HEALTH EDUCATION
Open in Telegram
This is the first Governmental platform of paying users with highest multiplier. Contact us: CEO
Show more2 819
Subscribers
No data24 hours
-87 days
-6230 days
Posts Archive
2 819
Saala daa'imaa abbaa moo haadhaatu murteessa?
Yeroo baayyee dubartiin takka dhalaa qofa walitti dhaabde kan deessu yoo ta'e ,tun dubartii malee dahuu hin beektu jedhamee jaarsi jaartii biraa akka fuudhu gorfama!
Akka haqiiqaatti silaa faaxee odoo hin ta'in saala ilmootiif maammadootu komatamuu qaba! Sababni isaatiis dhiirti kiroomoozomiin isaa "XY" waan ta'eef kan dhalaa "XX" dha. Yeroo jaarsaa fi jaartiin walqunnamtii saalaa godhan kiroomoozomiin abbaa " X" fi kan haadha " X" yeroo walitti makamu daa'imni dhalaa taati! Dhiirri bakka silaa kiroomoozomii "Y" gumaachuu qabu "Y " dhiisee yeroo hunda kiroomoozomii "X" kan gumaachu yoo ta'e daa'imni isaa dubartii qofa taati !
Kanaaf dubartiin saala ilmoo murteessuu keessatti gahee tokkollee hin qabdu jechuudha!
Faaxee tiyya sihaa dandeessisuu jenna!
"Sa'aa bonni ajjeese ganni maqaa itti fuudhe" jedhama mitii?
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdulfetah Ibrahim
Dabalataaf Telegraama
https://t.me/GALO_TECH
2 819
FIRO's WAVE 🔥🔥🔥
🔝 Namoota chaanala miseensa 3k ol qabu qabdanii fi Wave galfachuu barbaadaniif......
@firosol24 asiin na dubbisa, chaanala miseensa 3k gadi qabu natti hin fidinaa!!! ❌
Chaanala view hin qabne illaa akkasuma natti hin fidinaa!! ❌
2 819
* Beekumsa hanga ammaa adunyaa kana irra jiruun dhukkuba Riyii kana (Rheumatoid Arthritis) guutuun guutuutti yaalanii balleessuun hin danda'amu. Haa ta'uu garuu akkuma dhukkubichi nama eegaleen yoo yaala argachuu jalqaban, carraan xaxawwan hamaa isa irraa nama dhaqqabu hanbisuu keenya ol'aanadha.
* Sigaaraa aarsuu dhabuu
* Sochii qaamaa dalaguu
* Iddoo buusaa dhukkubbii qabu sanitti waan ho'aa ykn cabbii itti qabuu.
* Ulfaatinna guddaa qabaannaan isa hirdhisuu
* Mana yaalaa deemnee ilaallamuun qorannoolee barbaachisu godhachuun yaala isaa hordofuu.
* Qorichootni Dhukkuba Riyii kana woldhaanuuf kennaman xaxaawwan dalgaa heddu waan qabaniif ajaja Doktora keessanii malee yeroo dheeraaf itti fuufinsaan fudhachuun miidhaa dabalataaf isin saaxiluu mala. Kanaaf gorsaafi hordoffii ogeessaa wojjiin fudhatamuu qabu.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
Dr. Nuredin
https://t.me/GALO_TECH
2 819
DHUKKUBA RIYII - Rheumatoid Arthritis
*********
Hawaasa keessatti maqaa woliigalaa Dhukkuba Riyii jedhamuun kan waamaman hedduu ta'anillee, isaan keessaa hardha waa'ee "Rheumatoid Arthritis (RA)" kana ilaalla.
Dhukkubni (Rheumatoid Arthritis) kun dhukkuba xooxeffannaa ykn kulkulfannaa qaamaa yeroo-dheeraaf nama wojji jiraatu ta'ee irra-jireessaan buusaawwan ykn cabsataawwan (joints) keenya kan miidhu ta'ullee qaamota biroo kan akka gogaa, ijaa, somba, onnee, kalee, dhuka lafee fi hidda dhiigaa irrattis rakkoo fiduu mala.
---
---
Ka'umsi dhukkuba kanaa sirni ittisa qaamaa keenya kan dhukkuboota fi jarmoota garagaraa qaama irraa ittisu, yoo qaamuma keenya kan fayyaa qabu (tishuuwwan buusaa qaamaa) dogongoraan rukutu kan mudatuudha. Qajeellootti maaltu akka sirni ittisa qaamaa keenya wol-rukuttaa kana akka jalqabu isa godhu beekkamuu baatullee, uumaan (genetics)n saaxilammummaa jiru irratti, wontoota ( fkn infeekshinoota vaayirasi garagaratin) guyyaa keessa dhufan irraa sirni ittisa qaamaa akkas ta'uu mala jedhamee yaadama.
---
---
Mallattoolee Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis):
* Dhukkubbii, iitaa fi hoo'a buusaawwaanii ykn cabsataa
* Cabsata/buusaa nama-qabuu, diriiruuf kontooffachuu irratti, keessattu yeroo ganamaa fi yeroo sosochii malee turanii sochi'iif ka'anitti.
* Dadhabbii, hoo'aa fi fedha nyaataa dhabuu
---
• Dhukkubni kun yeroo jalqabaa buusaawwan ykn cabsata (joint) xixiqqoo kan akka buusaa iddoo qubbiin harkaaf lukaa, ganaa harkaafi milatti galan bira jiran huba. Adaduma dhukkubichi jabaataa deemuun buusaawwan/cabsata gurguddoo akka ciqilee, jilbaa, hidhaafi gateettii fa'as ni huba.
• Yeroo hedduu buusaawwan walfakkaatoo cinaa lachuu jiran huba (Fkn. yeroo wolfakkaatatti ciqilee bitaa mirgaa, ykn jilba bitaa mirgaa).
• Akkasumas buusaa tokkoo ol ykn buusaawwan hedduu yeroo tokkotti hubuu danda'a.
• Dhukkubbiin RA kun yeroo gara yerootti hammeenyi isaa garaagarummaa qaba. Yeroo namatti ka'ee garmalee nama dhukkubuu fi yeroo nama irraa lash jedhutu jira.
• Turtii woggootaa booda dhukkubni kun (Rheumatoid Arthritis) buusaawwan irratti miidhaa fiduun iddoo buusaa san dabsuu ykn jallisuun (deformed) gochuu danda'a.
• Akkuma jenne buusaan ala (Rheumatoid Arthritis) kun namoota %40 ta'an irratti qaamota biroos miidhuu waan danda'uuf mallatoon dabalataa qaamota miidhaman san irraa dhufuufi isaaniin wolqabatu jiraachuu danda'a.
---
---
Wontoota ykn barteewwan carraa dhukkuba RA (Riyii kanaaf) saaxilamuu keenya dabalan:
* Saala lachuu irratti muldhachuu danda'ullee dhiira caalaa dubartii irratti yeroo hedduu muldhata.
* Umrii kam irrattuu nama qabuu danda'ullee, yeroo ga'eessummaa irra muldhata.
* Yoo maatii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jiraate, carraan miseensi maatiis gara fuulduraa dhukkubni kun irratti muldhachuu kana nama kaanii irra ni caala.
* Sigaaraa aarsuu. Uumamaan saaxilamummaan RA kun jiraannaan sigaaraa aarsuun akka dhukkubichi nu jalqabu gochuu danda'a. Akkasumas kan jirus ni hammeessa.
* Ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuu. Ulfaatinna hojjaa keenyaan wol-hin madaalle qabaachuun carraa dhukkuba kana horachuu keenya olkaasa.
---
---
Xaxaawwan dhukkuba Riyii (RA) kana irraa dhufan:
* Jabinna lafee keenya haphisuun ykn laaffisuun akka miidhaa ykn haala salphaa ta'een cabuuf saaxiluu dandaa'a.
* Iitaa kuufama wolrukuttaa qaamaa irraa iddoo garagaratti uumamuu danda'u (rheumatoid nodules).
* Keessi afaaniifi ijji keenyaa akka goggogu gochuu. Jiidhinni silaa keessii afaaniifii ijji keenya qabu akka hirdhatu gochuu danda'a, akkasumas saaxilamummaa dhukkuba ijaaf keessa afaanii goggogsuu kan (Sjogren's syndrome) jedhamuun hubamuu keenya haalaan dabala.
* Carraa infeekshinoota garagaraatiin qabamuu keenya olkaasa.
* Narviin buusaa harkaa akka miidhamu gochuun haalli harkaa kee akka micciramu gochuu danda'a.
* Akkasumas carraa dhukkuba Onnee fi Sombaa kan dhukkuba Riyii bifa kanaan wolqabatuu qabaachuufi carraa dhukkuba kaansarii dhiigaa sirna liimfii kan (Lymphoma) jedhamuun qabamuu olkaasa.
---
---
Maal gochuu barbaachisa?
2 819
Dhukkuba Onnee (Heart Diseases)
• Gosoota dhibee onnee:- miidhama onnee/xiqqachuu dhiigaatiin (Heart attack), Infekshinii onnee (Endocarditis), Dhukkuba ujummoo dhiigaa mashaa onnee(CAD), rakkoo dha’annaa onnee (Arrhythmia), uumamaan rakkoo onnee (Congenital Heart Defects) fa’iidha.
Dhukkuba onneef waantota nama saaxilan:
• Dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa, dhukkuba sukkaaraa, furdina qaamaa, alkoolii dhuguu , tamboo xuuxuu, nyaataa fayyaalessa hin taane, qoricha ajaja ala fayyadamuu, rakkoo hirriiba fi sochii qaamaa taasisuu dhiisuu.
Mallattoolee mul’atan:
• Dadhabsiisuu, afuurri nama hanqachuu, halkan ukkaamamuu, dhiita’uu qaamaa, dhawannaan onnee dabaluu, qufaa, ulfaatinni dabaluu, dhukkubbii onnee, qomaa fi ceekuu gara bitaa fa’a.
Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:
Sochii qaamaa taasisuu, nyaata fayyaalessa soorachuu, ulfaatina qaamaa eeggachuu, tamboo xuuxuufi alkoolii dhuguu dhiisuu, hanga dhiibbaa dhiigaa fi kolesteroolii hordofuu, dhiphina hir’isuu fi haala fayyaa ofii hordoffii taasisuudha.
Fayyaa ta'aa!!!
👇👇👇👇
https://t.me/GALO_TECH
2 819
WANTOOTA GURRA KEENYA MIIDHAN
1. Infeekshiinii gurraa :- Infeekshiiniin gurraa hoggaa namarra turaa deeme( keessattu gurri malaa yaafatu) dibbeen gurraa akka urattu waan godhuuf boodarra gurri duuduu mala
2. Sagalee humnaa ol olka'aa ta'eef saaxilamuu Fkn sagalee qawwee ,koonsartii adda addaa irratti sagalee aka malee olkaasuun muuziqaa faaa itti banuu. Kun seelii gurra keessatti argamtu waan miidhuuf yeroo dheeraaf irra daddeebiin kan saaxilamnuuf yoo ta'e gurri nama dhagalaa'uu danda'a
3. Irfoonaan waa dhageeffachuu guddisuu:- yoo kan dhageeffatamu ta'e sagalee irraa xiqqeessuun dhageeffachuudha. Kana malees sa'aa takkaa ol walitti dhaabanii irfoonaan dhageeffachuun gaarii miti
4. Qorichoota sababa garagaraatiif fudhatamu Fkn Gentamicin, ibuprofen, qoricha bookee buusaa kan akka quinin fa'a
5. Rukutta / dhowicha gurrarra gahu
6. Umriin dabalaa deemuu
Hub :- Namni gurri isaa dhukkubu ykn dhagahuurratti rakkoo qabu ogeessa fayyaa mormaa oliitiin of laalchisuu qaba!
Dabalataaf Telegraama
👇👇👇👇
https://t.me/GALO_TECH
2 819
Badhaasa Ethio Telecom qopheesse irratti hirmaadha! 🎉🎉
Group isaanii armaan gaditti nama dabaluu ykn add gochuu qofaan hanga qarshii 2000 hojjetachuu dandeessuu! 😍
Isin hin darbin Add gochuu qofaan badhaafama!! 👇👇
https://t.me/ethio_telecom_official25
https://t.me/ethio_telecom_official25
2 819
CUUNFAA LOOMII
***
Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta'uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan guddaa keenyafis gaariidha.
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta'u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si'eessa.
* Bu'aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta'anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa'a ta'uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.
---
Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dabalataaf Telegraama
👇👇👇👇
https://t.me/GALO_TECH
2 819
SHAAYII DHUGUU
****
Qorannooleen hedduun akka mul'isanitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa ta'e qaba. Shaayiin (diimaaf magariisni) wontoota carraa dhukkuba onnee, kaansarii fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu hirdhisan of keessaa qaba.
Shaayii dhuguun:
● Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) fi Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu/hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru dhiiga kantareen ykn cooma hidda dhiigaa keessaa fottoqeen cufamuu) daran xiqqeessa.
● Lafeen keenya akka jabaatu godha.
● Koolestiroolii qaama keessa jiru hirdhisuu danda'a
● Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba
● Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a
● Nyaata booda shaayii dhuguun gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara. Haa ta'u malee nyaata booda shaayi dhuguun albuudni aayiranii jedhamu kan hemoglobin dhiigaa tolchuuf gargaaru akka haala barbaadamuun qaamatti hin fudhatamne godha. Kanaaf namootni hirdhinna dhiigaa qaban nyaata booda shaayii dhuguu hin qaban.
● Fayyuuma fi jabinna ilkanii irrattis gahee guddaa qaba
● Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa
● Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha
● Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisannitti carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa
● Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkaara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.
● Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
SABA GUDDAA/OROMOO WAAN TAANEEF CHANNELA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 CHANNELA #HEALTH_EDUCATION 📡
👇👇👇👇
https://t.me/GALO_TECH
2 819
Badhaasa Ethio Telecom qopheesse irratti hirmaadha! 🎉🎉
Group isaanii armaan gaditti nama dabaluu ykn add gochuu qofaan hanga qarshii 2000 hojjetachuu dandeessuu! 😍
Isin hin darbin Add gochuu qofaan badhaafama!! 👇👇
https://t.me/ethio_telecom_official25
https://t.me/ethio_telecom_official25
2 819
Badhaasa Ethio Telecom qopheesse irratti hirmaadha! 🎉🎉
Group isaanii armaan gaditti nama dabaluu ykn add gochuu qofaan hanga qarshii 2000 hojjetachuu dandeessuu! 😍
Isin hin darbin Add gochuu qofaan badhaafama!! 👇👇
https://t.me/ethio_telecom_official25
https://t.me/ethio_telecom_official25
2 819
Seekondii 20 booda nii haqama 👀
Nama dursee join godhe 20'f badhaasi kaardii moobaayila qophaheera 👊
Dafaa nama 20 qofa boooooooom 🫵
2 819
Tapha xumuraa Fa cup Manchester city fi Crystal palace taasisaa jiran tamsaasa kallattii sagaleen dhaggeeffachuuf chaanalota armaan gadii join godhaa!! 👇👇
2 819
Badhaasa Ethio Telecom qopheesse irratti hirmaadha! 🎉🎉
Group isaanii armaan gaditti nama dabaluu ykn add gochuu qofaan hanga qarshii 2000 hojjetachuu dandeessuu! 😍
Isin hin darbin Add gochuu qofaan badhaafama!! 👇👇
https://t.me/ethio_telecom_official25
https://t.me/ethio_telecom_official25
2 819
FAAYIDAA QULLAA RAFUU
Qorannoon garagaraa akka ibsutti qullaa rafuun, jechuun uffata halkanii kan jalaan uffatan kanneen akka pijaamaa, paantii fi kan dubartoonni harma ittin qabsiifatan/breast bra fa'a, keessattuu kan dhiphaa ta'e malee rafuun faayidaa fayyaa heddu qabaa. Isaan keessaa:-
1.Dafnee akka hirribni nu qabuuf
2.Hirriba qulqullinna qabu akka rafnuuf
3.Gogaa qaamaa, fayya qabeessa ta'e akka qabaannuf
4.Yaaddoo fi dhiphina hamaa ta'e nurraa ittisuuf
5.Ulfaatina qaamaa garmalee guddaa ta'eef akka hin saaxilamnef
6.Carraa dhukkuba sukkaaraa fi Onneen qabamuu keenya hir'isuuf
7.Fayyummaa qaama saalaaf, saala lachuufuu
8.Fedhii walqunnamtii saalaa gochuu dabaluu fi hariiroo gaarii wal waliin qabaachuu dabaluuf
9.Ofitti amanamummaa keenya dabaluuf fi kkf fa'af waan fayyaduuf qullaa rafuun ni gorfamaa,, yoo qullaa rafuun baayyee nu rakkisas ta'e, yoo xiqqaate yommuu rafnu uffata dhiphaa, nu qabu uffachuu irraa of yaa qusannuu....
#Hub qullaa rafuu yoon jedhu uffata jalaati malee, awusaa ykn uffata qorraa malee jechuu koo mitii!!
Halkan gaarii isinif haa ta'u!!!
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!
