cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jaalala haalala

Tazawaju bidiini....

Show more
Finland2 330The language is not specifiedMotivation & Quotes48 357
Advertising posts
226
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Gorsa 1- Haadha warraa cimtuu filadhu, dhibbeentaa 90% isiin madda gammachuuti ykn madda yaaddoo waan taateef! 2-Gonkumaa jiruu tee keessatti wanta araadaa ykn suusii tahe irraa fagaadhu,gaafa isaan injifatamte sammuun tee waan si harkaa baatuuf! 3- Yeroo mana ijaarrattu ykn bitattu waa sadi 3 laalladhu; ollaa gaarii,ollaa gaarii ollaa gaarii haa tahu ! 4- Yeroon rafuu aadeffadhu,akka guyyaan kee bareedu yoo feete! 5- Waan tokko yeroo lama yoo kan namarraa ergifattu taate; bitadhu malee eergisatti hin deebi'in! 6- Hiriyyaa kee mallaqa liqeessuufi irra kennuufi yaali,yoo liqeessiteef lameenuu waan dhabduuf! 7- Sammuun kee hangam cimaa tahus hin amanin,waan dhageesseef argite kamuu barreessuu aadaa godhadhu,namni barreessu lama dubbisa waan ta'eef! 8- Eenyumayyuu taanaan hanga inni hojii kee siif xummurutti mindaa hin kenniniif! Yoo xummure ammoo osoo fuuraan/dafqi isaa irraa hin gogne haa tahu! 9- Nama tahee namni kabaja jibbu hin jiru,nama kamuu kabaji,akka kabajamtu yoo feete! 10- Of dhiiftee nama biraa taha hin jedhin,kan akka keetii amma duraafi amma boodas hin dhalanne,atumtuu haaraya! Erga burtukaana taatee dhalatte,muuzii tahuuf hin rakkatin! 11- Hiriyyaa keetis tahee nama biraas,yoo konkolaataa irraa ergifatte boba'aa guuttuuf malee hin galchin! Homa hundaa akkas godhi garaa koo! 12- Eessallee jiraattu waan gaarii gadi dhaabi! Mataa keenya caala maqatu umrii dheerata waan ta'eef! Qabriin lafeefii foon nyaatti malee: hojii gaggaarii hin nyaattu! 13- Salaata jabeessi salaata jabeessi! Furtuu milkaa'inaati waan ta'eef ! Horaa bulaa deebanaa! By Qilleensi Nasrii Bubbise
Show all...
Gaa'ila Islaamaa Lakk.9 Maaliif qabeenyaa, sanyii fi miidhaginna caalaa amantiin durfamee? “Sababni isaas, qabeenyi, sanyii fi miidhaginni wantoota addunyaa keessatti badan waan ta’aniif Rabbiin biratti homaa siif hin hafan amanti dubartii tanaa malee.” Akkuma uffanni halluu gadi lakkisu, qabeenyaa fi miidhaginnis namarraa deemu. Takkaa dhibeen, takkaa dullummaan takkaa immoo balaan namarraa fudhatamu. Sanyiinis balaadhaan duguugamuu danda’a. Wanti nama waliin hafu iimaana qalbii keessa jirudha. Dubartiin hanga feete miidhagduu haa taatu, yoo amalli ishii badaa ta’e, akka fokkuu taatetti ilaallamti. Faallaa kanaa, dubartiin bushooftu taatee amalli ishii gaarii yoo ta’e, gaarii fi miidhagdu akka taatetti ilaallamti. Nama meeqatu dubartii miidhagdu fuudhee jireenyi isaa daaraa taate. Nama meeqatu dubarti miidhaginna hangas mara hin qabne garuu tan amanti qabdu fuudhee jireenya isaa guutuu nagahaan waliin jiraatu. Kanaafu, namni jireenya keessatti nagaha fi milkaa’inna barbaadu, dubartii iimaana qabdu haa fuudhu. Garuu yommuu akkana jennu, dhiirris iimaana qabaachu akka qabu ulaagaa kaa’aa jira. Itti fufaa... Share share share @jalalahalala
Show all...
Gaa'ila Islaamaa      Lakk.8 1-Ad-Diin (Amantii) qabaachuu Asitti amantii tan qabduu yommuu jennu tan iimaana qabduudha. Iimaana jechuun qalbiin dhugaan amananii wanta qalbii keessa jiru hojii fi dubbiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf, dubartiin Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun yoo salaata salaatte fi hijaaba uffatte, iimaana qabdii jechuudha. Ifaa fi dhoksatti Rabbiin yoo sodaatte iimaanni ishii cimaadha jechuudha. Namni kaayyoo armaan olii kaayyefate dubartii akkanaa fuudhun, dhugumatti sababa cimaa isa gargaarudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:  “Hanga isaan amananiitti dubartoota mushriikaa hin fuudhinaa. Odoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabritti mu’iminaatu mushrika caala.” Suuratu al-Baqarah 2:221 Sababni isaas, dubartiin mushrikaa gara hojii fokkuu ibiddatti nama geessutti nama waamti. Hojiin fokkuun hunda caalu Rabbitti waan qindeessu (shirkii)dha. Kanaafi, dubartiin mu’minaa gabrittiyyuu osoo taate, tan mushrikaa caalti. Sababni isaas, dubartiin iimaana qabdu tunii hojii gaarii hojjachuun Jannata akka seenaniif sababa namaaf taati.  Akkasumas, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:  “‏ تُنْكَحُ الْمَرْأَةُ لأَرْبَعٍ لِمَالِهَا وَلِحَسَبِهَا وَجَمَالِهَا وَلِدِينِهَا، فَاظْفَرْ بِذَاتِ الدِّينِ تَرِبَتْ يَدَاكَ ‏”‌‏. “Dubartiin wanta afuriif fuudhaf barbaadamti: qabeenya ishiitiif, sanyii ishiitiif, miidhaginna ishiitiif, amanti ishiitiif. Tan amanti qabdu fuudhi, [ta’uu baannan] ni kasaartaa.” Sahiih Al-Bukhaari 5090 Tan amanti (iimaana) qabdu fuudhun kaayyoo barbaadan akka gahan karaa namaaf laafifti. Hundemaa, hiriyoonni kan wal jaallataniif xiqqaate xiqqaatu kaayyoo wal fakkaatu tokko waan qabaniifi. Niiti fi dhiirsis kaayyoo wal fakkaataa guddaa tokko yoo qabaatan hariiroon isaan jidduutti uumamu hangana hin sehin. Oromoon yommuu mammaaku, “Quuncen wal gargaarte Arba hiiti.” jedhaa mitii ree? Namni kaayyoo guddaa gahuuf yaadus niiti kaayyoo kana irratti isa gargaartu barbaadachu qaba. itti fufa... @jalalahalala
Show all...
Warraa intaala kennuu didanif Aferama
Show all...
Gabbarri Qaalaswe AETrim1669143846554.mp31.50 MB
Gaa'ila Islaamaa kutaa 7 Niiti Tee Akkamitti Filattaa? Kutaa darbee keessatti kaayyoo niiti itti fuudhaniif murteessine turre. Ammas, namni adeemsa jireenyaa keessatti milkaa’uf hiika jechoota sadanii kanniin beeku qaba. Isaaniis, kaayyoo, sababaa fi milkaa’inna. Jechoonni kunniin galmee jireenyaa keessatti hiika ol’aanaa qaban. Kaayyoo jechuun bakka gahuumsaa ykn xumura namni tokko gahuuf yaadudha. Sababa jechuun immoo wanta gahuumsa ykn kaayyoo san gahuuf nama gargaaraniidha. Milkaa’inna jechuun immoo wanta jibban irraa nagaha bahuu fi gahuumsa erga gahanii booda wanta jaallatan argachuudha. Kutaa darbee keessatti kaayyoo niiti fuudhanif waan murteessineef amma sababoota kaayyoo san gahuuf nu gargaaran ilaalla. Sababa sirrii ta’etti yoo hin fayyadamiin kaayyoo san gahuun ni ulfaata. Yaadachisaaf kaayyoon niiti itti fuunuf, wal gargaarre Daaru Salaam (Ganda Nageenya) gahuu fi ilma gaarii nuu fi hawaasa fayyadu argachuudha. Kana gochuuf dubartii kanaaf maltu fuudhun ni barbaachisaa miti ree? Dubartiin kaayyoo kanaaf taatu, amaloonni armaan gadii irraa barbaadamu: itti fufaa.... @jalalahalala
Show all...
Gaa'ila Islaamaa       Lakk.6 Gaa’illi (Fuudhaa heerumni) waadaa garmalee cimaa ta’eedha Rabbiin biratti gaa’illi waadaa cimaa fi kabajamaa ta’eedha. Sababni isaas,wali galtee eenyummaa namaatii fi sanyii isaaniitin wal qabatuudha. Sharxiin (ulaagaan) walii galtee kanaa namoonni lamaan nikaah wal hidhatan walitti gammaduudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wali galteen fuudhaa heerumaa garmalee jabaa fi kabajamaa akka ta’e ibsuuf “Miisaaqan galiizaa” jechuun ibse.  “Gariin keessan garitti seenee osoo jiruu fi waadaa garmalee jabaa isinirraa fudhatanii osoo jiranuu akkamitti isa (mahrii ishiif kennitan) fudhattu?” Suuratu An-Nisaa 4:21 Ibsii kanaa akkana ta’a: Mahrii (kennaa dhiirsi ishiif kennuutin) dura niitin dhiirsa ishii irratti haraama turte. Mahrii erga kenneefi booda ishitti seenu fi ishii waliin wal qunnamuun isaaf halaala taate. Kanaafu, mahriin kuni wanta isarratti haraamaa ture akka isaaf halaala ta’u bakka bu’aa (kafaltii) ta’a. Kanaafu, fedhii ofii erga guutattee fixee booda akkamitti kafaltii kana irraa deebifataa? Kuni dhugumatti zulmii guddaadha. Ammas, yeroo nikaah wal hidhatan wali galtee jabaa fi cimaa waliigalan. Lamaan isaanitu haqa walii akka eegan waadaa walii galan.[5] Qur’aana keessatti gaa’illi irra deddeebi’ame bakka adda addaatti dubbatame jira. Kanaafu, gaa’illi tapha osoo hin ta’in wali galtee cimaa namni Guyyaa Qiyaamaa irraa gaafatamuudha. Kanaaf, murtiwwan gaa’ilaa, haqa niiti fi dhiirsaa maal akka ta’e, akkamitti jireenya kana fiixan akka baasan beekuf tattaafachu qabna.  itti fufaa... @jalalahalala
Show all...
Gaa'ila Islaamaa        lakk.5 Faaydawwaan fudhaa fi heerumaa (gaa'ila) 6- Sheyxaana irraa tiikfamu, dheebu fedhii lubbuu kutuu fi ija gadi qabachuu- Abdullah bin Mas’uud(Radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: “Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergamaa Rabbii (SAW) waliin turre. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa tuuta dargaggoota! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye haa soomu. Soomun fedhii walqunnamtii saalaa hir’isaati.”  Sahiih Al-Bukhaari 5066 7-Du’aan booda ilma du’aayin isaa abbaa fi haadha fayyaddu argachu– yommuu abbaa fi haati du’an ilmoon isaanii gaarii yoo taate, du’aayi isaaniif gooti. Kuni immoo rakkoo fi dhiphinna isaan muudatu isaaniif hir’isa yookiin wanta gaarii akka argatan sababa ta’aaf. Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu: “Namni yeroo du’e, wanta sadii malee hojiin isaa irraa cita.[Wantoonni sadan kunninis]: Sadaqaa itti fuftuu yookiin beekumsa itti fayyadaman yookiin ilma gaarii isaaf du’aayi godhu.”   Sahih Muslim 1631 Kana jechuun wanta sadan kanniin keessaa tokko yookiin hundaa yoo qabaate, mindaa hojii itti fufaa isaa ni argata ykn wanti badaan isa irraa deebi’a. Kanaafi, namoonni gaggaariin Rabbiin irraa ilmoo gaarii akka isaaniif kennu akkana jechuun Isa kadhatu:  Ammas Isaan (gabroonni ar-Rahmaan), “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” Jedhaniidha.  Suuratu Al-Furqaan 25:74 Nikeenyi Sunnaah (Karaa) Ergamtootati Ergamtoonni Rabbii dur irraa kaase hanga Nabiiyyi keenyatti kan fuudhanii fi ijoollee kan horatan turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:  “Dhugumatti, si dura ergamtootaa erginee jirra. Niitiwwanii fi ilmaan isaaniif taasifnee jira.” Suuratu Ar-Ra’d 13:38 Imaamu Qurxubiin Tafsiira (ibsa) aaya tanaa ilaalchisee akkana jedha: “Aayan tuni nikaatti kakaasu akka qaban agarsiisti. Tabattula (nikaah dhiisu) irraa ni dhoowwiti. Akkuma aayan tuni dubbattu nikeenyi sunnaah Ergamtoota Rabbiiti.” (Tafsiira Qurxubii 9/327) itti fufaa.... @jalalahalala
Show all...
Gaa'ila Islaamaa       Lakk.4 4-Qalbiin namaa tasgabbii argachuu- fuudhaa fi heerumaan jaalalli, rahmanni, walitti dhufeenyi dhiirsa fi niiti jiddu jiru ni badhaadha. Dhiirsi hojii guyyaa nama dadhabsiisu irraa galgala galuun yommuu niiti fi ijoollee isaatiin walitti makamu, boqonnaa fi tasgabbiin itti dhagahama. Ifaaje fi dadhabbiin guyyaa isarraa ka’a. Niitinis hiriyyaa jireenyaa ishiitin yommuu wal qunnamtu boqonnaa fi tasgabbiin itti dhagahama. Haala kanaan lamaan isaanitu gaaddisa walii jalatti hara baafatu, boqonna argatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu akkana jedhu dhuguma dubbate:  “Lubbuma keessan irraa akka gara isaaniitti boqottaniif haadholee manaa isiniif uumuu fi jidduu keessanittis jaalalaa fi mararfannaa gochuun mallattoolee Isaa (Rabbii) irraayyi. Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxallaniif mallattooletu jira.”  Suuratu Ar-Ruum 30:21 5- Fuudhaa heerumaan wal gargaarun maatii bareedaa ijaaru– namni hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, niiti irraa yoo addaan bahe ykn niiti yoo hin fuudhin, jireenyi isaa tartiiba tan hin qabne taati. Garuu yommuu niiti fuudhu, nama itti gaafatamuma qabu ta’uun maatii gaarii ishii waliin ijaaruf tattaafata. itti fufaa..... @jalalahalala
Show all...
Repost from Jaalala haalala
Photo unavailableShow in Telegram
Haadha Manaa Filadhu !! Isii Akkam yoo jette:- Isii Rasuulli(s.a.w) Jedhan san**Tan Diin qabdu** @jalalahalala
Show all...
As wr wb❤️
Show all...