cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

OCC (Online Christian Center)

(PREACH THE WORD, 2Tim 4:2). This rapidly growing channel is created to share the Christ-Centered Gospel of Salvation to every nation everywhere at anytime! Pls join us! Leave your comment via @DrAlemayehuHotessa Or [email protected]

Show more
Finland2 347The language is not specifiedReligion & Spirituality47 521
Advertising posts
1 702
Subscribers
+124 hours
-97 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Affeerraa! Chaanaalii seenaa keessan jijjiiru seenuu ni barbaadduu? Yoo gara chaanaalii kanaa dhuftan: √ Dhimmoota amantii, √ Dhimmoota hawaasummaa, √ Dhimmoota xiinsammuu, √ Gorsa hariiroo jaalalaa, √ Barnootaa fi milkaa'ina, .... √ Gorsa fedhii ofiin ofirraa baasuu (masturbation) dhaabuu irratti, √ Keessattuu gaaffilee dhuunfaa bifa icciitiin keessan eeggameen deebii fi gorsa ajaa'ibaa ni argattu. Gorsa dhimmoota garaagaraa irratti 𝑫𝒓. 𝑚𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 (𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊, 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒕𝒂𝒂 𝑟𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂) kennamaa jiru argachuuf liinkii armaan gadii kana tuqaa seenaa! 👇👇 https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 Baga nagaan dhuftan! Welcome! Anaa dhufu!
Show all...
𝑫𝒓. 𝑚𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂🇪🇹

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa

Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!     ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣ ┏━━━━━━━━━━┓ Gorsaa fi Barnoota ┗━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━┓ Dhimmota Gaa'elaa ┗━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━┓   Hikka Jalalaa ┗━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━┓ Dhimmota Dhunfaa ┗━━━━━━━━━━┛ ┏━━━━━━━━━━┓ Mula'ata Kee bekku hin barbada ┗━━━━━━━━━━┛ Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚 ❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!   ███▓▒►JOIN ►▒▓███   ███▓▒►JOIN ►▒▓███   ███▓▒►JOIN ►▒▓███   ███▓▒►JOIN ►▒▓███   ███▓▒►JOIN ►▒▓███
Show all...
Photo unavailable
Gorsa dhimmoota dhuunfaa irratti:- √ hariiroo fi gaa'ela √ hojii, barnootaa fi milkaa'ina √ amantii fi jireenya kiristaanummaa √ gaaffilee dhuunfaa hedduu bifa icciitii eegeen deebisuu
Show all...
⚡ 𝐆𝐎𝐑𝐒𝐀 𝐃𝐇𝐈𝐌𝐌𝐎𝐓𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐍𝐅𝐀𝐀 ⚡
📜 𝐆𝐎𝐑𝐒𝐀 𝐃𝐇𝐈𝐌𝐌𝐀 𝐆𝐀𝐀'𝐄𝐋𝐀𝐀 📜
🛑 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐓𝐈𝐈 🛑
📞 𝐉𝐎𝐈𝐍 📞
Photo unavailable
Mul’ata kee baruu ni barbaaddamoo??? →𝑎𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂 𝒎𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏 →𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖𝒖 →𝑚𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒊𝒊𝒃𝒃𝒂 𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖 →𝑰𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒕𝒕𝒊𝒊 (𝒄𝒂𝒑𝒂𝒄𝒊𝒕𝒚 𝒃𝒖𝒊𝒍𝒅𝒊𝒏𝒈) →𝑚𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖 Channel keenya Join godhadhaa👇🏻
Show all...
🀳 𝐌𝐔𝐋'𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐊𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐔𝐔𝐅 🀳
🀫 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐉𝐈𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔𝐅 🀫
📞 𝐉𝐎𝐈𝐍 📞
Repost from Wisdom From Above
Warri gaaffii fi yaada gorsaa natti ergaa jirtan deebiin isaa kan maxxanfamu chaanaalii amma liinkii isiniif erge kana irratti waan ta'eef join godhaa itti makamaa!👆👆👆
Show all...
Repost from Wisdom From Above
Barreeffamootnii fi gorsi isin armaan olitti argaa jirtan kun chaanaalii armaan gadii kana keessattiidha kan darbaa jiru. Join gootanii gorsa baay'ee isin barsiisu argachuu ni dandeessu. Eebbifamaa! https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2
Show all...
Dr. Alemayehu Hotessa🇪🇹

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Contact me at @DrAlemayehuHotessa

i. Waaqayyoon kadhadhu ii. Hiriyaa kee sana ifaan ifatti gaafadhu iii. Yoo shakkii kee itti cimee fi yoo boru gaa'ela keessan irratti dhiibbaa guddaa qaba jettee sodaatte jaarsolii waldaa waliin ta'ii gaafadhu iv. Lakkii tarkaanfii kana hunda hin barbaadu yoo jette mana yaalaa deemtanii qoratamuudha. Hubachiisa! 1. Intalli takka sababii durbummaa qabduuf qofaa haadha manaa gaarii taati jettanii hin yaadinaa. Dhiirri tokkos sababii kanaan dura dubartii biroo wajjiin hin ciisiniif abbaa manaa gaarii ta'a jettanii hin yaadinaa. 2. Dubartiin tokko durbummaa qabdi jechuun wal qunnamtii saalaa raawwattee hin beektu jechuu miti. Maal jechuu dha? Yeroo tokko waan wayiin dhaga'e. Intala wayiitu turte. Akka durba taate hiriyaa isheetti himtee turte. Innis ishee amanee ture. Wal fuudhan. Gaafan wal fuudhan isheenis durba taatee argamte. Garuu waan nama ajaa'ibu intalattiin HIV/AIDS qabdi turte. Dhimmi kun gurbichatti gaaffii ta'e. Yeroo kana sammuu keessan keessatti 'Eedsiin waan qara qabuunis ni darba' jechaa jirtu ta'a. Garuu kan ishii kanaa adda. Gurbaan kun 'yoo durbummaa kee gatte si hin fuudhu' waan jedhee tureef durbummaa ishii eeggachuuf jecha namoota biroo wajjiin "oral sex" fi "anal sex" raawwatti turte. Ilaalikaa hojii seexanaa. Amma namni kun durbummaa qaba malee qulqullummaa qabaa? Isa kana irra durbummaa dhabuun hin salphatuuree? Silaa isheen waan gadhee akkasii raawwattee ani qulqulluudha jettee sobuuf turte; garuu Waaqayyo cubbuu waan jibbuuf ishee saaxile malee. Kanaaf isheen durba jettee lafa dhiituun dura gaa'ela kana keessa Waaqayyo jiraa laata? Kan jedhu irratti hirkachuu wayya. 3. Addunyaan 'tabalaasha'aa' deemaa jirti. Seexanni karoora Waaqayyo dhala namaaf qabu diiguuf tarkaanfii dheeraa fudhachaa deemaa jira. Biyyoota guddatan keessa "artificial virginity/durbummaa nam-tolchee" akka jiru beektuu? Dubartootni tokko tokko gaa'ela dura akka fedha isaaniitti ejjaa (sagaagalaa) erga turanii booda yeroo gaa'ela godhachuu barbaadan mana yaalaa deemanii 'durbummaa nam-tolchee/fake virginity' hojjachiifatu. Intalli kaleessa nama soddoma waliin ansoolaa dhiibaa turte gaafa ati fuutee wajjiin ciistu durbummaa qabdi. Maal jetta isa kana? Biyyoota guddatan keessatti waan akkasiifaatu ta'aa jira. Kanaafiidha gaa'ela Waaqayyotu namaaf kenna kan jennuuf. Yoo Waaqayyo si hin gargaarin haala kanaanis ni sobamta jechuudha. Waaqayyo gaa'ela eebbifamaa nuuf haa kennu! (...the END) Eebbaaf ta'aa! Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Eebbifamaa! 𝑫𝒓. 𝑚𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑟𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂
Show all...
"...osoo nama biraa wajjiin ciistee jirtuu sobdee durbummaan qaba naan jette ...." Nagaan Waaqayyoo hunduma keessaniif haa ta'u. Egaa dubbiin durbummaa kun jabaachaa deemaa jirti natti fakkaata. Gaaffiin dabalataa naaf ergameera. Akkas jedha:- "Dr gorsa keessan jaalladheera kanaafuu  dhimma gaayilaa kana irratti dubara durbummaa hin qabne tokko Ituu hin beekin yoo fuudhe akkamitti ilaalama ? Ejjera jedhama moo naaf ibsaamee. isheen garuu durbummaa qaba jetti sobdee nama biraa wajjin cisteetti Bara kanammoo dubara durbummaa shee eeggatte arguun hin ulfaatahoo Yaaddoonkoo inni guddaan isa kana Ani dargaggeessa (qeerroo)dha kanaafu gooftaammoo baayyeen jaalladhaa ,Nan Tajaajilas" Gaaffii obboleessa koo kana keessatti waan laman hubadha. Tokko akka tajaajilaa tokkootti intala durbummaa hin qabne fuudhuun ejja moo ejja miti? kan jedhu yommuu ta'u inni lammataa immoo yoo isheen ani durba jettee sobdee na heerumte hoo maal wayya? Kan jedhuudha. Yaa obboleessa koo! Gaaffii kee isa tokkoffaadhaaf yaada ani armaan olitti waa'ee durbummaa irratti barreesse seeraan irra deebi'ii dubbisi. Amma gaaffii isa lammaffaa qofan siif deebisa. Dubbisa gaarii! Intalli kun fedhii ishiitiin wal qunnamtii saalaa raawwatte taanaan 'already' ejjiteetti. Amanamummaa ishii gattee jirti. Kabaja ishii gattee jirti. Ulaa silaa abbaan manaa banuu qabu nama biraa bansiistee jirti. Mucayyoon kun osoo waanuma hundumaan amanamtuu taatee sababii durbummaa hin qabaatin kanaaf abbaan manaa ishii yoo Waaqayyo isa gargaare malee umrii isaa guutuu ishii shakkaa jiraata. Kun immoo gaa'ela isaanii miidha. Gaa'elli harka caalu amanamummaa irratti dhaabbata waan ta'eef. Garuu wanti ati beekuu qabdu mucaan kun erga dogoggora ishii hubattee gara Waaqayyootti deebitee ejja sana dhiistee jirti taanaan Waaqayyo ni araaramaaf. Nama Waaqayyo araarameef ati cubbamaa gochuu hin dandeessu. Asirratti wanti ati of eeggachuu qabdu garuu namootni tokko tokko ejji amaleeffannaa (habit) itti ta'a. Namni kun boru osoo si waliin jiruu nama biraa wajjiin ejjuu danda'a. Kanaaf namni kun ejja irratti jijjiirama barbaadamu fiduu isaa karaa dandeetteen qulqulleeffachuu qabda. Karaan ati ittiin adda baafachuu qabdu tokko ilaalcha ishiin gaa'elaa fi ejja (sagaagala) irratti qabduun ta'uu danda'a. Ejja salphaa gootee ilaalti taanaan isheen garee sana jala waan jirtuuf ta'uu danda'a. Hunda caalaa immoo Waaqayyoon kadhadhu. Waaqayyo ishee siif kennee jira taanaan dadhabinuma ishee wajjiin ishee fuudhuu qabda. Dadhabina ishee kana irratti hojjattee sirreessuu qabda. Gama biraatiin immoo 'yoo ani durbummaan qaba' jettee na sobde hoo? Yaada jedhuuf immoo deebiin intalli kun badii lama dalagdee jirti. Ejja (sagaagala) + soba. Ejjis sobnis summii gaa'elaati. Gaa'elli summii lamaan kanaan tuqame umrii hin qabu. Yoo umrii qabaates gammachuu hin qabaatu. Bultiin sobaan ijaarramte namaafis Waaqayyoofis hin taatu. Macaafi Qulqulluun “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa ta'u, waawuun keessanis waawuu haa ta'u! Kana irraa kan hafe kan isa hamaa ti" jedhe.”— Mat. 5፥37 jedha. Garuu dubartootni nama kana dhabuu hin qabu jettanii sobdanii yoo heerumtan dhuguma waan gaa'ela milkaa'aa jiraattan isinti fakkaata? Manni sobaan ijaarame hamma ture yoo ture iyyuu carraan diigamuu isaa bal'aadha. Dhugaan dhugaadha. Sobnis sobuma. Lamaan kun waliif adda. Tole! Yoo nama sobduu akkasii kana fuudhe hoo? Gaaffii jedhuuf immoo deebiin koo "Waaqayyo humna ittiin ishii baattee waliin jiraattu siif haa kennu" jechuu malee tarkaanfii biraa keessa seenuun natti haa hafu. Macaafi Qulqulluun 1Yoh. 2:3-4 "Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya in hubanna. Namni, "Ani isa beeka" jedhee, abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha, dhugaanis isa keessa hin jiru" jedha. Nama akkasii kana osoo hin qulqulleeffatin gaa'ela waliin ijaarrachuun baay'ee ulfaata. Sodaa akkasii yoo qabaatte:- (...next pg)
Show all...
Namni lubbuu namaa ajjeesse kun gaafa tokko immoo intala tokko qabatee milkaa'eefii fuudha. Waggaa muraasa booda mucaan isaa abbaa isaa barbaacha itti dhufa. Gaafa ishiin isa kana argitu gaa'elli isaanii diigama. Yaa obboleettii koo! Ani gaafa yuuniversiitii jiru barnoota wayii karaa 'fellowship' nuuf kennamee ture. Innis 'hiriyummaan yuuniversiitii keessatti qabatamu harki 99.9999 hin milkaa'u. Kan milkaa'u harka 0.0001 dha. Kanaafuu, yuuniversiitii yommuu jirtanitti hiriyaa hin qabatinaa' nuun jedhan. Gorsi kun baay'ee ana gargaare. Warri osoo kaampaasii jiruu hiriyaa qabate waan meeqaan 'tabalaasha'ee', baay'een isaanii ayyaana keessa isaanii jiru gatanii digirii qofaa qabatanii bahan. Kanaafuu, murteen ati murteeffatte murtee ajaa'ibaati. Murtee kana yoo sirriitti eegde baay'ee fayyadamta. Namootni akka tasaa ijoollummaa isaaniitti hiriyaa qabatanii gara gaa'elaatti seenan tarii jiraachuu ni malu. Haa ta'uu malee osoo Waaqayyoon hin gaddisiisin waggaa hamma kanaa ni jiraatu jedhee amanuun natti ulfaata. Ati garuu waadaa sana itti cichii eeggadhu. Tarii gaa'ela Waaqayyotu namaaf kenna waan ta'eef nama osoo cubbuu keessa si hin galchin gaa'ela qulqullaa'aaf si barbaadu gara keetti fiduu danda'a. Isa kana garuu tilmaamaan osoo hin taane kadhannaa cimaa kadhachuudhaan adda baafachuu qabda. Osoo adda hin baafatin homattuu hin galin. 4) Namootaan walitti bu'uu:- namootaan kan walitti bu'aa jirtu kaayyoo keetiif. Kaayyoodhaaf nama biraa mitii maatii waliin iyyuu walitti bu'uun ni jira. Kana jechuun walitti bu'iinsa jajjabeessaa jira miti. Wal dhabiinsa karaa nagaatiin furuun gaariidha. Warra si lolan tuffadhuu bira darbi. 'Saree sitti duttu hundatti dhaabbattee dhagaa itti hin darbatin' jedhama mitiiree? Ati adeemsa keeti itti fufi. Nama si jaalate karaa nagaatiin jaalalaan gaggeessi. Hin mufachiisin. Yoo ofii isaanii sitti mufatan dhimma isaaniiti. 'Kaayyoon kaayyoo dha' jecha jedhu kana anatu itti fayyadama. Siifis kennaa godheen siif kenna. Yaadannoo keeti irratti 'kaayyoon kaayyoodha' jedhii barreeffadhuu itti mallatteessii ol kaawwadhu. Egaa yaadni ani siif kennuu barbaadu kana. Yoo seeraan itti fayyadamte boru nama guddaa taata. Waan gara koo dhufteef eebbifami. (...the END) Eebbaaf ta'aa! Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Eebbifamaa! 𝑫𝒓. 𝑚𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑟𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂
Show all...
"....hamma barumsa koo fixutti hiriyaa hin qabadhu jedheen ture, ...." Yooyyaa hiriyoottan koo! Jaalalaafi kabaja guddaa isiniif qabuuf jecha gaaffii keessan seeraan isin keessummeessuuf yaalaan jira. Namootni baay'een rakkina namatti himachuu hin dandeenye hedduu baatanii taa'aa jiru waan ta'eef maaloo chaanaalii kana liinkii isaa namoota biroof "share" godhaa. Egaa obboleettiin keenya tokko gaaffii armaan gadii kana na gaafattee jirti. Gaaffiin ishee kunooti:- "Gaffiin koo... Ani baratu university tti  waaqayyon gaditti namaaf barnotaa kotiif iddoo olanaan kenna . Yeroo bay'ee gafiin jalalaa naaf dhi'ataa an garuu gafii Sanaa kessumessu fi fudhachu hin danda'uu sababni isaayyu ijolummaa Koo irraa kasee akkas jedheen kakadha Ani Amman barnotaa Koo xumurutti jalalaa kessaa hin galuu gafii akkasiis hin kessumessun jedhaa garuu yeroon akkas jedhuu hiriyyotta Koo  nama bay'eedhanan Wal dhabaan jiraa yeroo tokko wadaa kana cabsee nama tokko waliin jalalaa kessaa seneen turee garuu kakuun kakadhe sun dedebise samuu Koo waan na jeqeef itti fufuu hin dandenye bay'een ofitti gadaa turee kakuun maqaa waaqayyon galeen cabsee jedhee Kanafuu Dr maal na gorsittu kanattu nati ulfataa yeroo bay'ee namaanis Wal dhabuun nati bay'ateraa adaraa waan tokko Nan jedhaa. Galatoomaa🙏🙏🙏" Yaa obboleettii koo waan gaaffii kana na gaafatteef guddaa galatoomi. Yaada koos akka armaan gadii kanatti siif kaa'eera. Dubbisa gaarii! 1) Namummaa isa sirrii qabda:- Jireenya keeti keessatti Waaqayyoon jaalachuunii fi namootaaf kabaja isaaniif malu kennuun namummaa isa sirriiti. Bara kana keessa namootni baay'een Waaqayyoon ni jaallanna jedhu garuu nama bifa Waaqayyoon uumame ni jibbu. Qomoodhaan qoodu. Ilaalcha gaarii waliif hin qaban. Nuuti akka kiristaanaatti garuu namaaf iddoo guddaa kennuu qabna. Jibba ofi keessaa baasuu qabna. 2) Kutannoo ajaa'ibaa qabda:- barnoota keetiif iddoo guddaa qabaachuun keeti baay'ee gaariidha. Keessattuu shamarree taatee kutannoo akkasii qabaachuun kee nama bilchaataa si taasisa. Ammas jabaadhu. Digirii keeti xumurattee mastersii keetis hojjattee PhD's xumurta. Ameeen jedhi! 3) Hiriyaan gaa'elaa yoom qabatama?:- gaa'ela Waaqayyotu namaaf kenna. Haa ta'uu malee gaa'elli yeroo qaba. Yeroo isaatiin alatti wanti hunduu hin tolu. Kufaatii dargaggoota baay'eetiif sababa guddaa kan ta'aa jiru hiriyaa gaa'elaa yeroo malee qabachuudha. Ganaa osoo mana barumsaa sadarkaa gadii keessa jiranii hiriyaa qabatu. Maaliif akka hiriyaa qabatan osoo gaafatamanii baay'een isaanii deebii sirrii waan qaban natti hin fakkaatu. Harki baay'een hiriyaa gaa'elaa isaanii wajjiin yeroo ejjaa (sagaagalummaa) dabarsu. Sana booda gaafa walirraa adda bahan 'yeroo gaarii waliin dabarsine' jedhu. Yeroon ejjaan (sagaagalummaan) dabarsan gaariidha moo yaa saba? Yeroo akkasii kanatti kan gammadu seexanaa fi warra hidhaa seexanaa jala jiraniidha malee Kiristaanni dhugaa cubbuu hojjatetti hin gammadu. Seexanni karaan ittiin dhaloota naaffisu karaa kanaaniidha. Egaa hamma barnoota koo fixutti hiriyaa gaa'elaa hin qabadhu jechuun kee waan baay'ee nama ajaa'ibuudha. By the way anatu 'hiriyaa gaa'elaa' jechaa jira malee baay'een namootaa kan qabataa jiran hiriyaa gaa'elaa osoo hin taane 'hiriyaa sagaagalaa (ejjaa)' ti. Yaa obboleettii koo! Kutannoo akkanaa keessa galuun kee cubbuu irraa akka miliqxu si godha malee wanta si miidhu hin qabu. Waadaa kee cabsuu hin qabdu turte. Namootni hedduun yuuniversiitii galanii hiriyaa qabatu. Waggaa sadii hanga afurii ykn shanii waliin dabarsu. Sana booda ni eebbifamu. Erga eebbifamanii booda isheen gara Jimmaa inni gara Jinkaa deema. High School keessatti warri hiriyaa qabatan immoo gaafa qabxiin yuuniversiitii dhufu isheen gara Maqalee inni gara Mooyyalee deemu. Wal arguu hin danda'an. Wal arguu hin danda'an. Isheen bakka deemtetti dhiira biraa jalqabdi. Innis bakka deemetti hiriyaa biraa baafata. Yoo qalbii qabaate ni fuudha. Yoo qalbii hin qabaanne immoo hamma ta'e tokko ishee wajjiin tura. Achitti mucaa tokko dhalcha. Yoo ta'uu baate immoo ulfeessee ulfa sana keessaa baasisee gara biraa deema. (...next pg)
Show all...