cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Risaalaa

Amantii kee beeki! waa'ee amantii keenyaa Islaamummaa koottaa haa barannu.

Show more
Finland3 314The language is not specifiedReligion & Spirituality101 318
Advertising posts
464
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Haati Mu'mintootaa Aa'ishaan "yaa ergamaa Rabbii! Gartee halkan Leylatul-Qadri yoon beeke, maalin keessatti ja'a?" jattee Nabi gaafatte. Ergamaan Rabbiiﷺ *Allaahumma Innaka Afuwwun tuhibbul afwa fa'afu annii* ja'i" ja'een. [Tirmizii 3513] *اللَّهُمَّ إنَّك عفُوٌّ تحبُّ العفوَ، فاعفُ عنِّي* Hiikkaan : Yaa Rabbi ati irra-dabraadha (dhiifama godhuun beekkamta). Irra namaaf dabrullee jaalatta, irra naaf dabri. ‏ سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو ؟ قال قولي اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.
Show all...
"Towbadhaa" jechuu malee, akkamitti Towbanna? Ulaagaan Towbaa maali? Gaafilee tanaaf deebisaan kunooti. Ulaagaan Towbaa akka armaan gadiiti.. 1. Towbaa san qulqulleessi. Dhugatti gara Rabbii deebi'uu kee mul'isi. Wanni badii san irraa deebiteef Rabbi waan sodaatteef akkasuma abdatteef tahuu qaba. Guddina Rabbii hubachuu kee mirkaneessita. Nama sodaaf ykn badiin tee saaxilamuu sodaaf as deebi'uu dhabuu kee ibsita. 2. Badii raawwataa jirtu ni dhiista. Dogongora san cittee irraa hafuu qabda. 3. Badii sanitti akka hin deebineef baallama dhugaa seenta. Akkaataan itti baallama seentu, badii san tuffatta. Kaayyoo guddoo uumamteef hubatta. 4. Badii raawwataa turteef ammoo sheenawi. Hammeenya isiin qabdu yayyaaddadhuu gaaroommina Towbaafi Iimaanaa kanaan wal cinatti madaali. 5. Haqa namaa yoo taate ammoo firraa deebisi. Haqa namaa osoo hin galchin Towbaan hin qulqulloytu. ••• Obboleeyyan hulaan Towbaa banaadha. Osoo aduun dhihaan hin bahin, osoo lubbuun bahuuf kokkee irra hin gahin Towbadhaa. Towbaa jechaan gama Rabbii deebi'uudha. Wanni Towbannuuf jaalala Rabbii arkannee, dallansuu isaa jalaa nagaya bahuufi. Qananiin addunyaa fi aakhiraa gama Rabbii deebi'uun arkamti. Ilmi namaa laafaadha! Mirqaana xiqqaatu isaan kuta. Laaftumatti Sheyxaanni hillima qopheesseef keessa buusa. Rabbiin kana waan beekuuf hulaa Towbaa banaa godhe. Osoo Sakraanni du'aa itti hin dhufin nama Towbate irraa Rabbiin ni jaalata. Silas Rabbiin gabricha isatti harka kennate akkamitti gata! Fudhatee Rahmata isaa keessa cuupha. Yaa Rabbi du'aan dura warra dhugaan Towbatee, atilleen irraa qeebalte irraa nu taasisi. @risaalaa
Show all...
1
Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban Anas ibn Maalik (Rabbi iraa haa jaalatuu) akkana jedhe: “Osoma Ergamaa Rabbii ﷺ wajjiin masjiida keessa tattaa’aa jirru, namichi baadiyaa tokko dhufee masjiida keessatti fincaanuu eegale. Sahaabonni, ‘Dhaabi! DHaabi!’ Jedhanii itti iyyan. Garuu Ergamaan Rabbii ﷺ ‘dhiisaa adda hin kutinaa, haa fixatu’ jedhan. Sahaabonnis haga fixatutti ittuma dhiisan. Itti aansuun Ergamaan Rabbii ﷺ namicha baadiyaa san ofitti waamanii, ‘Masjiida kana keessatti wantoota akka fincaanii fi balfa garagaraa gatuun sirrii miti. Masjiidni Rabbi itti yaadachuuf, salaataa fi qur’aana keessatti qara’uuf akkasumas wantoota ibaadaan wal qabataniif ijaarame’ jedhanii isa gorsan. Kana booda Sahaabaa biraa yaamanii bishaan fidee bakka inni itti fincaane sanitti bishaan akka jigsu itti himan. Sahaabichis waan ajajame san ni raawwate” Sahiih Muslim, Kitaaba Qulqullinaa, Hadiisa 285 Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo namicha baadiyaa dogoggora isaa itti himan san, dubbii jajjabduu fi dallansuu hin dubbanne. Dubbii isa saalafachiisuufi isa gad xiqqeessus itti hin dubbanne. Haala yeroo san ture hunda eega tasgabbeessanii booda, dalagaan inni dalage sun sirrii akka hin taane itti mul’isan. Akkasitti qalbii namicha baadiyaa san qofa osoo hin taane, qalbii namoota kumaatamaan laakkawamu booji’uu danda’an. Sallallaahu Aleeyhi Wasallam @risaalaa99
Show all...
1
Ramadaan 4 Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "hoggaa Ramadaanni dhufe hulaan Jannataa ni banamti. Hulaan Azaabaa ni cufamti. Sheyxaannis ni hidhama" ja'an. [Muslim : 1079] • Tun gammachuu guddoodha, hiree yeroo biraa hin arkamne. Ramadaana keessa matootiin Sheyxaanaa ni hidhaman. Sheyxaana xixiqqaa hafe ammoo irra aannee Jannata seenuuf tattaaffii haa goonu. @risaalaa99
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
FURAA/LULLUUQQII JARJARSAA Hadiisa Sahl ibn Sa'di odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "waan furaa jarjarsaniin ummanni kheyrii(gaarii) keessa jiraachurraa hin deemne" ja'e. [Bukhaarii fi Muslimtu gabaase] - Namni Soommanaan oole, Azaana Maghribaa hoggaa dhagahe dafee furuu qaba, akkastu barbaadama. Furaa jarjarsuu jechuun akkuma Azaana dhagahaniin nyaachuufi dhuguudha, malee Azaana dura nyaachuu miti. Osoo Azaana dhagahanii furuu lakkisanii dhimma biraa naanneessuun sirrii miti. @risaalaa99
Show all...
Maaltu Soomana cabsa? 1. Nyaachuu الأكل : Afaaniin nyaachuu qofaa miti, qoricha bakka nyaataa bu'u fayyadamuunis Soomana cabsa. Namni dhukkubsateefi akkaan dulloome Soommana furuu dandaha. Qadaa(hanga fure) ammoo lakkaawee ji’a Ramadaan booda suuta Soommana. 2. Dhuguu الشرب : Bishaan dhuguu qofaa miti, Tamboo xuuxuunis Soomana cabsa. Tamboon fayyaa teenya waan miituuf yeroo birootis aarsuun dhoorkaadha. 3. Guyyaa Jaartiitti ida'amuu الجماع : Halkan malee guyyaa Jaartiitti ida’amuun Soomana cabsa. Dhungachuun humaa hin qabdu, garuu wantoota wal-qunnamtiitti nu onnachiisan irraa yoo fagaanne gaariidha. Hikmaaf Rabbi kanatti nu ajaje. Warra guyyaa Ramadaanaa walitti ida’ameef ammoo adaba jabaatu jira. Sunis Ramadaana booda ji'a 2 walitti dhaabanii Soommanuudha. 4. Bishaan hormaataa(Dhalchaa) fedhiin buusuu إنزال المني بالشهوة : Bishaan Dhalchaa fedhii teenyaan maletti manaamaan(abjuun) yoo bahe Soommanni hin cabu. Ammoo tuxxuynee beekaa firraa dhangalaafnaan Soommanni ni caba. Dhalchaa qofa, bishaan biroo kan namarraa bahu Soomana hin cabsu. 5. If-haqqisiisuu القىء عمدا : Beekaa if-haqqisuusuun Soommana cabsa. Fedhii teenyaan maletti garaarraa yoo waa ol dhufan ammoo deebifnee hin liqimsinu. 6. Dhiiga Heydii(marsaa laguu) fi dhiiga yeroo dahan namarraa bahu خروج الدم الحيض والنفاس : Shamarran sadarkaa tanarra jiran Ramadaana furanii Qadaa yeroo biraa kafaluu qaban. Hub:- Qaphxiileen Soommana cabsan hagana. Ammoo dhiiga arjoomuu fi dhiiga namaa ifitti naquunis, akkasuma dhiiga xurii ifirraa baasuun(Khoobbachuun) خروج الدم بالحجامة Soommana ni cabsiti Ulamaan ja'an waan jiraniif irraa if eeguun gaariidha. Ramadaana baafnee ykn halkan Ramadaanaa haa Khoobbannu. - Ramadaana keessa namni imaltuu bahe Soomana furuu dandaha. Gaafa imaltuu irraa deebi'e ammoo Soommana itti fufa. Imaltuu dheertuu bahanii Soommanuu mannaa, guyyaa imaltaawan san furanii gaafa biroo kafaluutu filatama. Yaa Rabbi Soomanaafi Salaata, Sadaqaa fi kadhaa teenyaas nuuf Qeebali. @risaalaa99
Show all...
3👍 1
RAMADAAN MUBAARAK Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe. Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a. Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu. Nuuralhudaa
Show all...
Ramadaanni seenuuf sa’aa muraasa qofaatu hafe. Akka Rabbiin jaalatutti dabarsuuf karoora maal qopheessite? 1. Ammaan karoora Du’aa’ii, ka Zikrii, ka Ibaadaa birootis qopheessi. Yeroo gaarii waan kana itti godhuu dandeessu murteessi. Waan kadhatuu qabduus galmeeffadhu. 2. Ammaan mirqaana qabaadhu. Ramadaanaan duratti humna tee Ibaadaa irratti leenjisi. Mirqaanni amma horattu sa’aa Ramadaanaatti fayyadamuuf si gargaara. 3. Ibaadaan Ramadaana keessa goonu akka bareedduuf namoota gaggaaarii nuun duraatti hidhatuu qabna. Jalqaba Nabiinﷺ Ramadaana akka itti dabarsan haa hordofnu. Eeganaa Sahaabaa fi warra isaanitti hidhatees haa mil’annu. Nama karaa isaanii qabateetu dhugaan gaarii hojjate. 4. Ramadaana bara dhufuu gahuu kee waan hin beyneef Ramadaana kana ka dhaammannoo Soomani. Qaamaafi lubbuunis sirritti Ibaadaa godhuuf qophaawi. Mormaa hin guddisin, waan bu’aa hin qabne hin caqasin, hin daawwatin. Qur’aana heddummeessii qara’i. Rabbii keetitti akkaan dhihaadhu. 5. Ramadaana irraa milkaawuuf obsa qabaadhu. Fitnaa irratti obsi, hamtuu irraa if qabi. Ibaadaa irrattiis obsi, Salaatii Sadaqadhu. Yaa Rabbi Sha’baana kana nuuf barakeessi. Yaa Rabbi Ramadaanaan nu gahi. ✍️NuurAlHudaa
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
RASUULLI KEENYA S.A.W AKKANA JA'AN •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• ☆ Wanti Sadii Nama Halaakti ☆ Wanti Sadii Nagaya Nama Baafti ☆ Wanti Sadii Dilii Namarraa Buufti ☆ Wanti Sadii Sadarkaa Namaaf Idaati ☆ SADEEN NAMA HALAAKTU ••••••••••••••••••••••••••••••• = Akkaan qorqoduu. = Fedhinnaa lubbuu jala deemuu. = If ajaa'ibuu ☆ SADEEN NAGAYA NAMA BAAFTU ••••••••••••••••••••••••••••••••••••• = aaraa fi gamnachuu keeysattiis haqatti murteeysuu = hiyyuummaa fi durummaa keeysattiis jiddu galeeysa taatee argamuu. = keeysaa fi gubbaan RABBI sodaachuu. ☆ SADEEN DILII NAMARRAA BUUFTU ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• = salaata boodaan salaataa biraa teeysee eeggachuu. = yaroo lubbuun hin feene (yaroo akkaan qabbanaa) wuduu'a hoongaan geeysee wadda'achuu. = salaataa jama'aa wajjiin salaatuuf Tarkaanfii fudhachuu. ☆ SADEEN SADARKAA NAMAAF IDAATU •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• = miskiina nyaachisuu. = salaamtaa facaasuu. = hugguu namni rafu halkan kaatee salaatu. • YAA RABBI WAAN JIBBITU HUNDARRAA NU FAGEEYSI WAAN JAALATTU HUNDA NU DALEEYSISI YAA ALLAAH !
Show all...
👍 2