cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Ogeettii_Show

Contact @Ogeettii_bot @hawi_official @hawi_official

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
375
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#GAAFA_RAAJII Gaafa Hammeenyi miilla Lamaan gabaa dhaqee Gaafa Aadaaf Duudhaan Dabaan karaa maqee Gaafa Qeensi shiraa Hongeerraa Biqilee Gaafa Qoree Gogaan Waraane Ciqilee Gaafa Arrabni namaa Kajeelu Wal hidduu Gaafa namni shakkee Sodaatu Gaaddidduu Gaafa Ollaan Bunaa Nagaa Walii Jibbee Rakkoo wal Afeeree Wal kuffisee Sirbee... (itti fufa) Horaa Bulaa! Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Show all...
Akkumasaattin yaaliidhaaf waraabee sagalee kana isiniin gahe! Gaaftokko Ulaagaa guutee Isinitti nan baha
Show all...
Yaadannoo Hacaaluuf.mp30.81 KB
Akkumasaattin yaaliidhaaf waraabee sagalee kana isiniin gahe! Gaaftokko Ulaagaa guutee Isinitti nan baha
Show all...
Yaadannoo Hacaaluuf.mp30.81 KB
#MAAL_MALLISAA" Jettee? β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯ Umurii jiraatte Nuuf jettee Lallabdee Haqa falmuurratti Lubbuu kan kee dhabdee Teenyee osoo Lakkoofnuu Guyyaa Yaadannookee Kunoo waggaa geenyeem Oromoon Qomoonkee Si dhabuun dhabamuu Tahee jiraam nuttii Akka hin taane taaneem Hin jirruum jiruuttii Sin dagannuum Hace Eessaa si dagannaa? Seenaakee kichuu sana Akkamiin waakkannaa? Sabnikee du'akeef Si faana gugatee Gufuu hin eegamneen Dhahamee Gufatee Ciniinsuutti jiraam Ulfichoo hin dhalannee Waadaakeef kan sabaa Karaatti hin dagannee...(Itti fufa) Nutti toleera yoo jettan, Dafeen isin dhaqqabsiisa Waan #Dubbistaniif galatoomaa! Share, comment fi Like naaf godhaa isiniin jedhee hin beeku! Ni gootumoo ni dhiistu? Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Show all...
IMIMMAAN RAKKINAA Abbaa rakkoo taanee Rakkina dhalchinaa Ulee baraan oofnee Dallaatti galchinaa Haadha rakkoo taanee Ciniinfannee deenyaa Rakkinuma dhalleen Wal Gaafanna beenyaa Imimmaan rakkinaa Kuufamee nu dhoraa Akka baala raafuu Barbaadee nu coraa Numarraa dhalatee Numaanis rakkisaa Galaana gammachuu Qileetti Jallisaa Sossobbii isheetiif Wareegaan as geenyee Har'as ni lolaati Ustee gad hin teenyee Lola'uushee malee Qooruushee hin agarruu Haqa qoqossaatiim Funyaan qabdee dharruu Harqaa bara baanee Baratti darbinaa Bulee yoo bari'u Mudachaa salphinaa Nat qoorsa jedhanii Wal harkaa ishee butuu Dabaree Galanii Natu caalaaf Dutuu Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰ @Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela Waan dubbistaniif Galatoomaa!
Show all...
Kutaa 8ffaan hamma isin bira gahutti dogoggoraakoos ta'u barreeffama kanarratti yaadas ta'e qeeqa keessan naaf qoodaa! @daroo_qellem Join @daraartuu_moaa @daraartuu_moaa Yeroo Gaarii! Galatoomaa!
Show all...
Asoosama seenaa dhugaarratti hundaa'e "Afaan Abbaa" Kutaa 7ffaa. Barreessituun Daraartuu M @daroo_qellem ----------------------------------- ----------------------------------- Seenaa,Aadaa,bu'aa ba'ii qabsoo ummata keessatti dhalattee guddattee gaafachuufi barachuu kan hin quufne Biqiltuun gola harmee Oromoo keessa teessee harmee dhaggeeffachuu amaleeffatteetti. Maqaa harmee Oromoo jedhus kan baaseef Biqiltuu yammuu taatu sababni maqaan kun anaaf ishee biratti jaal'atamee jabaateefis jaalala haadhummaa isaan nutti agarsiisan qofa utuu hin taane seenaa harmeen qabsoo oromoo keessatti dabarsan dabalatee kuusaa seenaa qabsoo oromoo tokko nuuf galaasuu isaaniitiini. Harmeen Oromoo Aadde Waaritee Bareechaa haadha seenaati. Yeroo dargaggummaa isaaniittis ogummaa fayyaa barataniin ummata isaanii tajaajilaa turaniiru. Seenaa qabsaa'ota oromoo kan durii,seenaawwan qabsaa'ota mirga Oromoo kan abboota irraa dhagaa'an,kan umriin isaanii qaqqabee bara jiraatan keessatti arganiifi dabarsan akkasuma kan Sabni arjaafi tolaan Waaqni eebbise Sabni Oromoo dabarsaa ture hamma beekaniifi quba qaban kan nuti isaan gaafanne caalmaatti nutti himuu hin waakkanne,hinumaa kan nuti dhageenyee hin beekne tokko lamaan nuuf seenessan. Abbaa warraa isaanii obbo Guutaa Galaanaa waliin gaa'ela geggeeffatanii ijoollees horanii gammachuudhaan waliin utuu jiraatanii waggoota muraasa dura du'aan dhaban. Harmeen haadha ijoollee 4 da'an yammuu ta'an ijoollee isaanii warra hangafaa keessaa dhiira tokkoofi durba tokko bara 1975 ji'a waxabajjii keessa mana barnootaa sadarkaa 1ffaa sabbataatti utuu baratanii hidhattoota mootummaa garboomfataa dargiitiin mana barnootaa keessaa ukkaamfamanii butamuun achi buuteen isaanii dhabame. Ilma isaanii tokkicha qabaniifi mucaa durbaasaanii erga dhabanii boodas imimmaanni isaanii hin qoorre. Akka bokkaa arfaasaatti ganamaaf galgala ijnisaanii imimmaan roobaa ture. Gaddanii gadoodanii aariif xiiqiin obsa kan isaan dhowwate Ijoolleesaanii har'a lubbuun jiran shamarran lakkuu lamaaniifi itti gaafatamummaa maatii, kan haadhaas abbaa warraa isaaniitti dhiisanii yeroo sana gara qabsoo oromoo qabsaa'ota Adda Bilisummaa Oromootiin finiinaa turetti bara 1978'tti makaman. Ijoollee isaanii lama dhabuun gadda ulfaataa keessatti kuffisee xiiqiin kan isaan kaase akkuma mooraa qabsoo Oromootti makamaniin leenjii barbaachisaas fudhatanii gara garee qabsaa'ota zoonii lixa wallaggaa jirutti bobbaafaman. Roorroofi gara jabeenya mootummaa garboomfataatiin keessi isaanii gubatee lammii isaaniif jecha waggoota 4 dirree qabsoo Oromoo keessatti dabarsan. Mooraa qabsoo keessatti bu'aa ba'iifi qabsoo hadhooftuu dabalatee ogummaa fayyaatiin qabsaa'otaafi ilmaan oromoo isaan waliin turan tajaajilaniiru. Guyyaa harmeen hin daganneefi abaaran guyyoota lama;inni jalqabaa guyyaa ilmaan isaanii lamaan itti dhaban yammuu ta'u inni lammaffaan guyyaa lola hammaataa garee waraana ABUT(TPLF) waliin godhame irratti hiriyootaafi jaal'an qabsoo isaanii ofbiraa dhaban ture. Bara 1983'tti ture; erga mootummaan dargii aangoo gadhiisee booda gareen TPLF tooftaafi siyaasa sobaatiin qabsaa'ota Oromoo kaan hiikkachiisee mooraa waraanaa keessatti rukutuun isaa erga dhagaa'amee booda qabsaa'otni Oromoo hafan kaan bakka jiranitti jabaatanii falmii itti fufan. Gareen kunis qabsaa'ota wallaggaa lixaa naannoo mandii ganda meexxii laal fardaa jiranirratti halkaniin waraana bane. Harmeen Oromoos bakka sana waan turaniif garee diinaa akka tasaa lola bane kana qolachaa bosonarraa gara bosonaatti darban. Lolichi hamma halkan walakkaatti kan itti fufe yoo ta'u qabsaa'onni qaqqaaliin kan keessatti wareegaman ture. Lolli finiinee qabsaa'onni dukkanaan marfamanii gargar faca'uun kaan gara laga Tumaatti,kaan ammoo gara Mandiitti diinaan falmuu itti fufan. Jaal Aagituun qabsooftuu shamarree harmee Oromoo waliin turte yammuu taatu riqicha laga Tumaarra utuu ce'aa jiranii rasaasa ishee argateen bishaan keessatti kufte. Harmeen Oromoos Jaal Aagituun kufnaan ishee faana gara bishaanichaatti ofdarbatan........... Itti fufa..........
Show all...
Asoosama "afaan abbaa" kutaa 1-6 kan dubbisuu barbaaddan @daraartuu_moaa join godhaa! @hawi_official
Show all...
#HAAMTUU_QUBA_CIRTE _________\\__________ Hin saalfannee baraa Jalloo Dugda Ookkoo Quba Harkaa Ciruudhaan Kan dalagdu Cookkoo ♧♣♣♧♣♧♣♣♣ Harkumaan Tolfamtee Qubasaa irraa cirtii Qaamuma Tokkicha Bakka Lamatti Hirtii ♧♣♣♧♣♣♣♣♧ Xaafii Haami jennaan Diddee Quba murtee Waasii Waami jennaan Dheefa yaadaa Bultee ♧♣♧♣♧♣♧♧♣ Uuruushee Jallistee Gaareffachuu Biraa Daba Yaaduu malee Galanni eessa Jiraa? ♧♣♧♣♧♣♣♧♣ #HORAA_BULAA
Show all...
...Jirraa afaaniitiin Geenyees dhuma lafaa Garuu hojiin fullaanee Gahuu dhabuun fafaa
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.