en
Feedback
Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Open in Telegram
5 871
Subscribers
+2224 hours
+357 days
+12330 days
Posts Archive
Gatiin namaa meeqa?

#Yoo_Waaqayyo_Jedhe! Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe. Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele! Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!" Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufani! #deemsiittifufa

Rabsamaa jira

Barruu Sooraa jildii 2ffaa. Ergaa guddaa fi wayitawaa qabattee jirti. Barbaadaa dubbisaa. Naannoo jirtanitti rabsuudhaan ergaa yeroo kana namoota qaqqabsiisaa. #deemsiittifufa

Jabaadhaa!

Kitaaba haaraa

#Sanyiin_Koo_Maali? Viishen Laakiy’aanii kitaaba ‘The Buddha and the Badass’ jedhu keessatti waa’ee mataa isaa waan tokko dubbata. Akka armaan gadiittan dhi’eessa. Ijoollummaa kootti yeroo boqonnaa koo Kaartumittin dabarsan ture. Kaartum magaalaa Sudaan Kaabaa, bakka itti Abbay Adii fi Gurraachi itti walitti dabalaman, magaalaa bareedduudha. Achitti mana akaakayyuu koon boqodha. Karra bakka bashannanaa mooraa isaanii keessa jiru irra muka loomii dulloomaa fi ija danuu hin godhanne tokkotu ture. Anii fi akaakayyuun koo muka loomii sana jala teenyee cheezii taphanna turre. Akaakaan koo barsiisaa jireenya koo ture; gorsawwan baay’ee barbaachisoo na gorsa. Gaaf tokko mukicha jala teenyee otoo cheezii taphachaa jirruu, loomii lafa bu’e tokko marga keessaa fuudhee bakka lamatti dhoose. Ija loomichaa tokko keessaa baasee harkatti qabate. Ija loomii sana natti agarsiisaa akkana naan jedhe, “Ilaa yaa ilma ilma koo! Kun ija loomiiti. Muka loomii siif kenna. Muka maangoos ta’e kan burtukaanii siif kennuu hin danda’u. Guddachuuf biyyoo mijataa, bishaan xiqqoo fi ifa aduu isa barbaachisa. Maalis ta’u maal dhuma irratti garuu kan inni siif kennuu danda’u muka loomii qofadha. “Akkuma argitu mukti kun dulloomaa jira; ni du’as. Akkuma koo jechuudha. Anis dulloomaan jira; gaaf tokko nan du’a. Waan ani jedhu hubachaa jirtaa? Dulloomaa gaafa deemtuu fi guyyaan kee yoo dhi’u gaaffii barbaachisaa tokko of gaafachuu qabda, ‘Sanyiin koo maali?’ “Sanyiin kee kan hortu waan horuu qabdu qofadha. Waan biraa hin hortu. Hin jeeqamiin; hin yaadda’iin; namoonni maal iyyuu yoo siin jedhan sun dhimma kee hin ta’iin. Waca isaanii hin dhaga’iin; miira kee qofa dhaggeeffadhu. “Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sanyiin koo maali?’ Kana yoo beekte, deebii isaa argatta. “Deebii kee qajeelummaa fi gaarummaan barbaadi; barbaadi yoos kaayyoo jireenya kee raawwachuu dandeessaa; ijas ni godhatta!” Seenaan kun waan tokko akkan xiinxalu na taasise. “Dhuguma iyyuu sanyiin koo maali? Ija maal jedhamun godhadha?” kan jedhu. Ibsa baay’ee itti kennuu hin fedhu. Namni barreeffama kana dubbisu kamuu gaaffii baay’ee barbaachisaa kana akka of gaafatun gaafadha. Eyyee, sanyiin kee maali? Galgala bareedaa qabaadhaa! #deemsiittifufa #ananamabiyyaoromoo

#Waggaa_60_natti_fudhate! Pablo Picasso artistii fakkiiwwanii ajaa'ibaa ture. Baroota dulluma isaa keessa gaaf tokko buna dhuguuf kaaffee Maadriid jiru tokko seene. Ajajatee taa'e. Akka tasaa waraqaa adii gabatee isa bira jiru irraa argate. Kobbee isaa baafatee fakkii irratti kaasuu eegale. Haga bunni ajajate dhufutti jechuun yeroo daqiiqaa shan hin guunne keessatti fakkii ajaa'ibaa kaase. Gaafa keessummeessituun buna fidduuf waraqicha caccabsuu eegale. Giiphii kaa'achuuf. Dubartiin isa bira teessee ilaalaa turte kaatee itti iyyite. "Fakkii kana fakkaatu hin irratti kaastee waraqaa kana hin caccabsiin. Maaloo natti gurguri si irraan bitadhaa!" jettee irratti qabatte. Ija ishee keessa ilaalaa, "Tole! Sittan gurgura. Doolaara 30,000 (kuma soddoma) kaffali!" jedhe. Ni rifatte. "Yeroo daqiiqaa 5 hin guunne keessatti kaastee doolaara kuma soddoma naan jettaa? Maal jechuu keeti?" ittiin jette. Ni seeqe. "Obboleettii koo! Daqiiqaa shanitti fakkii akkanaa dandeettiin ittiin kaasu horachuuf waggaa jaatama natti fudhate!" ittiin jedhe! #deemsiittifufa!

qophii adda ayyaana turtii Ebisaa Galaanaa waliin 1 1 2014.mp334.45 MB