cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Fugug Media

Waa,ee keenyaa yoo itti dhisaan nama dhisu waan ta,ef caallisuun nama hin baasu.?????????? Yeroon amma kan itti oduuf baltii alagaa bakka kannani mitti jalla keenya jala ha deemnu yaa oromoo???? Creator @AnuMD123

Show more
Finland2 625The language is not specifiedEducation63 824
Advertising posts
654
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-1230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#Dubbisi:- Waa'ee #Interneetarraa Galii argachuu.
1, Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa? Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira. 2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a? Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu, Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama. 3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna? Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha. Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu: a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba. Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira. -- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha. Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo: -- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan -- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan(Gareen kun garee akka #FIAS) -- Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee #HATTUUDHA, irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa. 📢  | ■ @Oro_Tech_Tipz
Show all...
Repost from N/a
Taphoota Piriimeer Liigii Inglaand torbee 17ffaa guyyaa har'aa Taphataaman 11:00 🔰 Westhaam Wolviis waliin 11:00 🔰 Bireentfoord Astonvilaa waliin 11:00 🔰 Arsenaal Biraayteen waliin 01:30 🔰 Livarpuul Maan Yunaayitid  waliin @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Taphootaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Kilaboota marsaa itti aanutti darbanii fi gara Liigii Awurooppaa imalan. 📬Ramaddii A Baayer Muuniik Kopan hagen Galatasary (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddi B Arsenaal PSV Leens (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii C Riyaal Maadriid Naapoolii Bragaa (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii D Riyaal Soosidaad Intermilaan Salizbarg (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii E Atleetikoo Maadriid Laaziyoo Feynoord (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii F Doortumand PSG AC Milaan (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii G Maanchister Siitii Lepziing Yaang Booys (Gara Liigii Awurooppaa) 📬Ramaddii H Baarseloonaa Poortoo Shakataar (Gara Liigii Awurooppaa) @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Seenaa Siyaasaa Itoophiyaa keessatti qondaalli ija diimafatee ministira mummeetiin “Cubbamaa dhiiga namaatiin taphate” jedheen Taayyee qofaa jedhu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa. Biyya akka Itoophiyaa mootummaa qeequun gatii lubbuu nama kafalchiisu keessatti tarkaanfiin Taayyee Danda’aa cichoominnaan fudhate kanneen mooraa mootummaa Biltsiginnaa keessa jiraniif fakkeenya gaarii ta'a jedhu. Namoonni gariin ammoo tarkaanfiin Taayyee Danda’aa fudhate kan barfatee fi kan yeroon isaa irra kuteedha jedhu. Obbo Taayyee Danda'aa gufachuu marii araaraa Daar Es Salaam booda mootummaan maricha akka gufachiise ibsuun qeeqa bal'aa mootummaa irratti dhiyeessaa ture. Mariin akka gufatuuf mootummaan qooda olaanaa taphataa turuu kan addeesse Taayyeen, gidiraan haadholii fi daa'imman Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba jechuun waamicha nageenyaa taasisaa ture. Ifatti bahuunis ummanni Oromoo kan barbaaduu paarkii fi masaraa mootummaa ijaaruu osoo hin taane nageenya barbaada jechuun yoo gaafatu, ministirri mummee aangoo irraa kaasuun mana hidhaa buuse. Obbo Taayyee Danda'aa paartii Biltsiginnaa keessatti riiqicha ummata Oromoo fi paarticha giddu jiru ta'ee tajaajilaa akka ture barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'an Milkeessaa Miidhagaa (PHD) turtii OMN wajjiin taasisaniin ibsanii jiru. Taayyeen siyaasaa mootummaa Biltsiginnaa afaan Oromootiin ummata Oromootti gurguraa turuu fi yeroo dheeraaf mootummaa Biltsiginnaa gargaaraa turuu kan yaadachiisan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa waggoota shan booda, dammaquun isaatu waan tokko jedhu. Obbo Taayyee Danda’aa waggoota darban keessa mootummaa Biltsiginnaa qulqulluu godhuun qabsoo ummata Oromoo xureessaa ture jechuun kanneen komatanis ni jiru. Hidhamuu hooggantoota siyaasaa Oromootiin walqabatee yaadonni barreessaa turee fi qeeqa inni Waraana Bilisummaa Oromoo irratti dhiyeessaa ture namoonni akka haaraatti maxxansuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti qooda jiru. Keessattu erga muddee 12 bara 2023 kibxata kaleessaa obbo Taayyeen hidhamee booda, barruu yeroo lagannaa nyaataa hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana hidhaatti taasisan inni barreesse deebisuun maxxansaa jiru. Ciminnaa fi kutannoo Taayyeen agarsiise dinqisiifachuun yaada isaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti kan qoode Rogeessi Walaabuu Jiloo, “Seenaa keessatti Ministerri ija diimeffatee, Muummicha ministeraatin cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu jedheen hin mul'anne” jedhe. Heenok Gabbisaa (PHD) yaada gabaabaa hidhamuu obbo Taayyee Danda'aa hordofee fuula barruu isaanii irratti maxxansaniin “qondaallii ministira nagaa obbo Taayyee Danda’aa waan ministira mummee jabeessee qeeqeef hidhame” jedhan. Itti fufuun “Taayyee Danda’aa siyaasaa Oromoo keessatti nama beekkamaa fi waggoota shanan darbe afaan Abiy Ahmad ta'uun hojjataa tureedha” jedhan. “Walwaraansa Itoophiyaa keessatti adeemaa jiruun wal qabatee obbo Taayyeen, ministira mummeetiin nama gara jabeessa dhiiga namootiin taphatuu fi waraana siiviilii obboloota giddutti qindeessuudha” jechuun qeequu isaa eeraani jiru Heenok Gabbisaa (PHD). Milkeessaa Miidhagaa (PHD) “Abiy akka malee rifachuun diraamaa kijibaa saffisan qopheessee Taayyee hidhe” jedhe. Itti fufuun “Taayyeen maaliif ana irratti dubbate” kan jedhudha dubbiin. Abiyyi Biltsiginnaa keessatti akka gaaffiin gaafatamu hin eeyyamu. Namni akka Abiy aangoo isaaf sodaatu biyya sana keessa hin jiru. Abiy buqqa’u malee nagaan jedhamu tokko biyya sanaaf hin yaadamu” jechuun barreesse. Walumaagalatti yaadoonni dhimma Taayyeetiin wal qabataan gamaa gamaan barraa'uu itti fufanii jiru.
Show all...
Repost from N/a
Repost from N/a
✅Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaa har'a taphatamu. 02:45 🔰 Kiravna Zeveda Maan Siitii waliin 02:45 🔰 RB Lepzing Yaang Booyis waliin 05:00 🔰 Atleetikoo Maadriid Laaziyoo waliin 05:00 🔰 Seeltik Feynoord waliin 05:00 🔰 Portoo Shakatar waliin 05:00 🔰 Antwaarp Baarseloona waliin 05:00 🔰 Dortumaand PSG waliin 05:00 🔰 Niwkastil AC Milaan waliin @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Tiik Tookiin galii Doolaara biiliyoona 10 argachuu beeksise Finfinnee, Mudde 3, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Teeknooloojii Intarneetii Chaayinaa Tiik Tookiin fayyadamtoota idil addunyaarraa galii Doolaara biiliyoona 10 argachuu beeksiiseera. Dhaabbatichi fayyadamtoota idil addunyaarraa guyyaan Doolaara miiliyoona 11, xumura waggaa kanaa ammoo Doolaara biiliyoona 10 galii argachuu ifoomseera. Bara Faranjootaa 2024tti ammoo galii Doolaara biiliyoona 15 argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu CNN gabaaseera. Dabalatanis dhaabbatichi bara 2024tti fayyadamtoonni isaa baatii tokkotti sa’aatti 40 Tiik Tookirratti akka dabarsan taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Ameerikaan Tiik Tookiin biyyattiitti hojirraa akka hin oolle qoqqobbii kaa’uun kan yaadatamuudha. @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Mootummaan Keeniyaa bara Faranjootaa Haaraa kanaa eegalee Daawwataan kamiyyuu Viizaa malee Keeniyaa seenuun akka danda’u beeksise. Keeniyaan imaltoota biyyoota ollaa kamiiyyuu daangaa ishee qaxxaamuran gammachuun simachuuf qophii ta’uu ishees ibsiteerti. Imaammata haaraa kana hojiirra oolchuuf kan dandeessisu sonni ragaa Diijitaalaa qophaa’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsaniiru Kanaafuu, imaltoonni kutaa addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaa seenuu barbaadan dursanii eeyyama imala elektirooniksii argachuun dirqama ta’uu ibsameera. 👇👇👇👇👇👇👇👇 @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Naannoo Amaaraatti Haleellaa Dirooniin raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 40 ta'an du'an. Naannoo Oromiyaa Godina Wolloo Kibbaatti haleellaa gaafa Sadaasa 30/2016 raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamuu hawaasni naannichaa himaniiru. Aanaa Saayinit bakka addaa Massaalamiyaa fi Qay Waashaa jedhamuun beekamtitti haleellaa dirooniin raawwatameen lakkoofsa namoota lubbuun darbee sirriitti kan ibsame ta'uu batus, namoota 40  ta'an lubbuun isaanii darbeera. 👇👇👇👇👇👇👇 👇👇👇👇👇👇👇 @fugugpost1
Show all...
Repost from N/a
Mootummaan Keeniyaa bara Faranjootaa Haaraa kanaa eegalee Daawwataan kamiyyuu Viizaa malee Keeniyaa seenuun akka danda’u beeksise. Keeniyaan imaltoota biyyoota ollaa kamiiyyuu daangaa ishee qaxxaamuran gammachuun simachuuf qophii ta’uu ishees ibsiteerti. Imaammata haaraa kana hojiirra oolchuuf kan dandeessisu sonni ragaa Diijitaalaa qophaa’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsaniiru Kanaafuu, imaltoonni kutaa addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaa seenuu barbaadan dursanii eeyyama imala elektirooniksii argachuun dirqama ta’uu ibsameera. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @fugugpost1
Show all...