cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

WALIIF YAD (MEDIA)

Rassulilli ( saw ) akkanaa ja'ee بللغو عني و لو كان اياا Ballighu anni walow kana aya Ayyataa takka tatuus Biraan naf gayaa Nutiis hangumaa beynurra wal ha yaddacifnuu in shaa allah Gaffii ykn yadaa yo qabbattan 👇👇👇👇👇 @firaanuree

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
201
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Watch "Deebii Erdogan Macronif Kenne, Rakkoo Muslimoota farasaarra gahaa jiru...!" on YouTube https://youtu.be/nspG44pXvEc
Show all...
Deebii Erdogan Macronif Kenne, Rakkoo Muslimoota farasaarra gahaa jiru...!

Channel Keenyaaarawa Subscribe godhaa.

Channel Keenya haarawa Subscribe godhuun nu gargaaraa. Hiriyoota keessaniifis #Share godhaa. https://youtu.be/nPlXmW-srwE
Show all...
Obsaa Ilma Afran Qalloo || Gaafii Deebii hawaasaa guyyaa Jum'aa Koflaan dhumne.

Channel Keenya Subscribe godhaa. Liinkii Channel Telegram keenyaa kana join godhaa.

https://t.me/DrZakirNaikAfaanOromoo

Channel Keenya Subscribe gochuuf liinkii armaan gadii fayyadamaa.

https://www.youtube.com/channel/UCz2bZGXpX_iX7_OFlLfxIWQ

Watch "Jami Tube" on YouTube https://www.youtube.com/channel/UCz2bZGXpX_iX7_OFlLfxIWQ Channel Haarawa amma banne obboleewwan kiyya channel kana Subscribe godhaa. Qophiilee adda addaa qabannee dhihaachaa jirra. Yoo Subscribe gootan hamilee fi jajjabina nuuf ida'a.
Show all...

At-Tamaamu Al-Minnaa fi Fiqh Al-Kitaabi wa Sahiihi As-Sunnaah, fuula 104-109
Show all...
SEERA DHIQANNAA ••••••••••••••••••••• By: Urjii Ahmad Dhiqannaan qaamaa waan Shari’aan Islaamaa itti ajajjuu fi waan jaalatamaa fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisu keeysaa tokko. Rabbiin warra qulqulleeyfatu ni jaalata. Ammoo yeroo qaama dhiqatuun dirqama tahuutu jira, yeroo xurii ifirraa dhiquuf dhiqatantu jira, qabbanneeyfachuuf yeroon dhiqatanis ni jira. Tan amma itti deemnu dhiqachuun yoom dirqama taha kan jedhu san akka barruufi. Rabbiin ol tahe akkana je’e: “Yoo Janaabdooyatan (Jaarsaa fi jaartiin qunnamtii gootan) qulqulleeyfadhaa.” Al-Maa’idaa:6 Ammas akkana je’a Rabbii guddaan: “Dubartoota yeroo Heydii qaban (Laguun itti jiru) irraa fagaadhaa (qunnamtii saalaa hin dalaginaa). Hanga qulqulleeyfatanii itti hin dhihaatinaa (qunnamtii saalaatiif).” Al-Baqaraa:222 MAALTU DHIQANNAA DIRQAMA NAMARRATTI GODHA? Dhiqannaan dirqama kan tahu sababoota armaan gadiitiifi: 1-Dhangala’aan qaama saalaa bahuu. Ragaan kanaa hedduudha. Sanirraa: Hadiisa Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam irraa odeeyfame: “Bishaaniin (dhiqachuun) Bishaan irraahi (dhangala’aan qaama saalaa bahuu irraahi.” Muslimtu gabaase. Qaama dhiqachuun dirqama taha yoo dhangala’aan qaama saalaa (maniyyiin) fedhiidhaan dhiiraa ykn dhalaa irraa bahe. Dhangala’aan bahu kun osoo rafan ykn dammaqinsa keeysatis yoo bahe qaama dhiqachuun dirqama. Ammoo namni rafutti hin jirre yeroo bishaan irraa bahu fedhiin itti dhagayamuu qaba. Akkasumas namni rafu jiru manaabaan qunnamti godhee yoo bishaan irraa hin bahin dhiqannaan isarratti dirqamaa miti. Ammoo Osoo rafu manaabaan qunnamtii dalaguu isaa hin yaadatu garuu hoggaa dammaqu dhangala’aa qaama saalaa “Maniyyii” ifirratti argu dhaqachuun isarratti dirqama. Bishaan qaama saalaatiin bahu hundi dhiqannaa dirqama hin godhu. Bishaan qallaa osoo fedhinnaa hin dhageenye bahu “Mazyiin” dhaqannaa dirqama hin godhu. 2- Qaamni saalaa lamaan walitti bu’uu; Jaarsa fi Jaartiin yeroo qunnamtii saalaa raawwatan dhiqannaan dirqama taha. Qunnamtii Saalaa godhanii bishaan irraa bahuu ykn bahuu baatus dhaqatuun dirqama. Ragaan Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Hoggaa (Jaarsi) gudeeda (Jaartii) jidduu seenee itti jajjabaate dhaqachuun dirqama taha.” Bukhaarii fi Muslim Qunnamtii Saalaa yeroo raawwate jechuutu itti fedhame. 3- Dhiigni Heeydii fii dhalaa dhaabbachuu: Yeroo dhiigni heeydii fi dhiigni dhala boodaa dhaabbate dubartii irratti dhiqachuun dirqama taha. Ragaan Faaximaa bint Hubeeysh Saahabtittiin jedhamtu Rabbi irraa haa jaalatu dhiiga sababaa birootiif yeroo dheeraaf itti dhufu irraa gaafate, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Suni dhiga hidda irraa yaa’u, heeydii miti. yeroo heeydiin tee dhufte salaata dhiisi, yeroo isiin dabarte dhaqadhuu salaati.” je’een. Bukhaarii fi Muslim 4-Du’a. Ummu Axiyyaan akki jettu Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa intalti Isaa duute nurratti ol seenee akkana nuun je’e “hogga sadii isii dhiqaa ykn hogga shan ykn sanii ol yoo barbaachisaa tahuu agartan.” Bukhaarii fi Muslim 5-Kaafirri hoggaa Islaamawe. Qeeysi bin Aasim Rabbi irraa haa jaalatu gaafa Islaamawe, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam qaama dhiqachutti isa ajaje. Sunana Abuu Dawuud Hadiisa biraa keeysatti Sumaamaan gaafa Islaamawe Rasuulli s.a.w “Isaan deemaa oyru abaluu geeysaa, Qaama akka dhiqatu isa ajajaa.” Sunana Ibnu Maajah Mazhabni Imaamu Ahmad namni Kaafiraa yoo Islaamawe dhaqachuun dirqama je’a, kanaatu irra haqa qunnamaadha hoggaa zaahira hadiisaa laalle. 6- Dhiqannaa guyyaa Jum’aa. Ilaalchi Ulamaa’ii murtii dhiqannaa guyyaa Jum’aa keeysatti wal dhabee jira. *Gariin Ulamaa’ii jum’aa dhiqachuun jaalatamaadha jedhan. Ragaan Isaanii hadiisa “Namni wudu’a tolchate egas jum’aa dhufe, kan callisee dhaggeefate wanni jumaa fi jumaa jidduu jiru isaaf araaramama…” Muslimtu gabaase. *Gariin Ulamaaii ammoo dirqama jedhan santu irra haqa qunnamaadha. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Tokkoon keeysan yeroo gama Jum’aa dhufu haa dhiqatu.” Bukhaarii fi Muslim Haa dhiqatu je’ee ajajuun dirqama tahuu agarsiisa. Dirqama jechuu kanarra jiran Albaanii fi Useeymiin. ————- Maddi:
Show all...
➡ Waa Sadi Beekaa Nama Gooti 1⃣. Beekatti dhihaachuun 2⃣. Seenaa qorachuun 3⃣. Dubbisanii hubachuun ➡ Waa Sadi Hin Jiru 1⃣. Akka barumsaa gammachiisaan 2⃣. Akka gabrummaa jibbisiisaan 3⃣. Akka du'aa gaddisiisaan ➡ Waa Sadi Ittiin Hin Boonin 1⃣. Qabeenya qabdu ittiin hin boonin boru dhabuu dandeetta 2⃣. Beekumsa qabduun hin boonin boru irraa duutaa 3⃣. Fayyaa qabduun hin boonin fayyaa dhabuu dandeetta ➡ Waa Sadi Hin Wollaalin 1⃣. Eessa akka deemtu 2⃣. Maaliif akka deemtu 3⃣. Maaliin akka deemtu ➡ Waa Sadi Waa Sadihiin Tolti 1⃣. Jaalalli gammachuu woliin 2⃣. Ilmoon haadha woliin 3⃣. Biyyi bilisummaa woliin
Show all...
Deemsa Dhugaa Saniif Haa Kurfooynu Ilmi namaa adunyaa tanarratti hanga fedhe jiraatu ni du’a. Kana keeysatti namni lama wal hin falamu. Ammoo du’aan booda waan jirutti amanuun Mu’minaa fi Kaafirri addaan baha. Muslimni Adunyaa tanarratti waan akhiiraaf isa fayyadu dalagatee bakka duuti hin jirre, bakka rakkoo fi gaddi hin jirre Jannata argatuuf kajeela. Ammoo dalagaa malee hin argamtu, Meeshaan Rabbii qaaliidha. Ibnul Jawziin akki je’u “Nama yoomin du’aa hin beeyne qophaawuun Isarratti dirqama, dardarummaa fii fayyaan ganamuu hin qabu, Maanguddoon duutu waa xiqqo, irra guddaan namni du’uu dardara, kanaaf jecha maanguddoo hedduu hin agartu, if eegi yaa nama if eegi badii Rabbiin irraa si dhorge dalagurraa, booddeen cubbuu hamtuudha" Rasuulli sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana je’an “Waan Shan shaniin duratti irraa fayyadami: Jiruu tee du’aan duratti, fayyaa tee dhukkubaan duratti, Yeroo tee shaakalamuun duratti, dardarummaa tee dullumaan duratti, durummaa tee (qabeenya kee) hiyyummaan duratti.” Umar ibnul Khaxxaab akki je’u “Lubbuu teeysan hisaabaa hisaabamuun duratti, dalagaa teeysan madaalaa dalagaan teeysan madaalamuun duratti, if qopheeysaa Rabbi dura dhaabbachuuf. Kanaaf namni muslimaa lubbuu isaa tana hisaanuutu Isarra jira, wanni ani dalagaa jiru kan Rabbi biratti boru na halaaku moo kan na fayyadu? arra if gaafachuu wayya. Boru gaafatamuu fi galata fudhachuu qofaatu jira. Namni arra if hisaabe, du’a yaadate, akhiiraa if dura qabe, carraa badii irraa towbatuullee ni qaba, namni if dagate, ani dardaraa osoo je’u badii irra turuu filate, dafxaa du’uu Isaatu mala, san booda ammoo carraan towbachuu fi deebi’uu hin argamu. Kanaaf Obboleeyyan haa if hisaabnu. Rabbiin karaa Rasuulaa s.a.w irra nu haa jiraachisu, irratti nu haa ajjeesu, Rasuulaa fi Sahaaboota wajjiin warra milkaawurraa nu haa taasisu. By: Abu Huzeyiifa
Show all...
===================== GORSA IMAAM IBNUL QAYYIM AL-JOOWZII IRRAA ===================== 💢Waa afur qaama nama laaffiftee akka dafanii dullooman nama gooti : 1: Haasawa hedduu 2: Hirriba hedduu 3: Nyaata hedduu 4: Qunnamtii saalaa daanga taree 💢Waa afur qaama nama diiyde akka dhukubaaf saaxilaman nama gooti jechuudha. 1: Yaaddawuu 2: Gadduu 3: Beela 4: Gurzaa(qaaxira) heddumeessu 💢Waa afur qaama goggoysitee bareeduma nafarraa fuute. 1: Kijiba 2: Falmii hintaane falmu. 3: Gaafii hintaane gaafatu beekkomsaan maletti 4. Haqa dabuu heddumeessu 💢Waa afur qaama keessatti bareedumaafi nuura idaati. 1: Sodaa Rabbi 2: Baallama guutuu 3: Arjummaa 4: Kabajaa 💢qabaachuu(haala toluu) Waa afur sababaa rizqii nama fiduu taati 1: Halkan yeroo namni rafe san salaatuu 2: Yeroo bariisaa araarama Rabbi kadhachuu 3: Yero mara sadaqaa kennachuu 4: Ganamaafii galgala 💢Rabbi zakkaruu(S.W.) Waa afur sababaa rizqii nama irra dhoorguu taha 1: Ganama rafuu 2: Salaata laaffisuu 3: Ceem,uu(hifachuu) 4: Nama ganuu... Rabbi irraa nuhaa baraaru! Amiiin amiiin
Show all...
Bagaa ittiin isiin gahee kabaajamtootaafi jaalatamtoota kenyaa. @WALIIFYAD @WALIIFYAD
Show all...
​​Jannataa fi Azaabni guyyaan ilma namaatti akkaan dhihaatuufi fagaatu guyyaa boruu Arafaa kana. Milkaawaan namaa guyyaa boruu kana carraaqqatee Jannataan badhaafama. Namni guyyaa boruu kana hojii Ibidda jalaa isa baaftu hin qabne hoongawaadha. Hadiisa Haati Mu'mintootaa Aa'ishaan odeysiteen ergamaana Rabbiiﷺ "Guyyaa Arafaa kana irra Rabbiin guyyaa gabroottan isaa hedduu ibidda irraa bilisoomsu hin qabu. Rabbiin(guyyaa kana akka isaan maletti) ni dhihaata. Eeganaa gabroottan isaa kanaan Malaa'ikootatti dhaadata. 'Jarri kun maal barbaadan?' ja'ee Malaa'ikoota gaafata" ja'e. Waan gabroottan isaa itti jiran osuma beekuu Rabbiin gaafii Malaa'ikaaf dhiheessa. "Yaa Rabbi! Badii isaanii akka dhiiftuuf si kadhataa jiran" jattee Malaa'ikaan deebisti. Eeganaa Rabbiin "ragaa tahaa! Badii isaanii dhiiseef" ja'a. Akkasiin namni hedduun Ibidarraa bilisooma. Yaa Rabbi ibiddarraa nu fageessi, warra Jannataa nu taasisi. ما مِن يَومٍ أَكْثَرَ مِن أَنْ يُعْتِقَ اللَّهُ فيه عَبْدًا مِنَ النَّارِ، مِن يَومِ عَرَفَةَ، وإنَّه لَيَدْنُو، ثُمَّ يُبَاهِي بهِمِ المَلَائِكَةَ، فيَقولُ: ما أَرَادَ هَؤُلَاءِ؟ الراوي : عائشة أم المؤمنين | المحدث : مسلم | المصدر : صحيح مسلم
Show all...

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.