en
Feedback
OBS TV

OBS TV

Open in Telegram

OBS is an independent and impartial international broadcasting company established to promote the advancement of societ

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
3 112
Subscribers
+524 hours
+57 days
+530 days

Data loading in progress...

Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
December '24
December '24
+28
in 0 channels
November '24
+62
in 0 channels
Get PRO
October '24
+148
in 0 channels
Get PRO
September '24
+3 136
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
21 December0
20 December+3
19 December0
18 December0
17 December0
16 December0
15 December0
14 December0
13 December0
12 December+5
11 December+7
10 December+1
09 December+4
08 December+3
07 December+3
06 December+1
05 December0
04 December0
03 December+1
02 December0
01 December0
Channel Posts
2
Doktara Kabajaa Hayyuu Argaa Dhageettii Borbor Bulee Dirree Eenyuu? Dubbisaa! Hayyuu argaa dhageetti Dr. kabajaa Borbor Bulee Dirree haadhasaa aadde Jiloo Buleefi abbaasaa obbo Bulee Dirree irra godina Booranaa Aanaa Dubuluqitti fulbaana 3, 1941 dhalatan. Akkuma ijoollee horsiisee bulaa kamiyyuu wayita umriinsaa tika ga'u horii tiksaa guddate. Ijoollummaadhuma isaanitiin nama xiqqaa qalbii qabu kan nama xiqqaa guddaan dinqisiifatamu turan. Dr. kabajaa Borbor Bulee umrii isaanii waggaa 23 yoo gahu gargaaraa konkolaachisaa tauudhaa hanga konkolaachisaatti hojjataniiru. Yeroo umriinsaa waggaa 26 ta'u gara maatiisaatti deebi'uun tikaan maatiisaa gargaruun cinaatti argaa dhageetti jaarroolleerraa barachuu jalqabe. Yeroo sanatti maanguddoota argaa dhageettii kanneen akka Guyyoo Boruu Galmaa, Adii Diidaafi Areeroo Irbii fa'a jala deemuun waan aadaa argaa dhageettii Booranaa barachaa kan guddate. Hayyuun kun yeruma sanittuu nama hunda biratti baay’ee dinqisiifamuufi jaalatamu turan. Nama xiqqaa akka nama guddaa kan waan dhaga'e hin walaalle turan. Beekumsa argaa dhageettii kanaan baayee kan dinqisiifaman hayyuu umrii(ganna) xiqqaatti jechuun bara 1972 Gumii Gaayoo kan Gadaa Jiloo Aagaa jaarsa argaa dhageettii jedhanii eebbisuun Abbaan Gadaa qumbii tufaniifi beekamtii kan kennaniifidha. Kanaanis dargaggeessa umrii 31 kan sababa beekumsa addaatiif beekamtii Abbaa Gadaarraa argatan jedhamuun ummata biratti baayee jaalatame. Kana boodas Gadaa Abbaa sadii: Gadaa Boruu Guyyoo, Gadaa Boruu Maadhaafi Gadaa Liiban Jaldeessa yaa'a keessa godaanuun abbootii Gadaafi Raabaa Gadaa cufa aadaa Booranaa barsiisaa ture. Gadaa as- aantu lama kan Guyyoo Gobbaafi Kuraa Jaarsoo yaa'a keessa odoo hin godaanin idduma ( fuluma) jirutti argaa dhageettii dhufanii irraa barachaa turan. Hanga Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsootti Abbaan Gadaa osoo hayyuu kana bira dhufee waan aadaa hin gaafatiin baallii fuudhe hin jiru. Hayyuun kun dandeettiifi beekumsa qabaniin ummatasaa tajaajiluun oolmaa oolaniin Adooleessa bara 2008 Yunivarsitii Bulee horaarraa Dr. kabajaa argataniiru. Hayyoonni garaagaraas dinqisiifannaa hayyuu argaa dhageettii Dr. Kabajaa Borbor Bulee irraa qabaniin maqaa itti moggaasuun isaan waamu. Profeessar Asmaaroon Laggasaa Insaayikiloopidiyaa jedhanii waamu. Profeessar Gufuu Obaa dureessa beekumsaa kan jechasaa Booranni dhaga'u yoo jedhaniin, Dr.Bokkuu Xachee immoo madda (kuusaa) beekumsaa kan hin fooqanne(hin dhumne) jedhanii ibsu. Hayyuun kun umriisaa kana keessatti dhalattoonni biyya keessaafi alaa gara namoota 161 ol taan waraqaa qorannoosaanii isaan irraa qoratachuun ittiin milkaa'aniiru. Fkn Dr.Gammachuu Magarsaa, Dr. Gammachu Taayyee, Dr. Waasee Birhaanuu, Profeessar Mararaa Guddinaa, General Baacaa Dabalee, Dr. Dajanee Gammachuu, Dr. Abarraa Daggafaa, Obbo Warqinaa Qalbeessaa, Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ,Profeessar Gufuu Obaa, Profeessar Abdullaayi Shaanqoo, Dr. Jaarsoo Guyyoo Mookuu, Mohammed Huqqaa, Taarii Abkuulaa, Profeessar Asmaaroon Laggasaa, Marco Baasii, Damo shield, Pata Ayike, Dr Lokoo, Alista faan hayyoota qorannoosanii hayyuu kanarraa odeeffachuun hojjataniidha. Hayyuun kun naannoo keessa jiraatutti xiqqaafi guddaa waan danda'u hundaan gargaaruun beekama. Hayyuun kun hojii gosaafi biyyaa malee hojii dhuunfaasaa hojjachuuf guyyaa tokkoofillee yaadee hin beeku. Seenaa gabaabduu jaarsa argaa dhageettii Dr. kabajaa Borbor Bulee kanarraa dhaloonni barachuu qaba.
0
3
Sudaan Kibbaatti sababa ho'a cimaa mudateen manneen barnootaa hundi cufaman. Biyya ollaa Itoophiyaa Sudaan Kibbaatti yeroo ammaa jiddugaleessaan ho'i jiru digirii seentigireedii 45 gahuu isaan; manneen barnoota torban lamaaf akka cufaman taasifameera. Sudaan Kibbaatti waqtii kana ho’i ol ka’uun baramaa ta’us, akka kan yeroo ammaa kana digrii seentigireedii 40 ol ta’e akka hin beekne VOA'n gabaaseera.
0
4
Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA)'n bara kana gaanfa Afrikaatti namoonni
Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessa Dhimmoota Namoomaa  (UNOCHA)'n bara kana gaanfa Afrikaatti  namoonni gara miliyoona 64 ta’an gargaarsa hatattamaa akka barbaadan hubachiise. Dhaabbatichi ibsa Gaazexeesitootaaf kenneen kanneen Sudaanitti namoonni miliyoonni 25,  Itoophiyaatti namoonni miliyoonni 21, Sudaan Kibbaatti namoonni miliyoonni 9 fi Somaaliyaatti namoonni miliyoonni 8.3 gargaarsa namoomaa  atattamaa warra barbaadanidha jedheera.
0
5
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa komiiwwan ka’an qorachuun tarkaanfii sirreefamaa akka fudhatu beeksiseera. Daandiin Qileensich+1
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa komiiwwan ka’an qorachuun tarkaanfii sirreefamaa akka fudhatu beeksiseera. Daandiin Qileensichaa tibbana kenniinsa tajaajila imaltootaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleen walqabatee miidiyaalee hawaasummaa garaagaraan komiiwwan ka’aa jiraachuu hubachuu eereera. Yaada maamiltootarraa ka’aniif xiyyeeffannaa kennuun komiiwwan ka’an qorachuun furmaata kennuuf qamolee buufatichatti tajaajila kennan biroo waliin ta’uun hojjechaa jirachuu ibseera. Bu’aa qorannichaarratti hundaa’uun tarkaanfiin sirreeffamaa hatattamaan akka fudhatamu kan taasisu ibseera.
0
6
Oromyaatti barana tajaajilli taarifaa fi tikeetaa dijitaalawaan buufataalee konkolaataa 150’tti hojiirra ooluuf ta’uu Eejensi
Oromyaatti barana tajaajilli taarifaa fi tikeetaa dijitaalawaan buufataalee konkolaataa 150’tti hojiirra ooluuf ta’uu Eejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Hogganaan Ejensichaa Obbo Daani’eel Charinnat akka jedhanitti damee geejjibaarratti hanqinni bulchiinsa gaarii fi naamusaa bal’inaan kan mul’atuudha. Buufataalee konkolaataa naannichatti argaman madda komii ummata ta’aa dhufuu himuun rakkoo kana hambisuufis tajaajila buufataalee konkolaataa gara dijitaalawaatti jijjiiruuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Hanga ammaattis tajaajilichi buufataalee konkolaataa 53’tti hojiirra oolfamuu ibsanii, bara baajataa kanattis buufataalee 150’n ga’uuf hojjetamaa akka jiru akeekaniiru. Tajaajilichi buufataalee konkolaataa eegaletti konkolaattota taarifaa ol kaffalchiisanii fi imaltoota darbaa fe’uu to’achuuf tumsuu akka ibsan Tajaajili Oduu Itoophiyaa gabaaseera. Naannichatti buufataaleen konkolaataa 360 ol jirachuun eerameera.
0
7
Hinditti waldhaansaan jijjiirraan Qaamaa ajaa'iba jedhame raawwatameera. Jijjiirraan kun akkuma kanaan dura tiruu, kalee ykn qaama biroo jijjiiruu miti. Jijjiirraan kun qaama harka namaa kan hojjetamedha. Artistii balaan harka isaa dhabeef harka nama biraatu jijjiirameef. Dubartiin duraan itti gaafatamtuu mana barumsaa beekamaa kutaa kibba Hindii turte tokko ergan du'ee booda qaama koo namoota barbaadaniif kennaa jechuun waadaa seentee turte. Haaluma kanaan tiruu ishee dabalatee qaamonni ishee biroos namoota barbaadaniif jijjiiramaniiru. Kana hunda gidduutti namni balaa baaburaan harka isaa lamaan dhabe tokkotu ture. Namichi artistiidha! Harka isaa dhabee jira, harki isaammoo akkaan isa barbaachisa ture, ogeessa suura kaasu waan ta'eef. Kana arguun hakiimonni Hospitaala Hindii "Sir Ganga Ram" jedhamu nama ganna 45 fakkii kaasu ganna 45 kana hospitaala isaaniitti waaman. Baqaqsanii yaaluu sa'aatii 12 ol fudhateen harka isaa jijjiiruun milkaa'ina jalqabaa raawwachuu danda'aniiru. Abdii haaraa artistii kanaaf kenaan. Akkasumas argannoo haaraa damee yaalaa biyyattii keessatti argamsiisaniiru. Doktooronni kun baqaqsanii yaaluun kun baayyee rakkisaa akka ta'ee fi ujummoo dhiigaa, maashaa fi narvii hunda harka arjoomtootaa fi harka fudhataa gidduutti walitti hidhuu kan of keessaa qabu ta'uu ibsaniiru. Amma artistichi fayyaa guutuu kan qabu yoo ta'u, guyyoota muraasa dura hospitaalaa bahuu isaa Times Now gabaaseera.
0
8
+2
No text...
0
9
Finfinneetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 2 darbee Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullaalee Naannawaa ‘Semen Maazzaga
Finfinneetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 2 darbee Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullaalee Naannawaa ‘Semen Maazzagaajjaa’ jedhamuun beekamutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota lama darbeera. Balichi har’a ganama sa’aatti 12:00’tti kan mudate ta’uun ibsameera. Balichaan Lubbuun imaltoota lafoo lamaa darbuu ragaan Abbaa Taayitaa Manaajimantii Tiraafikaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.
0
10
No text...
0
11
Manni Marichaa muudama Abbootii Murtee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa 16 raggaasise Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama Abbootii Murtee Mana Murtee Waliigalaa Federaalaa 16 raggaasiseera. Manni marichaa walga’ii idilee 16ffaa bara hojii 3ffaa gaggeesseen, sirna murtee manneen murtii waliigalaa federaalaa fooyyessuu fi ammayyeessuuf muudama abbootii murtee dhiyaateerratti mari’achuun raggaasiseera. Abbootiin Murtee muudamni isaanii raggaasifames miseensota mana marichaa duratti kakuu raawwataniiru. Dabalataan manni marichaa wixinee labsii bulchiinsaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtee dhiyaate akkasumaas wixinee dambii bulchiinsa hojjettootaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa ilaalchisee yaada murtee dhiyaaterratti mari’ateera.
0
12
Bu'aan qormaata ba'umsaa barattootaa 114 namuusaa qormaataa cabsanii guutummaatti haqamuu Ministeerri barnootaa beeksise. Bu'
Bu'aan qormaata ba'umsaa barattootaa 114 namuusaa qormaataa cabsanii guutummaatti haqamuu Ministeerri barnootaa beeksise. Bu'aan qormaata bu'umsaa barattoota 114 hojmaata seera qormaataa darbanii guutummaatti haqamuu ministeerichi xaalayaa Dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaa fi dhuunfaaf barreesseen ibseera. Bu'aan qormaataa guutummaan haqamuu fi Adabbiin dabalataa yeroo itti aanu kan ibsamu ta'uu eereera. Barattoonni dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa kumni 119 fi 145 qormaata ba'umsaa marsaa 2ffaaf Guraandhala 6- 11, 2016 kenname fudhachuun kan yaadatamuudha.
0