cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Qeerroo finfinnee ✍

Saba keenyaaf in hojjenna imanaa ilmaan oromoo galmaan hin geenyaa yoo dualle tae Arsaa kanfalle finfinne hadhuura oromoo taushii nii mikanessina haqa qabna nii falmanna in Mona

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
212
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#NEBE Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa tarreeffama buufataalee filannoo ibse. Waliigalaan buufataaleen filannoo kuma 49fi 407 filannoo marsaa 6ffaaf tajaajila ni kennu. Buufataaleen kunniinis: * Finfinneetti 1,848 * Sidaamaatti 2,247 * Beenishaangul Gumuzitti - 699 * Affaaritti- 1,432 * Amaaraatti- 12,199 * Dirre Dhawaatti- 305 * Gaambeellaatti- 431 * Harariitti- 285 * Oromiyaatti- 17,623 * Kibbatti- 8,281 * Somaaleetti- 4,057
Show all...
Qormaanni kutaa 12ffaa Guraandhala 29/2013 eegalee ni kennama! Qormaanni kutaa 12ffaa Guraandhala 29 bara 2013 ALH akka kennamu Ministeerri Barnoota beeksiseera. Qormaatichi Guraandhala 29 hanga Bitooteessa 02 bara 2013 ALH ni kennama jedhameera. Guraandhala 22 - 24 bara 2013 waraqaa eenyummaa dijitaala laatamee, ibsa qormaata (Orientation) Guraandhala 26/2013 akka laatamu Ministirri Ministeera Barnoota Dr Injinar Getaahun Makuriyaa ibsa har'a laataniin beeksisaniiru. Qormaanni kun toora intarneetiin (online) akka laatamu kan ibsame ta'uus, amma garuu sababa taableetonni barattoota ittiin qoraman yeroo yaadameetti gara biyya keessa galuu waan hin dandeenyeef waraqaadhaan akka laatamu ibsameera. Ministeerri Barnoota adeemsa kenniinsa qormaaticha irratti harkifannaa uumameef ifatti dhiifama gaafateera.
Show all...
Obsaa Abdiisaan irra-deebiin hidhame! Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda hidhamee, hidhaa baatii jaha booda guyyoota muraasa dura mana hidhaatii kan hiikame barataa Obsaa Abdiisaa guyyaa har'a meeshaalee akka Laaptooppii, Moobaayilaafi waraqaa eenyummaa dabalatee ragaalee isa barabaachisan poolisii harkaa fudhachuuf gara waajjira Koomishiinii Poolisii Oromiyaa magaala Finfinnee naannoo Laanchaatti argamu deemuun fudhatee yeroo bahuuf qajeelu "si barbaanna" jedhame akka hidhame hiriyyaasaa Wabii Burqaa fuula FB isaarratti ibseera. * Dhimma kana ilaalchisee waan haaraa yoo jiraate kan isin biraan geenyu ta'a.
Show all...
Benishaangul Gumuz aanaa Dibaaxiitti namootni 80 hidhattootaan ajjeefaman! Haleellaa naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti bifa haaraan raawwateen lubbuun namoota 80 darbuu Gorsaa Ol-aanaa Dhimmoota Miidiyaafi Komunikeeshinii Komishinii mirga Namoomaa Itoophiyaa Obbo Aaroon Maashoo natti himan jechuun BBC'n gabaaseera. ''Haleellaa kaleessa raawwateen lubbuun namoota 80 darbeera. Haleellaan kunis Benishaangul Gumuz aanaa Dibaaxii magaalaa xiqqoo Daalattii jedhamuttidha.'' Obbo Aaroon akka jedhanitti namootni ajjeefaman umuriin isaanii waggaa 2 - 45 gidduu kan jiranidha. Haleellaan kun hidhattoota naannicha keessa jiraniin irra deddeebiin raawwataa akka jiru jiraattotni himaniiru. Dabalataan mootummaan federaalaa fi naannoo Benishaangul Gumuz qindoomina cimaan tarkaanfta kaanfii fudhachuudhan Obbo Aaroon. Dabalataan haleellaa guyyaa lama darbe Godina Matakkalitti hidhattoonni raawwataniin, bakka tokko qofatti namoonni 11 ol ajjeefamuu BBC'n gabaaseera.
Show all...
1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500 https://t.me/Oromia_education_bureau
Show all...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

#UPDATE Raayyaan Ittisa Biyyaa maqaa hoggantoonni olaanoo ABUT tarkaanfiin irratti fudhatame fi kanneen harka kennatan ifoomse! Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame: - Koloneel Yamaana G/Mikaa'el - Koloneel Alam G/Madihiin - Koloneel Biniyaam G/Madihiin - Koloneel Maashoo - Koloneel Ambaayee - Koloneel Haaddush - Koloneel Yirgaa Siyyuum - Koloneel Atsibahaa - Koloneel Tasfaayee G/Madihiin - Koloneel Yohaannis Kal'ayyu - Koloneel T/Igizi'aabiheer - L/Koloneel Birhaanee Tolaa fi koloneelota kanneen maqaan hin ibsamne 4 fi hoggantoota zoonii lama argamu. Kanneen harka kennatan: - Adde Muluu G/Igizi'aabiheer - Haaddush Zawgee Gazzahany - Salamoon Hilluuf Nigusee - Kidaane Mariyaam G/Kiristoos - Baahitaa W/Mikaa'el - Haagoos W/Kidaan G/Maariyaam Dabalataan miseensota milishaa fi humna addaa baay'ee harka isaani akka laatan ibsameera.
Show all...
Qormaata kutaa 12ffaaf kan oolu Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa ni galu jedhame! * Qormaata kutaa 12ffaaf kan oolu Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa kan galan ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise. Qormaata kutaa 12ffaa hanga Amajjii xumuratti ‘online’ laachuuf karoorfamuu ministeerichi ibseera. Ministeerichi Ejansii qormaata biyyaalessaa waliin ta’uu qophii qormaata 12ffaa ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koree dhaabbii qabeenya humna namaa fi Teeknoolojiif ibsa laateera. Laaptoppiiwwan kuma 12 warreen qormaata qoraniif hiruuf qophiin xumuramuu fi Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa kan galan ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru. Maddi: TOI
Show all...
#NEBE Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa paartilee siyaasaa sanadoota guuttamuu qaban hin dhiyeeffanne 26 haquu beeksiseera. Paartileen siyaasaa hundi ulaagaalee guuttachuu qaban akka guuttatan gaafatamaniis paartileen siyaasaa 26 ulaagaa guutuu dhabuu isaaniin haqamuu boordichi ibseera. Boordichi akkataa labsii lakkoofsa 1162/2011 fi qajeelfama boordichaa paartileen siyaasaa ulaagalee dirqama guutuu qaban akka guuttan tumame bu'ura taasisuun murtoo kana dabarsuu eereera. Haaluma kanaan paartileen siyaasaa sanadoota dirqama dhiyaachuu qabu %35 ol dhiyeeffachuu hin dandeenye 26 haqamuu ibsameera. 1⃣. Paartii Adda Bilisummaa Aboo Oromoo 2⃣. Paartii Adda Bilisiumaa Tokkummaa Oromoo 3⃣. Paartii Adda Bilisummaa Gamtaa Oromoo 4⃣. Paartii Adda Bilisummaa Demookraatawaa Oromoo 5⃣. Paartii Bilisummaa Demookraatawaa Oromoo 6⃣. Paartii Kongirasii Biyyaalessa Oromoo 7⃣. Paartii Gamtaa Demookraatawaa Oromoo dabalatee paartileen sanadoota dhiyaachuu qabu hin dhiyeeffanne 26 haqamaniiru.
Show all...
Samahaal Mallas Zeenaawwii Maqaleetti hidhamuu haatishee Aadde Azeb Masfin himan! * Intalli Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawwii, Samahaal Mallas naannoo Tigiraay magaalaa Maqaleetti qabamtee akka hidhamte haati ishee Aadde Azeb Masfin BBCtti himan. Aadde Azeb Masfin intalli isaanii Samahaal maaliif qabamtee akka hidhamte waan beekan akka hin jirre BBCtti himan. Gara Maqalees kan deemte lolli naannichatti osoo hin jalqabiin dura kitaaba seenaa jireenya abbaashee Obbo Mallas Zeenaawii irratti bu'uureffatee bifa tiyaatitaraan qophaa'e eebbisiisuuf namoota hedduu waliin tahuu himan. Samahaal ''ejjannoo siyaasaa kan mataashee qabachu dandeessi, garuu hoggansa paartii, ykn miseensa akkasumas deeggartuus hin turre kan jedhan Aaddee Azeeb, maaaliif akka hidhamte akka hin beeknedha BBCtti himan. Samahaaliin alattis ilami Janaraal Hayalom Arayaa kan waggoota 20 dura magaalaa Finfinneetti ajjeefaman, Biraanemasqal Hayalomis to'annoo jala oolus himameera.
Show all...
Lakkoofsi bilbilaa miseensota garee ABUT yakkaan barbaadaman qaamni arge eeruu itti laatu ifoome! * Raayyaan Ittisa Biyyaa lakkoofsa bilbilaa iccitiin miseensota garee ABUT yakkaan barbaadaman qaamni arge eeruu itti laatu ifoomseera. Qaama bakka miseensoonni garee ABUT itti argaman eeruu laateef badhaasa Birrii miiliyoona 10 qopheessuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti qajeelchi odeeffannoo hawaasaa beeksisuun isaa kan yaadatamuudha. Haaluma kanaa hawaasni lakkoofsota bilbilaa 09 43 47 13 36 yookaa 012 5 50 43 48 iccitiin eeruu laachuu akka danda’u eereera.
Show all...