cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Imala Jaalalaa

⏩ jaalalaa ⏭️ Waliin jireenya jaalallootaa 🎧Walaloo jaalalaa 👤Asoosama 📢yaada nuu kennuuf @ImalaJaalalaabot @imala_jaalalaa

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
3 344
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

🌹🌹Namoota baga itti isiniin gahe jechuunii barbaaddaniin dhaamsa karaa botii armaan gadii dabarfadhaa biraan kan geenyu ta'a. Kunoo 👇👇👇👇👇👇👇 @ImalaJaalalaabot @ImalaJaalalaabot @ImalaJaalalaabot
Show all...
Hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga guyyaa iidaa waggaa 1443 geessan isiniin jechaa sagantaa gara garaa qabannee dhufaa jirra dhiheenya kana rakkoo tokko tokkof of duubatti harkifataa turre @imala_jaalalaa @imala_jaalalaa
Show all...
JECHA SIIN JAALADHA JEDHUTTI OSOO HIN FAYYADAMNE TOOFTAA BIRAATIIN ERGAA SIIN JAALADHAA DABARFACHUUN AKKA DANDAHAMU BEEKTUU?? 1. Ija keessa kallattiin laaluu:- Ija keessaa qajeelatti nama jaalatan yoo ilaaltan onneen nidhahatti, namni isii laalu kan isii jaalatu ta’uu hubatti. Kuni yeroo tokko tokko itti yaadamee osoo hintaane, osuma hin beekne kan ta’uudha. Suduudaan ija keessa nama ilaaluun humna guddaa qaba. Ergaa 'siinjaaladha' ja'uus ciminaan dabarsuu dandaha. 2. Wal-akkeessuu:- Waan wolfakkaatu al tokko wal faana raawwachuu. Waan inni tokko godhu kan biraas yeruma sanitti godhuu. Kana jechuun yoo inni tokko buna habbuuquu eegale faanaa habbuuquu ta’uun nidanda’a. 3. Kennaan wal badhaasuu:- Horiifi meeshaa addaddaa namaaf kennuun mallattoo jaalalaafi kabajaa nama tokkoof qabnu, jecha tokko osoo hindubbanne, ittiin ibsannu keessaa tokko waan taheef itti dhimma bahuun ni dandahama. 4. Ceekuu sochoosuufi naannessuu:- Ceekuu keenya sochoosuu, waa’ee roqomsuu mitikan dubbataarru, ergaa onneefi yaada sammuu keenna dhiphisu daandii nama jaalannu biraan ittiin gayannu keessaa isa tokko. 5. Walitti siiqanii taa’uu:- Fageenya jidduu namootaa jiru dhiphisuun humna cimaa onneefi sammuu namootaa walitti harkisuu.. dhiheessuu qaba. Namni jaalalaan qabame, isa kaan irra fagatee hinjiraatu. Fagoo ta’uun isaaf hin mijaatu. Kanaaf itti siqanii sagalee dhahannaa onnee dhageessifachuun jaalala ibsachuun ni dandahama. 6. Qubbeen walii qaqabuu:- Harka, keessattuu qubbeen, qaqqabuun mallattoo jaalalaati. Akka hedduu qaqqabdeen irra deddeebitee sijaaladha jechaa akka jirtu hin dagatin. 7. Libsuu ijaa wal faanaa:- Namni haala nagaa keessatti si’a 20 daqiqaa tokko keessatti ija libsata. Libsuun walirraa hin cinne mallattoo jaalalaan qabamuu ykn gama nama tokkootti harkifamuu, onneen walitti hidhamuu agarsiisa. Heddu libsannaan ergaan siin jaaladhaa nama si fuldura dhabbatu gayeeraa ‘sijaaladha’ jechuuf hin cinqamin. 8. Seeqiinsa gaarii:- Waa malee hin seeqannu, afaan hin bannu. Seqannaan, sesseqannaan waatu jira. Bifa kanaan namni lammataas waa jiraachuu barata. Ergaa jaalalaa ta’uus onneen hubata. 9. Sagalee nuti baasnu:- Haasooyni suuta yaa’u, gurratti nama mi’aayu waa ammata. Ergaa jaalalaa dabarfata. Yeroo haasoofnu sodaan hudhaanhudhamnee haasawuu hin qabnu. Keessattuu dhiirti yeroo haasooytu sodaan battiftu dubartii biratti hin jaalatamtu. Kanaaf ifitti amantummaan guutamani sagalee ya'a mi'aawa qabduun suuta ja'ii haasawi. Maddi:- Saaykooloojii qorannoo Jaalalaa irraa. Yaada qabdan karaa @ImalaJaalalaabot Join channel >>>> @imala_jaalalaa >>>> @imala_jaalalaa Nuun gahuu ni dandeessan! Horaa bulaa! nuun gahuu dandeessu Horaa bulaa!!!
Show all...
JECHOOTA GORSA OF KEESSAA QABU =============================== Kennaan guddaan Gorsa Badhaasani guddaan Jaalala Aangoon guddaan Of danda'uu dha. Maalummaan guddaan Amanamummaa dha. Hiyyumaa guddaan Beekumsa dhaabu Dadhabinni guddaan Maallaqaaf bitamuu dha. Qaroomnni guddaan Wal hubbachuu Eenyummaan guddaan Sobbonummaa Kufaatin guddaan Garbummaa Dhibeen guddaan tokkummaa dhabuu Qabeeenyi guddaan Amaanta dha! Dhiphinni guddaan Maal naan jedhanii dha. Gootummaan guddaan Obsa qabaachuu yoo irraa barattan, Share gochuun Nama beeku yaadachiisuu kan hin beekne barsiisuu dha! @imala_jaalalaa @imala_jaalalaa
Show all...
Akkam jirtaa obboleeyyan koo Kan dhi'oof Fageenyaa
Show all...
Baraa fi Dhaloota Ammaa ❤❤❤❤❤❤❤❤❤️ Mee gorsa kana dhaga'i ✅ Durbummaa balleessuu caala bilbilli jalaa hatamuutti dhaloota aaru. ✅ Dubartiin HIV caala ulfaa'u kan sodaattu bara fokkisaa. ✅ Baratanii bakka guddaa ga'uurra bilbila I phone qabachuutti dhaloota gammadu. ✅ Jaalalati gatii baasee, sex bilisaan kan argatu dhaloota qaanessaa. ✅ Dhugaan dhokatee sobni fi gantuummaan dhugaa dhaalan bara fokkisaa. ✅ Bara uummaanni Waaqa dhiisee shororkeessitoota, ajjeeftoota fi hattoota sodaatu bara ajaa'ibaa. ✅ Bara maallaqni firaa fi hiriyaa caala qaala'e dhaloota rakasaa. ✅ Jaalallee irratti kan biraa dabalachuu baannan ati 'faaradha' jedhee dhaloota si arrabsu. ✅ Osoo namni guutee jiruu kophaa akka jiraattu kan si dirqisiise bara gaddisiisaa. ☑️Jaalalaaf amanamuun, jaalalaaf miidhamuun akkuma 'mobile game' tti lakkaa'un dhaloota hamilee kee cabsu. ☑️Dhirsaa fi Niitin kan waliif hin amanamne bara dhiitee osoo hin bariine hafe. ☑️Surree hudduu irratti gadi buusee hidhachuu akka qaroominaatti kan lakkaa'e dhaloota qaanessaa. ☑️Bara️Bara jibbisiisaa dubartiin harmaa fi handhuura koo naaf ilaalaa jettee dirreetti uffata malee baate. ☑️Uffatuma ati uffattu ilaalee eenyummaa kee murteessuf dhaloota fiigu. ☑️Mana amantaa yeroo deemu bilbila harkatti earphone gurratti suuqqatee dhaloota Waaqa kadhachuu deemu. ┄┄┉┉✽̶»̶̥💥✿»💥̶̥✽̶┉┉┄┄ 💫 Join @imala_jaalalaa 💫 Join @imala_jaalalaa
Show all...
Daqiiqaa muraasa booda live waan seennuuf dhimma jaalalaa gara garaa qabannee dhufaa jirraa daqiiqaa 5 f share godhi @imala_jaalalaa @imala_jaalalaa
Show all...
Gooftaa gaafa dhiphuu Kan yeroo rakkinaa Haajaa qabnu mara Nu sitti erginaa Yaadaaf muraada namaa Gooftaan guuttu yoomuu Garbichi sikadhatu Takkaa hin iyyoomuu Ati nurraa cufi Hulaa rakkoof balaa Kabajaa dhorkattee Nun taasisin baala Nama ati ol fuute Eenyuun deebisu gadi Harka nurra qabii Nun saaxilin badiif. @imala_jaalalaa @imala_jaalalaa Yaadaaf 👉 @ImalaJaalalaabot
Show all...
💋
Show all...
#Jalalaa Dhugaa jechuun maalin?? ========================= Jaalalli ilma namaatiif gammachuu qofa osoo hin taane qoormaata cimaafii hiraara hangana hin jedhamne jaalala keessa nama muudata kun Ulaagalee jaalalaa keessaa isa tokko .. Addunyaa tana irratti kan wal jaalatee wal argatu namoota muraasa innii kuun osoo wal jaalatee imimmaan waliif booyu jiruudhaan addaan fagaata Kuun immoo jaalala dhugadhaan qabamee jaalalli isaas gatii dhabee akkuma onneen isaa madoofteetti hafa ... Addunyaa tana irratti Wanti akka jaalalaa nama miidhuu danda'u jira jedhee hin yaadu Osoo akka yaada kiyyaatii kan wal jaalate hundi wal argata garuu hireen jaalalaa qooda rabbiiti Akkuma nuti nama tokko jaalannutti Kan nu jaalatus hedduudha garuu irra caalaan keenna kan jaalanne malee kan nu jaalateef bakkee hin qabnu nama jaalalaan miidhamne saniif yaadaan hiraaruu malee kan jaalala keennaan hiraaraa jiruuf even carraa yaada isaa ibsachuunii danda'u hin laannuuf yaada saa dhageennus deebii gahaa hin laannuuf tuffannee bira tarra haasofni nama saniis qoosa nutti fakkaata .........maaliif garuu??? Jaalalli immoo cubbuudha akkuma ati nama siif miidhame san irratti qoosaa turte hunda dabareen kee ta'ee gaafa sirrattis qoosantu dhufa Yeroo san waan jaalalti nama gootu siif gala namoota duraan jaalalaan miidhaa turte hundaaf gaafa sirras gahee agarte hubattaaf maa'anaan jaalalaa guyyaa san siif gala Nuti namoota yoo jedhamnu yeroo bayyee dantaa keennaf malee dantaa namaatif jennee daqiiqaa takkaaf hin dhiphannu mee kan jaalanne qofaaf osoo hin taane kan nu jaalatuufis carraa of tahee jiraachuunii danda'u haa laannuuf kan nama sanii ta'uu dandeenna taanaan jaalalaaf kabajaan nama san simachuu Kan nama sanii ta'uu hin dandeennu taanaan akka sirraa abdii kutatee of tahee jiraatuuf yaada kee ifaaf bilisaan an kee ta'uu hin danda'u jettee kabajaaf jaalalaan ofirraa geggeessuu itti dabbaramuuf jennee itti kokkolfinee miira addaa keessa galchinee ta dur caalaa jaalalaan nama san miidhuun keenna bor nuufis miidhama taati yeroo san seenaa keessaa bayuu hin dandeenne keessa seenna Soo jaalalaan hin qoosin jaalalli salphaa miti ..!!!! #xalayaa_jaalalaa_isinirraa_ergifannedha @imala_jaalalaa @imala_jaalalaa Waan qabdan asiin nuuf ergaa @ImalaJaalalaabot
Show all...