cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ilma namaa ✝️

" Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera" jedhe." Luqa 19:10 ♦️Yaada fi gaaffif👉 @Jesuseme_bot 👉kaayyon Channel kana ➥ beekumsa waali galaa ➥ luqqisii macaafa qulqulluu ➥ walaloofi faarfanna maxxansuudha

Show more
Finland1 484The language is not specifiedReligion & Spirituality23 300
Advertising posts
3 971
Subscribers
-424 hours
-217 days
-6830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
👍 1 1
Add a comment
Photo unavailableShow in Telegram
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_2055126687 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Show all...
Kudhan Taanee Ajjeesuuf Deemne(Gooftaa koo🥰) ======================≈========= George Plamer lixa biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Umurii waggaa 7tti abbaan isaa dhukkubsatee irraa du'e. Du'a abbaa isaa yoo dhaga'u baay'ee boo'e. Innis "Yaa Waaqayyo maaliif abbaa koo na jalaa fudhatte? Dhuguma ani garaa kiyya irraan si jibbe. Gonkumaa ani si jaalachuu hin danda'u " jedheen. Jibbaa Waaqayyoof qabu ifatti dubbate. Jireenyi isaa jibba namaanis guute. Namoota naannoo isaa jiran hundaaf yaaddoo ta'e. "Nama faayidaa hin qabne, gatii tokkollee hin baasne" jedhamee waan itti himamaa tureef sirumaa kun gara jabummaa guddaa akka qabaatu isa taasise. Umurii waggaa 17tti dursaa kashalabbootaa(mafia/gangestors) ta'e. Gareen gurmeessee namoota tumuun hojii isaa idilee ta'e. Bara 1959tti hojjetaan wangeelaa Billy Graham wangeela lallabuuf guutummaa ardii Awustiraaliyaa naanna'aa akka jiru dhaga'e. Garee kashalabbootaa 10 kan hogganu George Plamer, Billy Graham ajjeesuuf shugguxii isaanii dhoksaan hidhachiisuuni isteediyimii galan. Kurnan isaniis akka wal hubachuuf isaanii tolutti bakka wal arguu danda'an taa'an. Yeroo inni namoota gara fulduraatti waamu isatti dhukaasne galaafanna jechuun tumaa tumatan. Lallabni hojjetaa wangeelaa kanaa waa'ee jaalala Waaqayyoo fi fayyuu dhala namaa kan bu'ureeffate yoo ta'u namootni sagalicha dhaga'an baay'ee dubbichaan tuqamuu arge. "Namoonni seexana ta'an kun amma asitti walitti kan qabamaniif maal gochuufi?" jedhee osoo aaraa jiruu sagalee"Yaa George, maal asii goota?" jedhu dhaga'e. As garagalee ilaallan nama isatti dubbate dhabe. Sagalichi haafuura Waaqayyoo biraa ta'uu yeroo baretti "Amma bareera. Ati Waaqayyoodha. Ati maaliif abbaa koo na jalaa ajjeefte? Maaliif akasitti na miite? Maaliifan si jaaladha? Ani dhimma kees hin qabu" jechuun deebiseef. Haafurri Waaqayyoos deebisee" George, ani si miidhuuf abbaa kee hin ajjeefne. Ani tasumallees si hin miine" jedheen. Hojjetaan wangeelaa Billy Graham lubbuu haaraa gara fulduraatti gaa
Show all...
👍 6 3
Repost from Kaayyoo koo
Photo unavailableShow in Telegram
Ijoo dubbii tahuuf namni waan hin goone hin qabu. Artistiin kun Guyyaa kaleessa jechuunis Guyyaa Faasikaa irratti Uffata kana fakkaatuun Bifa laphee ishee irratti godhattee as baateetti.. Waan nama dhibu guyyaan kaleessaa guyyaa Angafni seexanaa itti Mo'ame dha. Guyyaan kun guyyaa Yesuus aangoo du'aa mo'ee ka'edha. Isheen garuu laphee ishee irratti fudhattee as baate.waan nama ajaayibu Artistiin kun Maatii kiristaanotaa keessaa dhalatte. Sammuu keenya waaqayyo garbummaa hafuura akkasii jalaa haa bilisoomsu. From:- World Christian Media
Show all...
👍 5
“Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.” — Qol. 2:14
Show all...
Repost from Labsii Waangeela
Namicha tokkotu bofti tokko osoo ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee osoo boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf osoo tattaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi'ee kufe. Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare. Yeroo dhimmi kuni hundi ta'u namtichi ilaalaa ture tokko "bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa osoo baasaa jirtu si hiddee maalif ibidda keessaa isaa baafte?" jedhee gaafate. Namichis deebisee "na hidduun isaa kuni amala qoshaashaa bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru" jedheen. Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin. Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif. Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef. Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u rabbiin summii namoota bofa ta'anii kana irraa nu haa eegu! Namummaan gaarummaadha🙏 ➦ Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι 👇👇👇👇👇👇👇 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ @Labsii_waangeela @Labsii_waangeela 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Show all...
👍 7
Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera*. Qol 2;14
Show all...
8🔥 1
Ergaa Alebert Kamuu (Albert Cumus) *** Addunyaa haqaaqamaa, Addunyaa jeeqamaa Addunyaan, bar cookkoo, jireenyi fuggisoo Sitt’ yoo bitaachaye,... Elaa… yaa obboleetti…., elaa yaa obboleesso Filmaati waa sadii Dhagyii gammadi, Yookaan aarii gaddi. Jireenyi cookkoo ta’ee yeroo si rakkisu Waa lama mallisaa kan gochuu dandeessu: Yookaan…, qaamaan jireenya dheessuu Funyoo butatani mukatti of rarraasuu Du’anii obbaafatu Gidiraa irraanfatu. *** Yookaan…, hannisaa of ganuu Of amanuu dhiisanii wayiitti amanuu Dandeettii waakkachaa, qalbiidhaan gununu Ofitti boonuun hafee aango ergisaan boonu Of shakku, of balfu, yeelaluu, xebenuu. Hiree ofii abaaruu Boowani mankaraaruu Kan of keessaa dhiissuu Humna isa alaa faarsuu. *** Kun lachanu hin baasu….., elaa yaa ilmaan aayyaa Of keessaa bahanii, of keessa ilaalani of simachuu wayyaa Maal abbasaatiifoo, maaliif of ajjeesuu? Dhugaatti addaan bu’u, dhugaan wal kallatteessu. Qalbii of tasgabeessu Hireen irree hin dhabuu Jireenyi hiika hin qabu Hiree kee abdadhuu Hiika itti uummadhu. Jireenyaa ammaa fi asiif waa mala malachuu Si’aan of qopheessaa, sammuu ofii amanachuu Hireen yoo hadhooftes, hiree ofii mi’eefachuu Hireen yoo ajooftes, qayya itti ulachuu. Ajaawaa urgeessuu abbaatu murteessa Abbaatu qajeelcha, abbaatu jallisa Abbaatu of ajjeesaa, abbaatu of fayyisa Humni alaa hin dhufu, bar humni siuma keessaa. Ati nama walaba, walaba dhaabatta Maaf akka jiraattu situ kaayyefata Gudunfaa jireenyaa situ furgaafata. Of dagattee hin taa’in hubadhu, dammaqi Addunyaa cookkoo kana mormiitii haqaaqi Akkanni qajeeluuf qoodakee warraaqi Zelealem Aberra Tesfa 23 03 2022 Helsinki / Finland 👇👇👇👇👇👇👇 Join share godhaa nuu tumsaa. @ilmanamaa @ilmanamaa @ilmanamaa
Show all...
👍 5 4🔥 1
#Phaawulos Ergamaa Phaawuloos ykn Qulqulluu Phaawuloos jedhamuunis kan beekamu, Kiristaanummaa jalqabaa keessatti nama guddaa ture.  Ergaa Yesus Kiristoos Ormootatti babal’isuu keessatti gahee murteessaa kan taphate yoo ta’u, barreeffamoonni isaas kutaa guddaa Kakuu Haaraa uumu.  Seenaan jireenyaa Phaawulos bal’aan bal’inaan kan barbaadu ta’us, ilaalcha waliigalaa jireenya isaa isiniif dhiheessa, yeroowwan ijoo tokko tokkos ibsa, caqasoota Macaafa Qulqulluu barbaachisoo ta’aniin dabalameera. Phaawuloos, jalqaba maqaan isaa Saa’ol jedhama, naannoo bara 5 Dh.K.D.  Inni Fariisoota amantii Yihudootaatiif balaa akka taʼanitti ilaaluudhaan, Kiristiyaanota durii akka malee ariʼatu ture.  Haataʼu malee, karaa gara Damaasqootti Yesuus Kiristoosiin yommuu wal argu jireenyi isaa jijjiirama guddaa argate.  Wal argaan kun gara amantii Kiristaanummaatti akka jijjiiramuu fi ergama isaa akka jijjiiramu taasiseera. Phaawulos amantii erga jijjiiramee booda, barumsa Yesus Kiristoos babal’isuuf jireenya isaa of kenne.  Imala ergamaa hedduu jalqabe, hawaasa kiristaanaa hundeessee, guutummaa Impaayera Roomaa keessatti Wangeela lallabe.  Ergaawwan Phaawuloos, Ergaawwan Phaawuloos jedhamuun kan beekaman, hawaasa kiristaanaa adda addaa fi namoota dhuunfaaf kan barreeffaman yoo ta’u, yaaddoo ti’ooloojii kan ilaallatuu fi qajeelfama kan kennan turan. Caqasoonni Macaafa Qulqulluu ijoo muraasni jireenya Phaawulos keessatti yeroowwan barbaachisoo taʼan ibsan kunooti: 1. Jijjiirama Daandii Damaasqoo irratti: "Yeroo inni karaa isaa deemu, Damaasqootti dhihaatee, akka tasaa ifni samii irraa naannoo isaa ibse. Lafatti kufee sagalee, 'Sa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?'  Innis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen.  Innis, 'Ani Yesus isa isin ari'attanidha' jedhe" (HoE 9:3-5) 2. Waamicha Ormootaaf Lallabuuf: "Gooftaan garuu, 'Maqaa koo ormoota, moototaa fi ijoollee Israa'el duratti akka baatu meeshaa koo isa filatame waan ta'eef dhaqi' jedheen" (HoE 9:15) 3. Ateenaa keessatti Lallaba: "Kanaaf Phaawuloos, Areopagos gidduu dhaabatee, 'Namoonni Ateenaa, karaa hundumaan baay'ee amantii akka qabdan nan hubadha...'" (HoE 17:22) 4. Hidhaa fi Amanamummaa: 1.1. "Ani duraanuu aarsaa dhugaatii ta'ee dhangala'aa jira, yeroon deemsa koos ga'eera. Lola gaarii loleera, fiigicha xumureera, amantii eegeera."  (2 Ximotewos 4:6-7) Caqasoonni kun muuxannoo jijjiirama Phaawuloos, ergama Wangeela lallabuuf qabu, akkasumas qormaataa fi rakkina keessa osoo jiruu amantii isaaf of kennuu isaa kan hin raafamne ilaallata.  Barumsi fi barreeffamni Phaawuloos ti'ooloojii fi shaakala kiristaanaa bocuu keessatti dhiibbaa hanga har'aatti itti fufee jira. @ilmanamaa @ilmanamaa @ilmanamaa
Show all...
4👍 1👎 1👏 1