en
Feedback
Ifargan Technologies

Ifargan Technologies

Open in Telegram
2 184
Subscribers
-124 hours
-67 days
-1030 days
Posts Archive
photo content

Visit our website - https://ifargantech.com
+1
Visit our website - https://ifargantech.com

Follow the Ifargan Designs channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Vb216Wt1SWsru6pYNS3q
Follow the Ifargan Designs channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Vb216Wt1SWsru6pYNS3q

photo content

Guyyaa tokko obboleessa koo wajjin ta’een T-shirt bitachuuf suuqii tokko deeme. Anis T-shirt haalaan narraa miidhagu tokko argadheen qarshii 300n bitadhe. Yeroo kana obboleessi koos T-shirt ani bitadhe waan baay’ee jaalateef T-shirt wal fakkaataa bitachuu barbaade. Haa ta’u malee suuqii sana T-shirt akka sanaa kan biraan hin turre. Kanaaf suuqii biraarra deemnee barbaaduun bituuf murteessine. Osuma suuqiirra deemnee barbaadnuu T-shirt gosa ani bitadhee sana suuqii tokkotti argine. T-shirt sunis obboleessa koo sanarraa baay’ee miidhagee nutti mul’ate. Gatii isa yoo gaafannu qarshii 350 nuun jedhe. Nus T-shirt walfakkaataa daqiiqaa muraasa dura qarshii 300n akka bitanneefi isa kanas qarshii 300n akka nuuf kennu gaafanne. Namni sun garuu akkas nuun jedhe, “T-shirt kun raawwatee tokko miti. T-shirt isin bittanii dhuftan kan biyya keessaati. Inni kun immoo kan alaati. Qulqullinni isa wal caala jechuudha, kanaaf 350 malee hin ta’u” jedhe. Walbira qabeen ilaale. Dhugaa dubbachuuf T-shirt sana lamaan gidduu raawwatee garaagarummaan tokkollee hin turre. Haa ta’u malee falmii kaasee nama sana mo’achuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Anis, “Dhuguma T-shirt kun garaagarummaa qaba. Akkuma ati jettes wal caala. Garuu qarshii kanaa ol hin qabanne; nuy barattootadha. Yoo fedhakee ta’e 300n nuuf kennin” jedheen. Innis, “Erga barattoota taatanii fudhadhaa egaa” nuun jedhe. Nus T-shirt sana fudhannee gara alatti baane. Yoo ala baanu obboleessi koo sun, “Ifargan, T-shirt kun dhuguma garaagarummaa qabamoo maaf garaagarummaa akka qabu mirkaneessiteefii?” naan jedhe. Anis gaaffii kana na gaafachuu isaaf nan galateeffadheen. Itti fufees, “T-shirt kun raawwatee garaagarummaa hin qabu; garuu falmii isa mo’achuu waanan barbaadeefin yaadnisaa sirrii ta’uu isa mirkaneesseefi” n jedheen. Obboleessi koos dubbiin koo baay’ee bitaa akka itti gale ibsuun, “Amma yoom falmiisaa mo’atteree? mo’amtee harka laatte, yaadni kee dogoggoraafi yaadnisaa sirrii ta’uu mirkaneessiteef malee” naan jedhe. “Mo’atamuun koo otuun T-shirt sana hin fudhatiin hafeera ta’ee ture. Amma garuu waanan barbaadu argadheera. T-shirt kun amman barbaadee jirutti kan biyya keessaas ta’ee kan biyya alaa yoo ta’e dhimma koo hin turre. Namtichi sun garuu sobduu jedhamuu dhabuuf yaadnisaa sun akka mirkanaa’uuf barbaada. Kanaaf, falmicha anatu mo’e, nan injifadhe” n jedheen. Namni ati falmii waliin qabatte tokko yaadnisaa sirrii ta’uu dhabuu illee yoo bare soda mo’amuuf qabu irraa kan ka’e hamma lolli isin gidduutti uumamutti siin falmuu danda’a. Falmiin keessan tasumaa karaa nagaa furamuu hin danda’u jechuudha. Kana jechuun immoo carraan mo’uu kee dhiphaadha jechuudha. Yeroo kanatti filannoo lama qofa qabda. Inni jalqabaa hamma dhumaatti falmitee yaadakee amansiifachuun hariiroo nama sana faana qabdu dhabuu yookaan immoo yaada falmii kee achumatti dhiiftee hariiroo nama sana waliin qabdu cimsachuu. Eeyyee, kanuma lamaan qofa! Ogeeyyiin xiinsammuu waan tokkorratti walii galu. “Falmiin hin mo’atamu.” Yeroo nama tokko wajjin falmiitti seentetti ragaawwan garaagaraa dhiyeessitee wal’aansoo nama sana waliin gootu irra ooluu dandeessa. Haa ta’u malee ilaalcha nama sanaa raawwattee jijjiiruu hin dandeessu. Ittumaa namni sun miirri mo’amuu waan itti dhagahamuuf diinummaa isa gadi fagoo ta’e akka siif horatu goota. Falmii mo’achuun akkamitti danda’amaree? Falmii dhiisuudhaan. Eeyyee, raawwattee falmii dhiisuudhaan qofa. Guduunfaa: Falmii kan mo’attu, falmuu dhiisuudhaan qofa! Madda: Qimmiiddaa Fuula 32 - 35 Barreessaan Ifargan Guddataa

Maatiin Ifargan Designs baga Ayyaana Qillee nagaan geessan. Ayyaanni kun kan nagaa fi kan ittiin milkooftan isiniif haa ta'u.
Maatiin Ifargan Designs baga Ayyaana Qillee nagaan geessan. Ayyaanni kun kan nagaa fi kan ittiin milkooftan isiniif haa ta'u. Torbee ayyaanaa sababeeffachuun product keenya hundumtuu 50% #discount qabu. Hojii design waliin wal qabatu hundaafuu nu quunnamaa, 50% is already paid! Merry Christmas!

Hojiiwwan Graphics Design + Print waliin wal qabatan kamiyyuu Ifargan Designs dubbisaa. Hojiiwwan akka.... 💻 Qola Kitaabaa �
Hojiiwwan Graphics Design + Print waliin wal qabatan kamiyyuu Ifargan Designs dubbisaa. Hojiiwwan akka.... 💻 Qola Kitaabaa 💻 Barruuwwan akka Magazine fi Galaalchaa 💻 Poosteroota Miidiyaa Hawaasaa 💻 Loogoo 💻 Diizaayiniiwwan akka kofiyaa fi shurraabaa 💻 Biraandiingii guutuu dhaabbataa 💻 fi Kanneen kana fakkaatan Dabalataanis dhaabbilees ta'ee namoonni dhuunfaa weebsaayitii CMS ta'ee Fully managed hojjechiifachuu barbaaddan nu dubbisaa. 💻 WordPress-based website 💻 Company management website 💻 Mobile Application 💻 fi kkf Nu argachuuf 💻 091 977 8608 💻 https://t.me/ifargan Portfolio Keenya ilaalaa https://ifargandesigns.adamabkchurch.org

Hojiiwwan Graphics Design waliin wal qabatan hundaafuu Ifargan Designs (@ifargandesigns) dubbisaa.

Jireenya keessan keessatti gadi of deebisuu, ija laafuu fi sodaachuu hin shaakaliinaa. Yerooma kamittuu akka gaariitti of qabaa, carraa argattan maraanuu huccuu keessan kan hundarra wayyu uffadhaa, maalaqa qabdan ofii keessanirratti invest godhaa, nyaata gaggaarii fayyadamaa, bifa gaarii qabaadhaa. Carraawwan gaggaariin namoota miidhaganii of qabanii, onnee guutuudhaan jiraatanirra qubatti. Ija jabummaa fi ofitti amanamummaan guyyaa keessan simadhaa. Kana hin gootan taanaan namni waan tokkotti illee filannoo keessa isin hin galchu. Ofii keessanii of qabaa wallaaltanii addunyaan dugda natti gatte hin jedhiinaa. Waanan xiinxalee fi dhugaa irraa coba xiqqoo! Guyyaa gaarii qabaadhaa!

Nan booha nan dhoowwinaa Imimmaan koottan obsaa Dhukkubsate jettanii Naaf hin fidiinaa qorsaa Dhukkubnikoo isheedhaa Kuulanii
Nan booha nan dhoowwinaa Imimmaan koottan obsaa Dhukkubsate jettanii Naaf hin fidiinaa qorsaa Dhukkubnikoo isheedhaa Kuulaniikoo naaf gorsaa, Jiruu naaf haa salphistuu Buna naaf haa danfistuu! © Ifargan Guddataa Itichaa

photo content

Softwarota kana namoonni barbaaddan keessaan na dubbisaa!
Softwarota kana namoonni barbaaddan keessaan na dubbisaa!

photo content

Gumataa Kitaaba 📖 MATA-DUREE KITAABICHAA: "Harlin - Fullee Hegeree" 📖 BARREESSAN: Amajjii Gammadoo 📖 QABIYYE KITAABICHAA (GENREs): Seenaawwaan Gaggaababoo, Gorsa, Galma, Kayyoo, Dhaanga Milkii 📖 LAKKOOFSA FUULOTA: 78 📖 BARA MAXXANSAA (PUBLISHED ON): Addoleessaaa 21, 2024, Nagele Arsi, Oromiyaa, Itoophiyaa 📖 Yuunivarsitii Finfinnee irraa 📖 WAA'EE KITAABICHAA ⤵️ "Harlin - Fullee Hegeree" keessa imala yeroo jalqabdu, addunyaa seenaa booji'amaa kan nama bashannansiisu qofa osoo hin taane barumsa gatii guddaa qabu keessatti cuuphamta. Seenaawwan kun akka foddaa muuxannoo dhala namaatti kan tajaajilan yoo ta’u, injifannoo, qormaataa fi yeroowwan jireenya keenya bocan irratti ibsaafi gorsaa gahaa kan kennan ta’a. Karaa seeneffama kanaan dubbistoonni gadi fageenya miiraa fi muuxannoo dhala namaa akka qoratan, Imalaa isaanii irratti immoo ofii isaanii fi namoota biroo irratti hubannoo gadi fagoo akka argatan affeeramaniiru.  Harlin yeroo saaxnu fi Gahee jireenya keenyaaf qabu yeroo hammannu nu waliin ta'aa.

Gumataa Kitaaba 📖 MATA-DUREE KITAABICHAA: "AJAB!" 📖 BARREESSAN: AMAJJII GAMMADOO 📖 QABIYYE KITAABICHAA (GENREs): Saayinsii, Seenaa, Kolfa, Teknoolojii,Qosaa fi Wantoota Ajaa'ibsiisoo 📖 LAKKOOFSA FUULOTA: 53 📖 BARA MAXXANSAA (PUBLISHED ON): Sadaasa 24, 2015 (29/05/2021), Bishooftuu, Oromiyaa, Itoophiyaa 🔱 M/B Bultii Addaa Waldaa Misomaa Oromiyaa 📖 WAA'EE KITAABICHAA ⤵️ Kitaabni kun kutaadhaan kan gargar qoodamedha. Isaanis wantoota ajaa’ibsiisoo, saayinsii, seenaa, bineensotaa, Oromo,Qosaa fi k.k.f of keessatti qaba. 🔗 KITAABA IRRA ⤵️ Ummatni Kuushii Dh.K.D. naannoo bara 4000 baha Afrikaa hanga Galaana Diimaatti (Red Sea), Kaaba Afrikaa Morookoodhaa hanga biyyoota Atilaantikiitti, Arabiyaa irraa hanga Mesoppotaamiyaa, Awurooppaa fi Giddugala Eeshiyaa akka turan ni himama. © "PDF"iin kun akka isiiniif "Post" godhamuu hayyama nama barreesse irraa waan arganneef, maqaa Uummataa oromoo dhaan ni galateefanna Dubbisuu Fi #Share Gochuun Dirqamaa! Afaan Keenya Haa Guddisnuu! BE CHAIN READER👇 @weirdo_jr