#Fayyisaa
Baga Geessan!
Dr Gammachuu Magarsaa fi Aneesa Kassam Kitaaba "Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa" jedhu, bara 2019 (ALA) maxxansanii jiru. Fuula110 irratti moggaasoota Amaloota Waaqayyoo(Attributes of God) agarsiisan(Epithet) 8 nuu tarreessanii jiru. Isaanis:
1.Waaqa Tokkicha(Deity)
2.Umo(The Creator)
3. Ulfin(The Most High)
4.Abbaa Dhugaa(Father of Truth and Justice)
5.Abbaa Nagaa(Father of Peace)
6.Abbaa Ifaa Dukkanaa(Father of Light and Darkness)
7.Fedha Buloo(He who is by his own will)
8.Fayyisaa (the Great Healer)
________
Mooggasoota kanneen keessaa isan dhumarratti eere, "Fayyisaa" yoo laallu Kitaaba Qulquulluu irratti mooggaasa Kiristoos Waaqa Tokkichaaf kennameen wal fakkaatoodha. Ergamaan Waaqayyoo waa'ee moggaasa kanaa tiksoota sodaatanii turaniif akkana jedheetu ibsa:
*Fayyisaaan*isiniif dhalteera; inni immoo *Kiristoos Goofticha*(Luq. 2:10)
Warri Samaaryaas dubartii Samaaryaatiin akkana jedhu: "Amma kan amannu jecha keetiifii miti; Nutuu isa dhageenyee jirrawoo. Innis dhugumatti **Kiristoos*Fayyisaa Addunyaa** akka ta'e ni amanna" jedhaniin. (Yoh. 4:42)
Faarfataan Daawiitiis "**Fayyisuun** kan Waaqayyooti" (Faar. 3:8) jechuudhaan Fayyisaa maqaan jedhu maqaa Amalaa fi Eenyuummaa Waaqayyoo agarsiisu akka ta'e nuu balaqqeessa.
_____
Bu'uura kanaan akka Kitaaba Qulquulluuttis Kiristoos Waaqni Tokkichi Fayyisaa dha. Kitaaba Qiddaasee Afaan Oromoo irrattis inni Gi'iziin "መድኃኔዓለም" Ingilffaan "Holy Saviour" jedhamu "Fayyisaa Addunyaa" jedhamee hiikamee jira. Kanaaf moggaasni Oromoon "Fayyisaa" jedhee beeku moggaasa Kiristaanoonni Fayyisaa Addunyaa jennee beeknuun tokkoodha.
Galata Maaryaam guyyaa Kibxataa lakk. 5 irratti ammoo Saanduuqni yooseef tolfatee, warqee ulfaataa keessaa argate, Dubroo Maaramii akka taate ibseetu, "Innis, **Fayyisaa** keenya Iyyasuus Kiristoos akka ta'e ragaa ba'a.
Kadhannaa Galata Ergamootaa irrattiis: "Gooftaa fi **Fayyisaa** keenya Iyyasuus Kiristoos irraa nuuf kadhadhu jennee kan kadhannu Kiristoos Fayyisaa jedhamee akka waamamu nu hubachiisa.
________
Baga Ayyaana Fayyisaa Addunyaa kan ji'aatiin nu ga'e! Fayyisaan Addunyaa ji'aa waggaan nu haa tiiksu!
Mooggaasoota hafan irrattiis dabaree dabareedhaan hubannoo koo isiniifan dhiyeessa.
Baga Ayyaana Fayyisaa Addunyaa kan waggaatiin nu ga'e!
Jabaan Waaqa!