en
Feedback
Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Open in Telegram
5 871
Subscribers
+2224 hours
+357 days
+12330 days
Posts Archive
#Aayyoo_Koo (Eebbisaa Baayisaa) Aayyoo koo! Bada aayyoo tiyyaa... Ijoolleen kee Inni tokko in bitame Inni tokko in butame Inni bitame muudamee Inni butame muddame! Aayyoo_koo "Kan ajjeese jaarsa kee kan du'e obboleessa kee, Tilmaamarra darbe gaddii fi dhiphinni kee!" Ani jooraan kee immoo... Yokaan hin bitamne Yokaan hin butamne qarqaran dhaabadha, Imimmaan koo roobseen Obsa akka siif kennu Waaqa siif kadhadha! ©Eebbisaa Baayisaa 2022

Artisti Zarihun Wadaajoo dhibamee jira. Hospitaala Aayaatitti deddeebi'ee kalee dhiqataa jira (dialysis). Iyyaafadhaa. Gaafadhaa. Fayyaa guutuun hawwaaf!

Fiilmiin #Siinan Eebbifamuufi! ... Walakkaan galii (50%) eebba fiilmichaa irraa argamu, uummata Oromoo qe'ee isaarraa buqqa'eef kan oolu ta'a. Eebbi fiilmii Siinan kanaan dura guyyaa hin murtoofnetti darbee kan ture yoo ta'u, Mudde 23, 2015 (January 01, 2023) #Hoteela_Internaashinaalii_Ililliitti eebbifamuuf qophiin xumurameera. Aartii keenya waliin dhaabachaa, uummata keenya haa gargaarru! Qopheessaan @soliton.et

Repost from OGUMMAA(A.U)
#Qubeelaa_irratti Mootiin biyya tokkoo gorsaa isaa waamee qubeelaa isaa itti kenne. "Qubeelaa kana irratti barreeffama naaf barreessita. Barreeffamni kun yeroo ani gaddu kan na gammachiisu, yeroo ani gammadu immoo kan na gaddisiisu ta'uu qaba!" jedhee abboome. Gorsaan isaas ni barreesseef. Maal kan jedhu? "Yeroon kun ni darba!" Sirriidha! Yeroon kamuu ni darba. Kaleessi akkuma darbe har'is inuma durba. Boris dhufeema darba. Yeroon beelaa akkuma darbu yeroon quufaas ni darba. Hattuu qabeenya biyyaa saamtee fooricaa yaatuu irraa akkuma darbu, hiyyeessa jireenyi itti dukkanaa'eefis ni darba. Warra alkoolii liitirii tokko birrii miliyoonaan lakkaa'amuun dhugee machaa'ee iyyaa galu irraa akkuma darbu, warra rakkoo hamaa keessa galanii waan afaanitti dibatan dhabaniifis ni darba. Warra abbaa yeroo jedhaman irraa akka darbu, warra barri miiteefis ni darba! Eyyee, gaariis ta'u gadhee yeroon hin dabarre hin jiru! Kitaaba walaloo koo, "Itti Hin Himiinaa" jedhe keessaa walaloo gabaabduun isin afeera: #Ati_inni_sun As buutee achi hin bu'iin nan duroome jettee, Adda nuuf haa ba'uu eessaa akka hammaarratte! #Ati_inni_kun_immoo Boossee nun boossisiin nan rakkadhe jettee Kan dhihe in bari'aa hin bari'u seetee! Via: Ebisa Bayisa Join godhaa 👇👇👇 @OGUMMAA_A_U @OGUMMAA_A_U

Sambata Duraa borii sa’a 7:30 irraa eegallee galaa keenya qabannee Giddu Gala Aadaa Oromootti wal geenyee kitaaba eebbisiisnee lammiilee keenya rakkoo keessa jiran haa gargaarru. Hundi keenya galaa qabna! Ulfaadhaa!

Namoonno keenya Amuru, Jaardagaa Jaartee, Agamsa...irraa buqqa'anii magaalaa Shaambuu qubatanii jiran deggersa atattamaa barbaadu! Waan dandeenyuun haa birmannuuf!

#Irreecha_Nan_Deema!" (Eebbisaa Baayisaa) "Irreecha ni deemtaa?" "Eyyee! Nan deema!" "Ni irreeffattaa?" "Lakki! Hin irreeffadhu?" "Maaliif deemtaree?" "Achi hiiqee dhaabadhee Oromoo miliyoonaan walitti yaa'e ilaaluufan deema! Bara Minilikii eegalee saba duguuggaan irratti yaalamaa ture kan haala ajaa'ibsiisaan dhumuu oolee jiraate kana ilaaluuf! Saba hammuma ajjeesan dachaan baay'atee lafa dhaalaa deemu kana ilaaluuf! Saba hammuma gad qaban mataa ol qabatu, hammuma jibban dagaagu, hammuma dhiiban bal'atu kana ilaaluufan deema!" "Maaliif immoo hin irreeffattu?" "Maaliif?" jechuun gaariidha! Deebiin koo kunooti! Yeroo irreechi ga'u hunda waggaa waggaan gaaffiin ittiin wal falminu, "Irreechi amantiimoo aadaadha?" kan jedhudha. Jalqaba irratti, aadaa fi amantaan fuula lamaan saantima tokkoo akka ta'an hayyoonni soosholoojii haalaan beeku. Kun amantii qofa, sun immoo aadaa qofa jedhanii daangaa gidduu isaanii kaa'uun ni ulfaata. Gara irreechaatti gaafa deebinu immoo irreechi qaama amantaa waaqeffannaa ta'uun isaa beekamaadha. Maaliif? 1ffaa: Irreechi ayyaana galateeffannaadha. Bacaqii gannaa dabarsee birraa nuuf bariisisuu isaaf waaqa guraacha galateeffanna jedhama. 2ffaa: Galateeffataa fi galateeffatamaan jiraannaan hariiroon jira. Sun amantaadha jechuudha. Eenyutu galateeffata? Uummata amantaa sana hordofu. Eenyu galateeffatama? Waaqa gurraacha! Sababni ani hin irreeffanneef as jira egaa. Ani Oromoodha; Kiristaanas. Amantaan ani hordofu qajeeltoowwan mataa isaa qaba. Barsiisawwan (doctrines) inni qabu keessaa tokko waa'ee Waaqayyooti. Waaqni ani itti amanu Waaqa tokkicha eenyummaawwan adda addaa sadii qabudha. Waaqa Abbaa, Waaqa Ilmaa fi Waaqa Hafuura Qulqulluudha. As keessatti Waaqa Ilmaa kan jedhame Yesuus Kiristoos yoo ta'u, Gooftaan Yesuus karaa ittiin gara Waaqayyo Abbaa dhaqnu Isa tokkichadha. Yesuus Kiristoos waaqa irraa ergamee, bifa namaa uffatee dhalachuun dhiiga Isaa nuuf dhangalaasee bakka keenya du'uun jireenya nuuf kenne. "Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12)". Kanaafuu, karaan ittiin jireenya bara baraa argannu tokkichi Ilma Waaqayyoo Isa ta'e Yesuus Kiristoositti amanuudhaan qofa akka ta'en amana. Maaliifan amana? Dhugaa isaatu naaf gale. Amantaa Waaqeffannaa keessatti Waaqni Gurraachi ilma hin qabu. Jireenya bara baraa argachuufis kallattiin kaa'ame hin jiru. Maaliif? Amantaan waaqeffannaa hamma ani beekutti jireenya du'a boodaatti hin amanu. Jiraachuu seexanaa illee hin fudhatu. Gabaabaamatti, Waaqni gurraachi Waaqayyo Isa ani itti amanu irraa guutummaan guutuutti addadha. Ani immoo akka amantaan hordofuutti galateeffachuu fi waaqessuu kanan qabu Waaqan itti amanu, Isa tokkicha Ilma Isaa Yesuus Kiristoosiin dabarsee naaf kenne, Isa jireenya bara baraa naaf laate, isa du'a keessaa jireenyatti akkasumas dukkana limixii keessaa ifa isa ajaa'ibsiisaatti na ceesise qofadha. Isaan ala kan jiran waaqoliin hunduu waaq olii tolfamoo jedhamu. Akkan hin waaqeffannee fi hin galateeffanne amantaa kootu na dhorka. "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin!" (Bau 20:3). Kanaafuu, uummatan irraa dhaladhee fi baay'ee jaalladhu miliyoonaan walitti qabamee argee gammaduuf nan deema. Achi hiiqee dhaabadheen gammada! Sirna achitti ta'u kamittuu hin hirmaadhu. Lagas hin bu'u. Wantota achitti raawwataman otoo hin taane, sabicha barbaachan deema. Kanuma egaa. Kana qofa! Otuu haasofnuu, irreecha deemuuf qophooftanii? Haa deemnukaa! #deemsiittifufa

Maaliifan akkana du’a koo sodaadha; jireenya koo du’i du’a keen jiraadhaa!

Ani


#Sanyiin_Koo_Maali? Viishen Laakiy’aanii kitaaba ‘The Buddha and the Badass’ jedhu keessatti waa’ee mataa isaa waan tokko dubbata. Akka armaan gadiittan dhi’eessa. Ijoollummaa kootti yeroo boqonnaa koo Kaartumittin dabarsan ture. Kaartum magaalaa Sudaan Kaabaa, bakka itti Abbay Adii fi Gurraachi itti walitti dabalaman, magaalaa bareedduudha. Achitti mana akaakayyuu koon boqodha. Karra bakka bashannanaa mooraa isaanii keessa jiru irra muka loomii dulloomaa fi ija danuu hin godhanne tokkotu ture. Anii fi akaakayyuun koo muka loomii sana jala teenyee cheezii taphanna turre. Akaakaan koo barsiisaa jireenya koo ture; gorsawwan baay’ee barbaachisoo na gorsa. Gaaf tokko mukicha jala teenyee otoo cheezii taphachaa jirruu, loomii lafa bu’e tokko marga keessaa fuudhee bakka lamatti dhoose. Ija loomichaa tokko keessaa baasee harkatti qabate. Ija loomii sana natti agarsiisaa akkana naan jedhe, “Ilaa yaa ilma ilma koo! Kun ija loomiiti. Muka loomii siif kenna. Muka maangoos ta’e kan burtukaanii siif kennuu hin danda’u. Guddachuuf biyyoo mijataa, bishaan xiqqoo fi ifa aduu isa barbaachisa. Maalis ta’u maal dhuma irratti garuu kan inni siif kennuu danda’u muka loomii qofadha. “Akkuma argitu mukti kun dulloomaa jira; ni du’as. Akkuma koo jechuudha. Anis dulloomaan jira; gaaf tokko nan du’a. Waan ani jedhu hubachaa jirtaa? Dulloomaa gaafa deemtuu fi guyyaan kee yoo dhi’u gaaffii barbaachisaa tokko of gaafachuu qabda, ‘Sanyiin koo maali?’ “Sanyiin kee kan hortu waan horuu qabdu qofadha. Waan biraa hin hortu. Hin jeeqamiin; hin yaadda’iin; namoonni maal iyyuu yoo siin jedhan sun dhimma kee hin ta’iin. Waca isaanii hin dhaga’iin; miira kee qofa dhaggeeffadhu. “Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sanyiin koo maali?’ Kana yoo beekte, deebii isaa argatta. “Deebii kee qajeelummaa fi gaarummaan barbaadi; barbaadi yoos kaayyoo jireenya kee raawwachuu dandeessaa; ijas ni godhatta!” Seenaan kun waan tokko akkan xiinxalu na taasise. “Dhuguma iyyuu sanyiin koo maali? Ija maal jedhamun godhadha?” kan jedhu. Ibsa baay’ee itti kennuu hin fedhu. Namni barreeffama kana dubbisu kamuu gaaffii baay’ee barbaachisaa kana akka of gaafatun gaafadha. Eyyee, sanyiin kee maali? Galgala bareedaa qabaadhaa! #deemsiittifufa #ananamabiyyaoromoo

#Yoo_Waaqayyo_Jedhe! Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe. Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele! Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!" Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufani! #deemsiittifufa

Dilbata iftaanii Lidataa, Kakuu Maammeetti eebbifama. Aadde Yashiimmebeet ijoollee maatii hin qabne walitti qabanii guddisu. Hoolotaa fi Ambootti rakkatoota gargaaruun hojii guddaa hojjetaa jiru. Galiin kitaaba kana irraa argamus guutummaan isaa hojii tola ooltummaa kanaaf oola. Hundi keenya argamnee haa jajjabeessinu. Sa'a 8 tti eegala.