Rabbi Rabbuma, Iyyasuus kiristoos namuma, ni shakkita moo???
---------
Rabbii tokko malee kan biraa hin beeknu, Tokkicha uumaa hundaa dhiifnee Makluuqa jala hin deemnu.
-Rabbi! Rabbuma, Iyyasuus Namuma. Ni nyaata, ni dhuga ni rafa, ni beela'a, ni qorama, ni uffata, mana fincaaniis ni dhaqa.
-Kanaafuu, Nuti qamaa nyaatee, dhugee, mugee, rakkatee, tumamee, harree yaabbatee, kabalamee, fuularratti tufamee, sheeyxaanaan qoratameen Rabbi hin jennu. Rabbiin uumamtoota hunda uume kana hundarraa qulqulluu dha. Inni uumamtoota hundaa uume hin rakkatu, hin nyaatu, hin mugu, sheeyxaanaan hin qoratamu, hin dhalatu, ilma hin qabu, uffanni itti hin uwwifamu, harree hin yaabbatu. Inni of danda'aa hirkoo waan hundaati. Uumamtoonni hundi isatti haajamu, Garuu inni uumamtootaatti hin haajamu.
-Rabbiin uumamtoota hunda uume jiraachisee ajjeesa, ajjeesee kaasa, dhukkubsee fayyisa, kadhatamaaniis isuma qofa.
Ajaa'iba! Addunyaa kana keessa hawaasni na Ajaa'ibu! Hawaasa yeroo rakkinaa Rabbiin qofa kadhatu, kan ergasii ammoo' Iyyasuus kiristoos waaqayyo jedhuudha. Mee Eessatti aangoo waaqummaa argate? Deebii---- Yuhaannis 1:1, Yuhaannis 1:14,Yuhaannis 3:16 hayyee! Itti fufa. Deebii, Muslima, hunduu Rabbummaa isaa hin ibsu. Kiristaana; lakki ni Ibsaa, Muslima; Akkamitti? Kiristaana; Iyyasuus Namalle, ilmalle, hafuura qulqulluudhas jennee amanna, Muslima; akkamitti? Kiristaana; dhimmi kun sillaaseedha, bifa kanaan Malee Rabbummaan Iyyasuus hubatamuu hin danda'u. Muslima; dhimmi kuni sillaaseedhaa miti ree, Kirisitaana; Eeyyeen! Muslima; Jechi sillaasee jedhamu hoo macaafa qulqulluu keessatti barreeffamee jiraa? Kiristaana; lakki kallattiidhaan barreeffamee hin jiru, Muslima; akkamitti itti amantu ree? Kiristaana; akkuma kanatti itti amanna, Muslima; waan kitaaba keessa hin jirre akkamitti itti amantu, kiristaana; Nuuf ta'eera, Muslima; Akkamitti? Kiristaana; mormii hin barbaachisu, maaliif jennaan dunuunfattee amanuu si gaafatu, sanuu qaamaa fi qalbii guutuudhaan, Muslima; qaama Rabbi hin taanetti nuti hin amannu...
1ffaa; kitaabuma keessan keessattuu bakka Iyyasuus ani waaqayyoodha jedhe hin agarre.
2fffaa: kitaaba macaafa qulqulluu sirritti yoo xinxallitee dubbifte, Iyyasuus tokkochummaa Rabbii barsiiseera. Wangeela Maarqoos 12: 29, Wangeela Yohaannis 17:3, irraa dubbisuu ni dandeessa.
3ffaa; Iyyasuus ani humna tokkoo hin qabu jedheera, wangeela Yuhaannis 5:30 dubbifachuu ni dandeessa.
4ffaa: Iyyasuus wangeelli ani isin barsiise kan koo miti jedhee dubbadheera, wangeela Yuhaannis 7:16 irraa dubbisuun dhugaa tana hubachuu ni dandeessa.
5ffaa: Iyyasuus ani gabbaruun yookaan waaqqessuun keessan gatii hin qabu jedheera. Wangeela Maatiwoos 15:9 irratti barreeffameera.
6ffaa: Iyyasuu gara waaqayyoo kiyyaa fi keessanii deemuuf jedhee dubbateera. Y
Wangeela Yuhaannis 20:17 irratti dubbatameera.
7ffaa: macaafa keessatti Iyyasuus dhalatee gaafa guyyaa saddeettaffaa kittannate jedha, wangeela Luqaas 2:21 irratti ibsameera. Qabxiileen macaafa qulqulluu keessatti eeraman hedduudha. Hundi isaaniituu Iyyasuus akka Rabbi hin taane addeessu. Amma hoo hin amantanii? Kiristaana: lakki nuti inni waaqayyoon ta'uu isaa waan amannee jirruuf of duuba deebi'uu fi karaa abnootii keenyaa gadi dhiisuu hin barbaannu. OK akkas taanaan dongoongoratanii jirtu. Kiristaana; lakki nuuf ta'eeraa nu dhiisikaa, muslima; yoo nuti isin dhiifnes dhugaan isin dhiisaa hin jirtu. Kiristaana; obboleessoo mataa nu hin dhukkubsin nuuf ta'eeraa, Muslima; hayyee akkas taanaan muslima ta'uu koo ragaa bahikaa, kiristaana; tole, duraa muslima ta'uu kee nan beeka. Muslima Hayyee dhugaa tana Rabbi siif haa galchu, Kiristaana; Aamiin
https://t.me/maashaallaah1