cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Qoraasuma dhalootaa

👉chaanaalii kana jalatti ✍️Qaacessa kitaabaa ✍️Walaloowwan xinsammuun deeggaraman ✍️Kitaabilee xinsammuun deeggaraman Yaada keessan @Moyi jedhuun nu qunnamaa

Show more
Finland2 095The language is not specifiedPsychology11 997
Advertising posts
308
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Baay'ee yeroo sodaachisaaf haala abdii nama kutachiisu keessa jiraachuu dandeessa. Yeroo itti waan hundi badaa jibbisiisaa ta'ee jireenya kee sukkanneessu keessa jiraachuu malta. Yeroo itti firris Ormis diina sitti ta'e keessa jiraachuu malta. Yeroo itti calliftee yaada hamaatiin of guuttee murtee hamaa hedduutti seentu keessas jiraachuun kee hin'oolu. Ishee firri dheeffe, ishee alagaan quba itti qabee ilkaan yaasee itti kolfe. Ishee abdii homaa of cina isheetii dhabde. Ishee jireenyi jeequmsa miira isheetiin haguugamee jireenya jibbisiise taatee of argita. Har'i kun, ammi kun, sa'aatiin kun waan jijjiiramuuf, darbu sittin fakkaatu. Yeroo kanatti of jibbuuf uumaakeetti komii dhiyeessu "maaf na uumte? Maaf carraa kana naaf kennite?Maa du'a naaf dhabde? Waan keessa kee boqochiisu jettee yaaddu mara dubbatta. Waan nama dhibu, kan gara itti deemu wallaalee sammuuf yaada isaa too'annoo isaa jalaa baasullee guute. Dubarttittii uffannaan ishee nagaa deemsi ishee nagaa yaadni ishee garuu hinjirre sun, Asfaaltii walakkaa ijaajjiti. Yaadaan hinjirtu. Inni konkolaachisu osoo qalbiin deemuu baatee lubbuushee kutee darba. Jeequmsa of ishee dagachiise. Miira ishee haguugee gara itti deemtu wallaalchisetu keessa isheetii wal nyaata. Kanatti bakka jirtuyyuu dagatti. Lubbuun akkasii hedduudha. Garuu...haguma namni nama miidhu, namni nama fayyisa. Haguma namni darbatee nama gatu, namni kaasee argamaa nama taasisa. Haguma namni nama tuffatu namni nama kabajus jira. Haguma inni tokko nama jeequ inni tokko nagaa namaaf ta'a. Haguma inni tokko dantaa kee dhabu inni biraan dhimmee si barbaada. Wanti guddaan ati dagachuun qabne, jireenya lubbuun jiraachuu qabaachuu keeti. Kan jiru haala jireenyi namatti fiddu marayyuu seenaa godhee bira darbee guyyaa biroof, jireenya biroof kaadhimamaa ta'a. Ati qofti sababa ittiin namarraa fagaattu beeki. Bakki itti kophummaan of dhaggeeffatan barbaachisaa ta'us, jeeqama miira keenyaa kam keessattuu namatu nama barbaachisa. Haalli walxaxaan, jibbisiisaan ulfaataan ammaan tana keessa jirtu raftee yoo kaate jijiiramaadha. Xiqqoo fooyyee qaba. Xiqqoo tasgabbii qaba. Oolee yoo bulemmoo seenaa odeeffamu ta'a. Riqicha ce'umsaa bakka har'aa gahuuf sababaa ta'ees himama. Kanaafi ciniinnatanii obsanii isa har'a gubee waan nu waade fakkatu keessa darbuun kan barbaachiseef. @Qoraasumadhalootaa
Show all...
Namoota baay’eetti har'a inni ati mataa gadi qabattee, ija namarraa kaafattee, kophaas fiigdee, humna keetti of kennitee, dhamaatee,aarsaa hedduu kafaltee jiraattu kun, xiqqeenyaaf tuffatamuu itti fakkaata. Waan keessa darbitee yeroo gaariif, guyyaa gaariitti dhuftus godhanii hin'ilaalan. Inumaa kan si dhiisanii sokkan baay'eedha. Isaaniif, ilaalcha isaaniitiif ati baay'ee nama gadibu'aadha. Nama hinjijjiiramnes taatee itti argamta. Uffata gaarii, nyaata gaarii, mana gaarii, haala jireenyaa mijataa, fi namoota gurguddaa fakkaatanii argaman irraas fagaachuu keetiin isaanitti xiqqeenya keetu argama. Gadi jedhanii bara dabarfachuun warra gadi jedhee hinbeekneef eeyyee sadarkaa tuffatamuuf, gatamuu, namummaarraa bahuuti. Gadi jedhanii warra hinbeeknerratti osoon taane, sababa gadi jechuu keerratti qofa kan ati deebii kennuu qabdu. Gaafa sababni gadi jechuukee ol siqabu eegalu, gaaf waan kaleessa ittiin tuffatamteen of guutaa deemtu, warri kaleessa gadi jechuun xiqqummaa itti fakkaataa ture, dabare eeggatu. Gaaffiin ati haalota keessa jirtuuf of gaafachuu qabdu: maaf na tuffatuu miti, "maafan bakkan tuffatamaa jiru kanaa hinka'u? Maafan maqaa kana, ilaalcha kana ofirraan kaasu?" Isa jedhu ta'uu qaba. Isaaniif deebii kan ta'uuf, wanti afaan isaan qabachiisus, bakka amma itti si ilaalan sana osoon taane, bakka geessee bu'aa gadi jechuu keetiif ragaa taate sana. Gaafas maal jedhu beektaa? "Nan beeka, har’a waan hundaan na caalta" @Qoraasumadhalootaa
Show all...
'Izgoo!'-jechaan dhungadha!❤️ Dhikkisa dirra laphee, hafuurri wal na hanquu 'Miira' jedhuun 'Miira' jedhechi, galasaa anuu hin beeku! Koobii yaadaa jeeji'ee, mormatti na fannisa! Akka hobobsa lukkuu, qalbiitti batattisa. Na hooqa quba hin kaa'u! Abboomu gad hin taa'u! Waan akka madaa ciqilee Onneerratti na biqile! Mataa jabaata, akka siyaasa kiilo-arfee Qara hankaassee'saan,nagaa na sarma horfee! Nan arga, hiixadhee hin qabu Naaf oogee, qarxamii hin cabu Jiraachuuf abdii fidee, du'as gonfookoo godha Giddu-gidduu ergarameen, mucha abdii sobaa hodha. Bareeda as bubbisee, yaadakoo dhiiga elma Ati si'uma jechaa, of ta'iif natti falma. Bariitee, da'oo biiftuu- keelloo abdii biqilcha. Akka galata bartuun, m*nnee gudunfee ililcha. Akka waa'ee amantii,Homaa, galasaa hin beekne. Boo'icha jedhee hin boonye,kolfa jedhees hin seeqne. Akka waraansa mancaa, dhiphisee natti dirmee Hammaaree as deebi'a, tuullaa fooniitti marmee Waraansa *dd** gubbaa, taa'u gad Nan teessisu Dhikkifata dagatee, soqossu Nan deemsisu! Akkisaa akkas ta'eetu... Qor-qalbiirra ba'eetu... Bareedatu na rakke! Na yaalladhu ofan shakkee! Suuraa bareeda wayii, konkonicha qaramaa Ergamaa Waaqaan se'e, Ija qaru namuma. Hojjaa kana yabbisee,fiixee guntutaa qaree Ilkee asheeta mo'u, toora tooraan Waqaree Waan akka dhooqa wayii,maddii gubbaatti hambisee Ittuu ajaa'ibamakoo, baaxiitti ol fannise! Umuriikoo'rraa muree, akka kan'sheetti guutu Duuti ishee waamuu dhuftee, akka anaan manaa fuutu! Waa meeqa natti ergee,qormaata hamaa na qoree Namummaa narraa buufee,anummaakoo hororee. Gaaddidduukoo gurraattii, cimsee na jaallachiisa Jedhee yoon 'sinitti himu, kunuu na qaanfachiisa. "Maal dhiirri miira bubbee, hin jirreedhaan of qortu! Maali dargaggoon hosseen, fakkii ilaaltee gorortu!" Jettanii, jejjettanii...na taajjabdu waa danuu Isinis Nan amantan, anis of hin amanu ! Erga ishee uumeetii, Waaqni ofiisaa fakkeessee. Waaqni bareedaa ta'uu, jaamaanuu in mallatteesse! "Eenyu? Eessa? Garami? Manaabaa? Ishittiin- Ishii kami?" Anis jaallataa ta'een, isin faana ishee eega. Yoo Jaalalli jiraateef,akka isheen jirtu beeka. Jaalalii hin dhibin malee, maatiif maatii gidduudhaa. Ejjennoonkoo inni dhumaa, ishittiin hin dhibduudha. Yaadaan jirtiishee ulfaa'een,miixuu Nan argaan kaadha. Akka suuraa Maaramii, ammaaf fakkiisheen baadha. (Izgoo, jechaan dhungadha.) Hanga isheen Ana jettee, miir-yaadatti firoomtu Hanga isheen Mana jettee, ulaa keessakoo tumtu. Of keessa gad quphaneen, of keessatti ishee tiksa. Libsuuf yaadashee gatnaan, huubatu ishee buruqsa. Bareedni erga jiraatee, Jaalalli hin dhibu lakki! 《Atumtuu isheen dubbistu...》 "Yoo bareedduudha taate', si ta'uu hin ooluu shakki! Tarii,...! @Qoraasumadhalootaa
Show all...
Add a comment
. Walaabuu Biillee ========================== Jaarsa umuriidhan. Angafa akakayyuuti. Abbaa abbaa kootii dura dhalate. Abbaa koo dura du'e. Akkuma dhalateen du'e. Du'a moo'ee erga ka'ee labata saddeet fixe jedhu warri beekan. Muuxataadha. Muuxxataadhas. Akkumasaanii kana gaafachuuf jedheen jala kurkura... Baay'ees hin dubbattan. Dubbannaan akkana jedhan: Dhugaa faana warroomnan namarraa fagaanne.... Waaqa faana tokkoomnan amantaa keenya ganne..... Lubbuu faana walfuunan foon keenya daganne..... Du'aa booda jiraannatti jiraatti dhumanne.... Dhalootan dura dhalanneetu bakka jirru wallalle.... Du'a moonee kaanetu..... Jireenya jibbine..... Jedhaniitu callisan. Maal jechuu akka ta'e hamma yoonaatti naaf hin galle. Erga tana jedhanii jaarsi kun arraba sochoosuu isaanii hin agarre. Ganni kudhan darbeera. Ammas arrabni jaarsa kanaa hin sochoone. Lubbuudhan hin duune. Fooniin du'e malee... Jaarsa du'aaJiraataa barabaraa. Walaabuu biillee.... @Qoraasumadhalootaa
Show all...
Add a comment
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Show all...
Jireenya_Amantii_Jiraachuu.pdf41.40 MB
JECHOOTA BEENIYAAMIN FIRAANKILIIN ..... ✍️Diinota kee jaalladhu, Badii kee sitti hima. ✍️Namni of jaallatu dorgomtoota hin qabaatu. ✍️Inni nagaa tasgabbiidhaan jiraatu, Waan beeku hunda dubbachuu ykn waan arge hunda murteessuu hin qabu.” ✍️Hiriyaan dhugaa Qabeenya hundarra gaarii dha. ✍️Yeroo warra kaaniif gaarii taate, ofii keetiif hunda caalaa gaarii dha. @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa
Show all...
Abjuu (dream)fi joonjuu(delirium) ============= Wal ta'iinsi sammuu fi qaamotaa, ergaa guutuu qaamaa irraa gara sammuu deemuu fi murtoo sammuu gidduutti al tokko tokko wal dhabbiin ni uumama. Ergaan qaamota irraa gara sammuutti yaa'u ammoo yeroo guutuun qaamaa dammaqee jirutti ergaa karaatti hafe turtii yeroo booda gaafa qaamni boqonnaarra jiru gara sammuu deemuu danda'a. Wal ta'iinsii miira ergaa baatuu fi sammuu kun ammoo yeroo qaamni boqonnaa irra jirutti icciitiidhaan wal qunnama. Abjuun eergaa sammuu bira osoo hin gahiin hafe, yeroo qaamni boqonnaa irra jiru yookaan hirriiba keessa jiru turee sammuu dhaqabe ta'a. Ergaan kun ammoo hawwii, gadda, gammachuu, boo'icha fi guutummaatti muudannoo jiruu nama tokkoo isa sammuu fi qaamonni biroo osoo irratti walii hin galiin hafan ta'uu isaati. Wal qunnamtiin dhoksaatti sammuun rafaa(unconscious mind) fi gartokkee qaama dammaqaa gidduutti taasifamu kun beekamtii qaama hundaa waan hin qabneef yeroo abjuu himannu hunda isaa yaadachuun nu rakkisa. Fakkaattiinwalqunnamtii ( communication) sammuu rafaa fi gar tokkee qaama dammaqaa gidduutti taasifamu kun murtoo taatee qabu tokkoyyuu hin dabarsu. Sababiin isaatuu qaamni hundi iil-fakkii( imagination) uumamu kana keessaa harka hin qaban waan ta'eef. Gama biraan ammoo joonjuu(delirium) yoo fudhannee qunamtiin gar tokkee qaama dammaqaa ergaa dhokataa baatee gara sammuutti deemu murtoo fudhachuu danda'a. Yeroo kana ammoo namni osoo hin beekiin laphee hirriibaatiin qaama isa warraqsuu, haasa'uu, kolfuu yookaan boo'uus danda'a. Akkanuma ammoo ka'ee deemuullee ni danda'a. Joonjuun fakkaattii sammuu rafaa keessatti uumamu wal diddaa yeroo qaamni guutuu dammaqee jirutti uumamutu halkan dhoksaadhaan gara gochaatti geeddarama. Fakkeenyaaf: namni tokko gocha wayii rawwachuu osoo kajeeluu garuu garaa kootu na dide yoo jedhu ni dhageenya. Diddaan kun kan uumame guyyaa yoo ta'u, ergaan kun sammuu rafaa(unconscious mind) keessa dhokateetu halkan dhoksaadhaan qaama diddaa uume sana osoo hin beeksisiin shira xaxuu eegala. Suniis milkaa'eefii gara gochaatti gaafa geeddaramu namni kun laphee hirriiba isaatiin ka'ee deemuu danda'a.kun ammoo balaaf isa saaxila. Akkuma abjuu taateen gocha isaa hawwii, gammachuu, rakkina, gadda,yookaan kan biroo ta'uu danda'a. Haa ta'uutii garuu ergaan kun fedhii qaama diddaa uumeetiin ala waan raawwatamuuf sammuun inni rafaan gochatti akka geeddaramu ajaja dabarsa. Joonjuun yeroo baay'ee seera cabsuu sammuu fi qaamota gidduutti waan uumuuf ergaan guyyaa sammuu rafaa keessatti galmaa'e halkan dirqamaan beekamtii gartokkee qaama dammaqaatiiniis ta'ee guutummaa qaama rafaatiin yoo wal deeggarsaan gochatti geeddarama. Haa ta'uutii garuu akka yaada furmaatatti namni tokko hirriiba gaarii joonjuu fi abjuun itti hin baay'anne rafee buluu yoo barbaade, rafuu isaatiin dura ergaawwan sammuu rafaa(unconscious mind) keessa dhokatanii jiran baasee deebii itti kennuu qaba. Wal dhabbii qaama isa fi sammuu isaa gidduutti uumameef fala kaa'uu kan danda'u ammoo oolmaa isaa guutummaatti iil-sammuu isaatiin erga abuuree booda gaaffii keessa isaatti osoo raawwachuu barbaaduu hin raawwatiin hafeef sababa(reason) gahaa qopheessee gaafficha sammuu rafaa keessaa baasuudha qaba.(the question hide within unconscious mind must be deleted in a reasonable way) raawwii dhabuu gocha keenyaatiif sababa gahaa hin qabnu taanaan garuu galmeen gaaffii sammuu rafaa keessa dhokatee jiru kun salphatti balleessuun hin danda'amu. Sammuu rafaa(unconscious mind) ergaawwan guutuun qaamni keenyaa fi sammuun keenya irratti wal dhaban galmeessee waan qabatuuf osoo hin rafiin dura galmee kana yoo deebii qabanne deebii itti kennuun yoo deebiin hin jiru ta'e yookaan ammoo dogoggorreetu murtoo tokko murteessineerra ta'e ammoo akka qaamni keenya nutti hin dallanne araara buusnee dhiifama ofii gochuudhaan joonjuu irraa bilisa bahuu dandeenya.
Show all...
Qoraasuma Sammuu "Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee: Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna. #Dubbisuun:- Arraba gabaabsa Afaan dhiphisa Sammuu bal'isa Wallaalaa qaroomsa Beekaa daraan qara. Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha. Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha. Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda; Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a. . Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a. "Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha. Walumaagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha. . Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane, ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a. Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha! @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa SHARE SHARE SHARE SHARE
Show all...
Add a comment
#Ani_siif_Ati_Anaaf! Yeroo ta'e, mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifates badhaasa argata. Akkanuma bulchiinsa mootichaa keessaas teessoon ni kennamaafii ture. Dorgichimmoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan. Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kanarraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi. Dorgomtoonni hedduun, waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani. Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. Akkuma jedhan kanaan, wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani. Guddaas ajaa'ibsifatamanii jedhama. 👉As haa deebinu! Anaafi atis walumaaf jirra. Waan bira gahuufi qabuun nutti ulfaateef falli guddaan harka wal qabachuu, wal tumsuu ta'a. Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliiniifi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haataanu. Yoos, ani siif, atis anaafi! #Ani_siif_Ati_Anaaf @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa @Qoraasumadhalootaa 👉 Share share share
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.