en
Feedback
Amena Teferi

Amena Teferi

Open in Telegram

Sodaa lubbuu kiyyaaf jedhee haqan dabsu!

Show more
1 289
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
||Waloo Amena Fakkiifi Suuraa Orijinaalii Walbiratti!🥰 ✏️ Ilaalaa yaada kennaa! 🙏 ||Bifa kanaan Frame isaa waliin namootni
+1
||Waloo Amena Fakkiifi Suuraa Orijinaalii Walbiratti!🥰 ✏️ Ilaalaa yaada kennaa! 🙏 ||Bifa kanaan Frame isaa waliin namootni fakkii barbaaddan! 👇 0939966994 Firans Getachew Channel👉 @Fgart11

Jaalala kiyya beektaa Kan onneeko na jiruu Haalaaf yeroo ilaaltee Narran fagaatin tiruu ~ Halkanis taanan bariin Waanin jirre dubbataa Jaalalaan nan darariin Siinis bor ni mudataa ~ Qabbanaf si abdanaan Gubde na bobeessitaa Jaalala koo qulqulluu Maalumaf booressitaa ~ Mudaa kiyya kafanii Kanin sitti himadhuu Onneeke anaaf banii Jaalalan na simadhuu! ~ @AmenaTeferi ✍️

Na jaallatta sin jaalladha Hunduu beekaa Fuulla kan kee ilaaleetan Kolfuun seeqaa ~ Natti himadhu siifan guutaa Wanta feetuu Jiruu kiyyaaf bar dawaadha Simboo keetu ~ Miidhagni sitti hin hafnee Kanaaf boontaa Abaaboo koo foolii gaarii Naaf arjoomtaa ~ Si jaallata onneen kan koo Siif of laatee Ammoo garuu si amanuun Natti ulfaatee....! ~ @AmenaTeferi ✍️🙏 ~

Ifaa dafe dhaamee! Ati Oromiyaaf ifaa, Ifaa dhaamuu hin qamne! Nama waaqni oromoodhaf bifa ‘Saboonummaan’ uume! Gurbiicha isa
Ifaa dafe dhaamee! Ati Oromiyaaf ifaa, Ifaa dhaamuu hin qamne! Nama waaqni oromoodhaf bifa ‘Saboonummaan’ uume! Gurbiicha isaa, ayyaantuuman ibsamu hin danda'amne warqii caalaa ifee irra mul'atu. Mucaa isaa abdii oromoof oromiyaa. Warraa si galaafatetu sibarree malee ati dungoo halkan walkaa ifuudha. Dungoon yeroo ifuu ofi ‘bakaa’ dhalootaf ifaa lata. Warrii si galfate dungoo ofi 'bakaa’ dhalootaf ifuu dhamsan. Garuu ati akka gootaatti waan itti amanteef, waan jaallatteef lubbuu kee kenniteetta. Ani ammoo Obboleessan fuulduratti waliin jiraachuu hawwu dhabeera. #Felmeta_Teferi✍️....

Tulluu qaxxaamuree Laga addaan hiraa Yaaddoo nutti furee Daandii diinaa ciraa Haqako naaf eeguun Shiraaf daba diigaa Dadhabu suksukuun Yoo danda'e fiigaa ~ Fagaatus karaan koo Didee warra cubbuu Haa ga'u Nagaan koo Akkam jirta lubbuu...?

Follow the Amena Teferi channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Va9P4K5DuMRZbhLaxR3L

Fala koo natti himaa! ~ Na mararsiifachuun Jettee wanta dhibbaa Ishee na jaallattuu An argaasheen jibbaa ~ Haqa yoon itti himes Tasa dhugaan seetuu Isheen jaalladhemmo Argaa koo hin feetuu ~ Onneetu nan taphata Akka mucaa daa'imaa Ogeessotni jaalalaa Fala koo natti himaa...! ~ @AmenaTeferi ✍️ ~

Rakkoon na darartee Kanin dafqa cobsuu Baayyee na marartee Onneenko sin obsuu ~ Karaa fagoo imalee Obsee kanin labuu Sin jaalladhe malee Dantaa biraan qabuu ~ Garaa kiyya raasee Maaltu na naasisaa Gatii kamuu baasee Kan koon si taasisaa ~ Gufuu hundeen ciraa Dhiitee karra cubbuu Mirgaan dhufaan jiraa Abdiin kutiin lubbuu..!

Hanqina koo lakkaa'ee Balbala diinaaf banaa Bara darbes nan boo'aa Baranas akka kanaa ~ Madaa qaama kootii Garaa keessa dhoksee Waraansa akka malee Danda'uudhaan obsee ~ Godaannisan qoorree Sossobuudhan yaalaa Bara baayyeen boo'ee Kolfeen immoo ilaalaa ~ @AmenaTeferi✍️

Bakka fedhiiko ga'uuf Halkaniif guyyaa labaa Akkan kolfee qasa'uuf Sababa danuun qabaa ~ Gurri koo nii dhaga'aa Sagalee adda baasaa Afaan koo nii haasa'aa Miilli lafaa na kaasaa ~ Qaroon kan koo argitee Waan kamiifu ragaadha Harkis rakkoo darbitee Qalbiin kiyyas nagaadha ~ Wanta hundaarra caalaa Kanin kokkolfuuf biyyaa Sababni gammachuuko Rabbiin qabaachu kiyyaa! ~ @AmenaTeferi ✍️ ~

Xumure gaafan jedhuu Ammas na didee kufaa Jireenyatu na dheessee Yaaddoon natti gulufaa ~ Gidiraa keessa bahuuf Gad taa'ee faloo falee Furmaata innin jedhee Rakkoo natti dabalee.. ~ Garuu natti marmaaruun Kan rakkoon na garafuu Borii kootu guddaadhaa Gadi jechaa hin hafuu.....! ~ @AmenaTeferi ✍️ ~

Innichin beela baasee Akka rakkon hin miinee Afaanni kee kaleessaa Har'a maaf na ciniinee.. ~ Jabaadhun jedhe malee Gaafa ati kuftee cabdee Akka waanan gammadee Har'a maaf na adabdee ~ Sitti himuu nan gaafatuu Oolmaa koo atuu beektaa Gaarumma kiyya dhiiftee Baduu koo maalif eegdaa ~ Na dhageessaa inaaftuu Hanga dandeesse morii Aduun kun dhiiten haftuu Gaabbuudhaf jirta boriii.....! ~ @AmenaTeferi ✍️ ~

Inni ormaa naan iluu Firri kiyyas na nyaataa Ka'ee nama baqadhee Qofaa jiraadhu laataa.. ~ Garaanko nan obsituu Ergan xumuree
Inni ormaa naan iluu Firri kiyyas na nyaataa Ka'ee nama baqadhee Qofaa jiraadhu laataa.. ~ Garaanko nan obsituu Ergan xumuree yaalii Maaluma na gorsituu Furmaatni kiyya maalii ~ Hunduu jireenya koo Qorquuf na falfalaa Beenyaa caba kootii Eenyuu naa kaffalaa! ~ Jedhee gaddaa turuun Qalbii yoon banadhuu Rabbii jabaan qabaa Abbaan amanadhuu..!👏 ~ @AmenaTeferi✍️ ~

Gatii kamuu kaffalee Rakkina hunda obsee Har'as akkuma kalee Qalama kiyya cobsee ~ Kamiifu garaan hiruu Haqarraa of adabaa Dh
Gatii kamuu kaffalee Rakkina hunda obsee Har'as akkuma kalee Qalama kiyya cobsee ~ Kamiifu garaan hiruu Haqarraa of adabaa Dhalootaf galaa jiruu Walaloo nan katabaa..!

Kennaa maaltu didaa Jirra hunda baachaa!!
Kennaa maaltu didaa Jirra hunda baachaa!!

Hongeen na dararee Yoo burqaako cufee Na dhiiftee darbitaa Yoon Beela'ee kufee.. Rakkoo irraaf jalaa Dandamatte baataa Beelak
Hongeen na dararee Yoo burqaako cufee Na dhiiftee darbitaa Yoon Beela'ee kufee.. Rakkoo irraaf jalaa Dandamatte baataa Beelako hubachuun Tarii sitti ulfaataa..... dhaggeffachu diddee oduu alaaf keessaa Wabii gaafa dhippuu Naaf ta'u dandeessa...?

Haalaaf yeroo ilaaltee Tasan kutatiin abdii Yeroon kun of keessaa Wanta baayyee qabdii ~ Abdii kan kee kuttee Maaf boollarra
Haalaaf yeroo ilaaltee Tasan kutatiin abdii Yeroon kun of keessaa Wanta baayyee qabdii ~ Abdii kan kee kuttee Maaf boollarra teessaa Murannoo qabaannaan Eessayyuu ni geessaa ~ Nama abdatte irraa Har'a dhabdus bu'aa Bor si darbuuf jiraa Maaloon hawwiin du'aa!!! ~       @AmenaTeferi✍️✍️ ~

Gama TikTokiitin hordoftoota kuma dhibba tokko (100K) seenee waan jiruuf ammas LIKE, SHARE, FOLLOW, gochuun akka na jajjabeessitan abdiin qaba naaf Jiraadha 🥰🙏       🔥🔥🔥🔥🔥🔥 https://vm.tiktok.com/ZMYL34p5F/

Gama TikTokiitin hordoftoota kuma dhibba tokko (100K) seenee waanin jiruuf ammas #like #share #follow gochuun akka na jajjabeessitan abdiin qaba naaf Jiraadha 🥰🙏 🔥🔥🔥🔥🔥🔥 https://vm.tiktok.com/ZMYL34p5F/