮𝐧:
1. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 ''𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍𝗉𝗁𝗈𝗇𝖾𝗌' 𝖡𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍 𝖳𝖺’𝗎𝗎 𝖣𝖺𝖽𝗁𝖺𝖻𝖾!
2. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗎’𝖺 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 𝖥𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺𝖺 𝖥𝗂 𝖧𝖾𝖾𝗋𝗎𝗆𝖺 𝖲𝗈𝖽𝖺𝖺𝗍𝗎!
3. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖩𝗂𝗋𝖾𝖾𝗇𝗒𝗂 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖰𝗂𝗅𝗅𝖾𝖾𝗇𝗌𝖺 𝖦𝗎𝖻𝖻𝖺𝖺𝗍𝗂!
4. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖧𝖺𝗇𝗀𝖺 𝖥𝗎𝗇𝗒𝖺𝖺𝗇𝗂𝗂 𝖡𝖺𝗋𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖡𝖺𝗋𝗎𝗆𝗌𝗎𝗆𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖶𝖺𝗅𝗅𝖺𝖺𝗅𝗎𝗆𝗆𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖡𝖺𝖽𝖾!
5. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖰𝖺𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖧𝗎𝗇𝖽i 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝖡𝗂𝗋𝖺𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖪𝗎𝖿𝖾. (𝖩𝖺𝖺𝗅𝖺𝗅𝖺𝖺𝗇, 𝖠𝗋𝖺𝖺𝖽𝖺𝖺𝗇, Oduu Sobaatiin!)
6. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖮𝖿 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 ''𝖬𝖾𝖾𝗄𝖺𝖺𝗉𝗉𝗂𝗂'' 𝖮𝖿𝗂𝗂 𝖠𝗆𝖺𝗇𝗎! ( A generation that can trust make-up than his/her maker!)
7. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖬𝗂𝗋𝗀𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖦𝖺𝖺𝖿𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝖬𝖺𝗅𝖾𝖾 𝖣𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖨𝗋𝗋𝖺𝖺𝗇𝖿𝖺𝗍𝖾!
8. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖳𝖾𝖾𝗄𝗇𝗈𝗈𝗅𝗈𝗈𝗃𝗂𝗂𝗇 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖴𝗎𝗆𝖾 𝖦𝖺𝖻r𝖺 𝖦𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝖾!
9. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍a Mana Rabbii 𝖰𝖺𝗋𝖺’𝗎𝗎𝖿 𝖣𝗁𝖺𝗊𝖾𝖾, 𝖲𝗎𝗎𝗋𝖺𝖺 𝖪𝖺’𝖾𝖾 𝖦𝖺𝗅𝗎!
10. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 tokkicha i𝗌𝖺 𝖴𝗎𝗆𝖾𝗍𝗍𝗂 i𝗋𝗄𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺 𝖬𝖺𝗄𝗅𝗎𝗎𝗊𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖨𝗋𝗄𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎𝗇 𝖨𝗌𝖺𝖺𝖿 𝖫𝖺𝖺𝖿𝖾.
11. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺𝖺 f𝗂 𝖣𝗎𝖻𝖺𝗋𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖦𝗎𝗎𝗍𝖺𝗆𝖾, 𝖪𝖺𝗇 𝖦𝖺𝗋𝗎𝗎 Jaa𝗋𝗌𝗂𝗂 𝖥𝗂 𝖧𝖺𝖺𝗍𝗂 𝖬𝖺𝗇𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝖺 𝖣𝗁𝖺𝖻𝖺𝗆𝖾!
12. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝖣𝗁𝗎𝗀𝖺𝖺 i𝗍𝗍𝗂 𝖧𝗂𝗆𝗎 𝖣𝗂𝗂𝗇𝖺 𝖦𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖠𝖽𝖺𝗆𝗌𝗎, 𝖪𝖺𝗇 𝖣𝗂𝗂𝗇𝖺 i𝗌𝖺𝖺 𝖡𝖺𝖽𝗁𝖺𝖺𝗌𝗎!
Mootii aaaramni kee dhuma hin qabne, ati nuuf araarami!
Aamiin!🤲🤲
Telegram @kalidAdem
