en
Feedback
Anuwar shafi Official📚

Anuwar shafi Official📚

Open in Telegram
223
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-130 days
Posts Archive
Inna Lillaahi wa'innaa ileyihi raaji'uun 😥 Aalimni Guddaaniif beekamaan kan Lammii biyya Yaman ta'an Sheyk Abdulmejiid bin Aziz Azendani Umurii isaanii Waggaa 82tti Ganda Aakiraa deemani😥 Sheyk Abdulmajiid bin Aziz azandani icitiiwwan Qur'aanaa Saayinsii Ammayyaa waliin wal bira qabuudhaan Argannoowwan Saayintistoonni Addunyaa hedduun bira hin gahin Qur'aana keessaa barsiisuufii akka bira gahan gochuun Akka gara diinii islaamaatti dhufaniif Nama karaa ta'aa turaniidha Rabbiin ija raahmataatiin isaan haa simatu🤲 badii jeraallee irraa haa araaramu🤲🤲

"Manni Barumsaa kun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Haroo Aagaa jedhama. Kan argamu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa #Horroo keessatti. Iddoo kun Magaala Shaambuu irraa fageenya 26KM hin caalle irratti argama. Barattoonni haala kanaan barachaa jiru." Dhaloota kanaaf mana barnoota ijaaruun dhaloota dhufuufi...

Karaan filatamaan ittiin nama tokko barsiisnu(qajeelchinu) inni baay'ee gaariiniifi filatamaan fakkeenya  ta'uunidha(The best way of teaching others is being example). Kanaaf, jireenyi nuti jiraannu kallattiinis ta'e alkallattiin daa'imman irratti dhiibbaa taasisu kan mataa isaatii qaba.  "Ijoollonni wanta ati dubbattu caalaa, wanta ati taate(eenyummaakee) irraa baratu". W.E.B. DuBois

As wr wb akkam jirtu deebinee jirra

Guaan har'aa guyyaa diinni islaamaafi Muslimaa guddaan itti ajje*efameedha. ~~~ Waggoottan 135 guyyaa akka har'aa March 10/1889 mootiin warra biyya, amantaafi afaan tokko leellisuu, kan Islaamaafi muslimoota balleessuuf rafee hin beekne, #Walloo Boruu Meedaa irratti kan eegalen qofa Muslimoota kuma dhibbaan lakka'aman kaan akka wareegaman, kaan akka biyyaa ba'an gochuun gariin akka bishaan itti faca'ee 'xammaqaman' kan godhe, masjiidotaafi madrasaa heddu kan barbadeesse,,, Yohaannis 4ffaan Mahdiin mormi irraa ku*tame Alhamdulillaah.

♻𝘽𝘼𝙂𝘼 𝙂𝙀𝙀𝙎𝙎𝙎𝙉 ➤Baatii rahmataa baatii araaramaa baatii akka ambulaansii dhukkabsattoota qalbiin dhaamte fuutu bidiruu galaana fitnaa addunyaa irra nuun ceetu kiniinii soddoma (30) akkuma waggaatiin liqimsinu. ➤Laga al-takka nu keessa yaa'ee keessaaf gubbaa nu dhiqu hospitaala dhibdeen hawaasummaa hiyyummaa ilaalchi dabe keessatti yaalamu. ➤Gaaraajii meeshaan iimaanaa nu keessaa caphe itti sirreeffannu baabura warra kaardii jannataa murate fuudhee gara aalama milkiin imalu. ➤Saamunaa qalbiin dhoqqooftee ittiin taliiloftu duumessa roobaa kan qalbii gubatte qabbaneessu. ➤Miidhaginni baatii ramadaanaa baatii 12 keessaa akka ilmaan Nabi Ya'aquub 12 keessaa miidhagina Nabi Yuusufi Eelatti hin darbinaa ➤Mallaqa xiqqoon hin gurgurinaa Fuutanii hidhaa gaflaatti hin hidhinaa Ofii baddanii isa hin komatinaa. ➤Baatii quuqa isinirraa buqqiftu imimmaan isinirraa haqxu dheebuu qalbii isin baaftu rakkina iimaanaa isin furtu hanqina rizqii isin baraartu tan ibiddarraa isin bittu tan galmee jannata keessa isin ramaddu isiniif haa taatu. ༆Irra deebi'uun Baga Geessan Ramadani Baraana Kana Milkii kaa Nasrii fi Bilisummaa Isiinf Haa Tahu. Ramadan Mubrak! 🏆𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐢𝐟 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐚!🎗

#Oduu_Ammee Hordoftoonni Amantii Musliima Marti guyyaa boruu Sooma Ramadaanaa akka eegalan ibsame. Hordoftoota Amantichaa maraan baga geessan jenna.

Yeroo Ramadaana soomnu lammiilee qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'anii haalota rakkisoo keessa jiran yaadachuu qabna > Sheyik Hajjii Baatii Ramadaanaa Hijraa 1445/2016 sababeeffachuun manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa har'a magaalaa Finfinnee hoteela Sharaatan Addisitti kenneen baga ittiin isin ga'e jedheera. Ibsicha kan kennan perezidaantiin mana marechaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga Rabbi baatii Ramadaanaatiin isin ga'e jechuun baatichi kan gammachuufi nagaa akkasumas soomtaniii kan ittiin milkooftan akka ta'un hawwa jedhaniiru. Itti dabaluun yeroo Ramadaana soomnu lammiilee qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'anii bakkoota garaa garaatti haala rakkisaa keessa jiran yaadataa yatiimotaafi harka qalleeyyii gargaaruun ta'uu qaba jedhan.

#Dubbiin afaan keenya keessaa bahu hundi gurra keenyatti dhihaata!  #Kan namni nutti himu caalaa kan nutti dhihaatu dubbii afaan  keenyaati, dubbiin  afaan keenya keessaa nu ijaaruus fi balleessuus  waan danda'uuf akkuma nyaata gaarii garaa keenyaaf filannu, dubbii gaarii gurra keenyaaf haa filannu!

Konfiraansiin araaraafi nageenyaa Finfinneettu eegale Waldhabdee waggoottan dheeraaf Somaaleefi Afaar jidduu jiru hiikuuf konfiraansiin araaraafi nageenyaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin qophaa'e marsaan jalqabaa magaalaa Finfinnee hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffamaa jira. Torbanoota dura jiilli perezidaantii mana marechaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaatiin duurafamu gara naannoolee Afaariifi Somaalee imaluun hooggantootaafi bakka buutota naannoolee lamaaniii waliin dhimma araaraa irratti mariyachuun kan yaadatamuudha. Konfiraansii araaraa har'a gaggeeffamaa jiru irratti hooggantoonni, ulamaa'onni, jaarsoliin biyyaafi sulxaanonni  naannoolee lamaanii argamaniiru.