cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Oromoo fi oromiyaa

Hojii barbaadattoota

Show more
FinlandThe language is not specifiedEducation
Advertising posts
362Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#Ramaddii_Yuunivarsiitii Bara barnootaa 2014tti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaatti barattoonni qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessitan Ramaddii Yunivarsitii keessan guyyaa har'aa (Gurraandhala 05/2015) halkan walakkaa irraa eegalee ni beeksifama. Kanaafuu, barattoonni dhaabbata itti ramadamtan filannoowwan armaan gaditti ibsamaniin ilaaluu akka danda’an ibsame jira, Yuunivarsiitiiwwan hanga Gurraandhala 15/2015tti qophii barbaachisaa taasisuun sagantaa waamicha barattoota haaraa waggaa tokkoffaa kan beeksisan waan ta’eef, barattoonni qophii barbaachisaa ta’e akka taasisan jedhameera. Dhaabbata itti ramadamte ilaaluuf filannoowwan kennaman Marsariitii: https://result.ethernet.edu.et Ergaa gabaabaa(SMS): 9444 Telegiraamii: @moestudentbot Gaaffii ramaddii wajjin walqabatu kamiifuu gara http://result.ethernet.edu.et deemuun akka iyyattan jedhameera. Gaaffii ykn iyyannoo gosa kamiyyuu qaamaan akka hin fudhanne isin beeksifna. #ministeeraBarnoota @tikvahethafaanoromoo
Show all...
Finfinnee, Mudde 6/2022-Haleellaa tibbana Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatame, kan jiraattonni hidhattoota Faannoo naannoo ollaa Amaaraa irraa dhufan haleellicha raawwachuun ittiin himatan lubbuu namoota heddu dhabamsiisuun kumaatama qe’ee irraa buqqiseera. Ajjeechaawwan kunneen Oromoota biratti dheekkamsa ummataa kan uuman yoo ta’u, aktivistoota fi fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa mufannaa isaanii miidiyaa hawaasaa irratti ibsaa jiru. Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessa jiranis haleellaa irra deddeebiin Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuun mormii isaanii dhageessisaniiru. Waajjirri kominikeeshinii mootummaa aanaa Gidaa Ayyaanaa ibsa Muddee 02 baaseen, haleellaa “hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa” raawwataniin dhalattoota Oromoo guutuu gandoota baadiyyaa aanaa Kiiramuu 19 keessa jiraatan qe’ee isaanii irraa buqqiseera jedhe. Haleellaawwan walitti aanan lama Sadaasa 25 fi 29, 2022 raawwatamaniin, Abbaa Murtii Mana Murtii Aanaa Kiiramuu Daamxoo Kaffaaloo Gammadaa dabalatee namoonni nagaa hedduu ajjeefamuu Addis Standard gabaase ture. Jiraattonni Addis Standard dubbise haleellaa kanaaf hidhattoota Amaaraa “Faannoo” jedhaman himataniiru. Dheekkamsa ka’aa ture  irratti suur-sagaleen “hidhattootni Faannoo” mataa namoota lama irraa murame uleen qabatanii agarsiisu fi suuraawwan reeffawwan gubachaa jiran agarsiisan miidiyaa hawaasaa irraa qoodamaa ture ummata daran mufachiisera.  Barsiisaan mana barumsaa Waaqoo Guutuu magaalaa Finfinnee keessatti argamu, har’a ganama barattoonni haleellaa hidhattootni Faannoo uummata Oromoo irratti geessisaa jiranii fi haleellaa diroonii mootummaan raawwachaa jiru mormuun hiriira bahuu Addis Standarditti himeera. Barattoonni kunneen mormii isaanii erga dhageessifatan booda adeemsa baruu fi barsiisuu osoo hin raawwatamiin gara mana isaaniitti deebi’an. Barsiisaan kun mormii kana bittinsuuf humnoonni nageenyaa waan argamaniif nageenya barattootaaf yaaddoo qabu ibseera. Kana malees, barattootni Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kibxata ganama hiriira mormii gaggeessuu isaanii fi hiriirichi poolisiin bittinaa’uu Addis Standard mirkanesseera. Barataan Yuunivarsiitii Meetroopolitaanii Kotobee kan magaalaa Finfinnee keessatti argamu, sababoota garaa garaan mormii dhageessisu akka hin dandeenye, garuu mormii isaanii agarsiisuuf uffata gurraacha uffachuu isaanii fi nyaata lagachuu isaanii Addis Standarditti himeera. Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Miizaan Teeppiittis hiriira mormii gaggeessanii humna nageenyaan bittimfamee dheekkamsa isaanii ibsachuuf lagannaa nyaataa taasisaniiru. Hiriirri mormii Yuunivarsiitii Finfinnee, Dire Dawaa, Amboo fi Mattu keessatti taasifamuun gabaafamaa jira. Akkasumas barattootni sadarkaa adda addaa Naqamtee, Baalee, Amboo fi Gudar hiriirri nagaa taasifameera. Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Kibxata baaseen, mootummaan “hidhattoota Faannoo” leenjisee hidhachiise jechuun himate, ummanni Oromoo haleellaa kana akka ofirraa ittisu waamicha dhiyeesse. “Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitiiwwan, barsiisonni sadarkaa hundatti argaman, qonnaan bultoonni baadiyyaa, fi Qeerroon ofirraa ittisuu qabu” jedha ibsichi. Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan federaalaa haleellaa Wallagga Bahaa keessatti raawwatamee fi mormii isa hordofee godinaalee adda addaatti deemaa jiru ilaalchisee yaada hin kennine. Addis Standard qondaaltota kominikeeshinii naannoo Oromiyaa fi mootummaa Federaalaa irraa yaada argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.
Show all...
Gaazexessaa Taammiraat Nagaraa erga hidhaatii bahee maaliif callise? Gaaffiif deebii BBC waliin godheen akkas jedhe. Kanin calliseef sababa heddun qaba. Inni jalqabaa, akkuman hiikameen dubbachuu kanan qabu wantota heddutu ture. Keessumaa mana hidhaa keessatti namootan ilaalcha siyaasaas ta’e heera mootummaa Itoophiyaa irratti walii hin galle heddu wajjin wal argeera. Haata’u garuu, namoonni kun cimsanii waanti isaan dubbatan mana hidhaa kana keessatti waanta argite Itoophiyaa keessa teessee akka hin dubbanne naan jedhan. Keessumaa Jaal Abdii Raggaasaa bulchiinsa Abiy Ahmadiin nama badiifi gidiraa guddaan irra gaheedha jedheen yaada; dhuunfanis ta’ee maatii isaarra jechuudha. Waanti inni cimsee na akeekkachiise, “Osoo Itoophiyaadhaa hin bahiin waanta sitti himnus ta’e waanta argite akka hin dubbanne,” naan jedhe. Lammaffaan, mootummaan Itoophiyaa keessumaa Godiina Addaa Naannawa Finfinnee keessatti manneen hidhaa dukkanaa lafa jalaa keessatti waanin arge osoon hin dubbatin gara hojii miidiyaatti deebi’uu hin danda’u jedhe. 👉👉 https://bbc.in/3XMo2Rn
Show all...
'Jaal Abdii Raggaasaa biyyaa osoo hin ba'in waanan arge akkan hin dubbanne na akeekkachiiseera' - Taammiraat Nagaraa

'Jaal Abdii Raggaasaa biyyaa osoo hin ba'in waanan arge akkan hin dubbanne na akeekkachiiseera' - Taammiraat Nagaraa

🚴‍♀🚴‍♀🚴‍♀🚴‍♀🚐🚐🚐yaadaa fi qeeqa ni qabdu?🪒💊💊💊💊🏳‍⚧
Show all...
👉👉👉👉👉👉👉👉Yaadaa Fi ni Qeeqa ni qabdu🫀🫀🫁🫁
Show all...
የዩኒቨርስቲ መውጫ ፈተና በኦንላይን ለመስጠት ዝግጅት እየተደረገ መሆኑ ተገለጸ ................................................ ህዳር 22/2015 (ትምህርት ሚኒስቴር) መውጫ ፈተና በሁሉም መደበኛና መደበኛ ባልሆኑ መርሀግብሮች የሚመረቁ ተማሪዎችን እንደሚመለከትና ፈተናውን በኦንላይን ለመስጠት ዝግጅት እየተደረገ መሆኑን የትምህርት ሚኒስትር ዴኤታ ዶ/ር ሳሙኤል ክፍሌ ገልጸዋል። የዩኒቨርስቲ መውጫ ፈተና ከመደበኛ ተማሪዎች ባሻገር የማታና የርቀት ተመራቂ ተማሪዎችን እንደሚመለከት የትምህርት ሚኒስትር ዴኤታ ሳሙኤል ክፍሌ (ዶ/ር) ገልጸዋል። የትምህርት ሚኒስትር ዴኤታ ሳሙኤል ክፍሌ (ዶ/ር) በመውጫ ፈተና ዙሪያ ለመንግስትና ለግል ዩኒቨርስቲዎች የተዘጋጀ የምክክር መድረክ ሲከፍቱ እንዳሉት መውጫ ፈተና በሁሉም ዩኒቨርስቲዎች ለሚማሩ የቀን ፣የማታና የርቀት መርሀ ግብር ተመራቂዎች ይሰጣል። ከዚህ ዓመት ጀምሮ በመንግስትና የግል ዩኒቨርስቲዎች ተግባራዊ የሚደረገውን የመውጫ ፈተና በኦንላይን ለመስጠት መታቀዱንም ዶክተር ሳሙኤል ጠቁመዋል። በመሆኑም የከፍተኛ ትምህርት ተቋማቱ የመሠረተ ልማት አቅሞቻቸውን ከወዲሁ በማረጋገጥ ለፈተናው ተገቢውን ዝግጅት እንዲያደርጉ ሚኒስትር ዴኤታው አሳስበዋል። የከፍተኛ ትምህርት አካዳሚክ ጉዳዮች መሪ ስራ አስፈጻሚ ኤባ ሚጀና (ዶ/ር ) በዚሁ ጊዜ ሲናገሩ የመውጫ ፈተና የትምህርት ጥራትን ከማስጠበቅ ባሻገር የተማሪዎችንና የተቋማቱን ብቃት ለማሳደግ እንደሚያስችል ጠቁመዋል። በምክክር መድረኩ ሁሉም የመንግስትና የግል ከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ተገኝተዋል። በምክክር መድረኩም በመውጫ ፈተና ዙሪያ እየተደረገ ያለው ቅድመ ዝግጅት ፣ የመሠረተ ልማትና የ2015 ምሩቃን መረጃዎች ቀርበው ውይይት ተደርጓል።
Show all...
Hubannaa dhimma Diroonii ======================= -Sibiilli Dirooniin dabratu gosa lamadha.kan namafi kan sibiilati.kan namaf dabratu Sun haga meetira 25'n faca'u danda'a.kan sibiila ammoo konkolaata irratti faca'e sana ni daaressa.kan sibiilaf dabratamu kun amala magineettummaa qaba.waan irra bu'e qoraan daaran dhaale fakkessa. guyyaaf halkaan hin filattu.kan ishee dangeessuu bubbee hamaafi rooba guddaa qofadha. -Bilbilli harka kee irraa trace ta'un haleellaa sanaf si saaxilu danda'a.simi keessaa baaste,gaagura bilbila yoo of harkatti hambiste,balaa sana jala oolu hin dandeessu. Imalli Ispaaltirraa haleellaa Dirooniif mijataatadha.konkolaatan imalunis isheef carraa guddaadha.kanaaf waan kana irraa of eegaa. Qubsuma beekama,buufata fayyaa,waajjiraalee,Ethio-telee bakkoonni kun bakka Waraanni keenya qubachuu hin qabnedha. Dirooniin Abiyi itti fayyadama jiru sa'a 8-10 qilleensa irra turu dandeessi. Kana jechuun hordoffii yeroo dheera gaggeessu dandeessi jechuudha. Seenessaa Seenaa Burqaa
Show all...
Gaaffiilee barsiisonni yunivarsiitii Itoophiyaa dhiyeessaa jiran maalfaadha? =============== Faayidaan keenya nuuf hin kabajamne kan jedhan barsiisonni dhaabbilee barnoota olaanoo Wixata dhufu irraa kaasanii hojii dhaabuun mormii gaggeessuuf akka qophaa’an yoo ibsan, Waldaan Barsiisotaa ammoo waa’ee mormii karoorfamee wantan beeku hin jiru jedheera. Barsiisonni waamicha mormii kana qindeessina jedhan BBCf akka ibsanitti, gaaffiin dhiyeessine deebii hanga argatutti Mudde 05, 2022 irraa kaasee barsiisonni yunivarsiitii hojii isaaniirratti akka hin argamne kan ibsan yoo ta’u, kana ilaalchisuun ammoo xalayaa ifa ta’ee qama mootummaa dhimmi ilaallatuuf xalaa barreessuu issanii beeksisaniiru. Mootummaan deebii akkamii kenne? Waldaan Barsiisota Itoophiyaa hoo? Dhiyaadhaa ↪️↪️ https://bbc.in/3VHzFXJ
Show all...
Gaaffiilee barsiisonni yunivarsiitii Itoophiyaa dhiyeessaa jiran maalfaadha?

Gaaffii barsiisonni yunvarsiitii qabna jedhan Adoolessa darbe deebii hin argatu taanaan mormii hojii dhaabuu akka gaggeessuu danda’an akeekkachiisanii turan. Erga kun ta’ee ji’oota afuriin booda garuu jijjiiramni dhufe tokkollee hin jiru jedhan. Gaaffiiwwan barsiisotaa maalfaadha?