cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ibsaa Dhugaa

Barnoota Diin Islaam

Show more
FinlandThe language is not specifiedReligion & Spirituality
Advertising posts
6 977
Subscribers
No data24 hours
+2167 days
+89230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Israafa Ramadaana Keessaa ••••••••••••••••••••••••••••• Waa israafa godhuun ykn ammoo balleessuun badii guddaadha. Rabbillee warra balleessan akka hin jaalanne dubbatee jira. Ilmi namaa Ramadaana keessa wantoota heddu israafa godhuun balleessa. Israafa San keessaa Soorata Ramadaanaaf Qopheessinu Ifxaaraaf wanti nuti qopheessinu lakkaawamee hin dhumu. Waan qopheessuuf qalbiin keenya feete heddu qopheessina. Haa ta’u malee muraasa qofa irraa nyaannee, kan hafe gad jissina. Yaa obboleewwan muslimaa, midhaan israafa godhuu irraa of haa eegnu, Muslimota beelawanii fi rakkatan haa yaadannu. Kanaafuu waan qopheessinu irraa yeroo hunda ummata kanaaf hamma murtaawaa haa qoodnu. Inshaa Allaah, guyyaa borii gaachana ibiddaa nuuf ta’a. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan, “Rabbi guyyaa qiyaamaa, ‘Yaa ilma nama, yeroon beelawee turetti na hin nyaachisne’ jedha. Namnis sunis, ‘Yaa Rabbii kiyya ati nyaatatti hin hajamtuu akkamitti si nyaachisa?’ jedhee gaafata. Rabbillee, ‘Gabricha kiyya abaluun beektaa? Inni beelawee ture. Garuu ati isa hin nyaachisne. Osoo isa nyaachistee, anas bakkuma sanitti argita” jedhaan. Kanaafuu osoo rakkataan muslimaa ollaa keenya jiru, soorata gad naquu irraa of haa qusannu. Gaafii guyyaa boruu jalaayis of haa baasnu Rabbiin Nama Waan Dhagahetti Fayyadamu Irraa Nu Haa Taasisu. By: Abu Huzeyiifa https://vm.tiktok.com/TTPdB6mW6B/
Show all...
TikTok - Make Your Day

TikTok - trends start here. On a device or on the web, viewers can watch and discover millions of personalized short videos. Download the app to get started.

Israafa Ramadaana Keessaa ••••••••••••••••••••••••••••• Waa israafa godhuun ykn ammoo balleessuun badii guddaadha. Rabbillee warra balleessan akka hin jaalanne dubbatee jira. Ilmi namaa Ramadaana keessa wantoota heddu israafa godhuun balleessa. Israafa San keessaa Soorata Ramadaanaaf Qopheessinu Ifxaaraaf wanti nuti qopheessinu lakkaawamee hin dhumu. Waan qopheessuuf qalbiin keenya feete heddu qopheessina. Haa ta’u malee muraasa qofa irraa nyaannee, kan hafe gad jissina. Yaa obboleewwan muslimaa, midhaan israafa godhuu irraa of haa eegnu, Muslimota beelawanii fi rakkatan haa yaadannu. Kanaafuu waan qopheessinu irraa yeroo hunda ummata kanaaf hamma murtaawaa haa qoodnu. Inshaa Allaah, guyyaa borii gaachana ibiddaa nuuf ta’a. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan, “Rabbi guyyaa qiyaamaa, ‘Yaa ilma nama, yeroon beelawee turetti na hin nyaachisne’ jedha. Namnis sunis, ‘Yaa Rabbii kiyya ati nyaatatti hin hajamtuu akkamitti si nyaachisa?’ jedhee gaafata. Rabbillee, ‘Gabricha kiyya abaluun beektaa? Inni beelawee ture. Garuu ati isa hin nyaachisne. Osoo isa nyaachistee, anas bakkuma sanitti argita” jedhaan. Kanaafuu osoo rakkataan muslimaa keenya jiru, soorata gad naquu irraa of haa qusannu. Gaafii guyyaa boruu jalaayis of haa baasnu Rabbiin Nama Waan Dhagahetti Fayyadamu Irraa Nu Haa Taasisu. By: Abu Huzeyiifa https://t.me/IbsaaDhugaa
Show all...
Ibsaa Dhugaa

Barnoota Diin Islaam

Show all...
Kan Miidhamuu fi Kan Miidhuufiis Tumsi

Salaatni Tarawiihaa Sunnaalee Ramadaanaa Jajjabduu Kheeysaa Tokko.. Inniis Araarama Rabbii namaaf arkamsiisa.. akkuma Ergamaa Allaaha irraa dhufetti.. " Namni halkan Ramadaanaa Dhaabbate dhugoomsaa haala tahee fi Ajrii Rabbirratti hisaabbataa haala taheen.. Diliin isaa tan dabarte hundi isaaf araaramamti.. Akkasuma dhaabata halkanii kan Ramadaana booda irratti nama leenjifti.. sha3aa'ira Amantii islaamaa mullisu kheeysaa tokko.. Lakkofsi Murtaawaan 'hangana salaataa' ja'u Ergamaa Allaahaa irraa nutti hin dhufne... ammoo Irra hedduun salaata Rasuulaa SAW kan halkanii 11-13 ture.. yeroo tokko tokkoos sanii ol salaata.. Waa'ee lakkoofsa salaata halkanii kheeysatti Salafoota kheenya gaggaarii irraa oduu garagaraatu nutti gahe.. kan 11 ja'uu fi kaan 23, kaan 39.. kana malees ni jira.. akka walii galaatti, sunnaan halkanii lakkooysaan murtooytuu miti.. namuu hanga dandahu salaatuu ni dandaha.. kan 11 filattee fi kan 23 or 39 filatees karaarraa hin baanee.. Qabxiin biraa Ergamaan Rabbii SAW akkana ja'an.. " Namni Imaama wajjiin salaate hanga Imaamni fixatutti.. sawaaba dhaabbata halkan guutuutu isaaf katabama".. kanaaf imaama duubaan salaanne hanga inni fixatuu isaa wajjiin turuun keenya ajrii guddaa qabaachuu isaa hin dagatinaa.. Hubachiisa: Akka fatwaa Ulamaa'ii rraa kennametti.. Imaamni masjidaa yoo nam lama tahan.. kan dhaabbata walii gargaaran, kana jechuun:( tokko hanga duraa namaan salaatee, kaaniis hanga boodaa namaan salaatu).. isaan lamaanuu akkuma imaama tokkootti laalaman.. saniifuu ajrii dhaabbata halkan guutuu arkachuuf, imaamni jijjiiramuus hanga salaatni dhumuu turuun keenya barbaachisaa dha jachu.. Salaatni taraawiiha jamaa'aan salatamuun isaa beekkamaa dha.. kuniis dhalaaniis dheeyxee salaatuu ni dandeeysi jachuu.. yoo fitnaan amanamte.. bikka fitnaan sodaachisutti ammoo manumatti salaatuu tu barbaachisa jachu.. Ergaa tana wanniin boodaan fideef.. naannoo hedduutti shamarranii fi dargaggoon tokko tokko maqaa salaata Taraawiihaatiin manaa bahanii haalli badaan Rabiin hin jaalanne isaanirraa mullata.. Diliin Ramadaana kheeysaa, akkuma Ibaadaan dachaa taatutti.. Qixaaxni dilii tiis dachaa tahuun isaa beekkamaa dha.. Rabbi haa sodaannuu obbaleeyyan.. Jia kana keeysaas ibaadatti haa jajjabaannu.. Rabbi nuuf haa laffisu. By: Ibn Ahmed Al Harary https://vm.tiktok.com/TTPdB6mW6B/
Show all...
TikTok - Make Your Day

TikTok - trends start here. On a device or on the web, viewers can watch and discover millions of personalized short videos. Download the app to get started.

Show all...
Addunyaan Ganda Dalagaati, Aakiraan Ganda Galataati

Kaayyoon Keenya Ramadaana Keessa Maal Tahuu Qabdi ? •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Yaa obboleyyan kiyya gaafii tana wantin kaaseef nama hedduu dha kan Ramadaana ji'a boqonnaa kan raahaa sehu Ramadaanni ji'a hojiiti; Ramadaanni takkaa muslimtoota hojirraa dhaabee hin beeku...... Hojitti nama kakaasa hojirra illee tan irra caaltuu taate 👉 Rasuulli lola badrii guddaa Ramadaana kessa akka godhe beeytuu 👉 lolli fathii makkaatis Ramadaanuma kessa akka tahe beeytuu? 👉 Gartanii yaa jama'a Ramadaanni ji'a hojiiti(ibaadaa) malee ji'a hirriibaa fi bashannanaa ti miti 👉 Muslimtoonni dabran hadiisa baratan,kan barsiisan dhiisanii gama qur'aanaa deebi'an.... 👉 Mee nuti hoo maal dhiisnee gara maalii deebina 👉 Interneeta dhiifnee gara Qur'aanaa deebi'uutu nurraa eegama kessattuu feesbuuka yoo dandeenye soomana kana kessa guututti dhiisuu yoo hin dandeenye parsantii 90% hir'isuu qabna yaa obboleyyan keenya maalif yoo janne muslimtoonni nu duraa keyrii dhiisan keyrii san caalu hojjachuuf....... 👉 Salaata 5n booda fuula 4 qofa osoo qaraatee ji'a Ramadaana kessatti akka qur'aana xumuruu dandessu beytaa? 👉 Sahaabaan qataadaa ja'amu waggaa guutuu guytaa torba torbatti quraana xumura hoggaa soomanni dhufe 20 dura guyaa sadihitti xumura kurnan booda guyya guyyatti xumura... 👉 Imaamu shaafi'iin soomana kessa quraana yeroo jahaatama akka xumuru beytaa? Rabbiitu yeroo isaanii kessa barakaa kaayaaf... 👉 Ramadaanni ji'a qur'aanni kessa buufame 👉 Kanaaf jecha kaayyoon kenya guddoon Rabbi gabbaruu kessaahuu qur'aana irratti xiyyeefannaa kanninee kan beeku qur'aana qara'uun kan beeyne barachuu haa jabaannuu.. 👉 Yaa Rabbii Hongayaana Namaa Nama Ramadaanni Dhufee Araarama Rabbii Hin Argatinii. Yaa Rabbii Ati Araarama Kee Rahamata Kee Nuu Badhaasi Ibidda Jahannam Jalaahis Nagaya Nuu Baasi. Yaa Rabbii Nama Ramadaana Kana Keessa Milkaahus Nuu Taasisi By: Abu Huzeyiifa https://www.facebook.com/IbsaaShYuusuf/
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Show all...
Hamtuu Irratti Wal Hin Gargaarinaa

Wantoota Akka Ati Ramadaana Keessa Yeroo Irraa Bu'aa Hin Buufanne Gufuu Sitti Tahan Gurguddoo Keessaa. 1) TV ( specially MUSALSALA). 2) Magaalaa keessa naannawuu. 3) Qaaxiraa. 4) Kushiinaa keeysatti yeroo dheeraa dabarsuu. 5) Bilbila. 6) Doynummaa. 7) Wali qabama kheyriin keessatti hin dubatamne. 8. Facebook fi social media irratti yeroo gubuu. Kana Malees Ni Jiran. Kanaafuu Irraa of Haa Eeynuu.. By: Abu Huzeyiifa https://t.me/IbsaaDhugaa
Show all...
Ibsaa Dhugaa

Barnoota Diin Islaam

Qur'aana Akkamitti Haa Khattamnu ? ••••••••••••••••••••••••••••••••••••• As wr wb, Yaa obboleewwan islaamaa, Baatii Ramadaanaa keessatti Qur'aana qaraanee Khattamuuf karaalee armaan gadii kanatti fayyadamuu ni dandeenya. Si'a tokko yoo Khattamuu barbaadne Waqtiilee salaata shan irratti fuula afur-afur haa qaraanuu. (Guyyatti fuula 20 jechuu dha.) Si'a lama Khattamuu yoo barbaadne immoo Waqtiilee salaataa shanan irratti fuula saddeet-saddeet haa qaraanuu (Guyyatti fuula 40 jechuu dha). Baatii Ramadaanaa kana keessa Qur'aana Rabbii si'a sadi qaraanee Khattamuu yoo barbaadne Waqtiilee salaataa shanan irratti fuula kudha lama -Kudha lama haa qaraanuu (Guyyatti fuula 60 jechuu dha). Haala Kanaan yoo itti saganteeffattan isiniif salphachuu dandaha. Yaadadhaa! Qur'aanni immoo ma'anaa isaa wajjiin suuta yoo qara'ame irra jaalatamaa dha. Eeyyan Ramadaanni baatii Qur'aanaati itti haa fayyadamnu. Yaa obboleewwan koo qaqqaalii, Rabbiin nuuf haa laaffisu. Aamiin. By: Abu Huzeyiifa https://www.facebook.com/IbsaaShYuusuf/
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.