cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Xaahir Ibrahim Raggaasaa Official

❤💚❤(Sanyii Dagaagoo)❤💚❤ Oromummaan Dhiiga Kooti. Islaamummaan koo Anaaf Afuura Kooti Of Beeki!! Of Beekuun Beekumsa Beekumsa Caaluudhaa Of Beekuu Wanti Bakka Bu'u Hin Jiru 👊👊 Of Ta'i Of Ta'uun Kabajaadhaa ❤💚❤

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
195
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Sagantaa gaafa Iidi Midiyaa OMN waliiin gochudhaaf bellama qabannee giddudhaan abbaan kiyya amri ta'udhaan osoo hindanda'iin turre kaleessa afaan oromoo fi Amaarifaadhaan kan goonee, Kan afaan oromo harra halkan oduu sa'a 2 booda dhihaata hordofaa. ★T.me/ahmedin99 ✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴ ለኢድ አልፊጥር እለት ከኦኤም ኤን ሚዲያ ጋር ለማድረግ ቀጠሮ ይዘን በመካከል በተፈጠረው የአባቴ ህልፈት ምክንያት ሳናካሂድ ቆይተን በአማርኛና በኦሮምኛ ቋንቋ በትናንትናው እለት ያካሄድነው ቃለምልልስ የኦሮምኛው ዛሬ ምሽት ከ2 ሰዓት ዜና በኋላ ይቀርባል ተከታተሉ። ★ T.me/ahmedin99
Show all...
1/4 Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa Gaalee husnul khuluq (amala gaarii) jettu gurri yommuu dhagahu, qalbiin ni mirqaanti. Inni/ishiin amala gaarii qaba/qabdi yommuu jedhamu, namoonni isa/ishii marsu, waliin hiriyyoomu barbaadu. Kanaafi, amalli gaariin sadarkaa ol’aanaa qabate. Garuu amala gaarii (husnul khuluq) jechuun maal jechuudhaa? Gosoonni isaa hoo maal fa’aa? Kana beeknaa laataa? In sha Allah har’a yeroo keenya kanarratti dabarsina. Wanta baranne immoo hojii irra oolchuf tattaafanna. Isin qophiidhaa? Haa jalqabnu… Hiikkaa fi Ramaddii Amala Gaarii Seenaa keessatti beektonni Islaamaa amala gaariif hiika adda addaa kennanii jiru. Amala (khuluq)-jechuun suuraa keessa namaatti argamuudha[1]. Kana jechuun haala fi uumama namaati. Namni keessi fi uumamni isaa gaarii yoo ta’e wanti hojjatus gaariidha. “Gaarii” yommuu jennu immoo wanta bareedaa, tolaa, gammachisaa fi faaydi qabuudha. Akkana jedhame jira, amala gaarii jechuun salphinna irraa of qulqulleessu fi wantoota gaggaariin of faayudha. Ammas amala gaarii jechuun waan gaarii hojjachuu fi wantoota fokkuu dhiisudha.[2] Kanaafu, hiikni amala gaarii isiniif galee? Yoo isiniif hin galin ramaddii armaan gadii irraa akka hubattan abdiin qaba. Musliimoota yeroo ammaa keessa amala gaarii ilaalchise yaada dogongoraatu jira. Namtichi namaaf kan mararfatu, gaarii fi mi’aawaa yoo ta’e, inni amala gaarii qaba jedhu. Namtichi osoo salaatu ykn soomu baateyyu amala gaarii qaba jedhuun. Inuma namni tokko yaada akkana dhagahu danda’a, “Inni hin salaatu garuu amala gaarii qaba.” Kuni kan ibsu hubannoon yaad-rimee khuluqaa (amalaa) hir’uu ta’uu agarsiisa[3]. Amalli wantoota baay’ee kan of keessatti hammateedha. Amala gaarii bakka afuritti ramaduun (qoodun) ni danda’ama. 1.Amala gaarii Uumaa (Rabbiin) waliinii– namni tokko amala gaarii qaba kan jedhamu ramaddii afran kanniin yoo qabaatedha. Keessattu amalli gaariin Uumaa waliin qabu cimaa ta’uu qaba. Namni yoo hin salaatin amala badaa Rabbitti agarsiisaa jiraa jechuudha. Akkamitti namni amala gaarii qaba jedhama amalli inni Gooftaa isaa waliin qabu badaa ta’ee osoo jiru? Dhugumatti namni kuni mi’eessitu amala gaarii dhabee jira. Ibn Useymiin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) “amalli gaariin Rabbiin waliinii wantoota sadii of keessatti kan hammateedha” jedha.Isaaniis; (A)- namni tokko wanta Rabbiin buuse hundatti shakkii tokko malee amanuu fi fudhachu qaba. Fakkeenyaf, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibse jira. waa’ee Jannataa fi Jahannam maal akka ta’e Qur’aana fi sunnaan ifa taasise jira. namni kana shakkii tokko malee amane yoo fudhate amala gaarii Rabbitti agarsiisaa jiraa jechuudha. (B) Ajajoota Rabbii fudhachuu fi hordofuu- wanta Rabbiin itti ajaje gammachuun hojjachuu fi wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Fakkenyaf, salaata, sooma, zakaa fi kkf sirnaan hojjachuu. Ammas wantoota dhowwamaa kanneen akka zinaa, ribaa, alkooli fi kkf irraa fagaachu qaba. Namni wanta itti ajajame yoo hojjate fi wanta irraa dhoowwame yoo dhiise amala gaarii agarsiisaa jiraa jechuudha. (C) Murtii Rabbii gammachuu fi obsaan baadhachu– jireenya namaa keessatti yeroo hundaa wanti gaariin nama hin qunnamu. Rabbiin ilma namaa qoruuf karaa adda addaatin wantoota isaan hin jaallanne itti murteessa. Fakkeenyaf, dhukkuba, hiyyummaa, du’aa fi kkf. Namni yommuu balaan (musiiban) itti bu’u obsu qaba. Dallanuu fi wantoota dhowwamaa kanneen akka uffata cicciruu, iyyuu fi qaama ofii rukutuu irraa fagaachu qaba. Kana irra, balaa isatti bu’e obsaa fi gammachuun fudhachuun Rabbiin irraa mindaa (ajrii) eegu qaba. Namni kana yoo godhe amala gaarii agarsiisaa Jira Jechuudha. .....Itti Fufa By @XahirIRegasaOfficial
Show all...
Alhamdulillaah Rabbiin Amantii Dhugaa Kan Fakkeessaa Hin Qabne Kan Dhugaa Qofaaf Jiraachuutti, Dhugaa Qofaaf Du'uutti Nama Ajaju Kan Gootummaa Irratti Nama Leenjusu Nuuf kennee Jira. ●●●●●........●●● ...🤲🤲.... Alhamdulillaah T.me/XahirIRegasaofficial
Show all...
I Support Palestine Yaa Rabbi Nuuf Tumsiif
Show all...
o hin taane kiisha warra biroo keessa ta'ee waan itti fufuuf bilisummaa guutuu hoonfachuun kee ammallee fagoodha. Ahmedin Jebel Official - አህመዲን ጀበል ይህ ይፋዊ የአህመዲን ጀበል የቴሌግራም ገፅ ነው! https://t.me/ahmedin99
Show all...
Ahmedin Jebel Official - አህመዲን ጀበል

ይህ ይፋዊ የአህመዲን ጀበል የቴሌግራም ገፅ ነው!

"Siif ammallee fagoodha" ✴❄✴❄✴❄✴❄✴❄✴❄ Sababni Wal qixxummaaf qabsaa'uun ajandaa ta'eef haalli wal qixxummaa dhabuu waan uumameef. Wal qixxummaan dhabamuun immoo qaamni (qaamonni) wahii kan biroo caalaa fayyadamaa ykn abbaa carraa ta'eera jechuudha. Haala kana keessatti wal qixxummaa fiduuf immoo qaama gadi jedhe ol qabuu ykn qaama ol jedhe gadi qabuu gaafata. Qaamni ol jedhe bakka ol jedhe irraa gadi akka jedhuuf yeroo gaafatamu ol aantummaa aadeffate irraa gadi bu'uu diduun waan baay'ee nama ajaa'ibuu miti. Garuu yeroo kan gadi jedhe sadarkaa wal qixxummaatti ol haa jedhu jennaan kan mormu yoo jiraate "fayyadamummaa addaa fi ol aantummaan kaleessa aadeffadhe itti fufuun qabaa na dhiisaa" jedhaa jiraa jechuudha. Yoo qaamni kun ijjannoo isaa jijjiiree gara wal qixxummaafi haqaatti hin dhufne hanga ati ol aantummaa isaa fudhattuufi qeebaltuufitti si hin dhiisu. "Biyya sirni haqa hin taane ture keessatti rakkoolee ummataa daawwitii wal qixxummaa qofaan furuun waan hin danda'amneef haqummaa diriirsuun dirqama" bara jedhamu keessatti "wal qixa ta'uu hin barbaadu; ol aantummaan kiyya naaf eegamu" jedhee ifaan falmuun waan nama qaanfachiisuudha. Waan kana ta'eef warra yaada kana gegggeessu keessaa haxxeen "yoo fedhii keenya kana mul'ifne nu qeeqsisa, kan nu qaanfachiisuufi nu saaxilu" waan ta'eef jedhanii fedhii isaanii kan dhugaa dhoksanii waardiyyaa haqaa, bilisummaafi wal qixxummaa fakkaatanii dhihaatu. Sirnaafi imaammata kaayyoo isaanii mirkaneessu ijaaruuf gurmaa'anii adeemsa isaanii jechootii babbareedoodhaan bareechanii fudhatama argachuuf carraaqu. Warri sadarkaa barri irra ga'e hin hubanne, ykn of tuultonni wal qixummaa fudhachuun isaan hudhu, akkuma jidduu kana argaa jirru ijjannoofi fedhii isaanii osoo hin dhoksin dirree baasanii dubbatu. Warri haqummaa dhiisii wal qixxummaan hin liqimfamneef, sirna haqa dhabeessa kaleessa tureen ol aantummaa argatan eegsisuuf fedhii cimaa qaban caasaalee mootummaafi miidiyaalee to'atanitti fayyadamanii hacuuccaa ture san "seenaa kijibaa" taappeellaa jedhu itti maxxansanii mormuun, kan mormuu dadhaban immoo 'tokkummaafi olaantummaa biyyaatiif waan yerichi dirqama goonaan hojjatame' jedhanii sababa dhiheessuun sirna hacuuccaa kaleessaa "sirna gaariifi hawataa" ta'uu isaa akka ati isaaniif fudhattu carraaqu. Yoo kana fudhachuu didde immoo kallattii miidiyaafi qacaramtoota isaaniitiin kijibaan si yakkanii himatanii afaan si qabachiisuuf duula sitti banu. Yoo kun isaaniif hin milkoofne shira sitti xaxu. Qaamolee kanatti rirriitamuun, jara jala deemuufi kadhaadhaan wal qixxummaas ta'ee haqummaan hin argamu. Gaaffii wal qixxummaafi haqummaa ati qabdu burjaajessanii fedhiifi kaayyoo kee xureessuudhaan dhiibbaa sirratti baay'isuu yoo danda'an itti fufu. Nageenyaafi haqaan waliin jiraachuudhaaf warra wal qixxummaafi haqummaa barbaaduu wajjin dhaabatanii warra "olaantummaa koon itti fufaa na dhiisaa" jedhu boolla keessaa ol baasanii sadarkaa addunyaan amma itti dhaqqabdeen ga'uuf bu'uura yaada isaaniitii kaasee hanga ilaalcha isaaniitti, mul'ata isaaniitii kaasee hanga ijjannoo isaanii waan jiru beekumsaafi ogummaadhaan ittiin qabsaa'uu malee filannoo hin qabdu. Namni yaadaafi fedhii isaanii boodatti hafaa kanaan qabsaa'uuf maal jennuun isa qabu, ykn qaanfatu yoo jiraate inni nama isaan akka inni hacuuccaa isaanii simatu godhanii hacuucan, ykn jarri kun hin danda'aman jedhee harka kenne, isaaniif gugguufee yoo 'garaa naaf laafan' jedhee abdate, ga'ee isaatiin alatti qabsoo warra birootiin bilisoomuu kan barbaadu ykn "kanarra hamaa hin fidin" jedhee osoo ga'ee isaa hin bahatin harka isaa maratee taa'ee Rabbirra furmaata eegu ta'uu danda'a. Mirgoota namummaafi dimokraasii, wal qixxummaafi bilisummaa amantiilee, mirgootii siyaasaa, mirga wal qixaan fayyadamuu diinagdeefi hawaasummaa dabalatee, kallattii hundaanuu wal qixxummaa irra darbee haqummaan biyyattii keessatti qabatamaan akka jiraatuuf qabsaa'uun ga'ee kootiifi keeti. Yoo of qopheessinee kana godhuu hin dandeenye majlisa ummataa, bilisummaa amantii guutuu, mirga bilisaan gurmaa'uufi wal qixxummaan fayyadamuu argachuin si harka oso
Show all...
Islaamummaa: Amantii Uumamaa kan Rabbiin ilma namaatii filate Amantiin islaamaa Amantii Uumamaa ta'uu hadiisa Abu Hureeyiraa(ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ) odeeyffameen Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم) akkana jedha:- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «كُلُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلَى الفِطْرَةِ، فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ، أَوْ يُنَصِّرَانِهِ، أَوْ يُمَجِّسَانِهِ….» رواه البخاري ومسلم وغيرهما.፤ “Daa'imni dhalatu kamiyyuu Fixraa (Islaamummaa) irratti malee hin dhalatu. Maatiin isaa garuu; Nasaaraa Isa godhan, yookiin yahuudaa isa godhan, yookiin Warra Ibidda gabbaru isa godhan malee...”[Bukhaarii fi Muslim] Rabbiin ol tahe Qur’aana keessatti akkana jechuudhaan nuuf ibsa:- فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ [٣٠:٣٠] “(Yaa Muhammad!) Karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii isii inni irratti nama uumees (qabadhaa). Uumaa Rabbii Jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelee dha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” (30:30) Islaamummaan amantii uumamaan argannu qofa osoo hin taane, amantii Rabbiin Ilma namaatiif filatee, jaalatee dha. الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا «Amantii keessan har’a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis islaama isiniif jaaladheera.» (5:3) Ammas Islaamummaan amantii takkittii Rabbi biratti fudhatama Qabduu dha. إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ «Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa.» (3:19) Haaluma armaan olitti ibsameen namni Islaamummaan ala amantii biraa barbaade hoonga’aadha. وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ [3:85] «Namni Islaamaan alatti amantii (biroo) barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.» (3:85) Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa. Gorsa Mimmi'aawaa Da'waa Hadiisaa fi Qur'aana Rabbii Irraa Isiniif dhihaatu Argachuuf Link Asii Gadi Kana Join Godhaa Maatii Ta'aa Jzklh 👇👇 @Xahiriregasaofficial @XahirIRegasaofficial T.me/XahirIRegasaofficial
Show all...
Xaahir Ibrahim Raggaasaa Official

❤💚❤(Sanyii Dagaagoo)❤💚❤ Oromummaan Dhiiga Kooti. Islaamummaan koo Anaaf Afuura Kooti Of Beeki!! Of Beekuun Beekumsa Beekumsa Caaluudhaa Of Beekuu Wanti Bakka Bu'u Hin Jiru 👊👊 Of Ta'i Of Ta'uun Kabajaadhaa ❤💚❤

የአህመዲን ጀበል የዩቲዩብ ቻናል ቤተሰብ እንዲሆኑ ተጋብዘዋል።ለሌሎችም በማጋራት እንዲወዳጁ ይጋብዙ። ✴✳✴✳✴✳✴✳✴✳✴✳✴✳✴ 👇 http://www.youtube.com/ahmedinjebel99
Show all...
7.22 MB
Zaalimni Zaalimatti kadhatuun maal bu'aa qaba? Namni Zulmii(miidhaa) raawwatu tokko Zaalima birootti yoo kadhate maal jettan? Hunda dura Zulmii irraa qulqullaawuun hin dursuu?. Kadhaan akka nuuf Qeebalamtuuf wanni godhuu qabnu tokko Zulmii(nama miidhuu) irraa fagaachuudha. Warra nutti irkatee jiru, namoota nuu gadii eegumsa isaanii harkaa qabnuuf garaa laafuu qabna. Yoo nuti warri lafaa walii garaa laafne warri samii nuuf tola. Maatii irraa kaasee hanga sadarkaa hoggansaatti haqa dalagaa jiraachuu keenya if haa gamaaggamnu. Zulmii moo Rahmataan rakkoo hiikkataa jirra? Zulmiin addunyaa irratti kasaaraa fiddi, Aakhiraas namatti dukkaneessiti. Zulmiin waan Rahmata Rabbii fageessaati. Yaa Rabbi warra Zulmii irraa fagaatee kadhaan Qeebalamteef nu taasisi, Yaa Rabbii biyya keenyaaf, biyyoota muslimaa maraaf, addunyaa maraaf Nagaa buusi @XahirIRegasaOfficial @XahirIRegasaOfficial T.me/XahirIRegasaOfficial
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.