cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

GADAA MELBAA

Gadaa melbaa jalqabaa qabssoo oromoo fi Xummuraa qabssoo oromoo ta'uu akka qabuu waaqa oromoo uumetuu beeka. Yaada fi gaaffii yoo qabaattan, @Ababoku_bot quunnami.

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
1 932Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Kun jala muramee beekkamuu qaba! 1, Maqaa Shaneen Waraana hundeesse kan ummata Oromoofi sabaaf sablammii irratti duguuggaa Sanyii (Genocide) raawwachaa jiru erga Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa, Araarsaa Mardaasa ta'uun erga afaanuma miseensa isaanii irraa erga mirkanaa'eera ta'ee, 2, Abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan kan ajje*esise erga Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa fi Araarsaa Mardaasa erga ta'ee jara sadan kana aangoo irraa kaasuun Olaantummaa seera irratti nuu mirkaneessuu qabu MM Abiy Ahmed fi Humni nageenya Poolisii Federaalaa! Manni murtii Olaanaa Federaalaa Itoophiyaa Liidetaa Yakkamtoota sadan kana irratti ajaja Poolisii Federaalaaf akka dabarsu kabajaan gaafanna! Yoo kun godhame Olaantummaa seera ni hojjata jachuu dandeenya. Wanti amma afaan isaanii irraa dhageenyees dhuguma dhugaa ummataaf kan dubbatame jannee fudhachuu dandeenya. Yoo akkas hin taane dubbiin tapha siyaasaa Hoggantoota paartii Bilxiginnaa gidduutti godhamuuf karoorfame jadheen fudhadha ani gama kiyyaan! Fixadhe ilmaan aayyaa! Barreeffama kana Saffisaan Waliif qooduun nama social media fayyadamu hunda biraan gahaa!#Ernesto_Cheguavera👆👆 Jechoota jajjaboo Cheguavera. 1. Ati addunyaa jijjiiruu dandeessa. 2. Qabsoo cimaan jaalalaan geggeeffama. 3. Qabsoo keessatti waa lamatu jira. Yookaan du'uu, yookaan injifachuu. 4. Hojiin qabsa'aa innii jalqabaa, ofii kan barate ta'uudha.https://t.me/+83o0IaTBBkU2MzE0
Show all...
Gadaa melbaa group

Gadaa koo enyummaa koo

https://t.me/+83o0IaTBBkU2MzE0

Baankin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara bajataa 2021/2022tti bu'aa waliigalaa seenaasaa keessatti olaanaa ta'e Qar. biiliyoona 3.95 galmeessise. Hundeeffama irraa kaasee tajaajila baankiitin diinagdee hawaasaa utubuun guddina hawaasa- diinagdee dhugoomsuuf kan akeeke Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, bu'aa walligalaa gibira duraa; olaanaa ta'e Qar. Biiliyoona 3.95 bufachuufi qabeenyaasaa waliigalaa Qar: Biliyoona 114n gahuun bra bajataa 2021/22 milkiin xumuruu danda'eera. Bay'inn maamiltoota baankichaa miiliyoona 9 yoo qaqqabu, olkaawwannaa isaas Qar. Biiliyoona 96.77 geessisuu danda'ee jira. Gama sharafa alaatiin, Doolaarii Ameerikaa miliyoona 437.95 argachuu danda'es jira. Bay'inni dameelee isaa 593 yoo dhaqqaban, toorawwan hojii adda addaaf Iiqiin kennamee ala jiru Qar. biiliyoona 84.26 gahee jira. Haaluma kanaan, qabeenyi waliigalaa baankichaa Qar: biiliyoona 14.36 ga'ee jira. Kaappitaalli waliigalaa baankichaa Qar. biiliyoona 12.28,akkasumas kaappitaalli aksiyoonaa kaffalame Qar. biiliyoona 7.73 qaqqabuun firiin baankichaa bu'uura cimaa irra dhaabbachuu dandaeera. Baankichi bara bajataa xumurame kana keessattis, Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa kennuurratti argamu babalisuu danda'ee jira Tajaajilawwan baanki dijitaalaa karaa mobaayilaafi intarneeti kennaman babal'isuun milkaaina isaa mirkaneessee jira. @qeerrooqarre @qeerrooqarre
Show all...
Show all...
Gadaa melbaa group

Gadaa koo enyummaa koo

https://t.me/+83o0IaTBBkU2MzE0

Mucaan warra___________isaa dhaqee gale. Jechi bakka duwwaa galuu qabu kami?Anonymous voting
  • Sodaa
  • Soodda
  • Soddaa
  • Soodaa
0 votes
Ustaaz Kamaal Heboo wareegamuu isaa dubbi himaan Idil adunyaa ABO-WBO Odaa Torbii beeksise. GADAAMEELBAA:- Adoolessa 03/20222 ===================== Akka dubbi himaan Idil Adunyaa waraana Bilisummaa Oromoo ODaaa Taorbii jedhanitti “lola waxabajjii 10-13 /2022 godina Arsii Anaa Shirkaa keessatti geggeeffamerratti loltoota sirnaa waliin naannawa magaalaa Gobeessaatti otuu wal waraansarra jiranii wareegame” jedhan. Wayita wareegames “miseensa tokko waliin kan wareegame tahuu” himan. “Dubbiin Miseensa waraana isaanitu ajjeesu jedhu garaagarummaa Ummata keenya gidduutti uumu fi akka bara 2018 ti qoqqoodinsa dhalchuuf haasa’ama malee loltoota keenya keessa amalli akkasii hin jiru” jedhan. Maalif akka wareegamni Ustaaz Kamaal dafee akka hin ibsamne gaafa himan, “qabasaa’an yoo wareegamu akkasumaan Ummataaf hin himamu galmaayee taa’et guyyaa goototaa /Bilisuummaa fi haala mijataa eeggatee ummataaf ibsamee kabaja isaaf maluun yaadatama” jedhan. “Kanaan alatti olilli diinni oromoo gandaan,amantiin fi gartuudhan gargar qooduf kan diinaa ta’uu ummanni keenya hubachuu qaba kan jedhe dubbi himaan kun waraanni keenya amantii kiristaanaas,Phoenixes,Musliimas akkasuma waaqeffataas of keessaa qaba. Afuurri gidduu jaallaniitis afuura amantaa fi gandarraa bilisa tahe afuura obbolummaati”jedhan. Dhimma tokkummaa tikfachuu irratti yaada kaasaniin “sabni keenya tokkummaa abbootin keenya bara Minilikii fi Hayilasillaasee irraa kaasanii dhiigan tiksaa nuun gahan tikfachuu qaba. dhiigan dhufee as gahe waan taheef akkanumatti akka salphaatti diinni akka hin cabsine tokkummaa isaa eeggachuu qaba”jedhan. Gabaasni kun Yaada dubbi Himaan ABO-WBO idil Adunyaa Odaa Torbii Kello Media irratti kennan irraa kan fudhatameedha. https://t.me.qeerrooqarre
Show all...
Waamicha Birmannaa Maqaan mucaa suuraasaa armaan gaditti Haadha Wabii waliin argitan kun barataa Yeroosan Lammii Kafanaa jedhama. Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Hora Ayyeetuu jedhamu keessatti dhalatee guddate. Akka Gootichi keenya Artist Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa addunyaa irraa darbeen,gaafa sirna awwaalcha Haacaaluu sana rasaasa diinaatiin rukutame. Erga rukutamee booddee immoo,qaamni isaa fayyuu waan dideef,haga ammaattti;barnoota seeraan hordofee barachuu hin dandeenye. Barnoota barachuu qofa osoo hin taane;akka hiriyoota isaatti iddoo garaasaa oolee galuun itti ulfaate. Jiruuf jireenyisaa jalaa dukkanaa'e. Walumaagalatti dargaggeessi kun "ani humna dhabeera" jedhee dubbata. "Barachuu fi hojjechuu hin dandeenye.Maatii fi biyya koo irratti ba'aa guddaa ta'eera" jedhee ofitti gaddaa jira. "Barachuufis ta'ee,hojjechuuf namoonni tokko tokko na mucaa kana cinaa/bukkee dhaabachuu waan barbaachisa. Haamilee itti horuun dirqama sabummaati. Ergaa kana #share godhaa namoota gargaaruu danda’an qaqqabsiisaa. Waan humna keessaniin jajjabeessaa; cinaa dhaabadhaa! 1000361163684 Baankii Daldala Itiyoophiyaa. Yeroosan Lammii Kafanaa (Yerosan Yero) https://t.me/qeerrooqarre
Show all...
GADAA MELBAA

Gadaa melbaa jalqabaa qabssoo oromoo fi Xummuraa qabssoo oromoo ta'uu akka qabuu waaqa oromoo uumetuu beeka. Yaada fi gaaffii yoo qabaattan, @Ababoku_bot quunnami.

Yuunivarsiitiin Amboo barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 921 guyyaa boruu ni eebbisa. Eebbifamtoonni kaampaasii Haadhoo dabalatee, Kaampaasii Walisoo,Kaampaasii Haacaaluufi Kaampaasii Maammoo Mazamaritti barachaa turn aka ta'e Daarekterri Sab quunnamtii Yuniivarsiitichaa Dr Mangistuu Tulluu himaniiru. Barattoota eeebbifamuuf jedhan 3,921 keesaa 906 dubartoota aka ta'an himan. Barattoonni eebbaaf qophaa anis muummeewwan barnootaa garagaraan Digiri jalqabaa hang Digirii 3ffaatti barnoota isaanii hordofaa kan turaniidha. Kanneen keessaa barattoonni 3,044 digirii jalqabaan, 875 Digiri lammaffaan barnoota isaanii hordofaa kan turn yoo ta'u, barattoonni 2 ammo kanneen Digirii 3 ffaa eebbifamaniidha. Sagantaa eebba Barattootaa guyyaa boruu gaggeeffamu irratti barattoota eebbaaf qophaa an 448 barattoota Yuunivarsitiiwwan Naannoo Tigraay keessa jiran irraa sababa waraana tureen barnoota isaanii addaan kutanii turan simachuun barsiisaa ture aka ta'e Dr Mangistuun himaniiru Yuunivarsitiin Amboo yeroo ammaa Kaampaasiwwan isaa 4' tti waliigalaan barattoota kuma 30 ol barsisuu irratti aka argamu ragaan arganne ni mulisa Yuunivarsiitiin Amboo bara 1939 ka hundeeffame yoo ta'u, bar 2002'tti gara Yuunivarsititti guddate. ⚡️⚡️ @qeerrooqarre ⚡️⚡️ ⚡️⚡️ @qeerrooqarre
Show all...