cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Magarsaa Qilxuu

Hundumtuu guuteet miti Irra keessa kolfinaa Kan kaleessaayyu hin qoorre Madaa keenya hin horfiinaa! we love Our flag!🟥🟩🟥

Show more
Finland1 118The language is not specifiedNews & Media17 717
Advertising posts
5 303
Subscribers
+724 hours
+367 days
+36030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Akkam jirtan? Funyaan Finfinnee jala Aanaa Tolee bakka addaa Lalisee jedhamtutti lola rifaatuu qabu gaggeessuun moonaa diinaa golgoleesseera. Olola lolaan cabsina!
Show all...
👍 5
Amma mootummaan kun duula ijibbaataaf tooftaa biroo baafatee sochitti jira. Innis garee ani waraa-na bilisummaa Oromooti jedhee harka kennataa tureef haaroomsa kennaa turuun isaa nii yaadatama. Amma garee kana raayyaa ittisa biyyaatti makee raayyaa ittisa biyyaa dura isaan hiriirsuun kutaalee Oromiyaa hundatti bobbaasuutti jira. Gareen kun qubsuma waraa-naa fi sochii waraa-nichaa akka waan beekuuniitti of kennuudhan ofiis irbaata rasaa-saa ta'uudhaaf dirqamaan bobbii fudhatanii sochii irra waan jiranii of eeggannoon barbaachisaadha!
Show all...
👍 9 1
Qabsoon Oromoo akka galma hin geenyeef wantoonni taasisaa turan keessaa tokko tikni cimaan dhibuu isaati. Qabsoon Oromoo sababoota hedduutiin bacancaraa as gahuyyuu tikni qabsicha bakkatti tiksu dhibuun immoo isa ijoo ture. Tikni tarsiimoo fi caaseffama isaa irratti hundaa'uun bakka hedduutti qoodamuu yoo danda'e iyyuu inni uummataa fi waraa-na tiksu isa ijoo ta'ee argama. Waraa-naa kan tiksu waraa-na ta'ee hojii isaa raawwachuu danda'a. Inni uummata keessaas uummatuma ta'ee hojii isaa raawwachiisa. Lamaanuu hojiin isaan hojjetan salphaa miti. Waraa-nni akka waraa-naatti heeraa fi seera waraa-naa cabsee gaaga'ama gama waraa-naatiin dhufu xiqqeessuu irratti hojjeta. Heeraaf seeratti dhimma bahee waraa-na tiksa. Kana irratti meesh-a baataa, yookan nyaata hojjetaa/ttuu gootee akkaataa qabsicha tiksuuf tolutti tolfachuu dandeessa (tooftaan biroos jiraachuuti mala). Asirratti qoodni tika waraa-naa salphaa miti barruu keenya yeroo darbee "TIKAA fi WARAA-NA" jedhu irratti hamma tokko ibsuuf yaaleen jira. Tikni uummata immoo waraa-qsa uummataa tiksuu keessatti gahee guddaa qaba. Isa kana akka waraaqsicha tiksuuf ta'utti amaloota warraaqsaan wal qabsiiftee ijaarrata. Warraaqsa uummataa tiksuun waan salphaa miti. Rakkoo warraaqsa uummataa tikfachuu dhabuutiin bara 2018 waantoota ta'aniin wal qabatee hanga har'aatti aarsaan kaffalamaa jiru salphaa miti. Warraaqsa kee tikfachuu yoo hin dandeenye abbuma barbaadetu lafaa ol ka'ee warraaqsa keetti abbaa of godha. Gaafa sana ati irra deddeebiin waree-gamaaf of qopheessita. Bara 2018 aarsaa qeerroo fi qarreen Oromoo baasaniin qabsoon Oromoo gara goolabaatti dhufee ture. Haa ta'u malee sababa qabsoon kun tikfamuu hanqateef firoonni OPDO fira qabsoof of godhanii qabsichi akka dabarfamee warra kaleessa aarsaa lakkuu uummaticha baasisaa turetti dabarfamee akka kennamu taasisan. Sababa kanaanis har'a aarsaa eenyullee Oromoof hin beeknetu kaffalamaa jira. Borus taateen akkanaa akka irra deebiin sabicha hin mudanneef kan qabsoo isaa keessaaf alatti tiksuuf bifa icciitawaa ta'een ijaaramuufiiti qaba. Tikni warraaqsaa tika salphaa miti. Tika waraa-naa waliin wal hubachuudhaan waree-gama salphaan injifannoo guddaa fiduu danda'a. Tika waraa-naa fi tika warraaqsaa ijaarrachuun saba Oromoo irratti hin eegalle. Biyyoonni guddatan hedduun tika waraa-naa fi tika warraaqsaa ijaarratanii sochii qabsoo bilisummaa taasisaa turan. Ammallee kana gochuudhaaf yeroon isaa hin dabarre. Uummatichi qaqqaxaleewwan hedduu waraa-naa fi uummata gidduudhaa qaba. Hooggantoonni qabsoo Oromoo fi beektonni Oromoo immoo tokkummaa fi wal hubannoo sirrii ta'een isan kanatti dhimma bahanii qabsichi akka golaba argatuuf Oromiyaanis akka weera-rtoota irra aara galfattuuf cimanii irratti hojjechuuti qabu!
Show all...
Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaatti guyyaa har'aa mootummaan humna qilleensa irraa Jeettii fayyadamuudhaan uummataafii qabeenya uummataa gaaga'uun barbadeeysuutti ture. Yeroo bakkeen garaa garaa deemuun "biyyi bilisoomteeyti" jadhee uummata kijibuun harka rukuchiifachuuf yaalaa jiru kanatti, yaada uummataa gara ifii isaatti hatuun, waraana bilisummaa oromoo jeettii fayyadamee daguuguuf qophii irra jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo naannawwaa Ammayyaa, Wallagga Bahaa jalaa, Waayyuu tuqaa, Sibuu Sireefii Jimmaa Arjoo jala jiraattan if-eeggannoo jabaadha isin barbaachisa. Bakkeen waamaman kanatti uummanni guutummaatti buqqa'ee akka jeettiidhaan W-B-O irratti tarkaanfii fudhatuuf karoorfateedha jira. Uummanni aanaa kana jalaa bakkoota takka takkaatillee akka buqqa'aniif mootummaan abbaa irree kun uummatatti ajaja dabarseedha jira. Tooftaan kun ammoo tooftaa marii araara kijibaa darbe booda qindeessuun waraana bilisummaa Oromoo cabsuuf koratanidha. Kanaanis waktii arfaasaa kanatti dalagaa isaa irraa uummata buqqisanii beeleysuun harka ifii keeysa galfachuufii uummata keeysaa baasanii jeettiin W-B-O dhayuuf karoorfateedha jira. Videon agaruutti jirtan kan guyyaa har'aa mootummaan abbaa irree Abiyyi Ahamd, aanaa Ammayyaa jalatti uummata irratti Jeettiin harcaasaati turedha. Kanaanis lubbuun qote bulaa lamaa darbuufii kaan ammoo madeeysiteeti jirti. Akkasiin afaaniin uummata sobuun tooftaa ittiin W-B-O dhabamsiisan korachuu irratti argamu. Tooftaan W-B-O dadhabsiisuuf koratamaa jiru kunis, marii kijibaafii shiraa Keeniyaa keeysatti taayamaa jiru waliinis walitti hidhata kan qabanidha. Yeroo kamiyyuu caalaatti W-B-On kan inni if-tiksuun socho'uuti qabu ammadha. Warreen maqaa isaatiin marii taayaa jiranis, isaaf mariyachaa jiru adoo hintaane isatti mariyachaa akka jiran beekuun if-tiksuufii if-jabeeysuudha qaba. Akka seera idil-addunyaatitti Jeettiin biyya takka keeysatti tasumaa kaasanii fayyadamuun yakkadha ture. Garuu mootummaan Abiyyi kun W-B-O dhabamsiisee uummata Oromoo if-jalatti dhiitee bulchuuf jacha jeettiin uummataafii waraana bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf dhamaatiitti jira. Garuu hin dandayamtuufi. W-B-On hinbada adoo hintaane kan durii daran diina isaa balleeysee, Oromiyaa bilisoomsuuf jira. W-B-On yoomiyyuu durattidha.
Show all...
👍 8🔥 1
Biyya ijaarrachuun mirga lubbuun jiraachuu irra waanti adda isa taasisu hin jiru. Icciitiin biyya ijaarrachuu waraa-naa fi tokkummaa keessa jira. Biyyi tokkummaa qabdu humnoota meeshaa waraa-naa kamiyyuu hidhateen hanga dhumaatti baduu hin dandeessu. Tokkummaa qabaannaan haalli kamiyyuu si raasuu hin danda'u raafama dhufuuf tokkummaa keetu tasgabbessituudha. Biyyoonni tokkummaa malee humna waraa-naatiin ijaaramuu danda'u garuu akka biyyaatti jiraatanii itti fufuuf nii rakkatu, Maaliif akka ijaaramtu, maaliin akka ijaaramtu fi kaayyoon ijaarama keetii beekamuuti qaba. Tokkummaa fi waraa-nni biyya ijaaruu keessatti iddoo guddaa qabu. Tokkummaa akka walootti qabdu dhiibbaa alagaa irraa karaa qaww-ee sitti dhufu jalaa si baraaruudhaaf waraa-nni kee gahee guddaa qaba. Akka biyyaatti daangaa kee fi nageenya kee kabachiisuuf waraa-na qabaachuun kee dirqamadha. Biyyi ijaaramte qaama alagaatiin weera-amtee akka hin diigamneef waraa-na qabaachuun isheef murteessadha. Waraa-na ijaarrachuun akka sabaatti ijaaramuun egeree biyyummaa keetiif waan murteessituudha. Si ijaaruu shiftaan iyyuu akka ati shiftummaa isaatiif tumsa taatuuf si ijaaruu danda'a garuu ijaaramsi sun yeroofi malee wabii jireenya keetii siif hin ta'u, farri shiftaa sanaa yoo dhufe walumatti qabee si diig-uuti mala. Ijaaramanii biyya ta'uu keessa dhoksaawwan qabsoo hedduutu jira. Tiksuuf tikfamuu, lo-luuf lol-chiisuu, hogganuu fi hoogganamuu, leenjisuuf leenjifamuu, warraaqsa hoogganuu, warraaquu, tarsiimoo baasuu fi tarsiimoon geggeeffamuu, waree-guu fi waree-gamuu.....kun hundinuu tokkummaa keessatti kaayyoo tokko jalatti raawwatama. Kaayyoo keessa tokkummaatu jira, tokkummaa keessa kaayyootu jira. Kaayyoon kee biyya ijaarrachuu taanan tokko taatee biyya ijaarratta. Yeroo kanatti mudannoowwan hedduu keessummeessuuf jirta. Kan ati waliin taatee ijaartetu si jalaati diigama, kan waliin taate bobbaaftetu bobbii dhiisee bubbee dii-nota keetiif of kenna. Yeroo kana hamileen kee cabuuti hin qabu. Warri ati bobbaafte yoo dii-nota keetiif bobaa ofii kenneyyuu, warri kaayyoon bobbaafte abdachiisoo waan ta'aniif sanatti mataa cabuun si barbaachisu. Waan baateef beeknaan isa bahee gala wallaaleef mataa of cabsuun sirrii miti. Humna ati biyya ijaaruuf walitti qabde biyya ijaarrachuutti hin amanne taanan faana tokkicha duukaa tarkaanfachuun gaarii miti. Kan huursaa fi waca si faana jirutti amanee si faana fiigaa jiruu fi ture osoo hin taane, kan kaayyichatti amanee si faana hiriiruuf murteeffate abdadhu! Maaliif seete, boris achuma sirraa deemee akkanan ta'ee fi isaan akkasiin gola diin-ota kaayyootti of lafafuun isaa waan hin oolledha. Biyya ijaarrachuun dura sammuu biyya ijaaruutti amanu ijaaruutu faardiidha. Sammuu biyya ijaaruuf ijaarame akka salphaatti galtee dii-notaa hin ta'u. Galtee jireenya isaa tolchee beeka. Biyya dura of ijaaruu, wal ijaaruu fi farroota ijaarsaa irra of qusachuun barbaachisaadha. Ijaarsa ofii tikfachuuf wal tiksuun, maal na dhibdee ballesssuun, anatu caalaa fi anatu siif caalaan dhiisuun, maqaa waliif moggaasuu dhiisuun, hayyoota xiqqaaf guddaan of duukaa hiriirsuun, dii-noota ofii dursanii argamuun, kaayyoo ofii warra dii-na jedhaman tolchanii hubachiisuun, kabajaaf jaala waliif qabaachuun, wallaalaa ofii barsiifachaa adeemuun, beekaa ofii jajjabeeffachaa adeemuun...galmi isaa gara biyya ijaarrachuutti geessa! Oromiyaan Biyya!
Show all...
👍 4
Lammoonni Lammaa faarsaa jiru, akka inni waaqa isaanii ta'eetti! Hamma isa waaqessitan utuu uumaa keessan waaqessitan ta'eeti yoona fagoo jirtu!
Show all...
👍 2
Kumaandoon K/Abiyyi  mulluu taate. Jajjabe-duratti💪💪
Show all...
🔥 9👍 2😁 1
ᴅʜᴀᴀᴍsᴀ ᴏғᴇᴇɢᴀɴɴᴏᴏ ᴘᴘn yeroo ammaa aanaalee hundaratti humna dabaltee toora jajjabeen ittiin suunu jettee shakkitu qarqara maagaalaa hunda galgalaa eegaltee marsitee  eegaa bultii waan taheef, akkasumaa eegaa jirti wan ta'eef ofeegannoo godhan dhaamsa! OROMIYAAN BIYYA
Show all...
👍 5
Konyaa Qellem wallagaa Aanaa Sayyoo iddoo Eshoo Jedhamutti akkaa garritti Mooqeraa Gotichi Kee 💪
Show all...
👏 14😁 4👎 2