en
Feedback
Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Open in Telegram
5 871
Subscribers
+2224 hours
+357 days
+12330 days
Posts Archive
Jaallatamoo hordoftoota koo! Namoonni hedduun bilbiltanii maaliif akka ani Facebook kiyya cufa na gaafataa jirtu. Rakkoo addaa qabaadhee otoo hin taane, hojii koo irratti xiyyeeffachuu waanan barbaadeefani.

“Na dhageessaa? Anaa fi si’i keessaa tokko aduu bor ganamaa hin qaammannu. Bor yoona kana anaa fi si’i keessaa tokko Oromoodha tokko immoo Oromiyaadha. (Yoo jiraannu Oromoo gaafa duunu Oromiyaa taanahoo!) Nu keessaa inni Oromoon bor laaqana isaa midhaan nyaata, isa Oromiyaa ta’u immoo awwaala isaa irra midhaantu facaafama! Sin dhiisu! Yoon si dhiise nan dhiisin!” jedheen akeekkachiisa kennaa dafqa illee koo irraa xuruuru haqadhe. Xiqqoo yoo ani qabbanaa’u namichi dubbii eegale. “Aboo akka jabanaa haadha Dirribee asii ol natti hin danfiinii taa’i ni mari’annaa! Mariin malee humnaan rakkoon furru tokko illee hin jiruu!” naan jedhe. “Anaa fi fakkaattota koo warra Facebook irra jirru hunda peestaalii tokko hin taatan erga jettee booda marii maaltu barbaachisa? Marii miti asitti murteessaan humnadha!” jedheen carraa mariif naaf kenname dide. “Oromoon ati jettu isa maki? Isa mana buna jabanaa jala taa’ee kan jiruu fi hin jirre haasa’aa ooluu? Isa Facebookitti ol ba’ee akka simbira qilxuu gubbaa iyyaa ooluu? Isa ganama diimaa jedhee waaree booda gurraacha jedhuu? Akkanatti amantaa?” naan jedhe. Yaadan naanneffadhe. Nan yaade. Nan xiinxale. Edaa dubbiin dhugaa ta’uu hin oolu. Oromoon lagaan wal hin qoodne, Oromoo hir’uu walii funaanee qilleensaaf wal hin laanne, Oromoon wal jaallatu, Oromoo rakkoo isaa ilaa fi ilaameen furatu…Oromoo dhugaan qilleensa irra otoo hin taane lafa irra jira. Akkuman yaada naanneffadheen, “Dhiifama obboleesso! Miiratu xiqqoo mataatti na ba’ee! Naannessee aaruu malee naannessee yaaduu dadhabeen si galaafadhee oole ! Maraafuu, buna kee anatu siif kaffala ! » jedheen qarshii abbaa kudhanii gabatee irra kaa’e. Harkan dura ittiin rukkutuuf darbadhe diriirseen nageenyaaf itti hiixadhe. Ija mararteen ilaalee nagaa itti dhaameen ba’e. Gara godoo kootti. Mana kootti galuuf karaa yoon eegalu yaadonni hedduun sammuu koo guutanii turan. Akka nama uffata dha’uu fo’aa yaadaa yaasee xaxuun eegale. Shaa jedheen bade—yaadaan. Yoon of baru siiqsaan jira. “U’uu..u’uu’uu’uu…u’uu’uu’uu…u’uu’uu’u…” siiqsaan jira. Faarfannaa fi sirba ta’uu isaa hin beeku. Sammuutti deebi’ee maal siiqsaa akkan jiru yoon yaadu, walluu Haacaaluu Hundeessaa kan, “Eessa…eessa jirta? Kottu maaloo na waldhaantaa!” jedhu ture. Sirba sana siiqsuu koof saalfiin natti dhaga’ame. Bor ganama Waldaa akkan deemu yaadadheen of saalfadhe. “Yaa anaa! Jireenyi koos ijaa fi ijoo dhabeera! Akkuma biyya koo!” jedhee ofitti dubbadheen qalbii koo jijjiirrachaa tarkaanfii koo itti fufe. Otoo hin turiinan godoo koo ga’e! Kanatti aansee wanti ani beeku dafqaan cuuphamee fiixee siree koo irra taa’uu koo qofa. Abjuun tokko tokko akkam nama naasisa? Jedhaa egaa! Nagaan bulaa! Warra nagaan bu’ee aduu borii qaammatu nu haa taasisu! #namabiyyaoromoo

#Anaa_fi_Buna_Jabanaa Mana bunaa xiqqoodha. Teessumni irra taa’anii dhugan hin jiru. Lama lamaan, sadi sadiin, afur afuriin, dargaggeessi morma wal qaxxaamursee taa’ee dhuga. Akka kaannisa gaagura keessaa uuu…uuuu….jedhee uursa. Namoota achi jiran keessaa dhibbantaan 90 dargaggoota. Sunuu sa’a hojiitti. Waa’ee bunaa waa jedheen dhimma kootti deebi’a. Buna hedduu oomishtee gabaa addunyaaf dhi’eessuun Xoobbiyaan addunyaa kana irraa sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Biyyoota buna dhi’eessan hunda keessaa biyya kana wanti adda taasisu hamma oomishte keessaa walakkaa (50 %) ofuma ishee dhugdi! Ishee irraa hafee kan alatti ergamu walakkaa qofadha! Biyyi oomisha ishee walakkaa dhugdee walakkaa qofa alatti ergitu Xoobbiyaa qofan jedhe. Gaafan mana bunaa xiqqoo sanatti dargaggeessa hamma sana baay’atu argu dhugaa armaan oliin yaadadhe. Daqiiqaa 30 dhaabadhee booda taa’umsa argadheen gad taa’e. Namoota 4 tti dabalameen 5ffaa ta’e. Haala ho’aan na simatan. “Maal ajajamu?” jette dhuftee mucayyoo qal’oon funyaan gabaabaa tokko. “Aannan naaf fidi! Aannanin barbaadaa!” jedheen deebiseef. “Aannan hin qabnu! Buna qofa!” naan jette. "Isa gaarii yoom qabaattanii beektu?" jedheen hafuura dheeraa baafadhe. "Maaliif buna hin dhugdu?” naan jette. “Dhimma koo anatu beeka. Isa keessa si hin galchu!” jedheen dalga ilaale. Namoota na bira taa’an keessaa tokko, “Dhugaa jette mucayyoon! Maaliif buna hin dhugdu?” naan jette. “Obboleesso! Garaacha maaliittan buna dhuga? Garaachi koo bar na gubateera! Dhumeera!” jedheen deebiseef. “Maaltu fixe garaacha kee?” jedhee na gaafate. “Oromoo! Oromootu fixe! Kunoo laali. Mana bunaa hammas geessu jala meeqa ta’ee taa’ee uursa. Sunuu sa’atii hojiitti. Amma sa’a kana nama meeqatu walitti naanna’ee taa’ee yeroo gubaa jira ? Yeroohoo haa gubuu dhiisi. Meeqatu nama hamata ? Namahoo haa hamatuu dhiisi ? Meeqatu boolla waliif qota ? » jedheen itti iyye sagalee guddaan. “Nama gaafa nuti qabsoo jennee dhagaa qabannee matarayyasiitti fiigaa turre mana isaa karaa keessaa qollofatee (jecha kana Afaan Oromoo isaa naaf barbaadaa) rafee akka marqaa qoqutu har’a mana buna jabanaa jala taa’ee Kolonel Gammachuu Ayyaanaa qeeqa ! Nama 2x+3=5 jettee gatii x barbaadi yoo jette beekee hin hojjennetu hiixatee Jawaar Mohaammadiin ceepha’a. Addunyaa kana irra ardiilee meeqatu jiru jettee yoo gaafatte 54 jedhee nama siif deebisutu Dr Mararaa irratti arraba dheeressa. Kana biraa eessa deemta moo maal goota ? Kana kana argaa akkamitti garaachi si hin gubatu?” jedheen banbane. “Ofii Oromoon ati garaacha koo fixe jettu kun isa kami? Isa Facebook irraa wacu kanaa?” naan jedhe tokko jara keessaa. “Isa kamiree?” jedheen gaaffii isaa gaaffiin deebise. “Kkkkk…!” jedhee natti kolfe. Sagalee guddaadhaan. Mootiin kolfaa, Maaster Balaachoo Girmaa, buna dhuguu dhufee waan nutti dabalamen se’e. Garuu isa hin turre. “Maal kolfita, Kabbada?” jedheen gaafadhe. “Ati kan itti aartu hin beektuu? Oromoon Facebook irraa wacaa oolu bar Oromoo isa bal’aa bakka hin bu’u! Oromoo dhugaan Facebook irra miti lafa jira. Dhugaa tokko sitti himuu? Oromoon Facebook irraa iyyaa oolu otoo cuunfamee feestaalii kurtuu ishee gurraattii tokko hin ta’u! Eyyee, Oromoon kan biroodha!” naan jedhe. Akka calaqqee qaqawweessaa waa natti ife. Balac natti jedhe. Aareen finiine. “Aabbee waan jedhaa jirtu beektaa? Isaan keessaa ani tokkoom!” yoon jedhu, “Sin ni dabalata!” naan jedhe. Harka koo mirgaa aboottadhee akka furuursaa Daawwit fuula Kabbadaatti darbachuu qofan yaadadha. Funyaan isaa irraa cabsee shiinii Dhibbiseen buna itti buusaa jirtu keessaa isa tokko keessa buusuu ture kaayyoon koo. Garuu maal godha? Kan yaadan marti yoom namaaf guutee beeka? Otoo abootteen koo fuula isaa bira hin ga’iin harki wayii harka koo qabee karaa dhaabe. Yaaliin haleelli ani raawwadhe milkaa’uu dhabus ani garuu abdii hin kutanne. Doorsisuun eegale.

#QOFAA_KEE_KOTTU! Bara duula Vetnaam. Dargaggeessi yeroo dheeraaf achitti duulee ture gara biyya isaatti gale. Lammii USA ture. Dhufaa akka jiru itti himuuf maatii isaa Firaansiskoo jiraniif xalayaa barreesse. Bara sana miidiyaaleen hawaasaa akka har’aa waan hin turreef, xalayaan filatamaa ture. “Abbaa koo fi haadha koo akkam jirtu? Dhuma irratti kunoo gara biyya kootti deebi’een jira. Dhimmoota tokko tokko xumuradhee guyyoota muraasa booda manatti nan gala. Haga ijaan wal agarrutti nagaan naaf jiraadhaa!” Maatiin ilma isaanii lubbuun jiraachuu hubatan guddaa gammadan. Waan abjuu abjootan itti fakkaate. Fedhii guddaan akka isa eegan ibsanii deebisanii xalayaa barreessaniif. Guyyoota muraasa booda ilmi isaanii bilbila bilbileef. Sagalee isaa waan dhaga’aniif maatiin daran gammadan. “Dhufuu illee guyyoota muraasa booda nan dhufa. Garuu rakkoo tokkotu jira…” ittiin jedhe. “Rakkoo maaliiti, ilma koo?” jedhanii gaafatan haati isaa. “Maal seetan? Adda waraanaa irratti waan hedduu kan waliin dabarsine hiriyyaa tokkon qaba. Dhihoo kana garuu balaa guddaan isa mudate. Harka tokkoo fi miilla isaa tokko fanjiidhaan dhabe. Hiriyyaan koo kun addunyaa kana irraa hiriyyaa, firas ta’e maatii tokko illee hin qabu. Anaa ala namni inn ikan kooti jedhu hin jiru. Ana qofa qaba. Kanaafuu, isa fidee dhufuu yaadaan jira. Maal isinitti fakkaata?” Abbaa fi haati isaa deebisanii, “Kun illee hin ta’u. Akkamitti ta’a? Namni harkaa fi miilla hin qabne ba’aa guddaa akka nutti ta’u beekamaadha. Hundi keenya immoo jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna. Kun tasuma ta’uu hin danda’u!” jedhanii yaada ilma isaanii morman. “Maal naaf wayyaree? Hiriyyaan koo bakka itti kufu kan biroo hin qabuu maal godhu? Eenyutti kenneen dhufa?” jedhee kadhate. “Isa dhiisi. Hiriyyaa koo kan jettu sana dhiisii qofaa kee kottu. Sima barbaanna. Eyyee, qofaa kee nuuf kottu!” jedhanii deebisaniif. Mucaan isaanii abdii kutatee bilbila isaa cufate. Achumaan bade. Gidduu kanan dhufa jedhee kan ture ilmi isaanii achi buuteen isaa dhabame—akka miilla Bakar Waaree. Abbaa fi haati isaa dhiphina guddaa keessa otoo jiranii bilbilli tokko isaaniif bilbilame. Poolisii irraa ture. Ilma isaanii balaan mudateera. Gara magaalaa ilmi isaanii jira isaaniin jedhetti imalaa otoo jiranii ture, ilmi isaanii gamoo dheeraa irraa of darbatee lubbuun isaa dabarte. Maatiin lapheen isaanii gaddaan miidhame reeffa ilma isaanii fudhachuuf gara waajjira poolisii isaaniif bilbilee deeman. Waan iji isaanii arge garuu amanuu hin dandeenye. Akkuma arganiin kan duraa caalaan gaddaan guutaman. Reeffi ilma isaanii harka tokkoo fi miilla tokko hin qabu! Edaa hiriyyaa koo jedhaa kan ture ofuma isaan ture. Maatii, “Namni harkaa fi miilla tokko hin qabne nuuf ba’aa guddaadha!” jedhetti galuu irra of ajjeesuu filate. Seenaa kana irraa waan guddaa baranna. Maal akka barattan “comment” barreessaa! #ananamabiyyaoromoo

Hiriyyoota keessaniif naaf qoodaa!

Link kanaan seenuun subscribe godhaa. Seenessawwan ajaa'ibsiisoo hordofaa

Walqixxeetti wal agarra!

Kaleessi kan keenya hin turre. Har'is kan keenya miti. Bor kan keenya akka ta'uuf har'a jabaannee hojjechuu qabna!

Kottaa Kolfaa gulaala sadaffaan gad dhiifameera