cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

WBO Wabii Oromiyaa 430

"Qeerroo waan gootu beeki. Ani WBO'n waan godhu beeka. Waan goonus walumaan goona" #Jaal_Marroo. Qeerroo fi WBO nuti Wabii Oroomyaati. Wal haa jajjabeessinuu. Wal faana haa kaanu ➖➖➖ ?Eeruu fi yaada kamiifu:- t.me/GumaaBot irratti nu qunnamaa.

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
1 711
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Hagayya 06 Guyya Seena Qabeessa 06/12/2016 guyyaatti Oromoon kaabaa kibbaa, bahaa lixaa wal dhaga'ee ka'uun diina morgaa buusedha. Kana cinaatti guyyaa itti wareegama jabaa kaffalledha. Daandiin kalee dhiiga qeerroon deema turte hara's jajjabee Gooticha Bilisummaa Oromoon itti fufeeti jira. Oromoon akkuma yeroo sana mormii tplf irratti bifa mormii Qeerroon socho'aa ture, Har'as hidhannoo WBO wajjin kaasuun falma dirree qabsoo jabeessuu qaba. Qabsaa'an ni kufa, qabsoon itti fufee Bilisummaan ni dhufa. Injifannoon uummata Oromoof.
Show all...
👍 149
❤️ 110
Gooticha zooni kibbaa soddom booroorraa baroodu Jaal Liiban Gurraachaa mirgaan gali jedhaani.❤️💚❤️
Show all...
❤️ 46
Mallattoolee Murnoota Jibba ABO-WBOtiin qabaman adda ittin baafannu keessaa muraasa. 👉Alabaa abbaa gadaa (Ana kan OPDO natti fakkaatahu) qabatanii suuraa facaasaa olu. Alaabaa Oromoo (ABO) sana faana mul'aachus tahe ittin faayamu lagatu. 👉Maqaa fi jechoota akka ABO, WBO, Walabummaa, Birmadummaa kkf ni jibbu. Barreessus tahu waamu lagatu. 👉Oromummaa caalaa dudhaa Xobbiyummaa farsu. Amala Oromummaa caala amaloota Xobbiyummaan itti ibsamtu kan akka shira, oloola, kijiba, oftulummaa, haaxxumaa, anatu beekaa kkf irraa mul'atu. 👉Abjuun isaanii Xobbiyaa dullattii dimokratessanii kessa jiraachuu malee Oromiyaa walabaa ijaaru miti. Kanaafis egeere saba Oromoo sana keessatti cafaqanii tilmaamaa, xinxalaa, barreessaa fi dubbataa olu. 👉Nafxanyoota faana hariiroo isaan qaban hariiroo mufannaa malee hariiroo dinnummaa miti. Waan xiqqoo itti darbannaan debihani faana sirbu. Ni gammadu. 👉Hamaa Wayyaanee fi Habashaa gaafa dhagahan isaan dhukkubsa. Wayyaaneen ammahuu Xobbiyaa dimokraatessitee bilisa nubasti jedhanii wan yaadaniif ilaalchuma sana ummati bal'aa akka irraa bituuf dutaa olu. 👉ABO-WBOn dhufee Oromiyaa walabaa ijaarurra Wayyaaneen dhuftee Xobbiyaa akka dimokratessitu haawwu (Buddena abju) Mallattoolee kanaaf kana fakkaatan yoo agartan nammi sun maal akka tahee tilmaamun salphaa dha. Murni kun Jaallatees jibbees garu Oromoo fi Oromiyaan ilmaan dhiraan Walaba ni baati!! Baranuma!!
Show all...
👍 41
❤️ 27
Korri Guddaan ABO.pdf
Show all...
👍 30
❤️ 44
Aangoo Alaabaa. Alaabaan ABO: moggaa lamaan (irraa fi jalaan) diimtuu, gidduun isii magariisa. Walakkaan isii aduu, handhuurti isii odaa mataa gubbaan urjiin diimtuun mul’attu ta’a. Diimaan moggaa lamaanii fakkii dhiiga ummatni Oromoo bara dheeraaf diddaa cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaase fi dhangalaasaa jiruu dha. Magariisni fakkii badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa ti. Aduun fakkii barii bilisummaa ti. Odaan fakkii sirna dimookiraasii Gadaa ummata Oromoo kan dhaalmayaan dhufee fi jaalalaa fi kabaja Oromoon uumaa naannootiif qabu calaqqisa.
Show all...
"Baga Gammaddan!" ................................. Utuma wacanii Diinni karaa mara WBOn kora taa'ee Cabse gumbii dharaa. Marroon Hogganaadha Jaal Gammeen itti Aanaa WBO duruu qaba Hogganaaf Waraana. Odaa Tarbii Alaan Goollicha kibbarraa Ogeessa fayyaas qabna Jaal Sooressaa hundarraa. Odaaf Jaal Amansiis Jaal Mo'iif Jaal Booruu Warra diina ajjeesee Foon Allaattii sooru. Liiban Abbaa dhugaa Urjii lola keessaa Baarsiisaa dhalootaa Jaalakoo Gurmeessaa. Booruuf Bilisummaa Wabiif Jaal Warraaqaa Kumaatamaan Qabna Falmattoota haqaa. Himamee hin dhumu Silas Wanti hundisaa Baga Gammaddani Ilmaan Qabu Raasaa! .................................. Yadesa M Gudina Yadesa Yadesa M Gudina
Show all...
👍 23
❤️ 18
👍 21
❤️ 9
Kora Sabaa ABO/WBO geggeesseen Ajajaa Walii-Galaa, Itti Aanaa Ajajaa Walii-Galaa fi Quunnamtii Idila Addunyaa dabalatee hooggana dameelee adda addaa filateera. 1️. Ajajaa Walii-galaa ABO/WBO Jaal Marroo Dirribaa 2️. Itti Aanaa Ajajaa Walii-galaa ABO/WBO Jaal Gammachuu Abbooyyee, 3. Quunnamtii Idila Addunyaa Jaal Odaa Tarbii.
Show all...
👍 17
❤️ 13
Qeerroo koo hin jirraan jirraa hin taatu. jiraachuu kee WBO faana loli, tumsi, gargaari. Hidhadhu.
Show all...
👍 42
❤️ 20
Show all...
ICCIITTII JAALALAA

📝Yaadaa fi gaaffii akkasumas qeeqa qabdaniif, ➡ @IccittiijaalalaaBot irratti nu argachuu dandeessu!