Don't get caught by a cheater! Telemetrio finds and tags such channels 👉 If you want to see the tag, subscribe 👈
Dhugaa Pictures
Open in Telegram
-Cidhaaf -Gayyaa dhalootaaf -Yaadannoowwaniif -Koonsartiifi sagantaawwan adda addaaf tajaajila suuraafi Viidiyoo ni kennina!📷 Teessoon; Buraaayyuu Ashawaa Meedaa naannoo RU kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa; hoteela Roobaa fuuldura✍️ 0925086118
Show more1 079
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
No data
Post views
No data24 hours
No data48 hours
No data
Engagement rate
No data
Posts per day
Posts Archive
1 079
Achii hidhaan waggaa 4 itti murteeffama. Ragaa ittisaan falmadhaa jennaan namoonni 12 didan. Bara Qilinxoon gubatee lubbuun ijoollee qaqqaalii Abdiisaa Bookaafaa dabalatee dhuman sana achi keessaa hafe. Nama kana gara idirii sanaa kan geesse Girmaa Xurunaa (weellisaadha). Inni ofiisaa nama kana maqaa waamuu baatus, namoota kanarratti ragaa bahuun achii ba'e.
Namni kun waggaa 2fi baatii 6 hidhamee ba'e. Turtii mana hidhaa kana keessatti haati warraasaa deddeebitee gaafachaafi hordofaa turte. Namni kun weellisaa HUMNEESSAA BADHAASAA jedhama. Duraan albeema 1 kan qabuufii erga jireenya kana mara dabarsee immoo sirba qeenxee lama kiliphii itti hojjetee ummataa gumaachera "hintuqiin idaa taataa fi Sonaa roobakoo" kan jedhee sirbun yaadadha. Amma immoo Albaama "Qomoo Kiyya" jedhu qabatee dhufee jira.
Humneessa Badhaasaa artistii qofa miti. Nama sabboonaa sababa qabsoo oromooti rakkoo adda addaa keessummeesse. Falmaa Bilisummaati. Waaqni lubbuu isaa oolchee har'aan gahee hojii artiitti deebi'ee Albaama hojjetee jira.
Eebbi Albama "QOMOO KIYYA" Jedhu Dilbata dhufu raawwata. Irratti hirmaatun waliin dhabbatanii;akka bashannantan isin gaafanna!
Bakki Sagantichaa, Furii Addababaa'ii Haacaaluu Hundeessaa Daandii Sabbataa geessu Hoteela Loojii Dibaabeetti.
Caamsaa 6/2015
Sa'aatii 6:00 irraa jalqabee.
https://t.me/imaltuukaayyoo
👇👇👇
1 079
Achii moyyaalee fidanii mootummaa toophiyaatti isa kennan. Achittis ati Abo dha jechuun reebicha hamaa reebuun ji'a 6 hidhan. Achirraa yaa'a ballootti fiduun achittis yeroo muraasa reebamaa hidhame. Boodarra achitti konkolaachisaa jaraa kan ta'e namni qe'eesaa tokko argee maal hojii dhufte? jedhee ajaa'ibsiifate. Kana mara dabbassaan, areedni, uffanniifi biftisaa irratti badee jira. Nama beeku kanattis daldalaaf osoo deemuu qabamee akka ture itti hima. Namni sun wabii ta'eefii achii baasa. Uffata biteefii, dabbassaasaa irraa ciree torbee tokko isa bira turee gara finfinneetti gali jedhee lakkisa. Dhufee diillaa bakka sakattaatti waraqaa eenyummaa hinqabdu jedhamee qabame. Guyyaa 3 hidhammee , achii ammas tikni mootummaa konkolaataa kobiraa gurraattii tokkoon fudhatanii gara finfinnee qajeelu. Finfinnee seenuuf yoo jedhan ijasaa carqiin hidhanii bakka hinbeekamne tokko galchan.
Achittis qorannoofi reebichi kana hinjedhamne irratti raawwatame. Turtii ji'a 6 booda nuwaliin hojjetta ittiin jechuun ammas ija hidhanii manichaa baasuun lafa barii jala finfinnee dirree masqalaatti konkolaataa irraa buusan gatanii deeman. Achii bakka jiru baree gara dur jiraachaa ture naannoo 'sabaattenyaa' sana deeme. Yoo xiqqaate turtii waggaa sadiif ji'a 5 booda jechuudha. Gaafa achi deemu dunkaana isaa durii keessa nama biraatu jira. Namoonni ni maraate jedhanii isa baqatan. Kan ofitti kaleessu hinturre. Achii ammas halkan halkan miillaan deemuun baadiyyaa bakka dhalootasaa shawaa lixaa gincii ga'e. Maatiinsaa heedduu rifatan. Isaanillee ni maraate jechuun mana galchanii itti cufan. Nagaakooti ittiin jedhus isa hin hubanne. Bifti, dabbassaan, uffannisaa akka malee irratti bututeera. Naasuuma kanaan ji'a 6 ciisee yaalamee fayye. Erga fayyees kan amane hinjiru. Ammas maatii jalaa dhokatee finfinnee dhufe. Hanga yoonaa achi buutee haadha warrasaa hinbeekne. Finfinnee dhufee hojii humnaa hojjechuuf murteesse. Achii nama ijaarsa hojjechiisu tokko bira deemee kaartaa dubbisuu akka danda'u himeefii namichi waamee qacare.
Namni kun Weellisaallee ture. Osoo hojiisaa sana hojjetuu namoota argachuu eegale. Namoota argate keessaa weellisaa Girmaa Xurunaa tokkodha. Isa waliin waggoota dheeraa dura wal beeku; Girmaadhaaf waayila tureefilleedha. Girmaan argee na'ee "duuteetta, jennee sibeekna; eessaa baata" jechuun raajeffatee fudhatee manasaa gale. "Nabira taa'i" jechuun of birattis galche. Namni kun hojiisaa hojjetachaa Girmaa bira jiraachuu eegale. Haati warraasaa eessa akka jirtu odeessa tokkollee dhabe. Girmaan hojii weellisuutti deebuu qabda jechuun sirbas akka eegalu nama hojjetuun wal quunnamsiisee walbarsiiseera.
Gaaf tokko finfinnee "magganaanyaa" bakka jedhamutti hiriyyaa haadha manaasaa araga. Dubbisnaan naate. Ana abaludha jennaanis amanuu didde. "Duutetta jedhan, eessaa dhufta?" jette. Akka jiru itti himee haadha manaasaa gaafata. Isheenis nagaa akka taate itti himte. Bilbilashee naaf kenni jennaan, diddee kankee kenni malee kanshee siif hinkennu jechuun kansaa irraa fudhattee deemte. Bilbilasaa haadha manaasaaf kennitee bilbilteef. Wal arguuf beellamatanii wal argani. Hin heerumiin akka jirtuufi mucaa ji'a 1 inni dhiisee deeme amma guddattee akka jirtus itti himte. Sana booda bakka tureefi haala keessa tures himeef. Isheenis hubattee manasheetti ofitti fudhattee jireenya eegalan. Osooma jiraatanii Maqaa idirii jedhuun namoota 58 walitti kan qabe Injiiner Abdii /Girmaa Xurunaa dha. Namoota 58 kanas boolee bulbul mana tokkotti waamuun iddirii jedhamuun bakka tokkotti federaal poolisiin qaba. Yoo poolisoonni ol namman baqadhaa, baqadhaa kan ittiin jedhe Girmaa xurunaa/Abdii nama jedhamu.
Achumaa alaabaan Oromoo/ABO kun bakka inni yaa'ee wallaalame. Alaabaa sana waliin qabaman. Kun nama maraafuu gaaffii ture. Hunduu ija keessa wal ilaalee hafe. Namoonni 58 kun bara 2008 ALI tti qabamuun maa'ikalaawwiitti raraman. Himanni itti baname. Har'a bulanii bor mana murtii araadaatti yoo dhiyaatan Injinar Girmaa Xurunaa kuniifi namni tokko hinjiran; hindhiyaatiin hafan. Hunduu walgaafatee deebii walirraa dhaban.
1 079
Seenaa heedduu natti dhaga'ame kanan isiniif qooda! (Heedduun keessan beekuu maltu)
Finfinnee naannoo 'sabaattenyaa' jedhamuun waamamuu dunkaana qaba ture. Fuudhee haati warraasaa deessee reefuu ji'a 1 geessi. Gaafa sana inni mana hinturre. Tikni mootummaa isa barbaacha manasaa deemanii isa dhabanii akka deebaniifi garana mana akka inni deebuu hinqabne haati warraasaa itti himti. Roorroon akkasii waan itti hadhaa'eef taa'ee hidhaafi du'a eeggachuurra jechuun gara dirree falmaa kibbaa deemee WBO tti dabalamee turtiima muraasa akka achi ture dubbata.
Gaaf tokko jaallan isaa faana bishaan dhugaatii waraabbachuu deeman. Jaallan isaan "hanga nuti bishaan waraabnutti firii mukaa nyaatan sana deemii nuuf ciri" jechuun ergu. Inni firii mukaa sooratan sana ciruuf isaanirraa fagaatee bosonuma keessa deeme. Bosona walxaxaa xiqqoo qaawwaa qabutti seenuun muka dalga ciciisurra koree cirachuu eegala. Osoo ciruu waan inni irra ejjetee jiru ittiin cabnaan kufa. Muka inni yaabbatee ture sana jala boolla heedduu gadi fagaatutu jira ture. Akkuma ittiin cabeen boolla sana keessa dhabama ta'a. Boolluma keessatti kufuusaa malee dhukkubbiifi miidhaan irra ga'e hinturre.
Ba'uuf yaalii godhus, boollichi boolla inni keessaa ba'uu hindandeenyedha. Akka hin dandeenye baree sagalee olkaasee jaallan isaatti irra deddeebiin iyyus hin dhageenye. Jaallan isaas eeganii dadhabanii, asiif achii jedhanii barbaadaniis dhabanii deeman. Inni boollichuma keessa jira. Ba'uu tasa waan hin dandeenyeef achuma keessa callisee taa'e. Jaallan isaas silas bishaan waraabbachuu waan dhufaniif, bishaan isaanii waraabbatanii fagaatanii deemaniiru. Yeroo inni boolla kanatti kufu tilmaamaan galgala keessaa sa'a 11:30 nita'a. Amma dhiheera. Osoo inni garaa muratee achi keessa taa'uu sooratasaa barbaachaaf kan ba'e jawween manasaatti galuu dhufa.
Osooma inni ilaaluu jawween kun boolla inni keessa jirutti galuuf dhufe. Akkuma dhufeen karaa eegeesaa boollichatti gadi seene; mataan isaa gara alatti ol hafe jechuudha. Jawween boollicha gam tokkoon, inni innis boollicha gam tokkoon qabatanii taa'an. Waanuma waliif galanii gargar waliif qoodan namatti fakkaata. Jawween kun akka isa nyaatu of amansiisee jira. Booda asiif achii socho'ee isa arguun hin oolu waan ta'eef, akka nyaatamu ofitti himee jira. Ta'us fala waan hinqabneef "na haanyaatu!" jedhee taa'e. Gara dirree qabsootti dabalamee waan hinturreef meeshaallee qabatee hinjiru. Osoo meeshaa qabaatees jawwichan rukkutaatti tuqee ofitti kaasuu mala.
Osooma jedhuu halkan limixiin sun bari'uuf jira. Bosonni bosona soloolooti, dirreen dirree qabsooti; obsi obsa WBO ti. Lafti barii jala yoo geessu jawwichi ba'uuf sosocho'e. Namni kun fala waan hinqabneef carraa inni qabu bineensa hamaa kanaan nyaatamuu waan ta'eef, gaafa inni ba'uuf ka'u harkasaa lamaaniin eegeesaa qabata. Jawwichi gaafa utaalu gara alaatti ba'ee isas boolla sana keessaa darbatee akka meetira shanii fageessee ala buuse. Gaafa inni eegeesaa qabatu eegeen jawwichaa heedduu kan mucucaatuufi qarqarri eegeesee murmuramaa ykn ilkaan babaasee waan jiruuf inni harka namichaa yoo qabuuf carraa sanaan qabachuun futulukii baasee dirreerra furuurse.
Jawwichi gaafa eegeensaa qabamu na'ee kan utaale, akkuma sanaan gara boollichaatti ofirra deebe. Namichi achii sa ka'e akka fiige hin beeku. Asitti lubbuusaa innis, waaqnis oolcheera. Achii ba'ee guyyoota sadiif jaallansaa barbaadus hin arganne. Gaaf tokko bishaan wayii dhugee gaggabee bishaan sana biratti kufa. Edaa beelli ajjeesteetti. Isaa gaggabee ciisu tifkattoonni loon bishaan obaasuu dhufan fuudhanii gara mana ofii deeman. Achi turee yeroo booda of bare. Aannan kennaniifii jabaate. Maaliif akka dhufe gaafatanis meeshaa bituu gara keeniyaa osoo deemuu hattuun saamamee akka achitti gatame itti hime. Jarris naan amanne jedhe. Guyyaa 9 of bira isa tursanii gara keeniyaa akka isa geggeessan itti himate. Isaanis nama yaamaniifii guyyaa 1 miillaan deemnee, guyyaa 2ffaa konkolaataan deemnee keeniyaa buusan. Achii fuudhanii mana hidhaa bu'e. Achittis waggaa 2 maqaa ABOn qoratamee hidhame.
1 079
Artistoota Oromoo muraasaa fi maqaalee isaanii...👇
1.Kadir Martu
2.Ali Birra
3.Jafar Yusuf
4.Sena Solomon
5.Naho Gobena
6.chala bultume
7.Usmayo Musa
8.Ebisa Adugna
9.Hawi Tezera
10.Jiregna Shifera
11.Michu Sena
12.Eliyas Kiflu [Daani]
13.Keyeron Dereje
14.Ilfinesh Keno
15.Hirpha Ganfure
16.Girma Turuna
17.Adisu Karayu
18.Afandi Sayo
19.Henock Geoge(+)
20.Bilisuma Dinku
21.George Abbu
22.Yanet Dinku
23.Dawite Mokonen
24.Shukri Jamal
25.Shantam Shubisa
26.Saliha Sami
27.Zerihun Wedajo
28.Jambo Jote
29.Tadale Gemachu
30.Mulu Bekele
31.Hallo Dawe
32.Hachalu Hundessa
33.Galana Garomsa
34.Fayisa Furi
35.Fandishe Abdi
36.Fandishe Mulata
37.Falmata Rorro
38.Elemo Ali
39.Dagim Mokenen
40.Ibrahim Adam
41.Tsegaye Dendena
42.Warite Furi
43.Yosef Gammachu
44.Yunus Abdallahi
45.Shukker Jemal
46.Sute Barentu
47.Shamsaddin Yousuf
48.Shambel Dabela
49.Tajudin Ahmed
50.Mahdi Sheka
51.Motuma Mahdi
52.Meti Jamama
53.Tadase Fite
54.Umare Ali
55.Seid Mohamed
56.Adam Harum
57.Adisu Furgasa
58.Bashir Gamado
59.Jaalal Hirphaa(+)
60.Meseret Hunde
61.Ittiiqaa Tafarii
62.Dadhi Galan
63.Jiituu Daanye
64.Biruk Tesfaye
65.Abebe Kefeni
66.Mahaadis Galatoo
67.Alamayo Gamachu
68.Chaltu Naneso
69.Firaol Debire
70.Jemal Husen
71.Getu Alemu
72.Zeenuu _
73.Camada Tariku
74.Abdi Buuh
75.Abdi Nuresa
76.Abdi Ibrahim
77.Habtamu Teshoma
78.Bashir Dhabi
79.Anawar Badhane
80.Adnan Mohammed
81.Hamido Mohamed
82.Haylu Kitaba*
83.Itana Tolosa
84.Hamalmal Abate
85.Hime Yusuf
86.Abush Zeleke
87.Jamal Ibro
88.Ferhan Abdulselam
89.Gamchiftu Urfo
90.Getachew H/mariam
91.Habtamu Lamu
92.Gutu Benti
93.Faysal Haji
94.Fate Annia
95.Gabi Edao
96.Dula Mulugeta
97.Chewaka Yadessa
98.Farhan Dhamala
99.Dhiba Guyo
100.Dajane Kasaye
101.Biranu Zena
102.Ayele Nigusu
103.Bikila Guyota
104.Umar Suleyman
105.Tuji Mude
106.Tofik
107.Tajadin Ahmed
108.Taju Shurube
109.Raju Mohammed
110.Qurqujje Simbo
111.Tilahun Gesese*
112.Nigusu Tamirat
113.Mohamed Sheka
114.Kedir Seid
115.Muktar Osman
116.Nafisa Abdulhakim
117.Melaku Chalchisa
118.Mahdi Jabbon
119.Lencho Abdishekur
120.Legesse Abdi
121.Kadir Kottola
122.Calla Carcar
123.Aster W/gabriel
124.Amarti Wari
125.Kumala Adunya
126.Jemal Sule
127.Aliyyi Sabit
128.Kemer Yousuf
129.Almaz Tefera
130.Amin Husen
131.Kamal Ibrahim
132.Ali Shebbo
133.Ali Mohammed
134.Hahmed M Omer
135.Abdi Qophee
136.Abdulahi Jirma
137.Abdul Selam Haji
138.Abeba Abeshu
139.Abishe Gebayo
140.Abitew Kebede(-)
141...Nabiyu Aman
142...gammachu Ahaned
143...ibroo ibsa
144...wabe idrisa
145...Habtamu lamu
146...Daniel badadha
147...Rabbira dhugasa
148...Abdunasir Beyan
149...kekiyaa badhadha
150...Hasaan Mohamed
151...joorji Abu
152...Beenyaa Dirbaa
153...mahdi xiqqa
154...musxafa hawwe
155...Qasim simboo
156...gaddise shamsadin
157...giifti Daadhii
158...Tiyya Daadhii
159...Ararsaa Gabisaa
160...Abdii fadisa
161... Tefari Mokenen
162...Bakalacha Komabolcha
163...Umare Ali
164...Jireenya Ayyanna
165...ferhan Badessa
166...Sartu Usmayo musa
167...Sime Tufa
168...Shabe sheeka
169...Ali shabo
170...Ramadan Umar
171...Jaalataa Lammii
172 Farhan Abdusalam fi wkf...
By Abdiisaa Tummee 🙏
Suurri 👇👇👇
t.me/imaltuukaayyoo
1 079
Artistoota Oromoo muraasaa fi maqaalee isaanii...👇
1.Kadir Martu
2.Ali Birra
3.Jafar Yusuf
4.Sena Solomon
5.Naho Gobena
6.chala bultume
7.Usmayo Musa
8.Ebisa Adugna
9.Hawi Tezera
10.Jiregna Shifera
11.Michu Sena
12.Eliyas Kiflu [Daani]
13.Keyeron Dereje
14.Ilfinesh Keno
15.Hirpha Ganfure
16.Girma Turuna
17.Adisu Karayu
18.Afandi Sayo
19.Henock Geoge(+)
20.Bilisuma Dinku
21.George Abbu
22.Yanet Dinku
23.Dawite Mokonen
24.Shukri Jamal
25.Shantam Shubisa
26.Saliha Sami
27.Zerihun Wedajo
28.Jambo Jote
29.Tadale Gemachu
30.Mulu Bekele
31.Hallo Dawe
32.Hachalu Hundessa
33.Galana Garomsa
34.Fayisa Furi
35.Fandishe Abdi
36.Fandishe Mulata
37.Falmata Rorro
38.Elemo Ali
39.Dagim Mokenen
40.Ibrahim Adam
41.Tsegaye Dendena
42.Warite Furi
43.Yosef Gammachu
44.Yunus Abdallahi
45.Shukker Jemal
46.Sute Barentu
47.Shamsaddin Yousuf
48.Shambel Dabela
49.Tajudin Ahmed
50.Mahdi Sheka
51.Motuma Mahdi
52.Meti Jamama
53.Tadase Fite
54.Umare Ali
55.Seid Mohamed
56.Adam Harum
57.Adisu Furgasa
58.Bashir Gamado
59.Jaalal Hirphaa(+)
60.Meseret Hunde
61.Ittiiqaa Tafarii
62.Dadhi Galan
63.Jiituu Daanye
64.Biruk Tesfaye
65.Abebe Kefeni
66.Mahaadis Galatoo
67.Alamayo Gamachu
68.Chaltu Naneso
69.Firaol Debire
70.Jemal Husen
71.Getu Alemu
72.Zeenuu _
73.Camada Tariku
74.Abdi Buuh
75.Abdi Nuresa
76.Abdi Ibrahim
77.Habtamu Teshoma
78.Bashir Dhabi
79.Anawar Badhane
80.Adnan Mohammed
81.Hamido Mohamed
82.Haylu Kitaba*
83.Itana Tolosa
84.Hamalmal Abate
85.Hime Yusuf
86.Abush Zeleke
87.Jamal Ibro
88.Ferhan Abdulselam
89.Gamchiftu Urfo
90.Getachew H/mariam
91.Habtamu Lamu
92.Gutu Benti
93.Faysal Haji
94.Fate Annia
95.Gabi Edao
96.Dula Mulugeta
97.Chewaka Yadessa
98.Farhan Dhamala
99.Dhiba Guyo
100.Dajane Kasaye
101.Biranu Zena
102.Ayele Nigusu
103.Bikila Guyota
104.Umar Suleyman
105.Tuji Mude
106.Tofik
107.Tajadin Ahmed
108.Taju Shurube
109.Raju Mohammed
110.Qurqujje Simbo
111.Tilahun Gesese*
112.Nigusu Tamirat
113.Mohamed Sheka
114.Kedir Seid
115.Muktar Osman
116.Nafisa Abdulhakim
117.Melaku Chalchisa
118.Mahdi Jabbon
119.Lencho Abdishekur
120.Legesse Abdi
121.Kadir Kottola
122.Calla Carcar
123.Aster W/gabriel
124.Amarti Wari
125.Kumala Adunya
126.Jemal Sule
127.Aliyyi Sabit
128.Kemer Yousuf
129.Almaz Tefera
130.Amin Husen
131.Kamal Ibrahim
132.Ali Shebbo
133.Ali Mohammed
134.Hahmed M Omer
135.Abdi Qophee
136.Abdulahi Jirma
137.Abdul Selam Haji
138.Abeba Abeshu
139.Abishe Gebayo
140.Abitew Kebede(-)
141...Nabiyu Aman
142...gammachu Ahaned
143...ibroo ibsa
144...wabe idrisa
145...Habtamu lamu
146...Daniel badadha
147...Rabbira dhugasa
148...Abdunasir Beyan
149...kekiyaa badhadha
150...Hasaan Mohamed
151...joorji Abu
152...Beenyaa Dirbaa
153...mahdi xiqqa
154...musxafa hawwe
155...Qasim simboo
156...gaddise shamsadin
157...giifti Daadhii
158...Tiyya Daadhii
159...Ararsaa Gabisaa
160...Abdii fadisa
161... Tefari Mokenen
162...Bakalacha Komabolcha
163...Umare Ali
164...Jireenya Ayyanna
165...ferhan Badessa
166...Sartu Usmayo musa
167...Sime Tufa
168...Shabe sheeka
169...Ali shabo
170...Ramadan Umar
171...Jaalataa Lammii
172 Farhan Abdusalam fi wkf...
By Abdiisaa Tummee 🙏
Suurri 👇👇👇
t.me/imaltuukaayyoo
1 079
Leenci Oromiyaaf dhalate du’a isaas akkuma Haacaaluu Hundeessaa beekkateera. Gootni gaafa qabsoo eegalu diina isaa kuffisee ofiif akka kufu dubbachaa ture. Garuu, lafa dheebuu fi hawwii isaa kan ta’e bilisummaa Oromoo arguuf otoo hin argiin du’uun isaa baay’ee nama gaddisiisa!
“Yaa du’aa na hin nyaatiin hangan bilisummaa ijaan hin argutti” jechuun du’as kadhachaa ture. Haata’u malee, duuti garaa laafuufii hin dandeenye.
“Yaa buna hin daraarinii
Hangan harree bitutti
Yaa du'aa nan waaminii
Yaa biyyoo nan nyaatinii
Hanguman bilisummaa Ija kiyyaan argutti”
Umuriin koo hin geenye hiree saba kanaatu kichuu ilmaanshee jalaa haxaa'a gabrummaatu umurii malee daanditti nu kutte. Garuu, bilisummaa saba kanaa argee yoon du'eyyuu garaa nan nyaatu jedhee Oromoof waa karoorsaa ture.
Kanaaf, “Yaa du'a nana bilisummaa Oromoo hangan argutti nan waamin, yaa biyyoo biyya kiyyaa siif jedheen dararamaa ilmaankee beela'eetu alagaan si haadhee sirraa nyaachaa jira hanga ilmaankee hiyyeessikee abbaa sirratti ta'ee boqotee tasgabbiidhan jiraatutti na hin nyaatin.
Didi Siif jedhee utuun jooruu nan liqimsiin” jedhee imaanaa irra kaawwate.
Halkan hagayya 30/1996 sanatu qaroo kana nurraagalaafate!
Yaadannoo Waggaa 26ffaa Eebboo🖤💔🙏
t.me/imaltuukaayyoo
1 079
Rich Dad & Poor Dad
👤 Robert T. Kiyosaki
📚 ENGLISH PDF
Page-121║Size-632KB
share💯share💯share
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺JOIN🔺
Content available for users 18+
By signing in to the service, you confirm that you are 18 years of age or older.
