DAANDII MO'ATTOOTAA
Open in Telegram
Daandii mo'attoota irraa adeemuun jireenyaa keenyarrati mo'anee jiraachuuf nu gargaaraa
Show moreFinland2 877The category is not specified
1 456
Subscribers
No data24 hours
+17 days
-1930 days
Posts Archive
1 456
Yeroo hunda tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yemmuu yaaddu gufuu tarkaanfii tokko si ittisu danda'uutu si dura dhaabbata
1 456
Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee fooyyeessii malee akka barri wali sittin jijjiirre
1 456
Akkami jirtu hordoftoota kenyaa yeroo dheeraaf toraarra bane kan ture amaa akka debine isiin beksisnaa
1 456
Repost from DAANDII MO'ATTOOTAA
Kitaaba G/pro #Mihiratu_shaanqoo keessa kan fudhatame jechoota sammuuf soorata ta'an
*******************
Namooni bay'een gaafuma dhalatan du'an muraasin immoo gaafa du'an dhalatu. ati hoo?
Osoo nama hin ta'iin namaf ta'uun hin jiru
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan of beektus murtoo hin murtessitu.
Barachuun beekuu hin ibsu, beekuun garuu barachuu ibsa.
Gad-aantummaa×hirkattummaa×of awwaaluu= of wallaaluu.
Of wallaaluun of awwaaluudha
Dhala nama malee addunyaan duwwaadha
qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namati.
(Of beekuun foormulaa hin qabu)
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru lakkoofsa guutuu ta'e dhalata malee
Ati of daangesite teessa taanaan eenyutu daangaa si ceesisa?
Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggaattudha.
Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti
Ilaamee!! addunyaan sammuukee fi jechaa ati waa'ee keef qabdu keessa jirti
Nama jechuun bu'a yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata.
Barriisu kan dandeessu hanga barriisu dandeessu yoo amante qoofa
Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa.
Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuu kee caalaa dirree itti injifatamte keessatti dutte awwaalamuu siif wayya.
Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabadhuutii gara dirree seeni.
Tulluun ofiin beekee si dura kufu hin jiru akkaasumas tulluun ati dhibdee si dura kufu didus hin jiru.
Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha.
Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikama keessa jiraachu irra qaamaan hidhamanii sammuu hikamaa qabaachuu wayya.
Rakkina kaleessa sirraa ga'e har'as rakkin jettee dubbatta taanan har'a iyyuu Namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta.
Of booda hin ilaaliin booriikee namni siif ilaalu hin jiruu.
Yoo isinitti tole namoota jallaattaniif qoodaa
👇👇👇👇👇👇👇
@daandiimoattoota
@daandii moattoota
👇👇👇👇👇👇me
https://t.me/daandiimoattoota
1 456
#Bidiruu_mataa_keen_gaafa_sochootu_dacheetu_jennata_siif_ta'a
Gaafa bidiruu mataa keen jireenya kee naanneessu eegaltu, addunyuma dhaloonnii qeequ kanatu, jennata siif ta'a. dhaloota gaariis hojjeettu bada jecha siif hin dhabne kanaaf jette mul'ata kee raffistaa? gonkumaa akkas ta'uu hin qabu!
Of taatee jiraachuuf of taatee uumamte. jireenya kee qajeelfama mataa keen gaggeeffadhu! Of taatee fixuufu barri sitti xiqqaata maaltu akkaa ormaa si hawwisiisa? kun of tuffachuudha. namni of beekuummoo gaati isaa gaara gararraa duumeessati ol baase lakka'a. Jechoota ormaan mul'ata kee hin gubiin. waan barbaadde ta'uuf of taatee dhalatte! nama gaarii fi nama ajaa'ibaa ta'u irraa of hin qusatiin! yaada gaarii ofitti hin sassatiin, sin miidhu waan ta'eef! ati of goda of keenyaan kan si gaara si baasu hin jiru. Dhaloonniis bakka ofii si kaa'eetti osoo hin taane, bakka ati of keessetti si arga. Hamilee kee eeggadhu, hamileen kee gaafa rukutamu jireenya keetu rukutama. Of dandeessee akka dhaabachu dandeessu warra hamilee kee harcaasaniiti argisisi yoomiyyuu taanan karaa deemaan figee dhufee akka jireenya kee bukeessuuf hin heeyyamiinif!
Yaada keen, mul'ata keen, ilaalcha keen gaggeeffami uumadha gaditti jireenya keef itti gaafatamuummaa guutuu kan qabu suma mataa keeti.
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota
1 456
DAANDII MO'ATTOOTAA
Daandii mo'attoota irraa adeemuun jireenyaa keenyarrati mo'anee jiraachuuf nu gargaaraa
https://telegram.me/daandiimoattoota
1 456
Kitaaba G/pro #Mihiratu_shaanqoo keessa kan fudhatame jechoota sammuuf soorata ta'an
*******************
Namooni bay'een gaafuma dhalatan du'an muraasin immoo gaafa du'an dhalatu. ati hoo?
Osoo nama hin ta'iin namaf ta'uun hin jiru
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan of beektus murtoo hin murtessitu.
Barachuun beekuu hin ibsu, beekuun garuu barachuu ibsa.
Gad-aantummaa×hirkattummaa×of awwaaluu= of wallaaluu.
Of wallaaluun of awwaaluudha
Dhala nama malee addunyaan duwwaadha
qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namati.
(Of beekuun foormulaa hin qabu)
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru lakkoofsa guutuu ta'e dhalata malee
Ati of daangesite teessa taanaan eenyutu daangaa si ceesisa?
Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggaattudha.
Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti
Ilaamee!! addunyaan sammuukee fi jechaa ati waa'ee keef qabdu keessa jirti
Nama jechuun bu'a yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata.
Barriisu kan dandeessu hanga barriisu dandeessu yoo amante qoofa
Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa.
Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuu kee caalaa dirree itti injifatamte keessatti dutte awwaalamuu siif wayya.
Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabadhuutii gara dirree seeni.
Tulluun ofiin beekee si dura kufu hin jiru akkaasumas tulluun ati dhibdee si dura kufu didus hin jiru.
Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha.
Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikama keessa jiraachu irra qaamaan hidhamanii sammuu hikamaa qabaachuu wayya.
Rakkina kaleessa sirraa ga'e har'as rakkin jettee dubbatta taanan har'a iyyuu Namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta.
Of booda hin ilaaliin booriikee namni siif ilaalu hin jiruu.
Yoo isinitti tole namoota jallaattaniif qoodaa
👇👇👇👇👇👇👇
@daandiimoattoota
@daandii moattoota
👇👇👇👇👇👇me
https://t.me/daandiimoattoota
1 456
Repost from Anuwar shafi Official📚
Jireenya kee keessatti Yeeroo hundumaa sammuu moo'ataa qabaadhu.
Namoonni moo'ichaa namoota mul'ata qaban qofaa miti, raawwii mul'ata isaaniif kan isaan deeggaru sammuu moo'ataas qabu! Sammuu moo'ichaa qabaachuu yoo baatte, mul'ata kee fiixaan baafachuu hin dandeessu. Akka nama sheekkoo haasa'uutti mul'ata kee namootaaf seenessaa hafta malee, Tarkaanfii barbaachisu fudhattee galmaan ga'achuu hin dandeessu.
Hubadhu: sammuu moo'amaadhaan hojii moo'ichaa hojjechuu hin dandeessu. Dirree dorgommii kamuu seenuun mo'achuuf yaaluun gowwumaadha. Mo'achuu fi moo'amuun sammuu kee keessa jiru. Murteessaan filannoo keeti. Lachuu keessaa tokko filatta; akka filatte taatas.
Namoonni hedduun mul'ata gurguddaa qabu, sammuu moo'ichaa garuu hin qaban. Rakkoo xiqqoof mo'amu. Waan amanuu qaban dhiisanii waan amanuu hin qabne amanu. Bu'aan isaahoo? Kufaatii guddaadha.
Maddi Kitaaba Eebbisaa Baayisaa Daandii moo'atootaa jedhu irraa.
👇👇👇👇
https://t.me/anwar_shafi
https://t.me/anwar_shafi
https://t.me/anwar_shafi
1 456
Repost from Karaa Milkaa'inaa(The way of Success)
👉#Abjuu kee #Du'a Irraa Eegi!
#Abjuu kee du'a irraa eeguu qabda. Wantoonni abjuu dhaloota ajjeesan baay'eedha.
Isaan keessaa muraasni:-
#Abdii kutannaa
#Gabaabsanii yaaduu
#Sirna addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabuu.
#Of gowwoomsuu
#Jijjiiramaaaf qaama biroo eeguu.
#Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu
#Of tuffachuu
#Hiyyummaa Kunuunsuu
#Itti Gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu
#Mul'ata dhabuu
👉Mul'anni hin bitamu. Mul'anni bifa hin filatu #Kutannoo fi #Obsaan galma gahuu gaafata malee!!!
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa Irratti!!
Galatoomaa🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
1 456
Repost from N/a
#Ani Kanan Jedhu!
#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?
#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.
#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.
#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.
#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa Naggasaati Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
1 456
#Jireenyaa_gammachuu_qabu
#kutaa_1ffaa
Jireenyaa gammachuu qabu jiraachuu namni hin barbaanne hin jiru.kanaf yeroo hunda gaafin ilmaa nama waan isaati hirratee hunda gutaate jireanya gammachu qabu jiraachudha. garuu jireenya gammachu jiraachuu kan danda'uu namoota beekumsa qaban (mo'attootaa) qofa.sababnii isaa Mo'attoonii Tarsiimoo ykn mala jireenya gammachu qabu ittin jiraachuun danda'amu waan beekanif.mee tarsiimoowwan kana duuba bune yaahordofnu.
1#ofii_kee_namoota_biroo_waliin_wal_hindorgomsiisin!
Hundii keenyaa akkuma bifa keenyaa amalli fi fedhii keenyaa garaagara.sababoota gammachuu si dhabsiisan keessa tokko offi kee Namootaa biroo waliin Wal dorgomsiisudha.qurtummiin akka simbirrootti saamii keessa fiigdee gammaduu yoo barbaadde, simbirroon immo galaan keessa seente gammaduu yoo barbaadde lachuu osoo hin gammadin hafu, you rawwatan ammoo ni du'u.kanaaf gammachuu Kee safartuu keetin safaradhu.
2#xiyyeeffannaa_kee_waan_hin_qabne_irratti_osoo_hin_taane waan_qabdu_irratti_taasiisi.
maaltu siti hir'atee? maal qabda ammoo? yeroo waliin madaalchistu kamtuu caala?baay'een keenyaa waan hin qabne irratti waan xiyyeeffannuuf waan qabnutti osoo hin fayyadamiin hafna gammada ta'uf waan hunda qabchun sirraa hin eegamu.sirrittii yoo itti fayyadamte waanti ati ammaa qabdu gammachu keef gahaadha.sababni isa ati tarii qaama guutuu qabda ta'a kan isaa ati qabdu kan dhabani hawwanis ni jirani kana qabachu kee qofti siif madda gammachuu ta'uu danda'aa.
1 456
⏺kanneen jireenya kee sii jalaa balleesan
Kutaa 2ffaa
3. #YAADA(thinking) yaada Kee yoomiyyuu qarshiin olitti to'achuf yaadi.sammuu kee keessaatti yaadoot qarshii si fuuldura qaban isumaan si shubbisiisan booda jireenya kee qileetti gatu.amalli atti bartee godhatte ofiraatti moosifttu Kun oolee bulee onnee kee keessaatti mana ijaarrata.jireenya kee isaa dhugaa ta'as.yaada tasgabbii
qabu yaadi.qarshii qabaatteef yaada namummaa keessa hin bahii.
4. #MAAL_NAAN_JEDHU(wath they can say about me?); namoota jaaladhu onnee kee irraa kabaji! maal naan jedhu jettee garuu waan tokko illee akka hin goone.namni waan siin jedhu hin dhabu.osoo atti akkaataa dandeeti namaan olitti(supernatural force) galaan irraa milaan deemteeyyuu waan siin jedhan hin dhaban.bishaan dakuu (swimming) waan hin dandeenyef milaan irraa deema siin jechuun isaanii hin oolu.ofii kee qofa irratti xiyyeeffadhu.jireenya lafa kanarraa gabaabduu kanaaf, namni maal naan jedha jettee dhiphachuun moofkamudha/gowwoomudha.waan yaadde kamiyyuu hojjedhu.
5.#QABEENYA_MAALLAQAAf(for money wealth) meeshaan gammachuu siif bituu hin danda'u.nageenyas siif hin kennu.nageenyii fi gammachuun kan sirraa fagaateef waan meeshaalee qaalii ta'a(brand material) waan dhabdeef yoo sitti fakkaate dhifama. meeshaalee babbareedoof qaaliin addunyaa kana irra jiran hundi kan kee yoo ta'eyyuu gammachuu dhugaa siif hin kennu.sirumaayyuu si maraachu danda'aa.mee meeshaalee hawwitu fi gatii guddaa qaban kanaan dura bitte tokko yaadadhu.gammachuu fi nageenya guutuu siif kenneerra? isa sumaafan dhiisa.har'as meeshaa barbaadde osoo bitte yeroo muraasa booda si nuffisiisa.hin jibbita bilbila Amma fayyadama jirtu kana hawwitee ykn jaalattee bitatte ammaa garuu isaa nuffitee kan biraa hawwaa jiraachuun kee hin oolu.meeshaan kamiyyuu gammachuu siif hin kennu.gammachuu kan siif kennu onnee kee keessa jira. itti hin kafflatu toladha.waan gaarii yaadi! waan qajeelaa hojjedhu! waan akka namni siif godhu barbaaddu, namaf godhi! isatu gammachuu fi nageenya daangaa hin qabne siif kenna.
6. #ARAADA(addiction);waant hunduu araada.jireenya kee badaa kan taasisu araada badaadha/gadheedha.araada baada of keessa ajjeesi! inaaffaa, jibba(nama, hojii), dhibaa'umaa, machaa'uu, tanboo aarsuu, sobuu...fi kanneen biroo jireenyaa Kee duubatti harkisan kamuu of keessa buqqisii darbadhu bakka isa arada gaariin bakka buusi gara ati deemu barbaaddeeti siin deema araadni gaariin
Xumureera
Kanan dubbiserra kanneen biroof #share goodha
Jireenyi keessan yaa milkaa'uu!
HORAA BUULA
@daandiimoattotaa
1 456
⏺Kanneen jireenya kee si jalaa balleesan
Kutaa 1ffaa
1. #IIGOO(egocentrism)➡️IIGoo afaan ingiliffaati. jechaa oromoo tokko kan ittin bakka buusu waanan dhabeefan akkasumatti fayyadamee na oofkalchaa!
iigoo jechuun daa'imummaa keetii eegale hawaasn atti keessa jiraattu kan si Kessatti uume eeyummaa Kee sobaati.innis; inaaffaa, jibba, gara-jabeenya, hammeenya, gad-aantummaa, fokkisumma callisanii murteessu, qabeenyaan of jajuu, sanyiin of jajuu(sanyii warra ebeluu jechuu), ... jechuu fi kannen birooti.kan addunyaa maraatummaan guuttetu sammuu kees akkasitti bocuu barbaada.yeroo tokko tokko ofuma keetiin ani garuu akkamittan gara-jabeessa ta'ee?,maaliifan amala badaa akkasii qabaadhe?, maalumatu namaf bakka na dhabsiisee?," fi kanneen biroo ofiin Jetta ta'a.garuu ati nama akkasii taatee hin uumamne bakka ati itti guddattetu amala akkasii si keessa kaa'e malee.
Daa'imummaa keetii kaasee kan si keessaatti kuufamedha.ofirraa harcaasi ati nama bareedaa/bareedduu, garraamii, gara-lafeessa, kan nama kabaju, hubataa, kan namaf yaadu, jaalatamaa, kabajamaa, ajaa'ibsiifamaa, nama mul'ata qabudha.kana ani sitti hin himu. yeroo dubbistu keessa kee of dhaggeeffadhu innuu eenyummaa Kee isa dhugaa sitti hima.
2. #Hiriyaa(friends) saani harree waliin ooltu dhiitichoo barti.galtee hin elmamtu.namni nama gaarii hin taane biraa oluus sanuma eenyummaa isaatu jijjirama.kallatti ofi isaa gadhiiseetu daandii biraa qabata.ati nama amala badaa qabu yoo taatellee namoota amala gaarii qaban bira ooli! sababni isaa gaarummaa isaaniitiin akka injifatamtuuf. hundaafuu hiriyaa itti yaadiitii filadhu.
1 456
#Ogummaa_qabaadhu
___________________________
😊guyyaa tokko mootiitu abjuu abjoote.abjuu isaa kan hiikuun baay'ee waan itti ulfaatef nama abjuu isaa kan hiikuuf barbaaddu eegale.saan booda nama abjuu hiikuu danda'u tokko fidaniif.inni abjuu hiikuuf dhufees waggaa kuma moo'i mootii maal abjoottan? jedhee gaafate.mootichis deebisee halkaan osoon rafuu abjuudhaan ilkaanota kootu buqqa'e jedhe itti hime.inni abjuu hiikuus akka nahuu ta'eet kana isinumatu abjoote? jedhe.mootichis eeyyee anumatu abjoote; maalitti? hiikama jedhee gaafate inni abjuu hiikuu immoo baay'ee nama gaddisiisa.firoonni kee hundumti isaani yeroo dhiyootti du'aan lafa irraa dhabamu jedheet hiikef.mootichis namichatti baay'ee aaree namitti kana fuudhaati Mana hidhaa gashaa.nama abjuu hiikuu kan biraa na barbaada jedhe.isaa dura erga hidhaanii nama abjuu hiiku kan biraa fidani.inni 2ffaa kunis dhufee, waggaa kuma moo'i mootii maal abjootte jedheen.mootiinis kanuma isa duraatti himate kanattis himate.inni abjuu hiikuus ni kolfe.fuula ifaadha baga gammadde mootii ati baay'ee carraa qabeessaadha jedhen.mootiinis deebisee maalitti hiikama jedheen.inni abjuu hiiku immoo deebiseet, firootaa Kee hunda keessa namni umuurii dheera qabu fi namni umuurii dheera lafa irraa jiraatu si qofaadha.abjuun Kee kanatti hiikama jedheen mootiniis baay'ee gammadde namicha abjuu hiikuu kan asuma Mana mootumma koo keessa iddoo ol anaa keennafi jedhe jedhamaa. (kanan dubbisse irraan isiniif qoode)
=========================
Hubadhaa waanti namoonnii abjuu hiikan 2n isaaniyyuu dubbattan kun hiikni isaa tokkichimma garagarummaa isaan gidduutti kan uumee garuu ogummaa isaan ittin dubbatanii dha.
⏺Ogummaa qabaadhu ogummaan si golga.
⏺Ogummaa qabaadhu ogummaan si olchaa.
⏺Ogummaa qabaadhu ogummaan injifannoo sif kennaa
⏺Ogummaa qabaadhu ogummaan akkamitti akka waaqayyoo walin jiraachuu akka qabdu si barsisaa.
⏺Ogummaa qabaadhu ogummaan akkamitti nama waliin akka jiraatu si barsisaa.
Jireenyi keessan yaa milkaa'uu!
HORAA BUULA
@daandiimoattotaa
1 456
⏺MO'ATTOOTA A
Never, never, never give up
Tasumaa, tasumaa, tasumaa harka hin kenniin
Hayyuun addunyaa kanaa guddaa fi beekaan #Aalbert Enistaayin yeroo hiikaa jireenya lafa kaa'uu, "jireenyi akka peedaalii saayikiliiti. yoo dhaabde ni dhaabbata.yoo rukuttee ni adeema" jedha.dhugaadha! jireenyatti harka hin laatiin jireenyi harka sitti yaa laattu malee; hayyuun oromoo beekamaan tokko #Miratuu Shaanqoo kitaaba isaa keessaatti jecha Milkaa'ina (success) jettu gaafa ibsuu, "Milkaa'ina jechuun wantota soddoma hojjechuu osoo hin taane,wanta tokko karaa soddoman hojjechuudha".... jedha. jechoonii kunniin baayy'ee waliiti dhiyaachuudha baatanis, akkataan isaan ittiin ibsaman baayy'ee Wal fakkaata. barreessaan biraa Eebbisaa baayisaa jedhaamu.kitaaba isaa....daandii mo'attootaa... jedhuu keessatti akkas jedha. "Afrikaa Keessatti ganamaa yeroo hundaa.kuruphen hirribaa kaati. leencota keessaa isa hunda caalaa fiiguu danda'u fiigdee dursuu akka qabdu yaadi.taa'u baannaan ni nyaatamtii.Afrikaa keessaatti ganamaa yeroo hundaa leenci hirribaa ka'a. kuruphee ishee hundumaa gadii fiigduu dursuu qaba. ta'uu baannaan ni beela'a.leencas ta'i kuruphee sun rakkoo hin qabu. yeroo aduun baatu garuu daraan fiiguu qabda.!"
#ROOJER BANISTER
#Maartii luuter kiing "namni kaayyoo du'uuf tokko hin qabneef jiraachuun isaaf hin malu.".... jedhaa.
#Eeyyee kaayyoo ofiif du'uun jiraachuudha! walumaa gaalati, yoomiyyuu, eessattiyyuu,.... tasumaa harka hin keniin
#Xumureera #share
@daandiimoattotaa
1 456
#Nama_keessa_nama_fo'i
Waan kokkolfeef sin jaalatu
Buburreedha garaan nama
Iddoo jedhes hin dhaabatu
Haala ilaalee jijjiirama
Hin dhaabatiin gita malee
Iddoo mul'ata kee dhoru
Ogeessa ta'ii haleeli
Hin dhaqiin dirree si qoru
Akkaa hundi garaa si baru
Hin godhiin abshaala ta'i
Hundi jiraaf sin gargaaru
Nama keessa nama fo'i
@daandiimoattoota
1 456
TUFFADHU DHIISI:
================
Jiruu jiraattu keessatti namoonni yoo si jibban, yoo sirratti ka'an, yoo sitti hinaafan, yoo gufuu si ta'a, maaliif? jette hin ariin. wantoota kanatu duuba jiraati.
🤔 Akka kee ta'u barbaadanii yoo dadhaban
🤔 Akka kee ofiitti amanamummaa yoo dhaban
🤔 Si cinaa of qabanii hanqina isaanii yoo argan
🤔 Si waliin dorgomani mo'amuu isaanii yoo mirkaneeffatan
🤔dhageetti isaan yeroo hundaa argachuu barbaadani, ati argatte ofii yoo dhaban
🤔 Isaan caalaa yoo jaalatamte fi kabajamte
🤔 Onnee nama isaan kajeelaa turanii fa'a ati yoo salphaatti argatte
🤔 Jireenya kee fi kan isaanii wal cina qabanii isaan caalaa jireenya gaarii jiraachuu kee yoo baraan
🤔 Nu caaluu malti/mala jedhanii yoo shakkan
🤔 Isaan caalu kee ibsuun isaan dhibee keessi isaanii osoo cincaa'u of tasgabbeessanii turuuf
🤔 Fuulli kee nama isaan miidhe wayii waliin yoo wal itti fakkaate
🤔 Karaan sif qajeele kan isaanii sababa daba yaadnif yoo duraa jallate
🤔 Kiyyoo sif diriirsanii qabamuufi yoo didde.
🤔 Ati simboo qabatte ofii yoo hin qabane
@Hin shakkin sababaa Keetti jarri kun dhukkubsata ta'aniiru jechaadha
🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙊🙉🙉🙉
Tuffadhuu dhiisi dhibbeen haman kun ofiinu sammuu bahe ajjeesa.
Kan si miidhe rabbiitti kenni deemsa kee itti fufi...
Maddi: kan narraa gahee fi kanan dubbiserraa
Galatooma🙏🙏
@daandiimoattotaa
