cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

๐‘ซ๐‘ฏ๐‘ผ๐‘ฎ๐‘จ๐‘จ๐‘ป๐‘ผ ๐‘›๐‘ข ๐‘ฉ๐‘จ๐‘จ๐‘บ๐‘จโœ

Beekumsa walii galaa, dhangaa dhaloota qubee, soora sammuu gabbisu, jechoota kalaqa dhuunfaa, maloota injifannoo dhala namaa fi daandii milkaa'inaaf gorsa argachuu ni feetuu....? Maarree as goraa cobsadhaa๐Ÿ‘

Show more
Finland2 303The language is not specifiedReligion & Spirituality55 097
Advertising posts
815
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

AARSAA WANGEELAAF! 1-Oneesifooroos ~ Bineensaf kennamee erga cicciramee, booda Farda bosonaatti hidhanii gadi dhiisan. Hardiidon sunis gotottee gulufaa badde. 2-Baarnaabaas ~ Fayyaatti otoo jiruu Ibiddaan gubanii ajjeesan. 3-Vitaalaas ~ Fayyaatti utuu jiruu awwaalame. 4-Phaawuloos ~ Mormatu irraa cite. 5-Luqaas ~ Muka Ejersaatti fannisan. 6-Maarqoos ~ Kiyyoodhan qabanii hamma fooniifi dhiignisaa ciccitee lafa lola'ee dhumutti lafa dhagaarra goototan. 7-Maatiyaas ~ Fannoitti ni fannisan. Dhagaadhan fannoorratti reeban, qottoodhaan fannoorratti morma isaa kutanii ajjeesan. 8-Maatewoos ~ Fannisanii ajjeesan. 9-Toomaas ~ Reebicha guddaa alangaa sibiilaa diimeffameen reeban, sana booda Zayitii danfaa qodaansaa qadaada qabu keessa buusan. Sana booda Zayiticha keessatti cinaachasaa Eeboodhaan waraananii ajjeesan. 10-Bartaloomewoos~ Ni reeban, gadi gombisanii fannisan, fayyaatti utuu jiruu fannoo irratti gogaa irraa baasan... Mormatti kutan(fannoorratti). 11-Indiriyaas ~ Guyyaa fi halkan sadi(3) fannoorra turee dhiphina guddaadhaan du'e. 12-Pheexiroos ~ Gadi gombisanii fannisanii ajjeesan. 13-Yaaqoob Alfewoos ~ Mana qulqullummaarraa gadi darbatan. Yommuu kufu miila isaatu cabe, dhagaa fi uleedhan tumanii lubbuu isaa keessaa baasan. 14-Filiphoos ~ Mataa isaa fannootti hidhanii dhagaadhan tuman. 15-Yaaqoob Zabdewoos ~ Mana hidhaa keessatti morma irraa kutan. (Maddi kitaaba 'AARSAA WANGEELAA' jedhu irraa kan fudhatamedha) #Gatiitu_itti_baafameera!
Show all...
โœ๏ธ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ก๐ฎ๐ง๐๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ ๐จ๐Ÿ ๐ž๐ž๐ ๐ ๐š๐๐ก๐ฎ. ๐’๐š๐›๐š๐›๐ง๐ข๐ฌ, ๐ฃ๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ข ๐ค๐ž๐ž ๐ข๐๐š'๐š๐ฆ๐š ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ๐ข ๐ญ๐š๐š๐ญ๐ž๐ž๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐š๐œ๐ก๐ข ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐›๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ญ๐ž๐ž๐ญ๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ง ๐ญ๐š'๐ž๐ž๐Ÿ.
Show all...
#Ebionism๐ŸŒ -Ebionism maaliidha? -Bara kam keessa turee? -Har'ahoo jiraa? Hamma xummuuraattii Dubbisuudhaan Beekumsa Guddaa akkaa irraa hirattaan jaalala gooftaanan isin Affeera. Bara #Jaarraa 2ffaa keessa Barsiisotni #Sobduun barumsa sobaa fi dogoggoraa qabatanii as bahan. Barsiifni isaanii kunis #Ebionism jedhamuun beekama. Barsiitotni Sobduun barumsa kana fudhatanii gaafa dhufan Barumsi isaanii kan irraatti xiyyeeffatu #Yihudotni Hojii gaariidhaa fi Seera eeguudhaan fayyu kan jedhu ture. Barumsi Warra #Ebionism kun Babal'atee Addunyaarra faffaca'ee tureera har'as maqaa jijjiirrate malee Kaayyoo fi Akkaatuma isaan duraan hojjataa turaniin Barsiisa sobaa barsiisaa dhaloota dogoggorsiisaas jiru. #Phawlos Ergaa isaa warra #Galatiyaaf barreesse keessattii Barsiisotni akkasii akka jiranii fi Barumsi isaanii kunis dogoggora akka ta'e nidubbata. #Ebionism kun Jalqaba sirriittii kan guddate #Palestinaa keessattiidha. Warri yaada kana fudhatan Harki caalaan isaanii #Seera eeguudhaan fayyinni argama malee Amanuun hin barbaachisu jechuudhaan Warra #Foon uffatee #Dhalachuu,#Barsiisa fi #Tajaajila isaa Akkasumas #Dhiphina Yesuus #Cubbamootaaf dhiphatee fi gatii inni baasetti hin amanne isa in ganu. Akkasumas warri #Ebionism #Fayyinni kan argamu #Seera dhaqna qabaa fi Sanbata #kabajuu fi eeguu qofaaniyyuu fayyinni ni argama jedhanii Amanu. Dabalataanis #Ergamaa phawlos illee #Ergamaa ta'uu isaatiin inmormu. #Roomee 3:21 Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru. 22 Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a. Namni #Qajeelaa ta'uuf Akkasumas #Jireenya Argachuuf #Yesuusitti Amanuu qaba. #Yoh 14:6 ๐Ÿ‘‰ Karaan,Dhugaan,jireenyis #Ana...๐Ÿ’ฏ%โœ” Warri #Ebionism kun Jaarraa 5ffaa keessa badan yoo jedhame iyyuu Har'a Addunyaa keenya irraattii Barsiisi Dogoggoraa fi sobaa baay'ee baayyaachaa jira. Egaa #Barsiisi #Hundeen isaa #Kiristoos #Irraattii Hin Hundoofne #Yesuus Foon uffatee dhalachuusaa, #Cubbamootaaf gatii baasuu Isaa #Du'e Du'a mo'ee ka'uu isaa Akkasumas #Deebi'ee dhufuu isaa irraattii Kan hin bu'uureffamni fi irraatti kan hin Dhaabbanne kamiyyuu Barsiisa sobaa fi dogoggoraati. Barumsi dogoggoraa fi sobaa gargar yoo ta'anis Garuu #Yesus #Kiristoos #Fayisaa ta'uusaa kan ganu kamiyyuu Barumsa sirrii miti. Egaa har'as Addunyaa keenya keessattii Maqaan isaanii akka jaarraa 1ffaa fi 2ffaa keessa,itti waamamanis ta'uu baatu maqaa jijjiirrachuudhaan #Ammaayyoomuudhaan baayyoliin Barsiisa sobaa irraatti xiyyeefatanii dhaloota dogoggorsan baayeedha. -Barsiifni Horii irraatti xiyyeeffatu -Barsiifni Seera Amantii eeguu qofarrattii xiyyeeffatu -Barsiifni Yesus Kiristoos hin Bu'uura Hin godhanne kamiyyuu Barumsa sobaa fi Dogoggoraati #Sammuu #Dammaqaa kan qabu haa Dammaqu. #Roomee 10:4 Kristos nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga'a. #Fayyinni kan argamu Yesuus kiristoositti Amanuudhaan Qofa. ๐Ÿ‘‰#Yoh 3:18 kan isatti amane #Jireenya Barabaraa Qaba๐Ÿ’ก ๐Ÿ‘‰Kan #Yesuusiin Hin Qabne #Fayyinas #Jireenyas #Hin Qabu!โŒโŒโŒ๐Ÿ”š
Show all...
โค 1
-Namni lammataa Milkiyas jedhama, mucaan kun walqixxe Yuniversiiti dha ba'ee lafa ta'a ture, dhiyoo kana waliif irraa hojii oliif gadi deeme beeksisuu hojjechaa ture, mucaan kun boordii keessa nama tokkotti dhiyaata, mucaa kana waamanii nama muuxannoo hojii Wangeela babaldhisuu guyyaa tokko hojjetee hin beekne, nama barnoota Tiyooloogii dhaan Certificate hin qabne gaggeessaa olaana kutaa Evangelism (tamsaasa wangeelaa) godhanii qarshii 14,000'n qacarani. Ijoolleen kunneen namoota "draft proposal" tokko waggaa tokko keessatti xumuruu hin dandeenye turan. Karaa namaa buddeen nyaachuuf gara hojii kanaa waan deemaniif hojiin isaanii Yoonaasiin maqaa baldheessuu fi hamachuu qofaa akka ta'eedha. -Gaggeessaan boordii amma jiru wagga shaniif gaggeessaa kan ture dha. Bara inni gaggeessaa turetti FOCUS cufamee waggaa lamaa oliif taa'e. Barsiisi sobaa ni babaldhate. Yoonaas yeroo daayireektera ol'aanaa turetti waggaa tokko keessatti hojii waggaa 25 tti hin hojjetamne nama hojjechaa tureedha. Hojiilee akka ystem build, sustainable fund design, Alumni stuff, Organizational manual, dhaabbatoota 16 olii wajjin waliigaltee hojii uumuu, website qarshii 500,000 develop gochuu, communicational channel jabaa ta'e diriirsuu, waggaa tokko keessatti namoota 15,000 olitti Wangeela dhugaa ba'uun amansiisuufaa ture. Hojii kana hundumaa yeroo hojjetu hojjetaa nama tokko qofaa wajjinii dha. Namni kun durgoo tokko malee baasii mataasaa baasee, boba'aa qarshii mataasaan guutee hojii Wangeelaa hojjechaa ture. Yoonaas dookimeentii hannaa isaan barbaadanitti mallatteessuu gaafanni didu ijoollee kanaa wajjin walii galanii chaappaa kan biraa hojjechiisanii fakkeessanii mallatteessuun hojii saamichaa raawwachaa turaniiru. Yeroo barbaadanitti utuu namni kun waan tokko hin beekiin computer fi meeshaalee garagaraa prifoormaa tokko malee bitanii utuu inni hin mallatteessiin walii walii isaaniif kennu, Yoonaas gaggeessaa olaana mana kanaa ta'e waan tokko irratti illee mallatteessuu hin danda'u. Dhuma irratti akka isaan yaadanitti deemuu gaafa inni didu hojii irraa geggeessan. Geggeessanii dhiisuu qofa utuu hin taane duuba deebi'anii maqaa balleessuu itti fufanii jiru. Dhaamsa! -Dhaloonni kun hamma namoota dhiibbaa uumuun isaaf hojjechuu danda'u hin kunuunfannetti eessayyuu hin ga'u. -Dhaloonni kun hamma tokkummaan hattuuf saamtota irratti qabsaa'ee iddoo hin maqsinetti barumabaraan saamamaa jiraata. -Dhaloonni kun hamma abboota hin bulfanetti, labata ammoo hojii gaariif hin qarretti egereen isaa abaaramuuf baduudha! Kanaaf haa dammaqnu! Ijoolleen Yuniversitii garaa garaa keessa jirtan hattoota kana irratti qabsaa'aa iddoo maqsaan dhaamsa kooti! FOCUS durii sana arguu ni barbaanna! Oliifan Margaa
Show all...
FOCUS HATTOOTAA FI SAAMTOTA HARKAA BARAARAAโ€ผ๏ธ Dubbii kana akka salphaatti hin ilaallu. l ยฐยฐยฐ FOCUS kan waggoota dheeraadhaaf dhaabbilee barnootaa ol'aanoo irratti dargaggoota Wangeelaan qaraa fi hojii dhuga-baatii Wangeelaa babal'isaa ture maqaa saamtotaa fi hattoota muraasaaf jigaa jira. Hojiin saamichaa fi hannaa dhaabbata kana keessatti yeroodhaa gara yerootti babal'achaa dhufe hojii babal'isuu Wangeelaatti gufuu guddaa ta'eera. Maal kana qofa dhaabbata kana keessatti hattoonni wal gurmeessanii namoota dhugaan of-kennanii hojii dhaabbata kanaa hojjetan ariiyachuun ammoo balaa hammaataa kufaatii FOCUS ta'eera. Duratti hojii dhaabbata kanaa amanamummaa fi itti-gaafatama guddaan hojjechaa kan ture Waadaa Bultii Caalii hojii itti gaafatama ol'aanaa irraa sababa tokko malee geggeeffamee ture. Akkasuma ammas Daayireektera Ol'aanaa FOCUS kan waggaa tokko keessatti hojii hojjetamee hin beekne hojjetee fi nama namoonni ija irra ka'atanii turan Yoonas Abdoos/Jonah Jat ariiyanii jiru. Hojii dhangaggaa'aa akka kanaa FOCUS keessatti namoonni adda dureen hojjechaa jiran Dr. Eliyaas, Milkiyaasii fi Kakuu kanneen jedhamaniidha. Hojiin isaanii kan armaan gadii fakkaata: -Saamtonni kunneen utuu Yoonaas hojiirra jiruu dhoksaatti Chaappaa kan biraa mana maxxansaa Dave Buraayyuurraa hojjechiisuun ittiin hojii saamichaa hojjechaa turan, erga hojii irraa nama kana gaggeessaniiyyuu Miindaa jiโ€™a lamaa dhowwatanii turan, yeroo sana chaappaa isa ofii hojjechiifatan fayyadamaa turan. - Yoonaas FOCUS Keessatti guyyaa tokko maallaqa qarshii shan irratti akkanni hin mallatteessine ragaa guutuun Luba Wandee harka jira. - Hojiilee Yoonaas jalqabe hundumaa Eliyaas dhaabi jedhee dhaabsisaa akka ture koreen kan akka FOCUS 25 yrs anniversary, FOCUS sustainable fund raiser fi kkf ragaa dha. - Qacarrii humna namaa irratti Kakuun gaafa qacarame vaakaansiin hin jiru, ulaaga ittiin guutu tokkos hin qabu ture. - Milkiyaas gaafa qacarame vaakaansiin baโ€™e nama barnoota Tiyooloogii barate, nama muuxannoo waggaa shanii olii qabu fi kkf ture. Jarri garuu mucaa gaaf tokko dhaabbatee wangeela dubbisee hin beekne, mucaa muuxannoo waggaa tokko hin caalle isayyuu mana Waliif keessa marketing hojjechaa ture itti gaafatamaa babaldhisuu Wangeela Itoophiyaa godhanii isa qacaran, amma immoo bakka Yoonaas daayireektera olaana FOCUS Ministirii godhan. - Dr Eliyaas Koree filachiiftuu waggaa darbee seeraan ala ofii isaa mucaa ofiif barbaadu isa waliin jiraatu filate, dhimma kana yaaโ€™in waliigalaa hin beeku ture, waltajjii yaโ€™ii waliigalaas ofiima isaa gaggeesse. Ijoolleen yeroo sana walgaโ€™ii irra turan Dr Eliyaas hin filamu jennaan Kakuun humnaan ijoollee amansiisee dabarse, inni immoo aangootti dhufee Kakuu qacare. Isa kanaaf ijoolleen amma kilaastara gaggeessaa jiraniifi qaboon yaโ€™ii yeroo sana ture ragaa dha. - Yoonaas iccitii isaanii kana akka hin baafneef maqaa kee balleessina yoo waa dubbatte jedhanii doorsisaa turan. - Priformaa utuu hin sassaabiin Eliyaas aangoo mataa isaan computer bitee ijoolleef kenne, document isaan irratti mallatteessanii fudhatan illee mana FOCUS keessa hin jiru. Yoonaas garuu gaggeessaa olaana taโ€™e computer mataasaa fayyadama ture. -Erga Yoonaas gara hojiitti dhufee kaase garuu sababa waaninni itti fidu hundumaa harkaa hin fudhanneef, hojjetoota hin madaalle kan mataa isaa fidee qacare. Fakkeenyaaf Kakuun yeroo boordiin filame koree filachiiftuu godhee ofii isaa Dr Eliyaas file, ijoolleen Dr Eliyaasiin boordiif hin barbaannu jennaan mucaan kakuu jedhamu kun humnaan dabarse, Kakuun yeroo baay'ee mana Dr Eliyas jiraata ture, erga Dr Eliyas boordiitti filamee Kakuu mucaa muuxannoo hojii tokko illee hin qabne, mucaa Ambo Yuniversiitiidhaa ba'ee lafa ta'u qarshii 12,000'n beeksisa tokko illee utuu hin baasiin gaggeessa kilaastara Ethiopia godhee qacare.
Show all...
Elaamee...! Har'i dukkana limixiidha, jiraachuuf homtuu abdiin hin jiru, mukti qabatan, dhadhaabbanni itti hirkatan, firriifi lammiin itti himatan hin jiru ta'uu mala. Fuula duratti deemuuf haamileefi mogoleen dhibee, duubatti deebi'uuf qoraattiin baay'achuu danda'a. Lafa jiran dhaabbachuufis humni dhumaa ta'uu mala. Barichumti isaayyuu yerootti waa abdatan caalaa yerootti waa rakkatan baay'ata. Namni nama gargaaru jiraachuun hafee, namni ofii isaayyuu jireenya kana moo'achuuf mukaaf jirma koraa oola. Sanumaanuu dadhabe maleessa. Yaadadhu, har'a harka namaarraa nyaatta yoo ta'eyyuu, har'a nama si mil'atu hin arganne yoo ta'eyyuu, har'a wanti hundumtuu duwwaa ta'ee sitti mul'ata hoo ta'eyyuu, Boru guyyaa biraati, dukkanni kuni darbee boruu ifadha. Gaddi darbee boru gammachuudha, boo'ichi darbee boru guyyaa kolfaati. Dhabuun hafee boru guyyaa argachuuti. Namni har'a jiraachuu kee hin beekne, boru iyyaafannoon si hordofuuf jira. Cimina keessoo kee cimsi. Abdii kutannaa kee hir'isi. Hamma dandeesse tattaafadhu. Abdii hin kutatiin mudhii kee jabeeffadhu. Ofii keef iddoo kenni, jijjiiramaaf hojjedhu. Rakkoo kee obsi, hir'ina kee dhoksi. Jiraachuuf murteessi. Wanti dhaabbatee hafu hin jiru. Dhabuun in darba. Argachuunis yeroo hundumaa ittin fufu.ย  Waan qabdutti gammadi, uumaa kee galeeffadhu. Dandeettii keessoo kee qoradhu, of hubadhu, eenyuyyuu caalaa of abdadhu, ofitti amanamummaa kee cimsi. Yoomiyyuu nama ga'aa akka taate yaaduu hin dagatiin. #Waaqayyo_egeree_keef_abdii_ifaa_siif_qaba.
Show all...
โค 1
Sirna barnoota haaraa, hunda kan of keessatti qabate app kitaaba kutaa 11ffaa asirraa buufadhaa.
Show all...
App kitaabota barataa kan kutaa sagalaffaa (9ffaa) kan sirna barnoota haaraa kana buufadhaa. (New curriculum book store 9th grade )
Show all...