cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

❤️Islam is light of life❤️(sar)

Channel kana irraa waanta Haraawa salphatii argachuu dandessa 👉 Quran & Hadith 👉Baruumsa islamaa 👉Gorsaa 👉 Nashidalee garaagara 👉 Video islamaa ♡Join ♡ 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/SaraJamal1234

Show more
Finland2 084The language is not specifiedReligion & Spirituality81 643
Advertising posts
353Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-1430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from KENNAA
G A L A T A ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤ Kuftus kaatus jiruudha Adeemsa kee jabeessi Yeroon kun siif kennaadha Fayyadamii geggeessi! Humnaa fi dandeettii miti Kan jiruun har'a geesse Heyyama Rabbii taanaan Jiraattee amma geesse!!! Jiruun harka isaa jira Fedha isaatiin jiraatta "Galatoomi " yoo jette Boruu fi iftaan agarta!!! Yaa Allaah galata kee Situ har'aan na ga'ee Bu'aa fi bahiin baay'atus An siinan nama ta'e!!! #Alhamdulillaah 💞💞💞 ♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡ ✍ AbdAbdul-Aziiz Ahmeddiin Facebook keenya follow godhaa!!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdulazizAhmediin
Show all...
Repost from KENNAA
📌 شروط الصلاة تسعة وهي :- 1_الإسلام 2_والعقل 3_والتمييز 4_ورفع الحدث 5_و إزالة النجاسة 6_وستر العورة 7_ودخول الوقت 8_واستقبال القبلة 9_والنية . 📌 Sharxiwwan salaataa  sagal (9) 📍Sharxii salaataa jechuun waan utuu salaatatti hin seenin dura argamuun isaa barbaadamu/waan salaanni isaan male nagaa ta'ee hin argamneedha. 1 - Islaama ta'uu 2 - Aqlii guutuu qabaachuu/maraatuu ta'uu dhabuu 3 - Ajaa fii gaarii adda baafachuu/sabiyyii ammallee kana adda hin baafatin ita'uu dhabuu 4 - Hadasa kaasuu =  hadasa guddaa(janaabaa), hadasa xiqqaa(wodoo) ta'us 5 - Najasaa qaama, uffataa fii bootaa itti salaatanurraa deemsisuu 6 - Qaama satarachuu/dhokfachuu 7 - Yeroon salaataa seenuu 8 - Qiblaatti garagaluu 9 - Qalbiidhaan niyyachuu 📌 أركان الصلاة أربعة عشر وهي :- 1-القيام مع القدرة 2_وتكبيرة الإحرام 3_وقراءة الفاتحة 4_والركوع 5_والاعتدال بعد الركوع 6_والسجود على  الأعضاء السبعة 7 _والرفع منه 8_والجلسة بين السجدتين 9_والطمأنينة في جميع الأفعال 10_ والترتيب بين الأركان 11_والتشهد الأخير 12_ والجلوس له 13_والصلاة على  النبي صل الله عليه وسلم 14_ والتسليمتان . 📌 Rukniwwan salaataa kudha afur  (14) 📍Arkaana salaataa jechuun salaatatti seenuurraa eegalee hamma xumura salaataatti waan hojjetamu/waan salaanni irraa wolitti qabamuudha. 1 - Namni dhaabbatee salaatuu irratti dandeettii qabu dhaabbatee salaatuu 2 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii isa ittiin salaatatti seenanu 3 - Raka'aa hunda keessattuu Faatihaa/Alhamduu qara'uu 4 - Rukuu'ii bu'uu/jilba qabachuu 5 - Booda rukuu'ii/jilba qabannaatii sirraa'anii dhaabbachuu  6 - Billiitii torban irratti sujuudii bu'uu,  billiitiin torban kun :- harka/ganaa harkaa lamaan, jilba lamaan, quba miilaa lamaanii fii adda. 7 - Sujuudiirra ol jechuu 8 - Jidduu sujuuda lamaaniitti ta'uu 9 - Hojii hunda keessatti tasgabbaa'uu 10 - Jidduu rukniwwanii taraatti galchuu(wol- dabarsuu dhiisuu) 11 - Tashahhudii/taa'icha isa dhumaa 12 - Tashahhudii sanaaf taa'uu 13 - Nabiyyii Rabbiirratti sallallaahu alayhi wasallam sallii/rahmata buusuu 14 - Salaamataa lamaan bahuu 📌 واجبات الصلاة ثمانية وهي :- 1_جميع التكبيرات غير تكبيرة الأحرام 2_وقول: سمع الله لمن حمده للامام والمنفرد 3_وقول :ربنا ولك الحمد للكل 4- وقول: سبحان ربي العظيم في الركوع 5- وقول: سبحان ربي الأعلى  في السجود 6_وقول : ربي اغفر لي، بين السجدتين 7_والتشهد الأول 8_والجلوس له                        📌 Waajibaatni salaataa saddeet  (8) 📍Waajibaata salaataa jechuun :- waan namni salaatu waan sana yoo beekaa dhiise salaanni isaa jalaa badu, yoommoo irraanfiidhaan dhiise kan sujuudiin sahwii/erraanfii isaaf fayyisuudha. 1 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii hunda, takbiiraan ittiin salaatatti seenanu utuu hafuu 2 - Imaamnii fii namni kophaa salaatu yeroo rukuu'iirraa ol ka'u sami'allaahu liman hamidah jechuu 3 - Namni hunduu Rabbanaa wa lakal hamdu jechuu 4 - Rukuu'ii keessatti subhaana Rabbiyal Aziim jechuu 5 - Sujuudii keessatti subhaana Rabbiyal A'alaa jechuu 6 - Jidduu sujuuda lamaaniitti Rabbigfirlii jechuu 7 - Tashahhudii/taa'icha isa jalqabaa 8 - Tashahhudii sanaaf taa'uu 📌 مبطلات الصلاة ثمانية وهي :- 1- الكلام العمد مع الذكر والعلم أما الناسي والجاهل فلا تبطل صلاته بذلك. 2- الضحك 3- الاكل 4- الشرب 5- انكشاف العورة 6- الانحراف الكثير عن جهة القبلة . 7- العبث الكثير المتوالي في الصلاة. 8- انتقاض الطهارة. 📌 Mubxilaatni/wonti salaata balleessu saddeet (8), isaanis :- 1 - Beekaa dubbachuu/dubbachuu ofii beekaatuma, yaadataatuma dubbachuu Namni erranfiidhaan ykn wollaalumaan dubbate salaanni isaa hin badu 2 - Kolfuu 3 - Nyaachuu 4 - Dhuguu 5 - Qaamni namaa qullaa ta'uu 6 - Qiblaarraa guddisanii dabuu 7 - Sochii wolitti aanaa ta'e hedduu faayidaa salaataarraa kan hin taane salaata keessatti sosocho'uu 8 - Woduun namaa diigamuu 📚 من رسالة الدروس المهمة لعامة الامة لسماحة الشيخ عبدالعزيز بن باز رحمه الله 📚 Kitaaba Adduruusul Muhimmah Li Aammatil Ummah jedhamu irraa fuudhame. kan Shaykh Abdil'aziiz bin Baaz Rabbi isaan haa mararfatu. //t.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
Ergan of-baree kaasee Duriitii hamma ammaa Dhaloonni kun kanuma Waa'ee rakkoo guunguma! Rakkoo isaan qoradhe Gola seenaa naanna'ee Dhibee isaan hubadhe #Imimmaan duukaa bu'e Dhibeetu irra tuulame Fala-dhabe sabni koo Siyaasaan sakalameen Ciisa dhabe qaamni koo Bariidhaan boo'uu ta'e Qooruu dide ijji koo😭😭 Siinan waama ilmi kee Naa birmadhu yaa hayyuu Hirmaannaa keetiin malee Dhibeen keessa koo hin fayyu Hayyuun carraa argateen Waa'ee sabaa dubbataa Dhibee saba isaa furuuf Halkan-guyyaa hojjetaa Gowwaan waggaa-waggatti Quba nyaataa jiraata😎😎!! #Wahiifan jedhe#Magan ✍@AbdiiBiyyaa @Kennaapost @Kennaapost
Show all...
Repost from KENNAA
KHAATIMAA TOLUU JECHUUN MAALI !? Husnal-Khaatimaa(booddee toluu) jechuun maali? Booddeen namaa akkamitti tolti? Sheekh Ibn Useymiin (Rabbi haa araaramuuf) dhimma kanarratti waan barreyse qaba. Kunooti.. “ Husnal-Khaatimaa jechuutti wanni fedhame, namni tokko Masjida keessatti, Sijaadaa irratti osoo Salaatuu ykn osoo Qur’aana harkaa qabuu du’uu jechuu miti. Irra caalaan uumama hundaa Nabi Muhammadﷺ Firaasha isaarra osoo ciisuu addunyaarraa godaane. Akkasuma Abuubakr As-Siddiiq Firaasha isaarra osoo ciisuu adunyaarraa gale. Abuu Bakri irra caalaa Sahaabaa, caalaa ummata Muhammadi. Khaalid Ibn Waliidis kan ‘SeyfuLlaahil-masluul (habalee Rabbii luqqaafamte)’ ja’amee moggaafame, kan lola 100 ol irratti hirmaatee seenaa Islaamaa keessatti injifannoo gurguddoo galmeessees Firaasha isaarra osoo ciisuu lubbuun baate. Husnal-Khaatimaa jechuun ati Muslima taatee, Shirkii irraa qulqulloytee du’uudha. Munaa**fiqa taatee hin du’in. Husnal-Khaatimaan ati Nifaaqa ykn osoo hin amanin Muslima fakkaatee du’urraa fagaatuudha. Bid’aa/waan Qur’aanaafi Sunnaan si hin gorsine irraahis fagaadhu. Husnal-Khaatimaan Bid’aa-rraa qulqulloytee du’uudha. Husnal-Khaatimaa jechuun osoo Qur’aanaafi Sunnaa sirritti hordoftuu addunyaarraa godaanuu jechuudha. Husnal-Khaatimaa jechuun dirqama Rabbiin sirra kaaye fudhattee raawwattee, dhiiga Muslimaa dhangalaasuurraa fagaattee, haqa namaa nyaatuu lagattee, kabaja namaa eydee addunyaarraa galuudha. Qalbiin tee akka Rabbi beytu, akka Rabbi abdattu godhi. Gaarii malee, hamtuun akka Rabbi biraa si qunnamtu hin yaadin. Muslimatti haalaafi amala toli, Muslimaaf hamtuu garatti ba’attee cabaafi kufnana hin farrisin. Harkaafi arraba keetirraa osoo Muslimni nagaya qabuu du’i. Kanaatu Husnal-Khaatimaa ja’ama. Husnal-Khaatimaa jechuun yeroon osoo Shanan Salaattuu, osoo Salaata qabduu addunyaarraa galuudha.” Yaa Rabbi waa hunda keessatti booddee teenya bareechi, haala gaarii nuuf kanni, gama kee nu deebifadhu. Yaa Rabbi addunyaarratti xiqqaachuufi Aakhirattiis adabamuurraa nu oolchi. @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
KAROORA GUYYAA ARAFAA !! #guyyaan Arafa guyyaa mana itti qulqulleysan, guyyaa magaala itti deeman fi guyyaa hirribaati fi raahati miti! #Inni guyyaa Rabbiin kabaje fi guyyaa Rabbiin guddise. #guyyaa Rabbiin ibidarraa itti nama bilosomsudha, guyyaa ibaadati. irra caaltun du'aa'iitis du'aa'ii guyyaa arafaati! #Guyyaan Arafaa guyyaa Rabbiin warra Arafaatin malaaykaa isaatti dhaadatudha! #yoo halkan leylatul qadrii wallaalama tahe guyyaan arafaa beekkamadha! Yoo halkan leeylatul qadrii maleykaan gad buute, guyyaa Arafaa Rabbiitu akka isaan malutti samii duniyarratti gad bu"a.!! #guyyaa guddaa kana keessatti karoora kanaan deemi... 1. halkan Arraa galgalaan rafi, akka Ibaadaa Rabbiirratti jabaattuuf. 2. Salaanni subhii osoon gahin Lafaa ka'ii raka'aa 2 ykn 4 salaati. 3. Sujuuda keessatti fi Salaata booda Ija imimmaaniitiin haajaa duniyaa fi Aakhiraa hunda Rabbii kee kadhadhu. 4. salaata subhiitin duratti yeroo hanga takka "istigfaara" godhi, akka Rabbiin warra istigfaara godhu keessatti si katabuuf... 5. sunnaa salaata subhii hin dagatin. 6. erga subhii salaattee bakkuma itti salaatte taa'ii Rabbii kee kadhadhu, hanga aduun bahuf dhihaatutti qur'aanas qara'i (azkaara ganamaatis hin irraanfatin). 7. erga aduun baatee xiqqo turree booda raka"a 2 salaati, akka sawaabni hajji fi umraa nama Rasuula wajjin godhetti siif katabamuuf. 8. Ati amma filannaa lama qabda... A. Yoo guyyaa guutuu rafuu dhabuu dandeesse jabaadhuu keyrii dalagi... secondiin tokkallen Atii zikrii fi qur'aana jiruu malee sirra hin dabrin... B. ykn sa'aa takka rafi akka ibaadarratti jabaattuuf... 9. erga hirriibaa kaate wadda'adhuu raka'aa Afur salaata duhaa salaati.. Ibaada gosa adda addaa godhi, akka hin hifanneef... Ammo jecha "laa ilaaha illa laahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhuu heddumeessi. 10. .salaata zuhrii salaati. sunnaa "rawaatibaa 12n guyyaa kanaa hin irraanfatin " san booda qur"aana irratti jajjabaadhu. 11. salaata Asrii yeroo isaa irratti salaati, zikrii galgalaatis hin irraanfatin. 12. hanga magriibni seenuuf sa'aan tokko hafutti Qur'aanaa fi zikritti jabaadhu. Hoggaa magriibaaf sa'aan tokko qofti hafe du'aaii eegali, qalbii Rabbi sodaattuun, Qalbii Rahmata Rabbii Abdattuun keyrii Duniyaa fi Akhiraa hunda Rabbi kadhadhu, du'aa'ii keessatti obboleyyan kee kan islaamaatis hin irraanfatin. 13. osoo Rabbin ibiddarraa si hin bilisomsin Aduun Arafaa Akka hin seenne Ammaa Amma Rabbitti himadhu. جعلني الله وإياكم من عتقاءه من النار ومن المقبولين. Anaa fi isnis warra Guyyaa kana keessa milkaawurraa Rabbiin nu haa godhu ✍ Sharif Abdumalik @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Show all...
du'aa'ii nama ajaaibaa nama Abuu bakir siddiiq fakkaatu muslima itiyoophiyaatif kadhatan Aaaamiiin 🤲

Repost from KENNAA
Ibsa ejjannoo abbaa qabxii 11gumii dhimmoota Islaamummaa Fedeeralaa irraa. 🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵 Nuti miseensonni yaa'ii waliigalaa, mana maree ulamaa'ii fi miseensonni mana maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoolee Caamsaa 19/2015 mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatiin waamamnee dhimmoota waaktawaa ummata Muslimaa irratti marii gooneen ibsa ejjannoo kanaa gadii baafneerra. 1. Adeemsa diiggaa masjiida magaalaa Shaggaritti taasifamaa jiru ilaalchisee  guyyaa kaleessaa muslimoota magaalaa Finfinnee naannawaa masjiida Anwaariifi Nuuritti diiggaa masjiida kana balaaleeffatan irratti haleellaa raawwatameen muslimoota qulqulluu lubbuub darbaniif Allahaan shahiidummaan (wareegamummaadhaan) akka isaan simatu, maatii, firaafi aantee isaaniitiif Rabbi jajjabina akka kennu gaafanna. Kanneen miidhaan irra ga’es Rabbi akka dafee fayyisu kadhanna. 2. Gareen walabaa taatee kaleessa magaalaa Finfinnee masjiida Anwaariifi Nuuritti mudate akkamiin akka mudateefi sababa ka'umsa du'aafi miidhaa qaqqabee bakka mootummaafi mmani maree islaamummaa jirutti qoratu akka iijaaramu gaafanna. 3. Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti diiggaan masjiidaa jumlaadhaan bifa Islaamaafi muslima tuffateen gaggeeffamaa jiru hariitiin akka dhaabbatu, akkasumas lafa bakka masjiidota diigamanii bu'u mootummaan naannichaa kennuun hariitiin dafanii akka ijaaraman gochuun hawaasa Muslimaas dhiifama gaafachuun akka kiisu hubachiifna. 4. Mootummaan naannoo Oromiyaattis ta'u naannolee biroo biyya keenyaatti bakkoota amantiitiif kabajniifi eegumsi malu akka kennamu ykn godhamu,  akkasumas masjiidota kaartaa dhowwachuufi ta’e jedhanii rakkoolee birokraasii baay'isuun kanneen hawaasa hiraarsaniif mootummaan xiyyeeffannaa malu kennuun rakkina kana akka furu ni hubachiifna. 5. Bilisummaa amantaa heera mootummaatiin beekamtiin kennameef faallessuun kutaalee biyyattii garaa garaatti keessumaa godina Guraagee Gunchireetti gochi barattoota muslimaa addatti barnoota irraa hari'uu hatattamaan fala akka argatu. Rakkoowwan walfakkaatoon bu'uura irraa furuuf mootummaan akka heera  rakkoowwan jibba islaamaatiin muslimoota irra ga'u haambisuufi qaamolee sarbama mirga amantaa raawwatan adabu  akka.baasu gaafanna. 6. Ummanni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin mirgoota amantii  kabachiisuuf taasifamu karaa seera qabeessaafi nagaa ta'een qofa akka ta'u waamicha goona. 7. Kabaja amantaa inumaayyuu ammoo mana Rabbii kan ta'e masjiida salphisuun waan baay'ee keessa namaa hubuu inumaa miira keessa nama galchu ta'uu qaamoleen nageenyaa hubachuun hawaasatti dhukaasuu irraa akka of qusatan hubachiifna. 8. Hawaasni Muslimaa gaaffii mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa majlisa cinaa dhaabbachuun qabsoo seera qabeessa gaggeessu shira qaamolee dhimma isaaniitiif ityi fayyadamaniifi akka madda babal'ina rakkootti itti fayyadamanii irra akka of eeggatu waamicha taasifna. 9. Gaaffii mirgaa hawaasa muslimaa kan kabachiifnu tokkummaafi waldhaga'uun waan ta'eef hawaasni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif masjlisa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona. 10. Mootummaan qaamolee jibba Islaamaa qabaniifi caasalee mootummaa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee mootummaafi ummata walitti busuufi biyya keenya gaaga'ama badaa keessa galchuuf hojjataa jiran sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu  waamicha goona. 11. Adeemsa marii biyya keenyaa keessatti hawaasa muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee hawaasa muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun biyya lammiilee Itiyoophiyaa hunda walqixxummaafi haqqummaan keessummessitu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti  gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona. Caamsaa 19/2015 Finfinnee. @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

𝐖𝐚𝐚 🌺🌺 𝐚𝐟𝐮𝐫 🌺🌺 𝐫𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐬𝐮.👍👍 1. 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐲𝐫𝐢𝐢 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 2. 𝐇𝐚𝐫𝐚𝐚𝐦 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 3. 𝐃𝐢𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐰𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 4. 𝐈𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮...
Show all...
𝐀𝐚𝐦𝐢𝐢𝐢𝐢𝐧
Aaaamiiiiiiiiiiin
Allaahumma Aaaamiiiiiiiiiiin
Aaaamiiiiiiiiiiin jedhaa👇👇
🤲🤲🤲🤲
🌾SADAQAAN MALLAQA QOFAA MITI 📈Obboleessa kee fuula Ifaan dubbisuun sadaqaadha 📈Jecha gaari dubbachuun sadaqaadha 📈Nyaata nama nyaachisuun sadaqaadha 📈Nama muslimaa booda Isaatii du'aa'iidhan yaadachuun sadaqaadha 📈Zikriilee Adda Addaa jechuun sadaqaadha 📈Keeyritti nama ajajuun sadaqaadha 📈Sherrirraa nama dhorkuun sadaqaadha 📈Dhadhabaa gargaaruun sadaqaadha 📈Haadhaf Abbaa ofitti tola Ooluun sadaqaadha 📈Dhugaa dubbachuu sadaqaadha ✍Waa'ee sadaqaa dubbadhee hin fixuu nama waan kan hundatti hojjatu rabbiin nu haa godhu
Show all...
👍
❤️
👌
Shear
Forward
JOIN
With the third odd night, O Allah, do not close the month of Ramadan unless you have erased our sins, accepted our repentance, relieved our worries, corrected our conditions, strengthened our faith, made us happy in our lives, and made us free from the fire, Lord of the worlds. Halkan odd sadaffaan yaa Rabbi cubbuu keenya haqxee, towba keenya fudhattee, yaaddoo keenya sirreessee, haala keenya sirreessitee, iimaana keenya cimsitee, jireenya keenya keessatti nu gammachiifte, ibidda irraa worra bilisoomsite nu goote malee ji’a Ramadaanaa hin cufin Yaa Gooftaa addunyaalee. مع الليلة الوترية الثالث اللهم لا تطوي شهر رمضان إلا وقد محوت ذنوبنا وقبلت توبتنا وفرجت همومنا وأصلحت أحوالنا وقويت إيماننا وأسعدتنا في حياتنا وكتبتنا من العتقاء من النار يارب العالمين
Show all...
Aamiin
Allaaahumma
Aaaaamiiiiiiin 🤲🤲