en
Feedback
πŸ’žDJ ዬ αα‰…αˆ­ αˆ›α‰ αˆ πŸ’ž

πŸ’žDJ ዬ αα‰…αˆ­ αˆ›α‰ αˆ πŸ’ž

Open in Telegram
773
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Jaalala jechuun miiradha Dhiphina namatti toludhas Namni dhugaan jaalate ni dhiphata garuu keessa isaa gammachuun dhokataa ta'e ni jira; jaalatamuu caalaa jaalachuun nama gammachiisa; sababni isaas onnee nama jaalatu qabaachuu keenya nuuf mirkaneessa. Yeroo hedduu namni jaalala dhugaan nama jaalate olmaa isaa keessatti nama sana hedduu yaadaa oola Ni dhiphatas garuu ni gammada! Walii keenyaaf jaalala dhugaa haa qabaannu. Gammachuu qabaadhaa Nama jaalattan argadhaa! @Esayas

Deemi! Kara keetiin roobee Kara keetiin caame Dungoon borii keenyaa Afuura keen dhaame. Maqakoo hin beekne Maaf jedhees sin jeeqne! Anaaf hiree gootee lolaa naa ergite naaf mallaan ameeni! Anaaf galaa gootee biyyee naa darbite raawwatteetta deemi! @Esayas

imala jaalalaaπŸ§šβ€β™‚οΈπŸ˜˜πŸšΆβ€β™‚οΈπŸ’” Karaan deemaa jiraa Galaa jaalala baadhee Hin muradhu garaa Yoon tasa argadhee Deemuufan karaa dheeraa Kophee sirreeffadhee Kutadheera garaa Mudhii kiyya hidhadhee Jaalladhee manaan baanee Waan naguben qabaa Mataa koora na,aanee MaalifanKeessaa dhabaa Umriin koo ijoolleedhaa Jaalala dhugaan dhabee Hindhiisu barbaaduudhaa Maafan taa,yeroo gubee Nan deemekaa barbaachaa Amma karaarra buee Anis qaba gumaachaa Kan rabbirraa naaf buee Isiin eenyu jedheen Barbaacha eegalee Mataakoo filadheen Shaaoriillee galee Fataa jedheen deemaa Akka abbaa qabeenyaa Namnis na ildiimaa Nalaalee fakkeenyaa Osoman karaa deemuu Akka tasaa dheebadhee Mana namaa deemuuf Yeelloo kankoo fixadhee Itti gad goreetan Rukutee balbalaa Callisanii dhaggefatan An cabsuuf kae ulaa Osoman rukutuu Mucayyoon tokko dhuftee Maali hin qaan fattuu Maal taatee nan jettee Calliseetan laalee Sodaadhee dubachuu Haasauuf yaalullee Dide naaf mijachuu Isheenis nalaaltee Ija kankoo keessaa Mataashee filattee Duugda keessa ciisaa Xiqqoo wal ilaallee Osoon bain dheebuu Cufatte ulaallee Osoodhuman dhaabbuu Anis deemuun didee Taae balbalarraa Garaatu na didee Adeemuu achirraa Isheenis gad baatee Deemuudhaafi gabaa Onneen na dhahatee Mee maltu na qabaa Biraa hafuu dideen duubashee adeemee Asumaan naeegdee Jennaan waliin deemee Osoma haasofnuu Dhaqnee gabaa geenye Teenyee haa boqannuu Kaaffee tokko geenyee Bareennisii addaa Magaala qalloodhaa Nyaarri isii baddaa Ilkaansii adiidhaa Baaseen ittimadhee Waanan manaa baee Iccitii godhadhee Gurra keessa kaaee Isheenis nan dinnee Galanni kan rabbii Karaatti hin hafnee Bagan tain gaabbii Amma argadheeraa Kan rabbi naaf qoodee Anis filadheeraa Isheenis naaf koodee

Bar tokko wal-garra! Bara ati jaalattee Onneekee mul’istu An jabaa jilbakee Baratti kuffistu Baratti miidhamtee dhiifama gaafattu Baratti dhugaakoo cubbuukoo yaadattu Hin dagatiin! Barri tokko jira baricha wal-garra Baricha haaraatti deebinee wal barra! @Esayas

Ogeettii Jaalalaa Suphituu caba laphee Irksituu mogolee koo Jireenya koo borii Dhaabbiif dagalee koo Aabjuu koo bara dheeraa Mul'ata bor milkaa'uu Dhoksaa gola onnee Isan boriif olkaa'uu Hidda dhukaaf lafee Ribuuf maashaa danuu Balbala gola onnee koo An siif malee banu Situ dur cufee deeme Akka saaqamnetti takkaa Anis achuman jira kunoo Hin geeddarreem bakka Onneen koos siin madaa'ee Madaasaatu achii kulkulaa Halkanis na raffisuu didee Suuraa kee hammadheen bula Godaannisni koo bara danuu Miidhamni koo onneef kalee Hin fayyuum madaan koo Barruu harka keetiin malee

Har’a sooftii taasifnee Ganne malee rakkootti, Jaalalli dur qaaliidha Bara Akaakaa'f Akkoo'tti. Aadaa keenya dagannee Faranjii akkeessinee, Jaalala kennaa Rabbii Daldala fakkeessinee, Onnee 'memory' goonee Vaayiresiin xureessinee, Mi'aa jaalala dhugaa Walitti kureessinee, Jaalala gitan qabne Caalchifannee doolaarii, Gurgurtaaf gabaa baafnee Wal cabsinee 'mooraalii', Torbee bulchuu dadhabnee Akka meeshaa bara-ammaa Dhalootatti hadheessinee, Dhangaa akka nadhii dammaa, Qabeenya qabaa bade Goone malee naaf, situ Bara Akaakaaf akkootti Qarshiin jaalala hin bitu! ✍️... @Esayas

Namniin ani jaaladhu tokko Ammala laama qaba. Yero nama jaalatu dangaa hin qabu Garu Yero mufatte dhiffamaf iddo hin qabu. Me
Namniin ani jaaladhu tokko Ammala laama qaba. Yero nama jaalatu dangaa hin qabu Garu Yero mufatte dhiffamaf iddo hin qabu. Mee oso isin ta'e nama kana mal gootu??

Si Eegaan Jira. Abdiikoo hin kutanne Gowwaatti makamee Baressaatan jira Seenaakeen laaqame Siif kunuunsaan jira Marartee kee
Si Eegaan Jira. Abdiikoo hin kutanne Gowwaatti makamee Baressaatan jira Seenaakeen laaqame Siif kunuunsaan jira Marartee kee kaleessaa Hojiikee hin abaarre Kan na miite keessaa Garaakoo sabbataan Hidhadhee akka gaarii Onneekee madeessuuf Hin sochoosne daarii Na keessaa jiraata Jaalallikee durii Qulqulluu onneekoo Hin tuqsiisne xurii Har'a na dagattee Yoo hin jirres na bira Yaadikoo hin hiramne Si eegaatan jiram! ❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️ Soliyana Tadasatif Balee M/Gooba kan jiraatu

#Jeette_Qarreen_dhugaan_jaalatteβ€πŸ’šβ€ Osoon maatii qabuu; Sittan of gatadhee. Osoon haadha qabuu; Iccitiiko baasee si qofatti himadhe. Osoon ija qabuu; Siinan harkifame. Osoon afaan qabuu; Siif jechan hudhame. Osoon sammuu qabuu; Sinan hoogganame. Osoon miila qabuu; Siinan qajeelfame. Kana hunda gochuunko Sitti hin fakkaatiin salphaa Madda gammachuu kotu Sikeessatii maddaam Siin hogganamuunkoos Homaa nat hin hir'isne Durseetan si beekaam Kanaaf gad sin dhiisne Waantii hunduu nat hafee Addunyaa kanarraa Yaa waaq jaalala uumtee Isa nan dhowwatin hadaraaπŸ™πŸΌ

Beekaa?~~ Beekaa? hin beeku waanin yakke Kan ayyaanni kee narraa sokke Si qorannaan koo si hubachuuf Iyyafannoon koo si argachuuf, ......Garuu......! Garuu hin taane nat-fakkaate Edaa kee faanni, dur fagaate Natu coraa bade of yaaddeessa Qabsiisa kee dhameen, of bobeessa Akka waan jirtu at na bira Miira hin argamneen of uggura Argama kee dhiyeeffadhee Callisuu kees dhaggeeffadhee Akka jirreetti har’a ga'e Kiyya golli ona ta’e An hin yaalle si dagachuu Kudhaama kee kute gatee Waadaa ormaa sobee baachuu Lubbuu kiyyat siif kakate Kun yoom ife sitti halkanii Agartuun kee fageessanii Akkan ta'uuf akkan jiru Waan garaa koo hin argani Har'as beekaa? Lakki hinbarre Fulleeffadhees hin agarre Yoo dhageesse koo sagalee Barun fedha an har'allee!