Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu
Namni tokko #Muslima jedhamuuf fedhii isaa hunda dhiisee Rabbii isa uume tokkichaaf jiraachuun dirqama. Kun immoo qajeelfama Allaah n karaa ergamaa isaa Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam)iin nuuf kenne hordofuu qofaani. Kanaan alatti hamma feete uffataan, bifaan, muslima fakkaattus gonkumaa fudhatama hin qabu. Maaliif imaama masjidaa taatee umrii tee guutuu hin salaachifne!!.
Islaamummaan #Siyaasa namni tokko akka isatti fakkaateen xiimxalee lafa kaa'u , Kan hammuma umriin bilchaatuu fi dulloomu jijjiiru miti. Qajeelfama dhaabbataa dhalootaa hamma du'aatti ittiin jiraatanidha. Qajeelfamni Kunis bu'urri isaa wantoota sadan kanaa gadii qofaadha!!!.
1, Qur’aana kabajamaa!!
Qajeelfamni jireenyaa guutuun Qur’aana keessatti argama. Namni ani Muslima ofiin jedhu kamiyyuu qajeelfama kana hunda isaa itti amanee fudhachuun dirqama, namni kana keessaa tokko morme #kaafira.
2, Haadisa
Hadiisa jechuun haala sadiin ilaalama. 1, Dhaamsa ergamaan Allaah Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) afaaniin(jechaan) dubbatan( waan tokkotti ajajuu fi irraa dhoorkuu). 2, Gosoota ibaadaa keessatti waan isaan (Sallallaahu Aleyhi wasallam) gochaan agarsiisan. 3, Waan yeroo isaan lubbuun jiranitti sohaabotaan hojjetamee isaan callisan(Kan irraa hin dhoorgin ) jechuudha!!
Gosoonni hadiisaa kunniin marti Kan ulamootaan sadarkaan isaanii #Sahiiha ykn Hasan(gaarii) tahuun isaa mirkanaa'e ta'uu qaba. Kanaan alatti hasaan kamiyyuu hadiisa jedhamee yoo dhiyaate fudhatama hin qabu.
3, Jumhura Ulamaa. Kun immoo #Fatwaa ulamoonni gurguddoon muslimaa ta'ii jireenyaa keessatti kallattii shari'aa hin faalleessine kennanidha.
Obboloota koo
Wanti kanaan ala dhufe, Kan seerota sadan kana faalleesse ibaadaan kamiyyuu , ibaadaafis ta'u jireenyaaf jettee raawwattus jallina, bid'aadha.
Amma garuu, Rabbii nu uumee qajeelfama kana fakkaatu nuuf erge caalaa nama akka keenyaa hordofuutu mul'ata, ergamaa Allaahaa, Kan yeroo mara jaalala isaa himannu caalaa, qajeelfama shek_ebalu nuuf kaa'antu fudhatama argate. #Sunnaalee _Sawaabni isaanii hadiisa sahiihaan sabate caalaa #Bid'aa eessaa dhufteen hin beekamnetu ibaadaa nuuf ta'e. Akkamiinan islaamummaan jiraadhee boru gaafii #qabrii najaa bahaa caalaa, akkamiinan ilaalcha koo masjida irratti muldhifadhaatu kaayyoo keenya ta'e.
Akkamittan sunnaa lafa qabsiisee #kaafiraafiyyuu da'awaa godhaa caalaa, akkamittan obboleessa muslimaa koo dallansiisee masjidaa baasaatu kaayyoo nuuf ta'e. Kan kolfaa taane!! . Roobii bahara keessaa baatee fiixensa arraabdu taane.
Ani imaltuudha, Yoon dogoggore #Afwan
Rabbiin balaa (ana qofatu sirriidha ) jettu tana nurraa haa kaasu, nama shari'aa qulqulluun jiraatee duniyaa fi Aakhirattis milkaa'uu nu haa taasisu!!
Jumu'aa kheeyrii Kan milkii nuuf haa ta'u
Obboleessa keessan wallaalaa
✍Abdulaziz Sh/Ahimedin
Yaada kamiifuu
@AbdiiBiyyaa qunnamaa!!!
@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost