cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Milkaa'ina

𑁍𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄𑁍𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄𑁍 ༆༆༆𝐉♡︎𝐈𝐍༆༆༆ ☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎ @milkaaina1 @dhaamsa_koo 🍒🌹🥀🏵🌻🌼🌷🌲

Show more
Finland2 997The language is not specifiedReligion & Spirituality80 320
Advertising posts
773Subscribers
No data24 hours
-77 days
-1330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Bifaa fi umriin akkasuma bareedinni qaamaa dhimma yerooti malee dabruun isaa hin oolu. Obboleeyyan koo jireenya jiraattan keeysatti namummaan isin har'a qabaattan bara baraan jiraatti. Gaarummaan isin har'a hojjattan onnee ilma namaa keeysatti siidaa hin diigamnee fi hin dagatamne taatee dhaabamti. Kanaaf ilma namaa hunda bifa, saba, amantii fi ilaalcha isaatiin osoo gargar hin baasin nama tahuu isaa qofaaf tola oolaaf, waan dandeessaniin wal cinaa dhaabbadhaa, haala gaariin wajjiin jiraadhaa!! ╭──────•◈•──────╮ 🅹🅾🅸🅽:☞ @milkaaina1 ™ ╰──────•◈•──────╯ @milkaaina1 ════❁✿❁═════
Show all...
3
Namni abshaalli kasaaraa gara bu'aatti yoo jijjiiru, gowwaan ammoo rakkoo tokkicha dachaa godhuudhaan gadadoo gubbaan gadadoo ofirratti tuula. Nabiyyiin Sallallaahu Aleeyhi Wassallam Makka keeysaa dirqamaan akka bahan gaafa taasifaman hojii isaanii hin dhiifne. Inumaa Madiinaatti galuudhaan islaamummaa babal'isuu itti fufan. Madiinaanis saffisa ifaatiin bakka Makkaa buute. Imaamu Ahmad Ibnu Hambal haala suukanneeysaa taheen tumamanii turan. Garuu sana hunda keeysa dabruudhaan imaama sunnaa tahuudhaaf gahanii jiru. Sheekhul Islaam Ibnu Teeymiyaan hidhamanii turan. Garuu mana hidhaa keeysa taa'anii beekkumsa duuran qaban irratti beekkumsa biroo dabalachuudhaan beekaa guddaa tahanii bahanii jiru. Kanaafuu yeroo rakkoon si mudattu roga gaarii rakkoo sanii ilaali. Rakkoo silaa sirra dhufu gara bu'aatti jijjiiruuf yaali. Jum'aa milkii isiniif haa tahu. Lafa nagayaa oolaa!! ✍️ Peace Mohammed @milkaaina1 @milkaaina1
Show all...
👍 5
Mallatteessaniiru
Show all...
Mallatteessisiifataniiru
Show all...
Mallatteessisiifachiifataniiru
Show all...
Repost from Dhaamsa Gaggaarii
Wantoonni tolanii bareedanii nama fuulduratti as bahan hundi haalota rakkisoo fi ijibbaachisoo meeqa keeysa erga darbanii booda kan tolanii dhufan. Qophiilee fi sagantaaleen tv adda addaa kanneen haalaan nama hawwatan daawwattootaaf akka waan salphumatti qophaa'ee fakkaachuu mala. Garuu waan sagantaa tokkicha qopheeysuun nama godhu camera man fi editor vedio sanaa osoo taanee arguu dandeenya!! Kitaaba tokko barreeysee dubbistootaan gahuuf barreeysaan kitaabichaa maal keeysa akka darbu gaafa barreeyfamootuma gaggabaaboo illee taatu waa babarreeysuu eegalle nuuf gala. Gulaalliin isaa, baasiin maxxansaa fi kitaabicha raabsitee dubbistoota biraan gahuun abdii si kutachiisuu biraan si gahuu danda'a. Waan isin ajaa'ibu suuraan ani maxxansa kana irratti fayyadame kun lamaan isaaniituu tokko. Amantus amanuu baattus suuruma sararoota addaaan faffaca'anii jiranii kanaatu sirnaan qindeeyfamee suuraa qindaawaa design masjiidaa fakkaatu kanatti jijjiirame. Kun ammoo salphumatti akkanatti hin jijjiiramne. Dadhabbii haala kanaan jijjiiruun kun qabu ammoo editor suuraa kanaa osoo taatanii arguu dandeeysu. Gabaabumatti wanti hundi tolee gad bahuuf laffaatii guddaadha gaafata. Isiniis yeroo fi qabeenya barbaachisu hunda irratti aarsaa gootanii hojii itti jirtan hunda tolchaa gadiin bahaan dhaamsa barruu kanaati. "Ni turra malee ni urra" jette ja'an boombiin. ✍️ Peace Mohammed (Ararso Mohammed) March 25, 2024 Ciroo, Oromiyaa @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
Show all...
2
Show all...
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh Jirra jirtuu obboleeyyan keenya qaqqaalii baga Rabbiin nagayaan ji'a kabajamaa fi qaalii tahe ji'a Ramadaanaa kan bara 1445 tiin isin gahe!! Yaa obboleeysa koo qaalii atiis yaa obboleeytii too qaalii mee of cinaa mil'adhuu ilaali. Nama meeqaatu kan bara dabre Ramadaana nu wajjiin soomane, har'a aakhiraa deeme. Nama sirra xiqqaa, kan hiriyaa keetii fi kan sirra guddaatis yoo barbaadde hedduudha. Warri arra ganda namuu irraa hafiinsa hin qabneetti godaane. Nutiis arra duniyaarra jirra malee yoom akka duuti nutti dhuftu hin beeynu. Alhamdulillaah Ramadaana har'aa nagayaan geenyee jirra. Rabbiin warra keeyrii inni qabatee dhufe hunda irraa faayyadamee, bu'aa irraa buufatee nagayaan xumuratu nuhaa taasisu! Wagga waggaan itti deddeebi'ee warra qooda irraa fudhatu nuhaa taasisu. Obboleeyyan keenya guyyaan arra nurra dabru umrii teenya irrisa. Yoo itti fayyadamuu baannees lammaffaa deebi'ee hin dhufu. Kanaaf nutiis kana beeynee yeroo teenyattiis sirnaan fayyadamnee, hanga nuuf mijatetti Ramadaana kana keeysa keeyrii hunda haa saammannu. Warra yeroon itti fayyadamtuu mitii, warra yerootti fayyadamu nuhaa taasisu. Kheeyrii hunda nuuf laaffisee, umriis nu haa dheereysu. Nagayaan nu eegalchiisee nagayaan nu haa xumursiisu. Ramadaana milkii, kan keeysa furamtu cinqiin, kan addunyaa fi aakhiraas itti milkooynu nuuf haa godhu ❤ #Ramadaan_Mubaarak!! Obboleeysa keeysan Araarsoo Mahaammad Ciroo, Oromiyaa!
Show all...
👍 1
Repost from Dhaamsa Gaggaarii
Yeroo dheeraa booda firii argachuuf akkuma muka dhaabutti fiigdan, kaayyoo keessan murteessuttis fiigu qabdu. Akkuma mukni yeroo dheeraa booda firii kennu, kaayyoon keessanis yeroo dheeraa booda firii kenna. Yoo isin har’a muka hin dhaabin, boru firii isaa hin argattan. Akkuma kana, yoo isin har’a kaayyoo keessan hin murteessin, boru bu’aa homaatuu hin argitan. Kanaafu, kaayyoo keessan har’a ykn boru osoo hin jedhin ammuma murteeffadhaa. Join our channels @dhaamsa_koo @milkaaina1
Show all...