cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Daandii Samii

"Sagalee waaqayyoo baradhu ammas baradhu yoo ittiin jijjiiramuu baattelle sammuu ittiin of ceephatu ni argatta kanaaf sagalee waaqayyoo baradhu"Qulq.Yohannis Afaan warqee

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
181
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#Walaloo_Afuuraa ( re post) ๐Ÿ‘‰ Maaliif raafamta? Kaleessas Waaqayyoo Har'aas isumatu siif jira Cubbuukee irra siif taree Arjummaa isaa siif hira Taateen hundumtuusi Ajaja isaan dursee ta'a Mee utuu Waaqa akkaasii Qabduu maaltu sirra ga'a Garuu situ dalga imala Yaada fooniin sokkite Kanaaf gaafa rakkoo Na olchaa shakkite Ati isaatti amaannaan Rakkoo irraa kaafamta Garuu maaf osoo isa qabduu Sodaan maaliif raafamta? ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™ โœ๏ธ ยฉDnHundesa You Tube link ๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/channel/UCt8cMHVDbtG58zlCoJfOueA Follow ๐Ÿ‘‰ Ulee Amantaa Join ๐Ÿ‘‰ https://t.me/uleeamantaa
Show all...
Ulee Amantaa

Kayyoon Chaneelii kana๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰Ogummaa qabnuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu Yaadaa keessaniif @dnhundesa Facebook,๐Ÿ‘‡ @uleeamantaa You Tube:

https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube

Jecha keessaa Jecha ilaalee Sin Faarfadha Yaa Giiftiikooโœ๏ธ๐Ÿฅ€๐Ÿฅ€๐Ÿฅ€๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://youtu.be/24AoZbOkajA
Show all...
Watch "Faaruu Warabii qooqa Yaarediin "๐Ÿ‘ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://youtu.be/66cbNjVjsVQ
Show all...
โœž "HAR'I BOORI DHAA?" โœž ''Abbaakoo, har'i boori dhaa?'' jedhee abbuush abbaasaatin hirribaa dammaqsaa. Abbaan mucaas akka aaruu ta'ee, ''Maal naan jechuutti jirtaa?'' jedheen. Daa'imichis deebisee, ''Har'i boori dhaayi?'' jedhee gaafaten. Abbaanis hirribni waan isa hin gadhiisneef, ''Dhaqii harmee kee gaafadhu. Na dhiisi ittiin rafa!'' jedhee mufatee fuulasaa golgate. Daa'imni kun gaaffiidhuma duraani sana deemee harmee isaa gaafate. "Harmee, har'i boori dhaayi? '' haati mucaas akka seequu taatee, "Har'i boori dhaa? jechuun immoo maal jechuu dha?" jettee gaafatteeni utuuma uffata mucaa sirressituufii. "Kaleessa barsiistuun keenya boori barumsi hin jiru nuun jettee turte. Har'i boori dhaayi?" ittiin jedhe. Haatis utuuma kolfituu, "Eeyye, har'i boori dha!" ittiin jette. Deebiin gaaffii daa'ima kanaaf kenname nuufis barbaachisuun isaa hin oolu. Baay'een keenya kan jiraannu boorif dha. Boorif ni baranna, boorif ni hojjenna, boorifis ni ijaarra. Kan nuti uumamne barabaraaf waan ta'eef, jiraachuu keenya herregnee karoorsuun keenya hammina hin qabu. Garuu boori isa hin argiiniif utuu yaadnuu, har'a keenya isa argine daganna. Duumessa boorif jecha, aduu keenya har'aa ofirraa dhiibna. Akka yaadnetti, akka karoorsinetti jiraachuf utuu yaadnuu duuna. Kitaabni qulqulluu akka jedhuutti, โ€œKanaa mannaa, 'Gooftaan yoo jedhe ni jiraanna, kana yookaan sana ni goonas' jechuutu isiniif ta'a ture.โ€ "Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'aatoo; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf ni ga'a!" jedhe.โ€ /Yaaqob 4:15, Mat. 6:34/ Seexanni meeshaalee ilma namaa ittiin kiyyessuu kessaa tokko jecha 'Boori' jedhuun dagachiisuu dha. Booriin baradha, booriin deema, booriin kan dhukkubsate gaafadha, booriin gaabbii gala, booriin gara Waaqaatti deebi'a, booriin waanta gaarii kana hojjedha. Boori, boori... Mootiin hamaan Fara'oon jedhamu dha'icha raachaatin rukkutamee ture. Dhumarrattis, "Isiraa'elin nan gadhiisa" gaafa jedhu; Muuseen, "Raachonni sun akka siif badaniif yoomi siif kadhadhuu?" ittii jennaan; Fara'oonis, "Boori" jedhe. Egaa, har'a raacha faana buluu barbaadeera jechuu dha. Jaallakoo, jireenya kee keessatti raachonni si rakkisan eenyuufaa dha? Amala badaa akkamii qabda, waanti nagaa si dhorkee boqonnaa si dhowwatee hoo maaltu jira? Araada dhiisuu dadhabde, dadhabbina sirreessuu hin dandeenye, madaan siif fayyuu didee maaliidhaa? Eeyyee, isarraa yoom gargar baata? yoomi fayyuu barbaadda? "Boori!" yoo naan jette, Fara'oon ta'uu keetii "Maaloo amma fayyisi!" yoo jette garuu akka Daawiit ni dhagaa'amta. Boorin araada kana dhiisa, boori amala kanarraa gargar ba'a, boorin hojii gaarii kana raawwadha beellamni jedhuu dalagee hin beekuu. Boori hojjenna jenna malee, kan isin dinquu bullees deebiin keenya ammas ''boori'' kan jedhu dha. Akkuma beeksisa abbaa suuqii gamnaa, "Liqiin har'a hin jiruu boori malee!" jedhuu boori yoo deemnu boor, utuuma jedhamuu waanta barbaannu utuu hin hojjatiin, waanta hin barbaanne dalagaa jiraanna. Jaallakoo, boor kan ke miti, ''Yeroon inni qaalii ati qabdu amma dha!" Jiraachuu ke utuu hin beekiin beellama hin laatin. Humnikee yeroo ammaarratti qofadha. Haalkan eenyullee aangoo irratti hin qabaanne sun utuu hin dhufiin dafii yeroo keetti fayyadami! Waanta gaarii dalaguuf yaadde sana raawwachuuf ammuma ka'i. Gocha badaa kee sanas boorin dhiisa hin jedhiin, ammuuma dhiisuu siif wayya! Kaleessa gaafa sammuunke si gaafatu, ''Boori raawwadha'' jettee turte. Har'as boori dalaga hin jedhiin sababnisaa akkuma daa'imichi jedhe, ''Har'i boori dha!'' Madda: D/n Heenook Haayilee Hiikkaa: Kutaa Hiikkaa Xoofoo Sillaasee ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @DooniiNoh
Show all...
โ‰๏ธ"YEROO AARRU MAALIIF IYYINAA?" โœAbbaan maanguddoo abshaalli tokko duuka bu'oota kawaala keessa jiraatan walitti qabuun akkas jechuun gaafatan: "Yeroo aarru maaliif iyyinaa? Namoonni yeroo aaran maalif walii walii isaanitti iyyuu?" Duuka bu'oonni daqiiqaa muraasaf erga cal jedhani yaadani booda, isaan keessaa tokko ka'uun, "Yeroo aarru of tasgabbeesuu waan hin dandeenyef ni iyyina" jedhee deebise... โœAbbaan maanguddoon itti fufanii "Namni si faana jiru si maddii osoo ta'e jiruu maalif itti iyyita ree? Sagalee gadi qabuun waliin dubbachuun wanta hin danda'amnedhaa? Yoo aartu maalif nama biroo irratti iyyitaa?" โœDuuka bu'oonni tartiibaan ka'aani wanta isaanitti fakkaate hunda deebisan. Haa ta'u malee deebiin duukaa bu'aa kamiyyuu abbaa Manguddoo abshaala kana waan garaa hin geenyef gaaffiicha ofii isaanii akkas jechuun deebisan: โœ"Namoonni lama yeroo aaranitti lapheen isaanii baay'ee wal irraa fagaata. Fageenya kana hir'isuu fi wal dhagahuuf immoo dirqama iyyuutu irra jiraata! Hanguma lolli isaanii dabalu; wal irraa fageenyi bal'aan waan uumamuf wal dhagahuuf irra caalaattii iyyuun dirqama itti ta'a." Abbaan maanguddoon kun gaaffii biraas itti aansun: "Namoonni lama yoo wal jaalatan maaltu uumama?...'Waliitti iyyuu irra sagalee gadi qabuun walitti haasa'u. Maaliif yoo naan jettan...sababni isaas lapheen isaanii baay'ee waan walitti dhiihaatufi! Fageenyi gidduu isaanii jiru xiqqoo waan ta'uuf baay'umatti hanguma wal jaallataa dhufan sagaalee baasuu dhiisanii asasuun haasa'u. Dhuma irrattis asasuus iyyuus osoo hin barbaachisiin ija walii ilaaluun qofa waliigalu. Akkanattidha namoonni wal jaallatan lama kan walitti dhihaatan." โœ"Yeroo wal falmitan lapheen keessan akka wal irraa fagaatu hin heyyaminaafi; caalumaatti jechoota wal irraa isin fageessuu hin fayyadamina! Sababni isaas guyyaa tokko wal irraa fageenyi isin jidduu jiru baay'ee dheerachuu irraa kan ka'e karaan itti naannooftanii deebitan isin jalaa bada!" โœ"Jaalalli akka lapheen tasgabaa'u fi jireenya akka kennu yoo taasisu, gama birootin immoo jibbiinsi, akka jeeqamu taasisa. Kanaanis nama biroo kan jibban hundi ofii isaanii ni dhamaasu! Jaalalan ol wanti mi'aawaan maaltu jiraa?" โœ"Jaalalli ati nuuf qabdu kan adda hin ciinne, kan abbaas, kan haadhaas, kan haadha manaa fi abbaa manaas kan caalu yaa goofta jaalala kan hin qabnee nu garboota kee fayyisi ameen!" Madda: Dn Dr Daawit Kabbadaa, Abbaa Yoohaanis Kiroonistaat kan jedhaman Mana Kirstiyanaa Ortodoksii Raashiyaa kan barreessaan irraa akka hiikeetti Kan Hiike: Kutaa Hiikkaa Xoofoo Sillaasee Join gochuuf๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @DooniiNoh
Show all...
Suraafeel fi Kiruubeel Suraafeel fi Kiruubeel guyyoonni Yaadannoo isaanii akka Mana Kiristaanaa keenyatti; Kiruubeel - Sadaasa 8 fi Suraafeel - Sadaasa 24 Waa'ee Suraafeel fi Kiruubeel link jala jiran tuquun sirriitti dubbisaa! Suraafeel ykn Luboota 24'n Samii https://bit.ly/3jOJkv2 https://bit.ly/3jOJkv2 Kiruubeel ykn Bineensota Arfan https://bit.ly/3Bt1BnC https://bit.ly/3Bt1BnC
Show all...
Hamma sarara irratti deebinutti pdf kana waliin Wal baraa
Show all...
โœ"Yaa_michuu_koo!, Manni keessi xuraa'ee osoo jiruu maaliif balbala alaa qofa qulqulleessuuf dhiphatta? Osoo lubbuun kee cubbuudhaan xurooftee jirtuu foon kee qofa gammachiisuuf maaliif fiigda? Dursitee mana keessa [lubbuu kee] qulqulleesssuuf hin ariifattuu? Dursitee lubbuu keef kan dhiphattu yoo ta'e nama irraa osoo hin taane Kiristoos irraa badhaasa fudhatta. Yeroo hundaa, "Waan ani taasisu kanaan Waaqayyo ni kabajamaa? [ykn itti gammadaa?] jedhi malee akkasumaan bartee qofaan kan deddeebitu hin ta'iin. โœQ.Phaawuloos yoo nu gorsu, "Egaa kan nyaattan ykn kan dhugdanis ta'e ykn immoo waanuma fedhe illee yoo hojjettan, hunduma iyyuu kabaja Waaqayyoof taasisaa" jedha.(1Qor 10:31). ๐Ÿ™Kanaaf Bara kanattis waan taasisnu hundumaan Waaqayyoon kabajuuf haa qophoofnu. Bara haaraa kabajuunis akkasittidha. โœQ_Yohaannis_Afaan_Warqee ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @DooniiNoh ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
Show all...